Diddaan Qeerroo Bilisummaa Daran Jabaatee itti Fufa!

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 12 Guraandhala 2012) Sochii diddaa fi fincila Bilisummaa Oromiyaaf godhamaa jiru caallatti jabeessanii kan itti fufan ta’ee Qeerroon Oromiyaa ibsan.

Qeerroon Bilisummaa adeemsa sochii Qeerroo darbe wayita xiinxalanitti akka ibsanitti, diddaa fi fincilli bakkayyuutti adeemaa jiru akka sagaleen Oromoo akka gaariitti dhagayamuu fi beekamu kan taasisaa jiru waan ta’eef jabaatee itti fufa.

Sochii Qeerroo dhaabuuf shirri humnoota addaddaan xaxamaa jiraatu iyyuu, jabinaa fi kutannoo Qeerrootiin akka fashalaa jiru kan yaadachiisan Qeerroon Oromiyaa, akkuma “abbootiin keenya humnoota Habashaa ofirraa ittisaa qabsoo Bilisuammaa dhaloota ammaan gahanitti, nuti Qeerroon Bilisummaas Habashoota akka haaraatti ofijaaraaa jiranis ta’ee, humnoota yeroo ammaa Oromiyaa deegsaa fi hiraarsaa jiran sagalee tokkoon mormuu keenya jabaannee itti fufn,” jedhanii jiru.

“Nuti Qeerroon Bilisummaa adeemsa waggaa tokko dabarsine keessaa muuxannoo guddaa argannee jirra,” kan jedhan Qeerroon Oromiyaa, deeggarsi ummata keenya irraa argachaa jirrus daran akka jabaannee qabsoo Bilisummaa Oromoof hojjannu seexaa guddaa nuuf ta’ee jira,” jedhanii jiru.

Qeerroon bilisummaa itti dabaluunis, “ammaan boodas, akkuma kaleessaatti kutannoon falmannee guyyaa Bilisummaa dhiyeessina malee taakkuu tokko illee duubatti hin deebinu,” jechuun ummatis bakkayyuutti isaan waliin akka warraaqu dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.

Gootonni baratoota Oromoo Mooraa University Jimmaa Fincila itti fufan

Aside

Gurraandhala 11,2012 Jimma

Guyyaa har’aa Gurraandhala 11,2012 mooraa University Jimmaa keessatti fincilli itti fufee jira,diddaa barattootaa fi gaaffii dargaggoota Oromoo kana ukkaamsuuf jecha humnooti poolisa Federaalaa hedduunii fi humni tika mootummaa Wayyaanee mooraa guutee barattoota doorsisuuf fi meeshaan itti qabanuun olii gadi arihu illee barattooti didanii gaaffii isaanii itti fufanii jiru.

Dhimmii keenyaa fi gaaffiin barattootaa dhimmaa uummaata Oromoo dhalootaan Oromoo irraa dhalatan hunda kan ilaaludha.Yaa Oromootaa gariin diinaaf ergamtanii isinitti haadhagahamu yennaa lammiitti duulatan Alagaan irraa deddeebi’anii Oromummaan nu Arrabsan. Kan Arrabsamuu Oroomoo,kan Hidhaamuu Oromoo,kan Barnoota irraa Arii’amuu Oromoo, kan Ajjeefamuu Oromoo, kan biyyaa itti dhalatee keessaatti mirga lubbuun jirachuu dhabee arii’amuu Oromoo, kan Qee’ee irraa buqa’uu fi lafti irraa fudhatamee faranjiif kennaamuu Oromoo, hubaadhaa yakkota hiriiyaa hin qabnee kan Addunyaa biyyaa lafaa kanaarratti ta’ee hin beeknetu nurraatti raawatamaa jira jechuun lukkeelee diinaatti iyyaa jiru.

Dhimma kanas akka qabanessuuf jecha Presidentii Mooraa University Jimmaa Dr Fiqiree Lammeessaa yeroo barattootaaf waamicha godhee walgahiif yaamu barattooti gaaffiin nuti gaafannu tokko si mataa kee kan of wallaale bilisoomsuuf waan taheef waan nuti dubbannu ati nurraa dhagahi malee kan ati dubbattu sirraa dhagahuuf hin jirru jedhanii didaa dhageessisaa jiru. Ummati Oromoo naannoo Jimmaa jiru gariin “baraaf safuu baratooti daa’imini isa beekaa dha ofiin jedhu barsiisaa isaanii bilisoomsuuf yeroo qabsaayan aja’iba” jechaa yeroo duddubatan dhagahama.

Kana malees mooraa University Ambo fi Rift Vally keessatti waraqaan waamicha qeerroo bal’inaan raabsamaa jira,barattootii fi ummanni waamicha kana argatan gammachuun yeroo dubbisanii fi gariin qoma irratti baadhatanii yeroo deeman argamee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

President University Jimmaa kan ta’e Dr,Fiqiree fi diiniin barattootaa Ato,Iwunatuun waraana Wayyaanee barattootatti yaaman

Aside

Gurraandhala 11,2012 Jimmaa

Yuunivarsiitii Jimmaa fi Adaamaa keessatti barattootaa fi Poolisootni Wayyaanee waliin wal qabaa jiraachaa jiru.Diddaa barattootni mirga uummata Oromoo kabajsiisuuf gochaa jiran dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaaneen yuunivarsiitiilee kanaa fi yuunivarsiitiiwwan birootti waraana ergee mooraa dhuunfachiisee jira.

Kun kanuma tahee osoo jiruu diddaan barattootaa itti fufee  jira.Universityn Jimmaa Gurraandhala 10,2012 moraa keessatti naannoo waajjira Fayinaansii fuulleetti bahanii mirgoota saba Oromoo eegamuu qabuu fi balaallefannaa sirna bulchiinsa Wayyaanee dhageessisaa olanii jiru. Haalli kun Poolisa Feederaala mooraatti ergameen tohatamuu dadhabnaan human dabalataa akka mooraa seenuuf jecha President University Jimmaa kan ta’e Dr,Fiqiree fi diiniin barattootaa Ato,Iwunatuu kan jedhaman humni waraanaa dabbalataa akka mooraa seentuuf jecha mootummaatti  himanchuun waraana mooraa galchanii akka jiran gabaasi qeerroo addeessa.

Diddaan barattootaa fi gaaffiileen mirga Oromoon kan durfame hamma guyyaa bilisummaatti akka itti fufu barattooti Oromoo Jimmaa addeessanii jiru.

Karaa biraa yeroo fincilli diddaa gabrummaa mooraa University Jimmaa fi Adaamaa keessatti itti fufee jirutti waraqaaleen waamicha Warraaqsaa University lee kanneen keessaa fi kanneen birootti baldhinaan raabsamaa fi facaafamaa ture.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Waraqaan Waamicha Qabsoo Faca’uun Itti Fufe

Video

Booda Gaabbii Akka Hin Taane Oromoon Ka’ii Bosona Cillimmoo Tikfadhu! Jedhu Qeerroon

Aside

Qeerroo Adaamaa, Gurraandhala 10,2012

Godina Shawaa lixaa keessatti kan argamu Bosonii Cillimoo barbadaa’ee uummata Oromoo naannoo san jiraatuu fi kanneen jiraataa turanii haalicha beekan mara imimmaan haqachiisaa jira. Bosonni kun akaakilii Oromoo irraa dhufaa darbaan tikfamaa fi kununfamaa kan ture yeroo tahu amma gara laafina tokkoon malee Mootummaan Wayyaanee bosona Oromiyaa gurguruun imaamata godhatee ilmaan Oromoo deegatti hambisuuf kan karoorfaate Bosona Cillimoo saffisaan cirsiisee xumuraa Jira. Mukni Bosona Cillimoo gurguddaan baroota dheera umurii qaban mummuramanii konkolaataa guguddaan halkanii fi guyyaa mootummaa Wayyaaneen guuramaa jira. Haala kana irratti Uummatni naannoos tahan Oromoonni waajira qonnaa keessaa hojjetan gaaffii mootummaa gaafataniif dabbaloota Wayyaanee fi OPDOn doorsifamuu fi akeekachiisamuun irra gahee jira.

Oromoon hundi yeroo ammaa kana ka’ee qabeenya uumama isaa hin tikfatu taanaan booda gabbii hin jirre keessa akka galuuf deemu qeerroon bakka hunda irraa walitti dhaamaa jiru.

Godina Shawaa Lixaa Barsiisonni Oromoo Magaala Kaachisi Hojii Dhaaban.

Aside

Gabaasa Qeerroo Gurraandhala 10,2012

Godina Shawaa Lixaa magaala Kaachisee keessatti barsiisotni mana Barumsaa kaachisee  diddaa kaasan, gaaffiin keenya hamma deebii argatutti hojii barsiisummaa keenyaas dhaabnee jirra jedhu. Hamma ammaatti barsiisoni magaalaa kaachis gaaffiin diddaa kanaaf isaan kakaase keessaa kanneen

  • Barattoota Oromoo osoo barsiisaa jirruu poolisi mootummaa akka barbaade qabee hidha kun dhaabbachuu qaba
  • Maqaa investerummaan dachiin Oromoo gurguramee dhumaa jira,ummannis sababa kaan hiyyummaa gale waan taheef gochaan kun hiikkaa siyaasaa argachuu qaba.
  • Maqaa hidha Abbayyaan miindaan nurraa cituu haa dhaabbatu, Kan duraas nuuf haa deebi’u
  • Gaaffiin barattoota Oromoo gaafatan gaaffii haqaa waan taheef dhagahamuu qaba.Jedhuun hanga deebiin kanaa argamutti hojii baruu fi barsiisuu irratti akka hin hirmaanne murteeffachuun barsiisummaa dhaaban.

Gaaffii barsiisota Oromoo kana ummanni magaalaa Kaachisii fi barattooti Oromoo naannoo sanaa guutummaatti degeranii waan jiraniif bilchitooti kana sodaachuu irraan human waraanaa dabalataa yaamachuun magaala san keessa rurruqamanii akka jiran Qeerroon gabaasa.

Kana malees magaaluma kana tti Qeerroon Oromoo qabeenyi ilmaan Oromoo bara baraan maqaa Misoomaaan funaanamuunii fi Gibirri Jabaan qotee bultootaa fi daldaltoota keenya irraa haa dhaabbatu jechuun Walgahii Biiroo Barnootaan waamame fashaleessanii jiru.Barattootni Mana Barumsaa kanaas Gaaffiin barsiisota keenyaa gaaffii keenya jechuun barnoota addaan kutanii jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabe galmaan gahuun dirqama keenya jechuun Qeerroon Oromiyaa Mootummaa Garboomfataa Wayyaaneetti yaaddoo guddaa uumee jiraaachuun beekama. Diddaa Kana dhaamsuuf wayyaaneen halkanii fi Guyyaa kurkuraa haajiraatu malee itti milkaayuu akka hin dandeenye ummanni dubbata.