Motummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo University Jimmaa Irraa Hidhamaniif Mirgi Wabii isaanii akka Hin Eegamne Dhorke

Aside

Gurraandhala 21,2012 Jimma

Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuun furmaata kan itti fakkaatee fi Gowwummaa jabduun kan danqame barattoota Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa irraa hidhaman mana Murtii Jimmaatti dhiyeesse.Manni murtiis ijoolleen kun balleessaa hin qaban jechuun mirga wabii yoommuu eeguuf mirgi wabii hin eegamuuf jechuun seera ofii manni murtii bilisaan dalaga jedhanii tuman cabsanii jiru.Abbootiin murtiis dubbiin bitaa itti galee waan godhan dhabanii barattootni Oromoo 13 maqaa shororkeessummaa jedhuun himatamanii mana hidhaa mootummaa wayyaanee Jimmaa keessatti argamu.Barattoota kanneen mana murtiitti mirgi wabii eegameef dhorkaman keessaa

1.Barataa Moo’eraa Lammaa Phycology waggaa 2ffaa

2.Barataa Nuuraddiin Hamdaa phycology waggaa 2ffaa

3..Barataa Daannoo Dabtaraa Water technology waggaa 1ffaa

4.Barataa Eebbisaa barataa statistics waggaa 1ffaa

5.Barataa Mokonnin Dabalee

6.Barataa Wubisheet Zalaalam

7.Dargaggoo Girmaa hojjetaa mana nyaataa keessatti argamu.

Sodaa barattootaa irraa kan ka’e waraanni mootummaa wayyaanee Yuunivarsiitii Jimmaa Kampaasii Agrii fi Main campus haguugee jira.

Barattootni Oromoo Gaaffiin ilmaan Oromoo Deebii hanga argatu hin barannu jechuun murteeffachuun manneen barnootaa cufan.

Aside

Gurraandhala 21,2012 Finfinnee

Baatii Gurraandala 2012 keessatti diddaa Godina Shawaa lixaa Aanaa Abuunaa Manneen Barnootaa Somboo Walisoo fi Guutee Handoodee keessatti sabboontotni barattoota Oromoo hidhaa bara baraa ilmaan Oromoo irra jiru ni mormina,Yoomuu gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duubatti hin deebinu jechuun barsiisota isaanii qabatanii mana barnootaa cufanii jiru.Qabsoo ilmaan Oromoof gumaatni oromoota hunda irraa feesisa kan jedhan barattootni Oromoo marti waamicha keenya dhaga’uun diddaa daran jabeessuun mootummaa garboomfataa bara baraa hundeen akka buqqisnu jechuun dhaammatanii jiru.

Kana malees sabboontotni Oromoo Godina Shawaa lixaa Kaachisii ona Leemat walgahii mootummaan wayyaanee waamte bahuu didan.Misooma hojjedhaa jettee mootummaan wayaanee labsitus nuyoo hojii keenya hojjenna jechuun ergamtoota mootummaa naannoo sanaa qaanessanii jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabameef gahee oromummaa ni baana Jechuun uummatni Oromoo Ganda Leemat ajaja wayyaanee guutuun didanii jiru.Dabballoota walgahii yaasuuf bobba’anis gaaffiilee

1.Gibirri kanaan dura funaaname eessa dhaqe?

2.Karaan akka maqalaeef bahe Oromiyaa keessatti maaliif hin hojjetamen ,nuuf hin bane jechuun ofirraa arii’anii jiru.Diddaa Lixa shawaa keessatti jabaate dhaamsuuf mootummaan wayyaanee miseensota OPDO tahan walgahiif waamuun isheenii fi mata dureen isaas akkamitti warraaqsa dhaamsina kan jedhu ta’uus qorannoon qeerroo dhaqqabee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!