(Odeessa Qeerroo Finfinnee, Waxabajjii 18,2011)Gaaffii mirgaa fi sabummaa Oromoo yeroo irraa yerootti kanneen kaasan keessaa qoodi barattootaa fi beektota Oromoo guddaa dha,kanneen mirga Oromoof xichoominaan falman Wayyaanee biratti akka diinaatti ilaamamuun University fi manneen hojii Ethiopia jiran keessaa ilmaam Oromoo qaroo tahan sababa tokko malee mana hidhaatti geeffamaa jiru.
Akka kanaan sochii Qeerroo Bilisummaatti hidhuun Oromoota jajjaboo fi qaroo tahan baatii Waxabajjii kana keessa bakkoota adda addaa irraa Hidhaa jiru, Yeroo ammaatti sababa tokko malee bakka hojii isaanii irraa qabamanii qeerroo qindeesitu jechuun kanneen Hidhaa galan keessaa:-
- 1. Dr Fanta xilahun nama hojii dhuunfaatti bobba’ee naannoo Kiiloo 4 Finfinnee hojjetu
- 2. Barsiisaa Katamaa Fufaa magaalaa Jimmaa kan barsiisuu
- 3. Barsiisaa Tamasgen Irranaa Innaangoo Wallagaa kan barsiisuu
- 4. Barsiisaa Ahiman Jundi godina bahaa Hirnaa kan barsiisuu
- 5. Jamaal Ibraahim Gadaa kan jedhamu Ministera qonnaa jala godina baalee magaalaa Gobbaa
Yeroo tahan dhihoo kana baatii Waxabajjii kana keessaa ergamee bulaa Wayyaanee kan tahe Junaddiin Saaddoo barsiisota sadii University Adaamaa keessaa badii tokko malee sababa Sochii Qeerroo duubaan jirtu jedhuun reebsisee hojii irraa arsiisisuun beekamu. Kanneen reebaman keessaa barsiisaa University kan tahe Taayyee Fufaa hanga har’aatti bakka jiru hin beekamu.
Qabsoon itti fufa ! Gabroomsaan ni kufa!






