Diddaan barattootaa akka mooraan Yunivarsitii dirree Waraanaa ta’u godhe.

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Awaasaa, Caamsaa 6, 2011) Diddaan Qeerroo yeroo itti fufee jiru kana keessatti humnooti tikaa Wayyaanee immoo diddaa gama hundaan dhiidee dhowuuf jiru ukkaamsuuf shira xaxaa akka jiru saaxilame.

Maddi Oduu Qeerroo akka gabaastetti, barattootani mooraa yunversiiti hawassa kessa humna poolisiitin kanan duraa fudhataaman garaa barnoota idilee isaanitti akka deebi’anifi akkasumas garaa mana yaala geffamanii taajajilaa yaala akka argataaniif gaaffiin dhiyaachaa jiru deebii hin argatiin jira.

Yeroo kana keessatti immoo, humnooti Wayyaaneen diddaan akka hin babal’anne gochuuf humna waraanaa mooraalee barnootaa maratti ramadee barattootaa fi ummata doorsisaa jira.

Wayyaanonni kan gaaffi barattotni gaafatan karaa sirri ta’ee deebisuu wantaa dadhabaniif yeroo amma kana jechuun Ebla 28,2011 eegalee mooran yunversitti Hawassa humna poolisiin marfamtee jirti.

Yeroo barataan Oromoo, qotee bulaafi daldalaan mana hidhaatti guurama jiruu kanatti guyyuma kana jechuun Ebla 28, 2011 maqaa waldaa misooma Oromiyaa jedhuun wal ga’ii mooraa guddichatti(main cumpuss) kessatti beeksisa maxxansanii barataa konkolaatan garaa moora birootti gessuf yaalin isaan taasisaan jalaa fashalayee jira.

Yeroo itti sabni oromoo daraara fi mana hidhaatti guurama jiruu kessatti oromiyaa akkamin misoomsu akka isaan fedhaanifi qarshii hawassa fi baratta dirqisisani sassabanin deebisani sabichuma itti hidhaa jirtu jechuun baraataan fincilaa kaase jira.

Itti dabaluun yeroo hongeen loon boorana lafarra duugugee yeroo ballesse kanatti isiin hidhaa abbayyan oromiyaa misoomsituu jechuun diddan barataa irra isaanitti ka’ee afaan qawwen dorsiisin moora waranan marsanii jaru.

“Karaa cabee dhangala’a malee diddan keenya dorsiisan hin dhaabatu,” kan jedhan qeerroon yunversitii hawassa, doorsiifni ammaan booda kan nurra hin dhabbanne yoo ta’ee fi gaaffi keenyaa fi deebii ga’a hin laatamu yoo ta’ee, “akeeka keenya milkeessuuf akkuma karaa nagaa kaanetti diddaa keenya cimsinee kutannoon jabaannee hojjanna,” jedhanii jiru.

“Wayyaaneen akeeka keenya dabsuuf shira adda addaa xaxaa jirti,” kan jedhe ibsi Qeerroo kun, “keessattuu barattoota ukkaamsee hidhe reebuu fi hiraarsuun akka Qeerroon fincila jeequmsaatti seenu kan dhiiibu ta’u illee qajeelfama keenyaatti cichuun akeeka keenya dhugoomsuu irratti hojjachuu hin dhiifnu,” jedhee jira.

Yeroo amma kanatti humnooti Wayyaanee tokko tokkon bilookii barattootaa biratti ramadamuun kan eegumsa gochaa jiran ta’uu kan hubachiise Qeerroon humna waranaa 4-5 ta’eetu ramadame jira jedhee jira. Kana jechuun waraanaa 200 ol mooratti guute jiraachu mul’isaa. Baratan immoo ejjenno baafateen nyaata diduun akkasumas afaan isaaΒ  huccuun hidhatee daree barnoota seenuf murteesse jira.