Dinne Gabrummaa!!! Jedhan, Lammiileen Oromoo

“DINNE GABRUMMAA!” Jedha Ummanni Oromoo Shawaa Kaabaa Keessa Jiraatu.

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 20 May 2011) Finiccille diddaa gabrummaa Ebla 14,2011 University lee Oromiyaa keessa jiran keessaa erga eegalee gara magaalotaa fi baadiyyaa Oromootti cehuun mootummaa Wayyaanee raasaa jira. Fincila Qeerroo eegalte kanaan kan rifate mootummaan TPLF waan qabuu fi gadhiisu wallaaluun gaaffii ummati Oromoo gaafatu reebichaa fi hidhaa akkasumas rasaasaan dhahuun deebii kennuu furmaata godhatee haajiraatu iyyuu malee ummanni Oromoo FDG irraa guyyaa tokko illee hin dhaabbatiin jira.

Onoota biyya Oromoo naannoo Shawaa Kaabaa kanneen akka Hidhabuu,Abootee,Darraa,Kuyyuu fi Yaayyaa Gullallee keesstti ummanni Oromoo ajajaa fi qajeelcha sirna Wayyaaneen diduun FDG gaggeessaa jiraachuu humni Qeerroo naannoo sanii beeksisa.Fincilli kun Caamsaa 17,2011 irraa onoota kanneen keessatti kan eegale yeroo tahu,Mootummaan Wayyeenee gaaffii ummataa dura dhaabbachuuf jecha human waraanaan heddumminaan naannoo sanatti bobbaasuun ummata hidhaatti guuraa jirti,hanga har’a Caamsaa 20,2011 itti onoota kanneen keessaa Oromoota 90 ol tahan mananeen hidhaa naannoo fi bakka hin beekamnetti geessee jira.

Qeerroo mardhummaan ummata Oromoo keesaa bahan gootummaa fi jagnummaan qabsoo eegalan hidhaa fi ajjeechaan,ukkaamsaan gaaffii saba keenyaa hambisuu fi gabrummaa daranii keessa nu galchuu hin dandayu,Oromoon qe’ee isaa irratti salphinaan jiraachuun alanaan raawwata! Gabrummaan Oromiyaa fi Oromoo irratti jaaree jiru nu gahe Dinne Gabrummaa jechuun onoota kana keesatti sagalee dhageesisaa jiraachuun qeerroon Kaaba Shawwaa irraa gabaasu.

“Itoophiyaan mana hidhaa namoota gaaffii mirgaa gaafatan itti hiraarsanii dha.”

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 19 May 2011) Sababaa abbootiin qabeenya Taaksii naannoo Finfinneetti fincila kaasanitti qabachuun waraannii fi humni Federaala wayaanee namoota taaksii oofanii fi abbootii qabeenya minibus hedduu hidhaa akka jiran beekame.

Mootummaan Wayyaanee diddaa abbootii qabeenyaa fi shufeerotaa kanaan hedduu rifachuun qajeelfama bobbaa kaaksii baasee ture kaasuun akka duriitti akka hojjatan dhiisu illee harka lafa jalaatiin namoota dhimma kana qindeessuu keessaa harka qabu jedhee yaadu hidhuutti jira.

Akka kanaan magaala Adaamaa dabalatee hamaa ammaatti namooti 100n lakaayaman hidhamanii jiru; isaan keessaas maqaa namoota hidhamanii haga tokko kan beekamn yoo ta’u kanneen haga ammaatti amqaan isaanii hin argamne illee ni jiru. Isaanis:

1. Tasfiye Kebede magaalaa Finfinnee naannoo garjii

2. Alemayehu Ragasa magaala Finfine ” ”

3. Adisu Tashome ” ”

4. Misgana Ajamaa Finfinnee naannoo Magananya

5. Shukuraa Jamaal magaalaa Adaamaa

6. Andargee Belacho magalaa Adama

7. Temasgen Qinaxxii magala Adama dha

Wayyaaneen badii jireenya hawaasaa irraan gaha jirtu dhofkachuuf jecha amma illee sochi warra Qeerroo keessatti harka qabdu jedhanii namoota hedduu ukkaamsanii hidhaa akka jiranis beekameera.

“Gaaffii ummataa ukkaamsaan deebisuu hin danda’u,” kan jedhe Qeerroon,” Haga gaaffiin haqaa, Bilisummaa fi dimokiraasii hin mirkanoofnetti qabsoon diddaa cunqursaa fi garbummaa daran jabaatee itti fufa,” jedhee jira.

Qeerroon, itti dabaluunis, "Itoophiyaan biyya namoota gaaffii mrgaa gaafatan itti hiraarsan ta’uun yeroon itti hafu fagoo hin ta’u," jedhee jira.

Yeroo ammaa kanatti sabqunnamtiin Wayyaanee kan akka TV fi Raadiyoo akka fincila abbootii qabeenyaaa kana dhaabde yookaan immoo tohateetti oduu kijiba dabarsuu itti fufanii jiru.

Mootummaan TPLF Barattoota Oromoo 1500 ol Nyaata Summaayeen fixaa Jira

Mootummaan TPLF Baattoota 1500 ol Nyaata Summaa’een Adabuun miidhaa Jira.

Nyaati Summaaye Kun Sadarkaa Guddaatti Barattoota Oromoo Miidhaa Jiraachuu Ogeessonni Fayyaa Oromoo Adaamaa jiran ibsanii jiru.Waldhaansa kennuuf dawaan gahaa hin jiru,tajaajila nayaas kennuuf nyaati hin jiru fala dhabne kan jedhuun yaaddoo isaanii kan ibsatan ogeessonni fayyaa Oromoo miidhaa kana balaleffatanii jiru

(Qeerroo News, Adaamaa, 18 May 2011)Dhadannoon mootummaa TPLF yeroo ammaa laga Abbayyaa hidhuu kan jedhu yeroo tahu,Finciloota dargaggoonni(Qeerroo)n Oromoo kaasan gara dabarsuuf jecha maqaa dhadannoo kanaan waan hin goone hin qabu,human waraanaa qabdu gama kaaba biyyattiitti guuruun Asabiin Ethiopiatti deebifna,maallaqa keessaa fi alaan walitti qabnee laga Abbayaa cufna ykn hiina kan jedhuun ummata Oromoos tahe saboota Empayerittii keessa jiraniin gurra duuchaa jira.

Kanaan Wal qabatee University lee keessatti basaasotaa fi human Federaalaa bobbaastee barattoota Oromoo(Qeerroo) nyaata keessan irraa kutaatii maallaqa laga Abbayyee ittiin ittifnu nu gargaara jechuun dirquutti jira,Dargaggoonni Oromoos gaaffii fi dirqama TPLF itti kenne kana diduun mirgi ummata Oromoo akka sabaatti osoo hin eegamiin,gaaffiin Oromoo osoo hin deebi’iin nyaata keenya irraa baajeti hir’achuu hin qabu kan jedhu dhaabbii guddaa fudhatanii yeroo jiranitti,diddaa kanaaf haaluu bahuuf jecha nyaata Universitylee keessatti kennaman haalan gadi xiqqeessuu fi qulqullina nyaataas gara balaaf gaga’uutti geessuutti boba’ee barattoota irraan miidhaa gurguddaa geessisaa jira. Ta’e jedheen gochaa kanatti kan bobba’e mootummaan Wayyanee guyyaa har’aa Caamsaa 18,2011 barattoota University Adaamaa nyaata summaa’e nyaachisuun barattooti kumaa fi dhibba shan (1500) ol haalaan miidhamanii gariin hosptala ciisuun gariin ammoo waldhaansa dhabanii mooraa keessatti gatamanii jiru.

Kana irraan kan ka’e lammiin keenya nyaata summaayeen dhumaa jira kan jedhu barattooti Oromoo hafan gaaffiilee kaasaniin, mooraan kunii fi barattooti Oromoo hundi waan shakkamtaniif,mishoomi mootummaa osoo bakka hin gahiin waan gaaffii ABO gaafattaniif ni shakkamtu,miidhaan kana caalaa iyyuu isin irraa gaha kan jedhu doorsisa gara malee doorsifamaa jiraachuu isaanii Qeeroon University Adaamaa gaabaasu. yeroo ammaa mooraa university kaampii waraanaa kan godhate humni Feederaalaa fi tika Wayyaanee gaaffii  Qeerroo kana irraan kan ka’es barattoota hedduu mooraa keessaa akka ar’anii jiru.Barattooti ari’amanis maatii irraa fagoo waan tahaniif bakka bulanii fi waan nyaatan dhabuun gidirfamaa jirachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Statement of Oromo Officers working in various departments of Ethiopian Government

(Qeerroo News, Finfinnee, 18 May 2011) We, Oromo officers working at different capacities in a range of service departments of the Ethiopian government: security, army, regional and federal police forces and the court system, have held a meeting today, May 07-2011 in Adama town. Following thorough discussion on the present situation of our people and country, we unanimously passed the following resolution.

  1. Whereas the political activities, violation of human rights, oppression and suppression of democratic rights of citizens, systematic exploitation of Oromia’s resources, etc. of Oromia and other regions of the country by the Ethiopian government, leading to further devastation, and our region’s political situation turned into more and more volatile situation; whereas we have tirelessly made an effort in numerous ways to restore democracy, justice and fairness, however, our attempts were dashed, and no progressive outcome were achieved. Therefore, we stand on the side of our people and country and  demand the government that the multi-faceted questions raised by the National Youth Movement get positive response  immediately.
  2. It is undeniable fact that Mallas Zenawi himself, during his early rebellion years has struggled for the secession of Tigrai from Ethiopia. On the contrary, it is sad to see that after he came to power and controlled the entire country, is harassing, massively detaining, torturing, and killing the Oromo youth and the entire Oromo population for raising the same question of freedom he himself raised during his young age. We demand that the Ethiopian government take responsibility for the lives lost, physical and psychological damaged incurred on Oromo students and openly apologize to their families. We will take this opportunity to publicly apologize to the Oromo youth and entire Oromo nation for the damage we incurred by being an instrument of this regime. We promise to pay back the damage we incurred by struggling being on the side of the National Youth Movement.
  3. Whereas those capitulated themselves to the Ethiopian government, by betraying Oromo Liberation Front, (OLF), are freely moving everywhere and speaking on the media freely, the government instead is harassing children of oppressed people who do not carry any weapon other than pen and pencil simply because they are born Oromo and therefore suspected by the regime of being a member or supporter of OLF. This makes us to believe that the complex political situation in Ethiopia in general and the Oromo situation in particular can not be resolved without freedom. In line with this we are detrmined to stand on the side of the Oromo youth to bring about a fundamental change in Oromia and in Ethiopia.
  4. Whereas the government armed forces stormed the University of Mizen Teppi and injured more than 120 Oromo students in April, and those injured were unable to get medical treatment and have been denied access or visit by their families and relatives; whereas such inhuman act vividly proves denial of  their inalienable natural right of Oromo people as a nation in their county and land; we strongly request the Ethiopian government to release those detained immediately compensate the students for the damaged incurred and publicly make an apology statement to their families.

No more silence! We no longer keep quiet while we look injustice happening in front of our eyes, while we hear the cries of our citizens with our own ears.

 Freedom Prevails!

Faaruu Qeerroo

Vodpod videos no longer available.

Faaruu Qeerroo, posted with vodpod

በአዲስ አበባ የታክሲ የቀጣና ስምሪት ተስተጓጎለ፣ ነዋሪዎች ዘረኛው የወያኔ አገዛዝ አዲስ የሃሳብ አቅጣጫ ማስቀየሪያ ስልቱ ነው አሉ

(Qeerroo News, Finfinnee, 16 May 2011)በአዲስ አበባ ከተማ ሚኒባስ ታክሲዎች በሚያስከፍሉት ታሪፍ ላይ ጭማሪ እንዲደረግና ትናንሽ ታክሲዎች ደግሞ በርቀት መለኪያ እየተጠቀሙ ክፍያ የሚጠይቁበትን ሁኔታ ለማመቻቸት መታቀዱን፣ የአገዛዙ ሹመኞች መግለጻቸውን ተከትሎ፣ በአዲስ አበባ ሁሉም ክፍለ ከተሞች የታክሲና አውቶብስ ፌርማታዎች ነዋሪዎች እጂግ ሲጨናነቁ መታየታቸውን ዘጋቢያችን ገለጸ::

የአዲስ አበባ ከተማ የታክሲ ስምሪት በቀጣና እንዲመደብ በተደረገ በስድስተኛ ቀኑ ከታክሲ አሽከርካሪዎች ተቃውሞ ገጠመው፡፡ በዚህም ምክንያት ስምሪቱ ሰኞ ማለዳ ተስተጓጐሎ ነበር፡፡ባለፈው ሳምንት ረቡዕ የተጀመረው የቀጣና ስምሪት የታክሲ ሾፌሮችንና ረዳቶችን እንዳላስደሰተ ይነገራል፡፡

የተዘረጋው የቀጣና ስምሪት አሠራር የትራንስፖርት ችግሩንም የሚፈታ አይደለም፡፡ ብዙ ሰዓት ያለሥራ እንድንቆም የሚያደርግ ነው ሲሉ የታክሲ ሾፌሮቹ ይከራከራሉ፡፡ በሌላ በኩል የአዲስ አበባ መንገድና ትራንስፖርት ቢሮ የቀጣና ስምሪት ችግር ፈቺ ነው፤ ችግሮች ካሉ በሒደት ይፈታሉ ብሏል፡፡ ችግሩ ሙሉ ለሙሉ ሳይፈታ የከተማው ሕዝብ በታክሲ እጥረት ምክንያት ሲጉላላ ያሳለፈ ሲሆን፣ ሰኞ ማለዳ ላይ ጭራሹኑ ከተማው በከፍተኛ የታክሲ እጥረት ተመቷል፡፡

‹‹ተገቢ ያልሆነ አድማ ነው፤ ጥቅማችንን ይጎዳል፤ የታክሲ ሾፌሮች የወሰዱት ተገቢ ያልሆነ ዕርምጃ ነው፤›› በማለት ለረጅም ዓመታት የታክሲ ባለንብረቶች ማኅበርን ሲመሩ የቆዩት አቶ ፍስሐ ማሞ ለሪፖርተር ገልጸዋል፡፡

በተለይ በአውቶብስ ተራ፣ በፈረንሳይ ለጋሲዮን፣ በቤላ፣ በአዲሱ ገበያና በአስኮ አካባቢዎች ከፍተኛ የታክሲ እጥረት የታየ ሲሆን፣ በሥራ መግቢያ ሰዓት የታክሲ አገልግሎት ባለመኖሩ ነዋሪዎች መጉላላታቸውን ያገኘናቸው መረጃዎች ያመለክታሉ፡፡

በየትኛውም ጊዜና ሰዓት ታክሲ የተትረፈረፈባቸው የቦሌ ድልድይ፣ ሃያ ሁለት ማዞርያና ካዛንቺስ መስመር ሰኞ ማለዳ ከፍተኛ የታክሲ እጥረት ታይቶባቸው ነበር፡፡ በእነዚህ መስመሮች አንዳንድ ታፔላቸውን የነቀሉ ታክሲዎችን ማየት ችሏል፡፡

በገርጂ መብራት ኃይል አካባቢም የታክሲ እጥረቱ የተከሰተ ሲሆን፣ ትራንስፖርት ሲጠብቁ ከነበሩት ተገልጋዮች መካከል አንዳንዶቹ ወደ ቤታቸው ሲመለሱና ሌሎች ደግሞ በእግራቸው ሲጓዙ ታይተዋል፡፡ በሥፍራው የነበሩ ያነጋገርናቸው የታክሲ ተራ አስከባሪዎች እንደገለጹት፣ ታክሲዎቹ ወደ ገርጂ እንዲመጡ ስለሚገደዱና በማለዳ ደግሞ ወደ አካባቢው የሚሄዱ ተጓዦችም ባለመኖራቸው ያለምንም ሥራ ቆመው ወረፋ መጠበቁ አያዋጣም ብለዋል፡፡

ታፔላ ሳይለጥፉ 16 ተሳፋሪዎችን በመጫን ከቦሌ ድልድይ ወደ 22 ሲጓዝ የነበረ አንድ የታክሲ አሽከርካሪን ባነጋገርንበት ወቅት፣ የትራፊክ ፖሊሶች የሚያዩት ታፔላ ለጥፏል አለጠፈም የሚለውን በመሆኑ ትርፍ መጫኑ ምንም ችግር እንደሌለው ተናግሯል፡፡

አዲስ የተፈጠረውን የታክሲ ችግር አስመልክቶ አስተያየታቸውን እንዲሰጡት ዘጋቢያችን ያናገራቸው ነዋሪዎች፣ የአሁኑ የታክሲ ችግር ነጠላ ዜማ ደግሞ አዲስና ህብረተሰቡም ስለሌላ ነገር እንዳያስብ ማጥመጃ እንደሆነ እንደሚያምኑ ገልጸዋል።

አስተያየት ሰጪዎቹ ዘረኛው የወያኔ አገዛዝ በቅርብ ጊዜ የነጋዴውን ማህበረሰብ ከህዝቡ ጋር የማጣላት ሰፊ ዘመቻ ከፍቶ ሊሳካለት ባለመቻሉ አሁን ደግሞ ታክሲ አሽከርካሪና የታክሲ ባለሃብቶችን ከህብረተሰቡ ጋር በማናቆር በጋራ እንዳይቆሙ ለማድረግ የተጠነሰሰ ሴራ ነው ብለዋል።

አያይዘውም በተለይም ከቅርብ ጊዜ ወዲህ ኢትዮጵያ ውስጥ ህዝባዊ አመጽ ሊነሳ ይችላል የሚል ስጋት ያየለበት ዘረኛው የወያኔ አገዛዝ እያንዳንዱአን ቀዳዳ ለማድፈን ሌት ተቀን እየሰራ እንደሆነ ገልጸዋል።

በመጨረሻም ምንም አይነት አፈና ያድርግ ምንም አይነት ዘዴን ይቀይስ ኢትዮጵያ ውስጥ ህዝባዊ አብዮት መፈንዳቱ ፍጹም አይቀሬ እንደሆነ በርካታ ምልክቶች እየታዩ መሆናቸውን በመግለጽ አስተያየታቸን አጠቃለዋል።

በአዲስ አበባ ጎዳናዎች ላይ 8,500 ሚኒባስ ታክሲዎች የሚገኙ ሲሆን፣ እነዚህ ታክሲዎች ሥራ አቁመው ይቅርና ሙሉ አቅማቸውን ተጠቅመው እንኳ ቢሠሩ፣ የከተማው የትራንስፖርት እጥረት አይቀረፍም ፡፡

Diddaan Barattootaa Gara Abbootii Qabeenyaa Taaksiitti Ce’e!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 16 Caamsaa 2011) Diddaan Barattoota Oromoon eegalame gara ummataatti ce’uun gidduu kana magaalaa Finfinnee keessatti abbootii qabeenyaa Taaksii fi shufeerota Taaksiin eegalamee jira.
Qeerrooleen Oromoo diddaa kana irratti hojajtana akka gabaasanitti, naannoo Finfinnee karaa Garjii fi karaa Taaxaq geessuu irratti fincilli  dargaggootaa fi ummata oromoo naannoo sana jiraatuun ka’ee jira. Fincilli kunis itti fufa Fincila Qeerroon bakka bakkatti kaasee tahuun mirkanii dha.
Walumaa galatti, rakkina jireenyaa fi bulchiinsa haqaa fi siyaasaa waliin kan walqabate diddaan olaanaa  motummaa Wayyaanee irratti babalátaa jira. Mootummjichis sochii ummataa bakkaa bakkatti dhodhowaa jiru kana ukkaamsuu fi dhoksuuf tattaafatu illee harkaa  bahaa jiraatuun kan hundi argaa jiru dha.
Karaa biraa Odeessa biyya keessaa waan Geejiba ( Taxi ) dhuunfaalee gayyaa gaafa 16/04/2011 ganamaa kaassee geejibinni akka hin jireefi namoonni baayyee lafoon deemaa akka tura.Gariin geejiba dhabanii gara hojii deemuuf akka rakataa jiran himama jira.
Kun odoo kanaan jiruu mootummaan warri Abbaa Taaksii hiriira bahuuf akka barbaadab ega mirkaneefateen booda dabbaloota fi warra federalaa ufata sevile ufachiisanii gandaa fi karaa gubbaa deemuun bakka Taxin dhaabattetti dirqiin akka hojii eegalu,Yoo sana hin goone Plate No isaanii qabatanii akka mana murtiitti isaan dhaabaan doorsisuun warri abbaa Taxi bifa kanaan dirqamaati jiru.
Bakka bakkatti taaksi mootummaa warra Taxii reebuu fi qabanii deemuun mulátu illee jeequmsi FF keessaa hará guddaa dha. Sababa Warri Abbaa Taxi hiriira bahuuf isaan dirqisiise keessa tokko taappellaa yookaan lakkoofsaTaaksiin tokko naannoo isaaf ramadame malee akka hin dalagneef ka isaan daangessu sana karaa Ministeera gejibaan baheen booda mormmii sanaafi.
Kana malees,boba’aan qaalahuun isaas sababa tokko ta’uun beekamee jira. Jijeenyii qaalahuun immoo hundee rakkian biyyattii ta’ee kaka’umsa kanaaf sababa ta’aa akka jiru ifatti mul’ataa jira.

Finfinnee:Taxi drivers go on strike

(Qeerroo News, Finfinnee, 16 May 2011) Taxi and mini-bus drivers in Finfinnee have begun an unofficial strike to protest against a new law aimed at trying to reduce traffic accidents.

Oromia’s capital Finfinnee is hit with a strike by taxi drivers today accrording to Qeerroo news. Drivers can now lose their licenses if they commit a certain number of offenses — and fines have increased six-fold.

Most taxi drivers have stayed home this morning, causing a massive transportation disruption in the city. Drivers also have complained that the new rules are too punitive.

Thousands of people in the capital, Finfinnee, walked to work because of the strike.The taxi drivers are protesting the unbearable cost of living and a recent regulation that limits them to certain areas of the city.

Finfinnee’s transport bureau says more than five hundred people have been killed in traffic accidents over the past two years.

ETHIOPIA: Uneasy calm in Addis, taxi drivers continue strike

Wayyaaneen Walqunnamtii Hawaasaa Dadhabsiisuun Warraaqsa Fashalsuuf Yaalaa Jirti.

(Oduu Qeerroo, Naqamtee, Caamsaa16, 2011) Fincilaa fi diddaa biyyattii keessatti baay’achaa jiru ukkaamsuuf mootummaan wayyaanee mala qunnamtii ammayyaa fi hawaasaa dadhabsiisaa akka qunnamtiin Qeerroo gabaasaa jiru.

Yeroo ammaa kanatti toorri bilibilaa biyyattii ala irraa keessatti, keessa irraa alatti akkasumas keessa irraa keessatti taasisamu beekaa akka dhiphatu waan godhameef, toora bilbilaa tokko argachuuf saatii dheeraaf irra deddeebi’anii yaaluun dirqama ta’ee jira.

Oromiyaa dhiyaa keessatti toorri moobilii tasumaa kan hin hojjanne yoo ta’u, internet fi facebook banachuuf immoo saatii dheeraa eeguun dirqama ta’ee jira. Kana biraan, "manneen internetii maratti namoota oduu fi odeessa biyya alaatti dabarsan to’adhaatii, humnoota tikaatti gabaasaa," ajajni itti kennamee jira.

Haata’uutii, abbootiin qabeenyaa hedduun ajaja kana fudhachuun namoota saaxiluun maamiloota keenya irratti dhiibbaa qaba jechuun harka lafa jalaan diddaa isaanii waan mul’isaniif humnooti tikaa bakka namooti heddumminaan itti fayyadamanitti argamanii basaasaa akka jiran bira gayamee jira.

Keessaayyuu, magaalota akka Naqamtee, Gimbii, Mattuu, Aggaaroo, Jimmaa, Amboo, Dirree Dhawaa, Adaamaa. Awaasaa, fi manneen barnootaa olaanoo mara keessatti humnooti tikaa namoota garaan bitamaniin gargaaramanii basaasaa waan jiraniif, qeerrooleen marti of eeggannoon akka qunnamtii isaanii itti fufan dhaamsi darbee jira.

Yeroo ammmaa kanattis dhiittaa mirga namoomaa fi siyaasaa biyyattiii keessatti raawwatamaa jiru saaxiluuf yaalii gochaa akka jiran kan ibsan miseensoti Qeerroo, sababa dhiibbaa fi uggara qunnamtii ammayyaa fi hawaasaa irra kaayameef odeeffannoo suuraa fi video dabarsuun rakkisaa ta’aa akka jiru illee dabalanii hubachiisaniiru.

Haata’uutii, qabsoon karaa maraan abbootii irree irratti finiinaa jiru gamtaa fi tooftaa addaddaan kan itti fufu ta’uu Qeerroon hubachiisee jira.

Diddaan Ummataa Jabaatee Itti Fufe!!

 

Fincilli Diddaa Gabrummaa Fiichee fi Godinoota Shawaa Kaabaa Keessaa jabaatee  itti fufe.

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Fichee,Caamsaa 14,2011)FDG kaasuu fi gaaffii mirga lafaa qotee bulaa samamuu gaafachuuf jettu kan jedhuun Polisooti magaalaa Fiichee fi loltooti Wayyaanee mana barnootaa Preparatory magaalaa Fiichee irraa barataa kutaa 10ffaa baratu Tashomaa Mangistuu fi barattoota hedduu mana hidhaa buusan. Hidhamuu barattoota kanaa fi kanneen biroo irraan kan ka’e jiraattoti magaalaa fi barattooti Oromoo loltoota Wayyaanee fi humnoota Polisii garaaf bulan kana dura dhaabbachuun FDG gaggeessaa jiraachuu irreen qeerroo magaalaa Fiichee irraa gabaasa.

Gaaffii mirgaa barattooti Oromoo fi jaraattonni magaalaa Fiichee kaasan irraan yeroo ammaa kanatti basaasoti TPLF mana barnootaa cufuu fi qormaati modelii kennamaa ture dhaabuun isaanii beekamee jira.

Kana malees godina Shawwaa Kaabaa 5 keessatti Oromoonni FDG itti fufuun karaa irratti mukkeen jigsuu fi karaa cufuun akkasumas walgahii lukkeeleen yaamtu didanii irraa hafuun dhibbaa gurguddaa godhaa jiru. Ergamtootii fi dabballoonni Wayyaanee kanneen jibbiinsi ummataa itti hammaate naannoo san irraa baqatanii akka deemaa jiran qeerroleen naannoo gabaasu.Mootummaan Wayyaanees mormii kana dhaamsuu fi akka hin dhagahamneef ukkaamsuuf jecha dura dhaabbannaa guddaa gochaa akka jiruu muldhata, mormiin kun yoo jiraates fincillii ummataa kun yeroo gabaabaa keessatti caalaatti qindaayee akka itti fufuuf deemu qeerroleen naannoo abdii guutuun dubbatu.

Qabsoon itti Fufa! Gabroomsan ni kufa!