Dinne Gabrummaa!!! Jedhan, Lammiileen Oromoo

“DINNE GABRUMMAA!” Jedha Ummanni Oromoo Shawaa Kaabaa Keessa Jiraatu.

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 20 May 2011) Finiccille diddaa gabrummaa Ebla 14,2011 University lee Oromiyaa keessa jiran keessaa erga eegalee gara magaalotaa fi baadiyyaa Oromootti cehuun mootummaa Wayyaanee raasaa jira. Fincila Qeerroo eegalte kanaan kan rifate mootummaan TPLF waan qabuu fi gadhiisu wallaaluun gaaffii ummati Oromoo gaafatu reebichaa fi hidhaa akkasumas rasaasaan dhahuun deebii kennuu furmaata godhatee haajiraatu iyyuu malee ummanni Oromoo FDG irraa guyyaa tokko illee hin dhaabbatiin jira.

Onoota biyya Oromoo naannoo Shawaa Kaabaa kanneen akka Hidhabuu,Abootee,Darraa,Kuyyuu fi Yaayyaa Gullallee keesstti ummanni Oromoo ajajaa fi qajeelcha sirna Wayyaaneen diduun FDG gaggeessaa jiraachuu humni Qeerroo naannoo sanii beeksisa.Fincilli kun Caamsaa 17,2011 irraa onoota kanneen keessatti kan eegale yeroo tahu,Mootummaan Wayyeenee gaaffii ummataa dura dhaabbachuuf jecha human waraanaan heddumminaan naannoo sanatti bobbaasuun ummata hidhaatti guuraa jirti,hanga har’a Caamsaa 20,2011 itti onoota kanneen keessaa Oromoota 90 ol tahan mananeen hidhaa naannoo fi bakka hin beekamnetti geessee jira.

Qeerroo mardhummaan ummata Oromoo keesaa bahan gootummaa fi jagnummaan qabsoo eegalan hidhaa fi ajjeechaan,ukkaamsaan gaaffii saba keenyaa hambisuu fi gabrummaa daranii keessa nu galchuu hin dandayu,Oromoon qe’ee isaa irratti salphinaan jiraachuun alanaan raawwata! Gabrummaan Oromiyaa fi Oromoo irratti jaaree jiru nu gahe Dinne Gabrummaa jechuun onoota kana keesatti sagalee dhageesisaa jiraachuun qeerroon Kaaba Shawwaa irraa gabaasu.

Leave a comment