Wayyaaneen diddaa Qeerroo dhaamsuuf sakatta’a eegalte

Aside

(qeerroo, Amboo, Gurraandhala 27,2012) Uummata Oromoo meeshaa maleeyyii gaaffii mirgaa yeroo gaafatu  irraa bir’uu kan qabu mootummaan Wayyaanee waan meeshaa itti dhoosaa jiruu fi meeshaa waraanaa baatee deemu itti fakkaatee bir’uudhaan sakatta’a gochaa akka jiru gabaasame.

Mamiin mootummaa kanaa uummata Oromoo irraa qabu daran jabaachaa deema.Sababni isaa inni guddaanis gaaffii mirgaa gaafatamee deebiin hidhuu fi hojii arihuu ykn ajjeessuun deebii itti fakkaata.

Yeroo ammaa kanatti kanuma irraa ka’uunis uummata karaa nagaa deemu magaala Amboo kallattii hundaan marsuun sakkatta’a gaggeessaa  jiru.

Uummatni biyya abbaa isaa keessatti olii gadi bilisaan deemuun dhorkamaa jira.Ifannaa fi doorsisaan namoota keessumaa dargaggoota Oromoo konkolaataa irraa buusanii rakkisuu irratti argamu.

Yoomuu sakatta’i,hidhaan,doorsisnii fi ajjeechaan qabsoo ilmaan Oromoo duubatti akka hin deebisne hubachuutu irra jiraata ture.

Mootummaan Wayyaanee TPLF human waraana bobbaasee uummata ittiin doorsisu kana beelaa fi hiyyummaa biyya sana keessatti jaaree jiru karaa itti salphisu gochuun karaa ture.

Gaaffiileen mirga ummataa deebisuu hanqachuu irraan sagalee ummata bal’aa guyyuu human waraanaa fi milishaan waan ukkamsee barootaan jiraatu itti fakkaachuu ni mala.

Ammo haalli amma deemaa jiru ummati Oromoo jiraachuuf jecha mootummaa Wayyaanee gutummaatti dhabamsiisee jireenya Oromummaa fi Oromiyaa mirkaneessutti kan isa geessu malee meeshaa soda kan duubatti deebi’u hin fakkaatu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa

Sochiin Warraaqsaa Jabaate; Wayyaanoti Qorannoodhaan Ummata Rakkisaa Jiru

Aside

(Qeerroo, Amboo, Gurraandhala 27,2012) Godina Shawaa lixaa aanaa Gindabarat ganda Bakkee Baldhaa jedhamu keessatti  qorannoon mata dureen isaa “Eenyu Shakkamaan?” jedhu uummatni Oromoo irratti  gaggeeffamaa akka jiru beekame.

Ummata “bulchaa jirra’ jettu irraa abdii kan dhaban ergamtooti Wayyaanee, yeroo ammaa kanatti diddaa ummataa itti hammaachaa jiru irraa sodaan waan itti buleef, guyyaa irraa guyyaatti qorannoo dhuma hin qabneen ummata dararaa akka jirtu beekamee jira.

Qeerroon akka gabaasetti, mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa naannoo kanaa nin qulqulleessa jechuun dhama’aa akka jirtu barameera.

Misooma mootummaan kun uummatatti fakkeessee bittaa umrii isaa dheereffachuuf jedhus uummatni  didee haala jiruu fi jireenya isaa akkasumas gaaffiilee mirga Oromummaa irratti diddaa muldhisaa jira.

Wayyaaneen milishootuma isaa kanneen amantamummaa irraa hin qabne qawwee irraa hiikuun isin degertoota ABO fi sochii yeroo ammaa deemaa jiru duubaan jirtu jechuun qorannoon rakkisaa jiraachuun beekama.

Haalli kun yeroo ammaa onoota lixa Shawaa keessatti bal’inaan gaggeefamaajira.

Aanaa Gindabarat keessatti gaafatamaa hojii mootummaa nama qabu Obbo Deebisaa Fifii Jaldee nama jedhamus qorannooma kanaan hedduu rakkisuun sochii qeerroo waliin hidhata qabda sababaa jedhuun qormaata jala galee rakkachaa jiraachuun beekama.

Uummatni Oromoo naannoo kanaas misooma inni duruu hojjenne faayidaa hin arganne,hamma mirgi ummata Oromoo waliigala kabajamutti karroorri mootummaan mishooma jedhu hin hojjetu jechuun diddaa isaanii bakka irraa bakkootatti ibsachaa jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Kaayyoo Oromoo milkeessuun dirqama Sabboontotaa ti

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 27 Guraandhala 2012) Amajjii 1, guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) akkasumas Ebla 15, guyyaa Gootota Oromoo jennee yoo yaadannu fi kabjinu, walitti dhufnee kan itti waliin haasofnu; dhiichisaa fi ragadaan kan waliin ittiin bashanannu; yoo guyyaaleen kun dabran waayee kana kan hirraanfannu ta’anii hafuu hin qaban.

Guyyaalee seena-qabeessi kun, kan qabsaa’ota wareegaman ittiin yaadannu qofaas otuu hin taane, kaayyoo goototni keenya wareegamaniif galii hawwamutti geessuuf, guyyaalee Sabboontonni Oromoo waadaa kana haaromsanii; gumaa gootota keenyaa baasuuf qabsoo kanaaf of qoheessan; wareegama barbaachisu kaffaluuf murteeffatan; jechoota qofaan otuu hin taane kana hojii dhaan agarsiisuuf qophii ta’an, ta’uu qabu.

Guutuu barruu kanaa dubbisuuf : http://qeerroo.com/ilaalchaviews/kaayyoo-qabsaaotni-wareegamaniif-galiin-gahuun-dirqama-sabboontota-oromoo-hundaa-ti/