Irreecha Bishooftuu fi Hirmaannaa Sabboontotaa

Video

Sabboontonni Oromoo Ayyaana Irreecha Oromiyaa Irratti ” Akkasii miti akka WBOn jedhe sani” Jechuun Dhaamsa Dabarfatan.

Video

“Akkasii miti akka WBOn jedhe sani”

Gabrummaan hammaatee roorroon fala fidnaan sabboonti Oromoo kitilaan lakkaawaman mirgaa eenyummaa fi biyyummaa Oromoof jecha wareegama qaqaalii kafalaa yoonaan gahanii jiru.Qabsoo hadhaawaa baroota dheeraa godhame keessatti karaa nagaa mirga Oromummaa fi abbaa biyyummaa argamsiisuuf carraaqii Oromoon godhe waan laayyoo hin turre,milkoomminni qabsoo karaa nagaa argachuun biyya Ethiopia jedhamu keessatti abjuu ta’uu irraan kan ka’e qabsoo hidhannoo itti fufee roorroo saba ofii irraa falmuuf gootonni Oromoo qabsoo godhaa akka jiran beekamaa dha. Har’a abdiin saba Oromoo fi gaachanni ummata Oromoo WBO dha.Kun ammoo ummata Oromiyaa keessaa fi kanneen biyya alaa jiraniif abdii fi wabii dha.

Yeroo ammaa Oromoon akka sabaatti mirga isaa kabachiisuu hin dandayu mirga Oromoof wabii ta’ee kan argamsiisu warra TPLF ykn ammoo Gimbot 7 jechuun jaarmota halagaa jala deemuu diduun Oromoon Oromiyaa jiru guutummaatti halagaa jala deemuu mormuu fi diddaa sanii dhageessisuuf jecha Oromoota mirga Oromoo halagaa jalaan arganna jedhaniif dhaamsa video kana irra jiru dabarsanii jiru.

Innis kan jedhu ” Akkasii miti akka WBOn jedhe sani” jechun  Oromoon saba of dandayee fi ittisa qabu ta’uu isaa irreecha Bishooftuu Onkoleessa 30,2012 irratti mirkaneessani jiru.

 

Gaafa Ayyaana Irreecha Ganama Haala Bishooftuu Ture

Video

Raadiyoo Simbirtuu Hagayya 30,2013

Video

Seife Nebelbal Radio Program, Interview with Lubee Birruu

Video

Waraqaaleen dhaadannoo Magaalota Oromiya a bakkoota gara garaa keessatti Qeerroon bal’inaan maxxanfame

Video

Hagayya 27,2012 Finfinnee
Waraqaan dhaadannoo fi hubannoo siyaasaa kennan Oromiyaa keessatti bakkeewwan gaa garaa keessatti Qeerroon maxxanfaman.Dhaadannoowwan
1. Hidhaa fi ajjeechaan gaaffii mirgaa dhaabuu hin dandaan
2. Qeerroon Oromiyaa bilisoomsuuf wareegama kamuu ni baasa
3. Oromiyaan ni bilisoomti
4. Garboomfataan ni kufa
5. Oromiyaan kan oromooti
6. Mirgi amantiilee haa kabajamu
7. Bilisaan dhalatanii garboomuun salphina
8. Bilisummaa fi Walabummaa ilmaan oromoo gaggeessuuf warraaqsa uummataa gaggeessuun murteessaa taheera
9. Lama duuun salphina
10. Qeerroo imaanaa ilmaan oromoo baasuuf kai!
Kanneen jedhan magaala Finfinnee,Amboo,Sabbataa,Dirree Dawaa,Adaaa Bargaa,Gimbii,Ayiraa fi Adaamaa keessatti dhaabbilee barnootaa fi bakkeewwan uummatni haalaan dubbisuu dandautti maxxanfamanii jiran.Waraqaalee maxxanf amaniin uummatni oromoo dammaqinsa guddaan kan kaaa jiruu fi haamileen itti horame yoommuu tahu mootummaan wayyaanee dhiphuu jabaa keessa seenee jira.Waraqaalee maxxanfaman waraanni mootummaa wayyaanee hedduu kan dhiphatee fi funaansaaf bobbauun dhiphachaa jira.
Alaabaan ABOs magaalotaa fi konkolaattota magaalaa irratti fannifamuun magaala Finfinnee fi Adaamaa keessatti ABO seenee waan jiruuf waraanni mootummaa wayyaanee dhiphate.Alaabaan ABO ibsituu ilmaan oromooti,Alaabaan ABO ifa bahuu qaba jechuun Alaabaan fannifamee jira.Alaabaa Konkolaattota duubaan fannifamanii magaala Finfinnee keessa wayita balaliianitti wayyaaneen haala yeroo waliin dhiphuu jabaa keessa seenee jira.Alaabaan ABO Oromiyaa irratti hanga balaliiutti qabsoon hadhaa akka gageeffamu qeerroon irbuu seenee jira.

Muumichi Ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zeenaan Dhukubsachuu Irraan Kan Ka’e Adduunyaa Kana Irraa Boqochuu ETVn Gabaase.

Video

Hagayya 21,2012 Finfinnee
Muummichi Ministeera biyya Itiyoophiyaa adduunyaa kana irraa boqochuun isaa erga dubbatamuu eegalee torbaanota lakkaayee ture,haata’u waan dhokatee hafu waan hin jirreef Obbo Mallasaan buqochuu isaanii ETVn har’a gadi baasee ibsa itti kennuun beekama.
Haalli kun biyya Oromiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti jijjirraa siyaasaa jabaa fida jechuun ummanni haalaan irratti mariyachaa jira.Caasaan mootummaa Wayyaanee martuu shororkaayee kan gaafa Mangistuu H/Mariyam biyya gadhiisee bahee san fakkaata.Haalli kun jijjirraa fidee sabaa fi sablammoota kamiifuu Bilisummaa fi Walabbummaatti akka fullaasuuf jecha irratti hojjechuun yeroon isaa amma.
Sirni mootummaa Waayyanee harca’aa jirus jijjirraa hudee qabu fiduuf kan tattafatu hin fakkaatu kanaafis qophii osoo hin taane aangoo irratti of jabeessuuf aanjaa addaa soqachuu waan hin dhiifneef ummanni kana irratti yaada kennachuu fi amma irraa itti of qopheessuun karaa dha.

http://youtu.be/c3ioMggZsPI

Ona Limmuu Galiilaa Keessatti Investerooti Wayyaanee Ummata 300 ol Lafa Irraa Buqisanii Kanneen Turan Ifiis Buqa’an

Video

Hagayya 20,2012 Naqamte.
Godina Wallaggaa Ona Limmuu Galiilaa Bakka Harqambee jedhamu irraa qonnaan bultoota Oromoo 300 qe’ee irraa buqisuun gumaati ykn kaasaan tokko osoo hin kafalamiiniif qe’ee alakilii fi abaabiliin irra jiraatan irraa buqisuun qabeenyummaa ofii jala kan dhuunfatan inveesiterroota Wayyaalee lama irratti humni addaa WBO tarkaanfii fudhachuun gabaafame.
Hagayya 18,2012 Inveesteroota maqaan isaanii Abajjee Xilaahun fi Tarikuu Bayyanee kanneen jedhaman irratti humni WBO tarkaanfii fudhateen ummanni naannoo fi kanneen qe’ee isaanii irraa buqa’anii rakkoo fi gidiraa argaa turan gammachuu isaanii wallee fi sirbaan akka muldhisaa oolan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Godina Wallagaa keessatti yeroo adda addaatti tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu irraa kan ka’e abootiin qabeenyaa Wayyaanee hedduun naannicha gadhiisanii akka bahaa jiran gabaasi qeerroo addeessa. Ummanni naannoo jirus haala kanaan mirqaansuu fi gammachuu akka qabu beekame.

http://youtu.be/4Ue1Lxxvd1Y

Qophii Simbirtuu-16 Hagayya, 2012

Video

TV OROMIYAA MAGAALAA TORONTOO HAGAYYA 13, 2012

Video