Diddaan Ummata Oromoo Godina Ilu Abbaa Booraa Itti Fufe.Qeerroon Waraqaa Waamicha FDG Baldhinaan Facaase.

Aside

Amajjii 06,2013 Mattuu

OromiaALutaContinua2011FDGGaafa Amajjii 04 fi 05,2013   Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Baddaallee fi Magaalaa Baddaallee, Dhiddheessaa, Cooraa, fi Huruummuu keessaatti diddaan Ummataa Jabaatee itti fufe. Sababiin diiddaa ummataa kaase keessaa dabballoonni Wayyaanee maqaa walgahii dhimma nageenyaa fi buusii hidhaa laga Abbayyaa jedhuun ummata walitti qabuuf yeroo yaalanitti ture.

Hidhaa laga Abbayyaa sababa jedhuun daldaluu fi ummatas hiraarsuun yeroo muummicha ministera duraa Mallas Zeenaa lubbuun jirutti ture kana booda waayeen hidhaa laga Abbayyaa ololaa fi karoora dulloomaa waan ta’eef isin hin dhageenyu jechuun ummanni dabballota Wayyaanee irratti ka’uu gabaasi Qeerroo godinicha irraa nu gahe addeessa.

Kana malees dabballoonni Wayyaanee miseensota OPDO ta’anii dammaqiinsa eenyummaa fi siyaasaa hin qabne yaadota dulloomaa mootummichi ittiin ummata bitaa jiruun karoora Mallasaa bakkaan geenya sababa jedhuun ummata hiraasan iyyuu ummanni naanncha garuu karoorri Oromootaa kan bilisummaa fi walabummaa dha jechuun harkatti didaa akka jiran qeerroon gabaasa.

Naannuma kanatti    Amajjii 4,2013 irraa egalee Waraqaan Waamichaa FDG Qeerroon qopheessee magaalaa Baddaallee aanaa Baddaallee, Dhidheessaa, Cooraa,  Hurruummuu, Mattuu, Yuunivarsiitii Mattuu fi Koolleejjii barsiisotaa Mattuu keessaa facaafamuu egalee jiraachuu Qeerroon godinichaa gabaasee jira. Ibsa waraaqaa qeerroo kana keessaattii barreeffaamonnii baratootni Yuunivarsiitii Finfinnee  badii tokkoo malee ukkaaffamaa jiruu haa hiikamaan, gochaa baratootaa Oromoo Finfinneef mootummaan Wayyaanee gaafatamaadha, gaaffiin ummataa Oromoo deebii haa argatu, dargaggoonnii Oromoo fi uummaannii Oromoo hundii baratootaa Yuunivarsiitii Finfinnee dararamaa Waayyaanee jala jiraaniif haa dirmannuu garbummaa waloon nutti fe’amee waloon of irraa haa buusnuu jedhuu kan of irraa qabuu, Qeerroon ummataa qaqqabsiisaa jiraachuu addeessa.

FDG Mooraa Yuuniversity Finfinnee Ilaalchisee Ibsa ABO Irraa Kenname

Aside

abo

Tarkaanfiin Abdii Kutannaa Mootummaa Itoophiyaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Daranuu Akka Shaffisu Dhiiba

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Amajjii 2, bara 2013 irraa eegalee Yuniversiitii Finfinnee Mooraa Kiiloo 4 fi Kiiloo 5 keessatti barattoonni Oromoo fincila qabsiisanii akka jiran beekamaa dha. Fincila barattoota Oromoo kan duraanuu yeroo dheeraaf Oromiyaa mara keessatti deemaa turetu mooraalee yuniversiitii Finfinnee kana keessatti daranuu jabaatee guyyaa eerame kanatti bifa addaatiin dhoowe. Ergamtoonni sirna Wayyaanee akkuma yeroo dheeraaf aadeffatan barruu Oromoo fi Oromummaa arrabsuu fi salphisu mooraa Kiiloo 4 keessatti maxxansuu isaaniitti fufee kan dhoowe incilli barattoota Oromoo kun yeroo ammaa gara dhaabbiilee barnootaa biyyattii adda addaatti akka babalataa jirus beekamaa dha. Guutummaa ibsa kanaa  afaan Oromoo fi Amaaraan dubbisuuf as tuqaa:-

Ibsa ABO Tarkaanfii Fokkisaa Mootummaa Itophiyaa irratti.pdf

Amharic version.pdf

Barattoota Yuuniversitii Mooraa Kiiloo 4,Finfinne Irraa Mana Hidhaa Wayyaanee Galanii dararamaa Jiran

Aside

Qeerroo

Amajjii 05,2012 Finfinnee

Haalli FDG Oromiyaa guutuu keessatti eegale hamma galii isaan gahutti dhaabbachuu akka hin dandeenye Qeerroon beeksisee jira.Haala kanaan diddaa Yuniversity Finfinnee mooraa Kiiloo 4 keessatti qabate irratti sochiin warraaqasaa itti fufee hanga ammaa sadarkaa mootummaa Wayyaanee yaaddessu gahee jira.Rakkoon barattoota Oromoo fi mootummaa Wayyaanee jidduutti qabate guutuu Oromiyaa keessatti daran jabaatee akka itti fufu beekamaa dha.

Diddaa mooraa kiiloo 4 keessatti ka’e irratti barattooti Oromoo 113 yeroo hidhaman kanneen keessaa barataan Gammachuu jedhamu guyyaa kaleessaa reebichaa loltoota Wayyaanee itti hammaachuu irraan mana yaalaa gahee gootummaan wareegamee jira. Waaqayyo maatii isaa fi qabsaawota Oromoof jajjabina isaa akka laatu Qeerroon dhaammata.

Kanneen hafan hidhaa keessatti yeroo ammaa rakkachaa jiran akka armaa gadiiti.

Barattoota Yuuniversitii Mooraa Kiiloo 4,Finfinne  Irraa Mana  Hidhaa Wayyaanee Galanii dararamaa Jiran!

# Maqaa Guutuu Sabummaa Sadarkaa fi GosaBarnootaa               Teessoo
Naannoo Zoonii
1 Abdisa Balachew Tafasa Oromoo Sivili Eng. 3rd Oromia Wallaggaa
2 Abbabaa Gaddafa Baayisa   Oromoo Biology 2nd Oromia Ambo
3 Gaaddisaa Taayisa Fufaa  Oromoo Chemistry 1st Oromia Wallaggaa
4 Lamma Caala Duumessaa Oromoo Biology 1st Oromia Wallisoo
5 Dabalaa Idechaa Amshaa Oromoo Geology 1st Oromia Sabbataa
6 Gaddisaa Abarra Abbabora Oromoo Geology 2nd Oromia Wallaggaa
7 Tadela Tarekegn Lemma Oromoo Geology 3rd Oromia Wallaggaa
8 Gaarii Tolina Waqjira Oromoo Geology 2nd Oromia Wallaggaa
9 Ahimad Mustafa Fida Oromoo Physics 1st Oromia Wallaggaa
10 Sanyi Daggafa Duressoo Oromoo Maths 2nd Oromia Ambo
11 Baqqale Abdisa Amus Oromoo E/Engineering 3rd Oromia GarbaGuracha
12 Husen Ahimad Abbabaa Oromoo Biology 1st Oromia Baalee
13 Abodulahi Eres Turi Oromoo Maths 1st Oromia Arsii
14 Yonas Dina Barkeessa Oromoo Chemistry 1st Oromia Wallaggaa
15 Jammaraa balayi Gudeta Oromoo Hearth Sceince 2nd Oromia Wallaggaa
16 Hirphaa Toleera Irana Oromoo Physics 1st Oromia Wallaggaa
17 Malaku Girma Anjaggoo Oromoo Biology 1st Oromia Wallisoo
18 Lema Amana Dhinaa Oromoo Biology 1st Oromia Ambo
19 Xaayib Teessoo Wayeessa Oromoo Biology 1st Oromia Arsi
20 Qafoo Amida Abbusii Oromoo Biology 1st Oromia Arsi
21 Isayas Itaana Anshu Oromoo Science 1st Oromia Wallaggaa
22 Qannaa Mokonin Galataa Oromoo Comp.Science 1st Oromia Wallaggaa
23 Abdata Gudeta Lamu Oromoo H/Science 3rd Oromia Wallaggaa
24 Ayana Birhanu Bayane Amhara Geology 3rd Amhara Awi Zone
25 Abbaba Ayale Asaffaa Oromo Geology 1st Oromia Sabbataa
26 Iftaayom Kumsa Mulata Oromo Geology 2nd Oromia Sabbataa
27 Olana Tamasgen Aga Oromoo E/Eng.ng 3rd Oromia Wallaggaa
28 Nanboni Tamiru Diriba Oromoo Geology 1st Oromia Sabbataa
29 Iyaasuu Tamasgen Fatane Oromoo C/Eng.ng 3rd Oromia Wallaggaa
30 Yoreson Yoregecha Caalaa Oromoo Accounting 1st Oromia Wallaggaa
31 Anlayi Alemayehu Adimasu Amhara Biology 2nd Amhara Awi Zone
32 Igataa Gudina Aboma Oromo C/Eng.ing Oromia Sh/Dhiyaa
33 Dibaba Birbesa  Gutema Oromo Earth Science 2nd Oromia Ambo
34 Desale Akkasaa Qalbeessaa Oromoo Earth Science 2nd Oromia Wallaggaa
35 Fikadu Warku Magarsa Oromoo Chemistry 3nd Oromia Ambo
36 Abbay Garemewu Gawawe Amhara Chemistry 3nd Amhara Lalibela
37 Mulune Gammachu Qaamme Oromo C/Eng.eng 3rd Oromia Dukam
38 Yihenew Tasfaye Aseffa Amhara Con.sience 3rd Amhara Bichana
39 Indalehu Balay Shita Amhara Maths 2nd Amhara Qoyaafit
40 Balaxe Mosisa Qadida Oromo Biology 3rd Oromia H/Guduru
41 Tajudin Abdulatif Oromo Statics 2nd Oromia
42 Tadele Indashewu Hundesa Oromoo Earth Science 4th Oromia Bako Tibe
43 Sisay Fayera Warqina Oromoo Maths 3rd Oromia Limmu
44 Kelay Wandim Teway Tigre Maths 2nd Tigray Koram
45 Abdata Taye Mulata Oromo Biology 1st Oromia Warra Jirru
46 Birhan Mokonin Alemu Amhara Maths 2nd Amhara D/Markos
47 Tarreessa Nagaasaa Nagara Oromo Chemestry 3rd Oromia Tokke Kutaye
48 Ahunalam Mokonin Dinqa Oromo Statics 3rd Oromia
49 Tamasgen Marilign Tawayi Amhara Chemestry 2nd Amhara Gayint
50 Lalisa Biqila Dheressaa Oromo Maths 1nd Oromia H/Guduru
51 Misgnawu Aweke G/Hiwot Amhara Statics 2nd Amhara Gondor
52 Amsalu Abdata Kabbadaa Oromo Geology 1st Oromia H/Guduru
53 Mamahu Mulugeta Kefalehu Amhara Physics 2nd Amhara Achefari
54 Mohamad Jafar Ahimad Amhara Geology 3rd Amhara Dase Ketama
55 Yohanis Arega Amanu Kibba Statics 2nd Kibba Malakoza
56 Tafari Shababi Mokonin Amhara Statics 3rd Amhara Daiji
57 Aman Bati Magarsa Oromo Chemistry 2nd Oromia Arsi Nagale
58 Mabiratu G/Mikael G/madin Tigre Chemistry 3rd Tigray Adiya
59 Camiro Abuti Anche Kanbata Geology 3rd Kanbata Qadida
60 Takala Gone Fage Kibba Geology 3rd Kibba Angabu
61 Gaaddisa Galiisa Baanee Oromo Language 2nd Oromia Ambo
62 Gudina DasalegnAmante Oromo Biology 3rd Oromia Naqamte
6364  Getanehi Azona Alamu    Guddee Wakkannee Huraa Amhara       Oromoo Nursing 1st          Maths 2nd Amhara    Oromia Achafar              Jimmaa
65 Birhanu Taye Molla Amhara Physics 2nd Amhara Daraja Haylu
66 Gutema Mokonin Waqqasaa Oromo Geology 2nd Oromia
67 Qabataa Faxxanee Oromo Oromia
68 Getacho Galata Warquu Oromoo Maths 2nd Oromia
69 Ramadan Xaayib Gadaa Oromo Biology Oromia
70 Masarat Tafarra Oromoo
71 Yaaiqob Gadaa Dabalee Oromo Chemistry 2nd Oromia
72 Tariku Bulcha Hayle Tigray Baiology 2nd Tigray
75 Danile Reba Wagga Oromo Biology 1st Oromia
76 Abbabaa Tuujjii Caalaa Oromo Biology 2nd Oromia
77 Abdata Abdissa Daga Oromo Maths 2nd Oromia
78 Dingata Lamu Jakaa Oromo Maths 2nd Oromia
79 Kaasaa Asrat Amhara Biology 3rd Amhara
80 Hadisha G/Mariyam Tigre
81 Tseggawu Khasayi Tigre Geology 3rd Tigray
82 Geta Make Cana Amhara Biology 3rd Amhara
83 Warku Amare Amhara Biology 3rd Amhara
84 Mulugeta Casale Amhara Geology 3rd Amhara
85 Amagn Adamu Amhara Maths 2nd Amhara
86 Dajane Walde Tigre Biology 2nd Tigray
87 Ligaba Aseffa Amhara Biology 3rd Amhara
88 Dase Teshome Amhara Physics 2nd Amhara
89 Aschelahu Amhara Chemistry 3rd Amhara
90 Dereje Bitawu Amhara Chemistry 3rd Amhara
91 Getnet Ayanew Amhara E/Eng.ng 3rd Amhara
92 Aregawu Monyinet Amhara Chemistry 3rd Amhara
93 Desta W/Gieorgis Tigre Comp. Science Tigray
94 Uman G/Ananiya Tigre Biology 2nd Tigray
95 Yonas Xaham Tigre Statics 2nd Tigray
96 W/Kros Khilu Tigre Geology 1st Tigray
97 Dirribsa Caalaa Oromo Geology 1st Oromia
98 Ebbisa Barki Oromo Chemistry 2nd Oromia
99 Asimamahu Mangistu Amhara Biology 1st Amhara

Barattooti maqaa fi bakki dhaloota isaanii guutuutti hin argamiin 13 gara fuula duraa dhiheessina.

Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!!

Qeerroon Wallaga Bahaa fi Shawaa Liqaa Guyyaa WBO Haala Gammachiisaan Kabajatan

Aside

Amajjii 05,2012 

guyyaa wbo AmboAmajjii 1,2013 Godina Wallaaggaa Bahaa Onaa Heebantuuttii Guyyaan Ayyaanaa WBO Ammajjiin tokkoo 2013 sirna Ho’awwaa ta’een Ummaannii fi Dargaggeessii tokkummaadhan kabajuun beekame.Kabaja Ayyaanaa WBO kana irraattii ummaannii fi dargaggeessii sirbaa kaasuun WBO fi ABO faarsuun ayyaanichaa ittumaa fufee kabaajachuun, Amajjii 2/2013 Sochii Ummataa kanattii rifachuun Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee poolisotaa isaa Uummataattii bobbaasee, halumaa kanaan dargaggeessii poolisotaa wayyaanee dhagaan tumee of irraa deebisuun , lukkeeleen diinaa 4 s irree qeerroon adabamuun beekame. 

Haala kanaan mootummaan Wayyaanee barattoota nama 5 qabee mana hidhaatti darbuun gabaafamee jira.Kanneen kunis,1. Lammeessaa Dhufeeraa, namni kun akka malee reebamee du’aaf jireenyaa giddutti argama,2. Magarsaa Dhufeeraa, 3.Getaachoo Baqqalaa, fi Barsiisaa Balaay Nagaash Amantee kanneen jedhamaan Hidhamanii reebichaan dararamaa jiraachuun

gabaafame, Ummaannii namoonnoo saniin kanneen hidhaman daddaffiin akka gadhiiaman gaafataa jiraachuun beekame.

Kana malees maadheeleen Qeerroo magaalaa Amboo jiran gandoota magaalaa bakka gara garaatti walitti dhufuun guyyaa WBO sirna howwaan kabajatanii jiru. Suuraa fi video dhimma kanaan wal qabatu maxxansuuf Qeerroon hin hayyamu.

 

Raadiyoo Seife Nebelbal Tamsaasa Aseennaa 2013

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Qophii 2013 Jalqabaa

Aside

Lammii Kee Malee Alagaa Hin Abdatiini. Artist Duulaa Mulugeeta

Aside

Barattooti Oromoo 113 University Mooraa kiiloo 4 Keessaa hidhaman 7 Ammoo Gara Malee Reebamuun Gabaafame

Aside

Amajjii 03,2012 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattoota Oromoo mooraa kiiloo 4 kaleessa eegale har’as akkuma jirutti jabaatee kan itti fufeedha. Walitti bu’iinsi gamlachuu irratti ta’een har’a Amajjii 3 hidhattoota wayyaaneetiin barattootni namni 113 qabamanii mana hidhaa galanii jiru. Barattootni kunis bakka lamatti hiramanii hidhamani,73 bakka tokkotti,40 bakka tokkotti.
Isaan barattoota 73 keessaa barattootni Oromoo 56,barattootni Amaaraa 8,Tigireen 4,Kibbi 5 yoo ta’an barattoota warra 40 bakka tokkotti hidhaman keessaa ammoo 18 Oromoo,kibbi 3,Tigiree 6,Amaara 13 akka ta’an odeessaan nu qaqqabee jira. Barattoota kanneen keessaa barataa Gammachuu fi Girmaa kan jedhamanii fi kanneen hafan 4 gar malee mada’uudhaan lafeen isaanii caccabuun ogeesssi fayyaa oprasiyoonii ta’anii akka yaalaman jedhamuun mana yaalaa ciisanii jiru,barataan Gammachuu jedhamu kun sadarkaa du’aatti akka eegamaa jiru odeessaan addeessa.
Qabsoon Itti fufa!! Gabrummaan ni kufa!!

Qeerroon Yuniversity Wallaggaa Guyyaa WBO Kabajatan.Gumaacha Maallaqaas Qabsoo Bilisummaa Oromoof Galchan

Aside

Amajjii 03,2013 Naqamte

Amajjii 1,2013 Bara Haraawaa Ayyaanaa guyyaa WBO ilaalchisuun Yuunivarsiitii Wallaaggaatti Sabboontotni baratootni Oromoo fi IlmaanOromoo haala miidhagaan guyyaa WBO kana Magaalaa Neqemtee fi Mooraa yuunivarsiitii Wallaaggaa keessaatti kabajatan, sabboontotni Oromoo mummee (department)garaagaraa irraa walittii dhufuun haalaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n durfamuu irraatti marii guddaa gochuun qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n durfamuu fi bilisummaa saba keenyaaf kutannee ni kaanaa jechuun waadaa isaanii haroomsatan.

Guyyaa Ayyaanaa WBO Kana sababbeeffaachuun Saboontotni baratootaa Oromoo Maadhee Oliiqaa Diingil garee ‘A’ fi ‘B’fi maqaa maaadhee ”Qeerroo qeerraansaa Biyyaa” jedhamaan jalaattii hundeeffaamanii jiraan, Amajjii 1/2013 walittii dhufuun dhiimmaa qabsoo bilisummaa Oromoo irraattii marii gochuun, karaan tokkichii karaan Oromoon ittiin Mirgaa hiree isaa murteeffaachuu danda’uu tokkumaa, beektotni Oromoo kallaattii garaagaraan ilaalchaa Siyaasaa maqaa Ummataa Oromoo golgaaa godhatee, qabattaanii hin deemiinaa, karaan tokkichii Addaa Bilisummaa Oromoo ABO(OLF] ta’uus hin dagatiinaa, ABO duukaa dhaabbaannee Bilisummaa sabaa keenyaa ni mirkaneessinaa jechuun, madheewwaan kun jajjaabinaa Qabsoo bilisummaa Oromoof kan oluu buusii maallaqaa qarshii 400 walittii qabachuun gumaachaa qabsoof taasisaan. FDG garbummaa biyyaa keessaatti qeerroon gaggeeffaamaa jiruus jaabeesinee itti fufuun waanjoo garbummaa of irraa buusuu qabna jechuun dhaammachuun ayyaanichaa bifa adda ta’een kabajatan.

Magaalotaa fi Manneen Barnootaa Shawaa Lixaa Keessatti Guyyaan WBO fi Amajjiin 1 Sirna Qindaawaan Kabajame

Aside

Amajjii 03,2013 Amboo

Gabaasaa: Amajjiin 1/2013 Kabajni Baraa Haaraa guyyaan Ayyaanaa WBO Godinaa Shawaa Lixaatti sirnaa ho’aa ta’een kabajame. Baratootaa M/B Carii Amboo sadarkaa 1ffaa, Manaa Barumsuu Amboo Sadarkaa 2ffaa Fi qophaa’inaa, baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Amboo, Ummataa Magaalaa Amboo,baratootaa Oromoo mana barummsaa Gudaar sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa, baratootaa Oromoo mana Barumsaa Tokkee kuttaayee sadarkaa tokkoffaa, baratootaa Oromoo mana barumsaa Babbichaa Sadarkaa 2ffaa fi tokkoffaa, baratootaa Oromoo mana barumsaa Geedoo sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa,baratootaa Oromoo Mana barumsaa Midaa Qanyii Baallaammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa baratootaa Oromoo Iluu Galaan Ijaajjii sadarkaa 2ffaa fi Qophaainaa, baratoota Oromoo Xiquur incinnii sadarkaa 1ffaa, sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa,baratootaa Oromoo mana barumsaa Jalduu sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa, baratootaa Oromoo mana barumsaa Meettaa Roobii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, baratootaa Giincii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa fi baratootaa Oromoo Gindabarat sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaaf, wamichii Kabaja Amajjii 1/2013 guyyaa Ayyaanaa WBO ilaalchisuun godhameef kabajuun akkataa walittii dhufeenyaa isaanittii fi maadhee keessaatti ijaarananii jiraaniin walitti dhufuun dungoo halluu diimaa magariisaa diimaa bifaa Alaabaa ABO qabuu qabsiisuun sirnaa ho’aa ta’een kabajatan.

Akkasumas barsiisonnii fi hojjetotni manneen barnotaa Armaan olii garaagaraa irraa barsiisaanii fi Ummaannii Anotaa Godinaa Shawaa lixaa; Qotee bulaan, daldalaan, fi dafqaan bulaan bifaa maadhee fi gamtaadhaa walittii dhufuun Amajjii 1/2013 haala miidhagaa ta’een kabajataan, barreeffaamnii Amajjii tokkoo guyyaa Ayyaanaa WBO kan bara 2013 bagaa geessaan kan jedhuus guutummaa godinichaa keessaatti tamsafame. Ummaanniis baraa haaraa kana ilaalchisuun dhamsaa garaagaraa waliif dabarsee jira