Diddaa Deemsifamaa Jiruun Wal Qabatee Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Cooraa Keessatti Uummatni Walgahii Wayyaanee Lagate.

Aside

Sadaasa 09,2012 Mattuu

Diddaa biyyattii keessatti adeemsifamaa jiruun wal qabataee Godina Iluu abbaa booraa aanaa Cooraa ganda Abdallaa keessatti uummatni oromoo wal gahii olola mootummaa wayyaanee lagate.Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataan kan wareere ilmaan oromoos mana hidhaattu guuruun isintu diddaa qindeessa jechuun rakkisaa jiru.Bulchinsi ganda Abdallaa Obbo Muddin Maammoo Wayyaanee waliin harka walitti hidhachuun ilmaan oromoo naannoo kanaa gara mana hidhaatti guursisaa jira.Ilmaan oromoo 1. Sheik Kadir Ismaael 2. Obbo Mohaammed Kadir 3. Dargaggoo Shaafii Bayyanaa fi 4. Obbo Daawud Sheik Kadir Jedhaman mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa Sirna wayyaanee keessatti hiraarfamaa kan jiran yoommuu tahu Obbo Muddin Maammoo gochaa hojii diinummaa irraa hin dhaabbatu taanaan tarkaanfiin hojii isaa madaalu akka isa eeggatu qeerroon aanaa kanaa dhaamee jira.

Godina Shawaa Lixaa Keessatti,Hojjettooti Mootummaa Oromummaan Yakkamuun Hidhaman

Aside

Sadaasa 05,2012 Finfinnee

Shirri mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan hin dhaabbanne Godina shawaa lixaa magaala Amboo keessatti hojjettoota bulchinsaa kan tahan isin ABO waliin hidhata qabdu,Qeerroo ijaaraa kan jiru isini jechuun mana hidhaatti guuraa jira.Iccitii mootummaa fi karoora mootummaas isintu saaxila jechuun gara mana hidhaa mootummaa Wayyaanee maaikelaawwiitti fudhatamuun dararamaa kan jiran yoommuu tahu isaanis:-

1. Obbo Sintaayyoo Tarrafaa hojjetaa bulchinsaa

2. Obbo Warquu Hambisaa Hojjetaa Bulchinsaa

3. Obbo Biraanuu Fiqiruu Hojjetaa bulchinsaa

4. Barsiisaa Gammadaa barsiisaa Ogummaa fi Teeknikaa yoommuu tahan

Dargaggoo Moosisaa Imaanaa fi Dandanaa jedhaman mootummaan Wayyaanee mana hidhaattu erga ukkaamsitee bakka buuteen isaanii waan dhibameef warri isaanii wayita gaafatanitti mana hidhaattii bahee bade jechuun uummatatti kijibaa jiru.Mootummaan wayyaanee diddaa biyyattii keessatti deemsifamaa jiruun dura dhaabbachuu kan dadhabe yoommuu tahu Poolisoota Oromiyaa irratti diddaa deemsifamaa jiru dura akka dhaabbatan dirqama jabaa itti kennuu odeeffatni Poolisii Oromiyaa keessaa saaxilee jira.Hanga Bilisummaa biyyaa fi Uummata keenyaa gonfannutti wareegama kamuu baafnee gaaffii mirgaa ni kaasna jechuun qeerroon dhaamee jira.

Sadaasa 9: Guyyaa FDG – Fincila Diddaa Gabrummaa

Aside

http://www.gadaa.com/GadaaTube

QEERROON ,QEERRANSA TA’UUN AMMA !!!!!

Aside

Y.G(2005)

Appaartaayidii Ingilizootaan durfamu fi meeshaa hammayyaan deeggaramaa ture san, kan akka hurrii seenaa taasisee kan hanbise Dargaggoota ykn barattoota Afriikaa kibbaatii . dhaabni hara Afriikaa Kibbaa Bulchaa jiru yeroo qabsootti jiru , Qawwee tokkollee of harkaa hin qabu jechuutu dandaama. Garuu Ummata keessa gadi seenanii addatti, Dargaggoota keessa seenanii hojii boonsaa hojjataniin, Dhaloota Barnooti fi jireenyi Bilisummaa booda jedhu uumanii , humna jaarraa tokkof oliif irra ture konkolaachisanii jiru.

Warri Ingilizii yeroo sana, humna guutu Biyyaatti ala takkaan kaee akka Qeerranssaa itti utaalaa ykn fiigaa jiru kana dura dhaabbachuu yaadanis , hojiidhaan mulisuu hin dandeenye. Keessa isaanitti Abbaa Biyyuummaa warra gurraachaa ni fudhatu turan. Garuu hanga humni isaan sodaachisu argamutti, biyyatti qorquu waan barbaadaniif ilaallachaa sirbaa turan. Humni Ummataa yeroo jabaatu hegaree isaaniif yaaddauu qofaa odoo hin taane, Qabeenyaa harka 99 tuatanii jiran dhabuus waan hin feeneef , Abbaa biyyuummaa warra gurraachaa liqimsanii waliin jiraachu filatanii dhibee malee jiraataa jiran.

3FFAA=QEERROON,QEERRENSA TA’UN AMMA !.docx

SBO Sadaasa 04 Bara 2012

Aside

Kan Taa’u Hin Gufatu….Walaloo

Aside

Kan Taa’u Hin Gufatu.
Qabsoo Bilisummaaf waadaa seente eegdee,
Jireenya dhuunfaa kee kan sanaaf wareegde.

Yaa qabsaawaa haqaa kan sabaaf dhaabattuu,
Hamilee kee hin tuqin gochi ayyaan-laallattuu.

Hanga ergama kee kabajaan raaw’attuu,
Obsaan tarkaafadhu gufuunis baay’attu.

Guggufachuun kan kee sossoha keeti ibsaa,
Yoo irraa waa baratte duranaaf si cimsaa.

Kan warraaqu malee Kan Taa’u Hin Gufatuu,
Sammuu yaadu malee dhagaan hin hubatu.

Gurra irraa cufadhu warra taa’ee fagu,
Yeroo kee qisaasuu, hojii kee si daguu.

Isaan qabsoo dheeffa bakka oduu reebanii,
Ati hojiidhaan qolchi isaan haa xeebanii.

Malkaa Caffee
Sadaasa 2012
Malkaacaffee@gmail.com

Qeerroon Barana Maal Jedhee?

Aside

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Barsiisaa Dhaabaa Ejjetaa Koollejjii Ogummaa fi Teeknikaa Amboo Keessaa Ukkaamsee Mana Hidhaatti Darbe

Aside

Sadaasa 03,2012 Amboo

Araada ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan qabu Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessaa barsiisaa Koollejjii ogummaa fi Teeknikaa kan ta’e Barsiisaa Dhaabaa Ejjetaa mana hidhaatti ukkaamse.Barsiisaa Dhaabaa Ejjetaa barsiisaa dandeettii barnootaan jabaa tahee fi barattootaan jaallatamu tahuun Wayyaanee biratti hojii siyaasaa hojjetta jedhamuun yakkamee mana hidhaatti akka darbamu taasisee jira.Mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattootaa fi barsiisota ilmaan Oromoo tahan addatti gara mana hidhaatti funaanuu kan amaleeffate ammas itti jira.Gaaffiin mirgaa biyyattii keessatti finiinee Wayyaanee cinqaa jiru hanga deebii argatu jabaatee akka itti fufus Qeerroon magaala Amboo dhaamee jira.Gaaffii mirgaa kan bilisummaa gaafachuu irraa shirri mootummaa wayyaanee qeerroo dhaabuu hin danda’u.Ilmaan Oromoo Golee Oromiyaa mara keessaa gaaffii bilisummaa kaasuu akka qabnus Qeerroon dhaammata.

Lammiileen Oromoo Guyyaa Alaabaa Wayyaanee Kabajuu Didan.Sababa Kanaanis Saboontoti Hidhaman.

Aside

Sadaasa 03,2012 Finfinnee

Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessatti mootummaan wayyaanee guyyaa alaabaa hin kabajne jechuun ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaasaa jira.Lammiileen Oromoo 1. Obbo Tamasgeen Tarrafaa 2. Geetuu Oljirraa Jedhamana tika mootummaa Wayyaaneen yakkamanii qabamuun gara mana hidhaa Wayyaanee magaala Ambootti erga fudhatamanii booda Onkoloolessa 01/2012 halkan saa 7:00tti mana hidhaa sanaa fudhatamuun bakka buuteen isaanii dhabamee jira. Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa jala dhaabbachuu kana dadhabe Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Cooraa keessaa lamiileen Oromoo 1. Sheik Ahmed Mahaadii 2. Ibraahim Ismaael 3. Taaddasaa Gaaromaa 4. Ziyaad Umar Jedhaman namoota maqaa isaanii hin arganne 15 waliin uummata Oromoo keessa deddeemuun uummata waaee siyaasaa barsiisaa jirtu,Qeerroo ijaaraa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa uummata irraa dhiyaatu dura dhaabbachuu dadhabuun ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Qeerroon akeeka gootawwan keenyaa hanga galmaan geenyu shirri Wayyaanee haamilee nu hin kutu jechuun diddaa jabeessaa jira.

Kana maleen Godina Wallaga aanaa Qeellam Anfilloo fi Horroo Guduruu Shaambuu,Gimbii magaalaa fi Innaangoo bakka jedhamuu Oromoonni hedduun guyyaa alaabaa kabajjuu diddan,irreessa Bishooftuu 2012 deemtanii dirqama ABO fudhattanii naannootti deebitanii jirtu jechuun akka hidhaa galan gabaasi naannicha irraa har’a nu gahe addeessa.Maqaa namoota kanaa akka qeerroo gaheen gabaasa.

Raadiyoo Seife Nebelbal,Simbirtuu fi TV Toronto

Aside

Seife Nebelbal Radio Program, Interviews ONLF and OLF Reps

Raadiyoo Simbirtuu

TVOMT: News, War on Religions or War on Oromos?