Lukkeeleen Wayyaanee diddaa dargaggootaa dhaamsuuf yeroo kaatan

Video

Diddaan Babarattoota Oromoo Itti Fufee Magaalaa Naqamtee Dirree Lolaa Taate

Video

Gabaasa Qeerroo, Naqamte, Amajjii 09,2012

Fincilli diddaa gabrummaa gootota barattoota Oromoo University Wallaggaa kessatti eegale hanga ammaa itti fufee jiraachuu qeerroon gabaasa. Amajjii 07-09 bara 2012 kanaatti sochii barattooti Oromoo qabsoo diddaa gabrummaa godhaniin magaalaa Naqamtee fi University Wallaggaa keessatti hoomaa waraana Wayyaanee waliin walitti bu’anii akka jiranii fi guyyaa kaleessaa Amajjii 08,2012 dhukaasa barattoota Oromoo irratti baname irraa kan ka’e barataa Leejjisaa kan jedhamuu  mummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaa rasaasa waraana Wayyaaneen rukutamuu irraan haalaan madaayee Hosptala Laqamtee galee akka jiruu fi lubbuun isaa du’aa fi jireenya jidduu jiraachuu qeerroon gabaasee ture, ammos kanumaan itti fufee barattooti  nama lama

1.Barataa seeraa waggaa 3ffaa baraataa Siraaji Jamaal  waggaa 2ffaa

2.Baraata Kamaal kan jedhamuu engineering waggaa 2ffaa

Kanneen jedhaman nyaataan adabamanii akka nyaata hin arganne gochuun gootummaan akka saba isaaniif wareega kafalanii jiran gabaasi addeessa.

Haala kanaan ammos mootummaan Wayyaanees human waraanaa fi meeshaa waraanaa heddummeessuun University Wallaggaa guutuutti cabsee seenuun barattoota 60 ol tahan reebichaan qabee mana hidhaa geessuu fi kanneen kaan rasaasaan tumee ajjeesaa akka jiru gabaasi kun addeessa.

Kun akkasitti tahees barattoti Oromoo diddaa isaanii osoo hin dhaabiin magaalaa keessatti hojjettootaa fi ummata Oromoon makachuun diddaa isaanii dhageessisaa fi waraana Wayyaanee waliin wal qabaa akka jiran gabaasi qeerroo magaalaa Naqamtee irraa addeessa.

Guyyaa gaafa Amajjii 07,2012 gootonni barattooti Oromoo hoomaa waraana Wayyaanee dhagaan tumanii mooraa irraa arihachuun mooricha dhunfatanii akka turan kan bare mootummaan Wayyaanee halkan keessa humna Waraana komaandoo fi meeshaa waraanaa gurguddaa dabalatee mooricha dhukaasaan itti seenee University Wallaggaa weeraree akka jirus kanuma waliin gabaafama.

tiki wayyaanee ummataa fi barattoota yeroo gooltu

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Nannoo Adda Addaatti Haala Ho’aan Kabajame

Video

Amajjii 06,2012 Gabaasa Qeerroo,Finfinnee

Sabboontotni barattoota Oromoo fi hojjettootni yuunivarsiitii Haramaayaa sabboontota Oromoo naannoo waliin walitti dhufuun Amajjii 1, guyyaa waraana bilisummaa Oromoo haala ho’aan kabajanii jiru.Sabboontotni kun walitti dhufuun uffata aadaa Oromoo uffachuun shaamaa diimaa magariisa diimaa ibsuun eebbaan kan jalqaban yoommuu ta’u akeekaa fi seenaa Amajji 1,ittiin ayyaaneffatamu wal hubachiisuun ayyaaneffatameera.Ayyaana kana irratti diraamaa,baacoo fi walaloon garaa garaa dhiyaataniiru.Ganama guyyaa kanaa irraa kaasee ilmaan Oromoo bakkeewwan amantaa deemanis uffata aadaan guyyaan kun ilmaan Oromoof guyyaa kabajamaa ta’uu mul’isanii jiru. Tikni Wayyaanee guyyaan kun sabboontota Oromoon akka kabajamu bartee ganda keessa dabballootaa fi basaastota federaalota waliin gadhoostus qophii sabboontotni Oromoo duraan godhan daran waan caaleef ayyaana kana gufaasisuu hin dandeenye.Ilmaan oromoo uffata aadaa uffatan arganis mataa dhukkubsachaa oolaniiru.Sabboontontni Oromoo walitti dhufuun ayyaana kana ayyaaneffatan qabsoo bilisummaa ilmaan Oromoo ABOn durfamu yoomuu cinaa akka dhaabbatan murteessanii jiru.Ayyaana kana irratti qabsoo Qeerroon Oromoo itti jiru adda durummaan ba’uuf murtii dhumaa dabarsanii jiru.Qabsoo Bilisummaa oromoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachuun barattoota,barsiisota,daldaltoota,qotee bultoota Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo mara akka kakaasan irratti marii guddaa godhanii jiru.

University Arbaa Minci

Haaluma wal fakkaatuun Guyyaan waraana Bilisummaa Oromoo Sabboontota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Arbaaminciin ayyaanaffatamee jira.Ayyaana kana irratti sabboontotni Oromoo naannoo diinni dhaqqabuu hin dandeenye deemuudhaan marii cimaa gaggeessanii jiru.Qabsoo Bilisummaa oromoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachuun qabsoo akka finiinsanii fi dirqama dhaaabni itti kenne yeroo isaa osoo hin dabarsiin akka ba’an dubbatanii jiru.

Shaambuu

Haaluma wal qabateen Amajji 1,barattoota sadarkaa lammaffaa fi qophaa’ina mana barumsaa Shaambuun ayyaaneffatamee jira.Ayyaana kana irratti barattootni mana barumsaa fi koollejjii argamuun diddaa uummatni itti jiru adda durummaan milkeessuu akka qaban marii’atanii jiru.Yeroo ammaa kanatti hojiin dhaabni teknoolojii garaa garaa fayyadamuun odeeffannoo ilmaan Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo geessisaa jiru waan qabsoo kana saffisaan tarkaanfachiisu ta’uu dubbatanii jiru.Dhaabbilee barnootaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argaman adda durummaan akka kakaasan irratti walii galanii jiru.

Anaa Jaartee

Dabalatas,Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee keessattis Amajjii 1,Barsiisota Oromoon kabajamee jira.Barsiisotni ayyaana kana kabajan barattootni ilmaan isaanii dubbachuun dhiibbaa mootummaa garboomfattuu irraa barattoota keenyatti dhufuuf adda durummaaan kan falmu isaan ta’uu murteessanii jiru.Ayyaana kana haala ho’aan erga kabajanii booda hojii dhaabaa caasaa barbaachisuun hojjechuuf MAADHEE LAGA ALIIBOO 01 jedhamu jalatti wal ijaaranii jiru.Daldaltootni,barattootnii fi qotee bultootni qabsoo ilmaan oromoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachuun gumaata barbaachisu akka ba’an dhaammatanii jiru.

Magaala Gimbii

Kanumaan  wal qabateen Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Wallagaa Lixaa Magaala Gimbiin ayyaaneffatamee jira.Qeerroon Oromoo naannoo kanatti argaman hojii dhabdummaaa impaayera biyyattii keessatti babal’achaa jiruu fi hidhaa jumlaa ilmaan oromoo irraan gahaa jiru irratti mormii cimaa kaasuun namootaa fi dhaabbiileewwan garboomfattuu mootummaa Wayyaanee qabsoo ilmaan Oromoo gufachiisuuf dhaabbatan irratti tarkaanfii maayii fudhachuuf GAREE RAAWWII DAANDII BILISUMMAA “A” fi GAREE  RAAWWII  BILISUMMAA “B” jedhaman kanneen miseensota heddumminaan of keessaa qabanii fi gochaa Wayyaanee irraa roorroo ittisan caalaatti ijaaratanii jiruHaaluma wal fakkaatuun Guyyaan WBO yuunivarsiitii Finfinnee keessatti haala ho’aa ta’een kabajamee jira. doormii shamarrannii keessatti shaamaa diimaa magaariisa diimaa ibsuun uffata aadaa uffachuun kabajamee jira.Shamarran oromoo yuunivarsiitii kanaa gahee isaanii qeerroo waliin ba’uuf qophaa’oo ta’uu isaanii ibsanii jiru.

Lixa Shawaa

Godina Shawaa lixaa manneen barnootaa Geedoo,midaaqenyii fi Amboo keessatti haala ho’aan ayyaanefattamee jira.Dabalatas Ayyaanni kun Qeerroowwan Oromiyaa keessaan wal quba qabeenyaanii fi bilbilaan baga geessanii fi wal mariisisuun ayyaaneffatamee jira.Ayyaana kana irratti mariin erga gaggeeffamee booda waadaa walii seenuun ibsawwan ejjennoo armaan gadii kana baafachuun milkiin xumuramee jira.

University Adaamaa fi Kanneen Kaan

Akkasumas Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti barattootni Oromoo hidhaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru mormuun bakkeewwan galma abbaa gadaa deddeebi’uun kabajanii jiru.

Walumaa galatti Qeerroon Oromoo yuunivarsiitiiwwan Hawaasaa,Jimmaa,Amboo fi Gondar haala ho’aan kabajanii jiru.Akkasumas Godina wallagaa Bahaa Magaala Naqqamtee barattoota Koollejii Dibooraa fi yuunivarsiitiin kabajamee jira.Godina Horroo guduruu magaala kombolchaa keessattis ayyaaneffatamee jira.

Ibsoota Ejjennoo Ayyaana Guyyaa WBO irratti dhihaate kan naannoo garaa gara bal’aa waan tahee gara fuula duraatti dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Nuti dargaggoon Oromoo kan nu gabroomfatee darbee fi kan nu gabromfataa jiruuf harka hin laannu. Harka laachifna malee!

;;

Walaloon Gabaabaa kun Amajjii guyyaa WBO maadheeleen Qeerroo baha Oromiyatti kabajatan muldhisa.

Diddaa Qeerroo University Haromaya Dhaamsuuf Jecha Duulli Warrana Wayyaanee Itti Fufe.

Video

Diddaa Qeerroo University Haromaayaa fi Abdii Kutannaa Wayyaanee.

Video

(Qeerroo, Haromaayaa, Muddee 25, 2011) Ayyaana Sab-lammootaa Wayyaaneen qopeessite  akka yaadde tahuu dhabee University Haroomaayaa keessatti guyyaan ayyaana sanaa  Diddaa Qeerroo bakka bu’e.

Alaabaan OPDO buqqifamee(bu'ee) Alaabaan Gadaa Bakka Bu'e

Alaabaan OPDO buqqifame Alaabaan Gadaa Bakka Bu'e

 Muddee gaafa 24,2011 Albaan Wayyaanee fi OPDO bu’ee bakka isaa alaabaan Gadaa Oromoo fannifamee oolee jira.

Gootonni barattooti Oromoo guyyaa kana guutuu sirboota Warraaqsaa fi ABO akkasumas WBO faarsaniin diddaa isaanii guutuutti muldhifataa turan.

Humni Waraana Wayyaanee diddaa kana dhaamsuuf gara University Haromaayaatti habobba’u iyyuu malee tasa itti milkaawuu dhadhabe.

Qeerroon yeroo ammaas diddaa isaanii itti fufanii kan jiran yoo ta’u, humnooti tikaa Wayyaanee immoo diddaa Qeerroo kana  maal akka godhan wallaalanii walfalmaa akka jiran beekamee jira.

Tika Wayyaanee mootummaa isaanii irraa abdii dhaban

Qeerroon Oromoo roorroon itti hammaate walleelee warraaqsaa fi sirboota gootaan tokkummaan ka’anii alaabaa diinaa buusanii bakka isaa kan gadaa Oromoo gurraacha adii diimaa buusuun ayyaana Wayyaanee qindeessite jalaa fashalchiisanii oolan.

TV n Ethiopia fi raadion Wayyaanee ayyaana sabaaf sab lammootaa kana irraa olola tolfachuuf kan naannoo sanitti bobba’e qaanyuu guutuun of irra galagalee deebi’uun gabaasi Qeerroo Haromayaa addeessa.

Alaabaan OPDO buqqifamee(bu'ee) Alaabaan Gadaa Bakka Bu'e

Alaabaa Abbaa Gada

Guutummaa sochii kanaa tahuu baatus hanga tokko sagalee fi suuraan akka armaa gadiitti dhiheessina. Video n waraabame waan humni interneetaa nuu rakkeef ammatti irra oollee bullee nu darbuu hin dandeenye.

Hidhu Qeerroo Yeroon Ammaa

Video

Land Grabbing in Oromia, New Documentary Video

Video

Ballammii hin falaxani,maaliif teessa dargaggoo lammaffaa hin dhalatani.

Video

Land Grabbing In Oromia [Must Watch] Part II

Video

Land Grabbing In Oromia [Must Watch] Part I

Video

Samamuun ykn Qircamuun  lafa Oromiyaa  garamitti nu baasuuf deemaa?

“Dachiin Oromiyaa gurguramee Oromoon garba garbootaa tahaa jira, jennee yommuu  iyyinu,diddaa qabrummaaf hidhamaa fi ajjeefamaa wareega kafaluun keenya  siyaasa ijoollummaan(Qeerrummaan) machoofnee miti…. Dhugaa argaa jirru dha malee. Sabni keenya Oromoon booda gaabbii akka nutti hin taane ammaan Oromiyaa fi Oromoo baraaruuf jecha sosso’aa  jenna!!”  ( yaadaa fi dhaamsa walgahii qeerroo bilisummaa irratti kenname)

Suuraalee fi Video kun  qaamaa qalbiin laalamee haala biyyi keenya keessa jirtu ittiin hubachuun dandayamu.

Mootummaan Wayyaanee TPLF s yeroo ammaa kanatti Oromoo fi Oromiyaa abbaa dhabsiisuuf duula guddaatti jira. Dachii Oromoo yeroo ammaa kanatti akka qircaatti mummuramanii investerota alagaatti gurguramaa jiranii fi laggeen Oromiyaa summayanii namaa fi beelada irratti rakkoo dhukubaa fi du’aatiin gaga’aa jiran akkasumas dachii Oromootaa sababa kanaan goganii ummanni irraa buqa’aa jiru qormaata irratti kan hundaaye waraabamee bifa video fi suuraan wal jalaa boodaan website fi facebook qeerroon ifatti  baasa.

Ummanni Oromoo qalbiin suuraalee fi videota maxxanfaman ilaaluun rakkoo Oromootaa fi biyya Oromiyaa akka hubatuu fi qabsoo diddaa gabrummaaf murteeffatu gaafanna.

Oromiyaa haa hambifannu!!  Ummata Keenya Oromoo haabaraarru!!!

Dinne Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!!