Ibsaa fi Wamichaa FDG Qeerroo Bilisummaa Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa.

Aside

Sadaasa,09,2012 Jimma

Qabsaaan ni kufaa Qabsoon Itti Fufaa, Mataa dureen keenyaa Goototaa Oromoo armaan olii kanaa Yeroo yaadannuu Gaddaa guddaatu nutty dhagaahama, Gaddaa Goototaa keenyaa tauufii nuti dhagahamuun qoftii gahaa mitii, Kaayyoo isaan irraattii wareegamaan galmaan gahuuf harka walqabannee kauutu, gara furmaataatti nu geessaa,

Kanaaf yaa ummataa Oromoo Bakkaa hundattii Harka walqabannee haa kaanuu, sagalee tokkoon gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaa jabeesinee itti Haa fufnu, Gaffiiwwaan armaan gadii akka dhaadannoottii Oromiyaa Bakkaayyuuttii kauu qaba,

1. Sadaasaa 9/2005 Yaadannoo FDG ilaalchisuun Ibsaa Addi Bilisummaa Oromoo Kennee ni deggaarraa, cinas ni dhabbaanna , fiixaan baasuufis jabeessinee hojjenna.

2, Nuti hiree keenyaa murteeffaachuuf enyuun iyyuu eyyamaa hin gaafannuu, kanaaf tokkummaan kaanee gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa keenyaa ni gaffanna.

3, Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaaniif manneen hidhaa biyyaa kanaa garaagaraa keessaattii hidhamanii dararamaa jiran haa hiikaman.

4. Gaaffiin Ummataa keenyaa Haa kabajamuu.

5., ABOn Gaachaanaa Ummataa Oromooti, Qabsoo Addi bilisummaa Oromoo godhuu daran jabeessuun FDG bakka Oromiyaa keessaattii qabatee dhaamuu didee waggaa torba lakkofsisee jiruu cimsuun hangaa Bilisummaa keenyaa gonfannuttii Qabsoon bifa Qindaaeen Itti Fufa.

6,, Warraaqsaa Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiru keessaa nuti qama isaa tokkoo fi Abbaa dhimmaa waan taaneef Dimokiraasii dhugaa hara addunyaan leellistuu Biyyaattii keessaattii fiduuf Qabsoon karaa nagaa Qeerroon gaggeessaa jirruu jabeessinee itti fufuun abbotii irree ummataa irraa kaasuuf bifa qabsoo walittii fufinsa qabu ni gaggeessina.

7,. Gaffiin Ummataa Oromoo Bakkaa Hundatti Jabaatee Itti Fufuu Qaba, Keessaattuu yeroo Ammaa kana ummaannii keenyaa qeeeef qabeenyaa isaa irraa buqqaee jiruu fi jireenyaan gadoo taee rakkoo hamtuu keessaa waan jiruuf gaaffiin mirgaa abbaa lafummaa ummataa keenyaa haa mirkaneeffamu.

8, Maqaa Investimeentii tiin Oromiyaa Bakkotaa Garaa gara irraa ummataa keenyaa irraa lafa saamuun nurraa haa dhaabbatu,

9.Dhaabni maxxannee wayyaanee OPDOn Mirgaa saba keenyaa dabarsitee gurguruu qofa malee ofiif iyyuu Aangoo hin qabduu waan taeef ilmaan oRomoo dogoggoraan OPDO duukaa hiriirtanii jirtaan gara qabsoo saba keessaanittii deebitaani buaa uummataa keenyaaf gamtaan akka falmanuu wamichaa goona.

10 Sabootaa fi sab-lammotaa Biyyaattii hiree walfakkataa qabnu waliin qabsoo fincila diddaa garbummaa waloon ni gaggeesina .

11. Humnonnii poolisaa, humni hidhataa fi humni ittisaa biyyaa gartuu siyaasaa EPRDF kan dhaabbattaan utuu hin taiin Ummataa keessaaniif akka dhaabbataan , Ummataa ijaa tokkoon akka ilaaltaan meeshaa hidhattanii jirtanis gara mootummaa abbaa irree EPRDFtti akka nanneesitaan cimsinee isin gaafanna.

12, Mirgii Amantii hundaa wal qixaa akka kabajamuu ni qabsoofna. Yeroo kanattii mootummaan abbaa irree EPRDF mirgaa antaa musilimaa sarbee waan jiruuf mirgii amantaa Muslimaa akka kabajamuuf qabsoo barbaachiisuu ni taasisfna. Jechuun Koreen Hoggaansaa Qeerroo Bilisummaa Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Ibsaa baasen ergaa guddaa Ummataaf dabarsee jira.

Injifannoon Ummataa Oromoof!.

Gadaan Gadaa Bilisummaati.

Sadaasaa 8/2012.

“Gaaffii birmannaa barbaadu” Qeerroon Kumaatamaan Mana Hidhaa Wayyaanee Keessatti Miidhamuun Maaliifi?

Aside

http://www.youtube.com/watch?v=4GqIbmteTZg&list=UU6p7SHCPXz9qiA1CkBjLxWQ&index=49&feature=plcp

Qeerroon Barana Maal jedhee?”Tokkummaa Oromoo fi Bilisummaan Waadaa Keenya”

Aside

Qeerroon Bilisummaa lammiilee Sidaamaa Hojjettootaa fi Barattoota ta’an waliin walitti dhufuun dhimma Qabsoo bilisummaa irratti marii godhee milkiin xumure!

Aside

Sadaasa 07,2012 Hawaasaa
Hojjettootni mootummaa magaala Hawaasaa keessa jiran hojjettoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma Qabsoo Bilisummaa irratti marii gaggeessan.Mootummaan Wayyaanee uummata biyyattii keessa jiran irratti cunqursaa,hacuuccaa,hidhaa fi ajjeechaan inni gaggeessu tokkummaa uummata cunqurfameen dhaabbata dhaadannoo jedhuun hojjettootni kunneen
marii isaanii kan jalqaban koree gaggeessituu warraaqsaa erga dhaabbatanii jiru.Mootummaan Wayyaanee wayita tasgabbii dhabee fi amanamtoota bara dheeraa isaa irraa amantamummaa dhabetti carraa balaan banamee kan jiru ibsuun hojjettootni kunneen caasaa mootummaa
Wayyaanee ilmaan Oromoo fi Sidaamaa kamuu keessa seenuun jabinaan hojjetamuu akka qaban irratti walii galanii jiran.Dhalatanii duuun wayita hin oolletti diinaaf kurkuraa kan jiraatan hubachiisuun gara Qabsootti akka deebisan irrattis marii jabaa godhanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Hawaasaa fi Barattoota Sidaamaa walitti dhufuun dhimma Qabsoo irratti mariiatanii jiran.Tokkummaan hojjechuun garboomfataa mootummaa Wayyaanee jalaa bahuuf kutannaan hojjetamuu akka qabu walitti dhaammachuun
Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti qofaa osoo hin tahiin yuunivarsiitiilee fi dhaabbiilee barnootaa kam keessatti tokkummaa fi mariidhaan diina waloo of irraa cabsuuf akka hojjetamu irratti walii
galuun ibsa ejjennoo gamtaa armaan gadii kana baafatanii jiru.
1. Mootummaan Wayyaanee diina waloo waan taheef diina keenya gamtaan buqqisnee biyya keenya irratti murteessuu fi bilisummaa uummata keenyaa argamsiisuuf yoomuu kam caalaa hojjechuuf waadaa sienna
2. Hojjettoota mootummaa,Barattoota,Daldalaa,Qotee bulaa mara sabawwan cunqurfamoo ijaaruun,qindeessuun gaaffii mirgaa akka gaafatan ni hojjenna
3. Mootummaan Wayyaanee abbaa irree tahuu hubachuun walitti dhufnee marii kan gaggeessuun seenaan yaadatamee hojii seenaa qabeessa akka tahuuf dirqama keenya haala kam keessattuu ni baana
4. Wayyaanee fi jala deemtotni isaanii hundeen buqqaanii uummatni biyyattii keessaa bilisummaa fi ofitti amanamummaan hanga jiraatanitti qabsoo keenya itti fufna
5. Bilisummaan biyya keenyaa mirkanaaee hidhamuun,saamamuun,ariiatamuun hang dhaabbatu qabsoo jalqabame itti fufna.
6. Ilmaan sabawwan cunqurfamoo mirga isaanii gaafachuuf wal qabatanii lafaa akka kaan irratti hojjenna. Ibsawwan ejjennoo armaan olii kana baafachuun yeroo hundaa bilisummaa mirkaneeffachuuf haala kam keessattuu irbuu tikfachuun akka hojjetan irratti walii galanii jiran.

SBO Sadaasa 7 Bara 2012

Aside

Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) Hanga Bilisummaa Oromiyaatti Jabaatee Itti Fufa (Ibsa ABO)

Aside

Sadaasni 9, bara 2005, labsa Adda Bilisummaa Oromoo irraa dhihaateen guutuu Oromiyaa keessatti fincilli diddaa gabrummaa bifa duraanii caalaatti qindaawaan guyyaa itti labsame dha. Hará Sadaasa bara 2012 irra dhaabbannee waggaa torbaffaa labsii FDG kanaa yaadachaa jirra.

Sadaasa 9, bara 2005 fincilli kun maaliif bifa qindaawaan labsame? Gaafas haala akkamitu ture, hará hoo haala akkamitu harkaa nu qaba? Fuulduraaf hoo maaltu mala? Gaaffiilee kana gabaabsanii deebisuun barbaachisaa taha. Ummanni Oromoo diina irratti kan finciluu eegale akkuma humna qawweetiin cabee jilbeenfachiifameen ture. Fincilli diddaa gabrummaa Sadaasa 9, bara 2005 wayta labsametti Itoophiyaa keessatti oduun belbeltuun dhimma itti baha filmaata wayyaanee bara sanitti geggeeffamee turee ti. Filmaata sana keessatti sagaleen Oromoo ukkaamamaa ture. Sagaleen humnoota siyaasaa filmaata san keessatti aangaée dhagahamaa ture sagalee paartii biyya bituu fi kan dhaaba mormituu barasii ‘Qinijjit’ jedhamuu qofa ture. Bahii filmaataa irratti wal falmiin humnoota kana lamaan gidduu ture QBO waggoota kudhanootaaf geggeeffamaa ture irratti gaaddiddeesse. Gaaffiin siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru kanuma humnoota lamaan filmaata irratti hirmatanii qofa akka tahe fakkeesse. Falmaan qabsoo fi sagaleen diddaa ummatoota cunqurfamoo ni ukkaamame.

Guutuu ibsa kanaa:-

Afaan Oromoon :- Waggaa 7ffaa Fincila Diddaa Gabrummaa.pdf

Afaan Amaaraan:- FDG-Amharic.pdf

TVOMT: Haala Yeroo Irratti Obboo Johar Mahammad Waliin Haasaa Taasise

Aside

“First they ignore you, then they laugh at you, then they fight you, then you win.” Mahatma Gandhi

Aside

“Isin Yaamti Harmeen” Sabboonticha Artist Kadir Martuu

Aside

Sabboontichi Artist Kadir Martuu  walakkeessaa bara 2012 irratti biyya ollaa Oromiyaa keessaa humnoota tika Wayyaaneen qabamee badii tokkoon mana hidhaa Ma’ikalaawwiitti darbame. Baatii darbe keessa mana hidhaa keessaa erga bahee Qeerroo Oromiyaa fi ummata isaa jaallatu Oromoo waliin ayyaana irreechaa 2012 irratti aramuuf carraa argate,sabboontota baadiin Saglan Booranaa waliin walleelee warraaqsaa jajjabduu wallisuun dirqama lammummaa bahanii jiru,kanneen wallifame keessaa qicnee kan K.Martuu isin yaamti harmeen jedhu kuno…

Wallaga,Aanaa Anifilloo Keessatti Diddaan Ummataa Jabaatee Daandiin Konkolaataa Cufame

Aside

Sadaasa 05,2012 Naqamte

Gabaasaa Qeerroo Qellem,Anfilloo irraa haaluma arman duraa irraa adda kan taanee haala raafamaa fi sodaa mootummaan wayyaanee ona sana irratti qabuun wal qabsiisee har’a Sadaasa 4 addeessuun sadaasa 1 kaasee dargaggoota fi uummata isaaf amanamoo ta’an walitti waamuudhaan walgayii adeemsisaa turuun akkasuma itti fufee akka adeemsifamaa jiru gabaasaan Qeerroo addeessa.Dhimmi walgayii isaanii kunis haala sochii ABO ilaalchisee biyya keessatti hojii gaggeessa jiru keessattuu kunoo miidiyaa isaaniitiin haala sochii mootummaan keenya qabu kan aanaa keenyaa kana miidiyaadhaan darbaa jira, kun ammoo qaama biroo osoo hin taanee nu keessaa kan ABOdhaaf basaasaa jirutu jira, kana akkamitti qorannoodhaan bira geenya, kana qofa miti kaayyoo mootummaan diriisree jiru ammallee fesheleessuuf sochiin isaanii jabaataa jira haala kana irratti hammam qophii qabdu jedhuun walgayii kana irratti mata duree godhatanii gaggeessaa akka turan gabaasaan addeessa.Itti fufee Sadaasa gaafa 3 ona Anfilloo ganda Suddii jedhamu keessatti nama maqaan isaa Abbush jedhamu loltoota Wayyaaneen qabamee mana hidhaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Kana malees daandiin konkolaataa ganda sana keessa darbee gara Gambeelatti geessuu uummataan cufamee konkolaataan akka hin dabarree ta’eetu jira,kana qofa osoo hin taanee dargaggoonnii fi uummanni aanaa sanii walii galatti mootummaa balaaleffachuu irraan kan ka’e Sadaasa bultii 3 irraa kaasee waraqaa mallattoo dhaabaa qabu babarreessuudhaan suuqii, mana barnootaatti maxansuudhaan, waajjiralee garagaraa biratti agarsiisaa akka jiran gabaasaan addeessaa jira. Akka gabaasaa Qeerrootti sochiin uummataa fi dargaggootaa barattoota waliin daran aanaa Anfiloo irratti jabaachaa akka jiru gabaasaa hima.
Qabsoon itti fufa!!Gabrummaan ni kufa!!