Dhaamsa Ayyoo Oromoo dhaa

Aside

Duulli Qubee Sirreessuun Barreessuu Gototaa Baratootaa Oromoo Yuunivarsiisii Jimmaatiin Gaggeeffaame.

Aside

Ammaan dura rakkoon barreeffaamotaa Qubee afaan Oromoo Waajjiiraalee Mootummaa TPLF fi OPDO irraa egaalee hangaa barreeffaamotaa Hoteelaa fi manneen Daldalaa garaagaraa Godinaa Jimmaa Magaalaa Jimmaa fi Anotaa Godinichaa keessaatti argamaan keessaatti barreeffaamonnii argaman Qubee Afaan Oromoon yeroo barreeffaaman Seeraa Afaanichaa kan hin egganee fi Ol aantummaa Afaan Amaaraatiin barreeffaamanii kan argaman ta’uun beekamaadha,

Duulli Qubee Sirreessuun Barreessuu Gototaa Baratootaa Oromoo Yuunivarsiisii Jimmaatiin Gaggeeffaame.docx

Qeerroo Sidaamaa: Leemboo

Aside

(Qeerroo, Hawaasaa, 22 Guraandhala 2013) Mootummaan Wayyaanee sabooti biyyattii, keessaayyuu kanneen akka saba Sidaamaa fa’aa irratti daba olaanaa wayita raawwachaa jirutti, Qeerroon saboota kunneenii immoo imaanaa abbootii isaanii harkaa fuudhan eeggachaa, qabsoo diddaa isaanii ittii fufanii akka jiran beekame.

Keessaayyuu Qeerroon Sidaamaa Qeerroo Oromoo waliin walta’uun roorroo wayyaanee ofirraa faccisaa kan jiran yoo ta’u, gamtaa Qeerroolee kunneenii cabsuuf shiraa fi daba karaa addaddaa wayyaanee dhaan irratti raawwatamaa jiru jabinaan ofirraa ittisaa jiran.

Gabaasaan Qeerroo akka Hawaasaa keessa naanna’ee Qeerroo SIadaamaa gaafatee huabchiisetti, Qeerroon Sidaamaa akkuma abbootii isaaniitti mirga biyyaa fi saba isaanii tiksuuf kutatanii hojjachaa jiran.

Dhiyeenya kana illee Qeerroo Sidaamaa keessaa garii isaanii himannaa sobaatiin murtii dabaa itti murteessitee akka jirtu kan yaadatamuu dha.

Qeerroon Sidaamaa garuu diddaa isaanii karaa hundaan itti fufanii kan jiran yoo ta’u, aadaa Sidaamaa deebisanii guddisuunis Qeerroon akka Alamaayyoo Tsaggaa tattaaffii jabaa gochaa akak jiran Qeerroon Bilisummaa Hawaasaa keessaa gabaasee jira.

Shamarran Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa Irraa Walitti Dhufan Qooda Qabsoo Daran Jabeessuuf Jecha Ejjennoo Fudhatan

Aside

Gurraandhala 22,2013 Sulultaa

Gabaasaa Godina Addaa naannoo Finfinnee Ona Sulultaa irraa gabaasi Qeerroo  Guraandhala 20 akka addeessutti shamarran Oromoo qooda qabsoo bilisummaa Oromoo bahuu fi sochii Qeerroo daran cimsuuf jecha bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun bifa haalaan gammachiisaan walgahii godhachuun murtii fudhatan.

Shamarran Oromoo bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun ola sulultaa keessatti wal gahan kun irra guddaan isaanii kanneen ammaan dura Yuniversitiilee adda addaa keessatti sochii barattooti Oromoo godhan keessatti qooda guddaa warra fudhataaa turani dha.

Qindeessituun Shamarran Oromoo kanaa yeroo haasaa gootu keessatti qoodi dubartooti Oromoo qabsoo keessatti yeroo dheeraan dura kennaa turanii fi amma illee gumaacha qabsoof jecha wareeega kafalaa jiran gahaatti ibsuun seenaa jaallan wareegamanii kaasuun hirmaatota walgahicha irratti argaman booyichaan akka jaalala qabsoof qaban baafatan ta’ee jira.

Haala kanaan shamarran kun sochii qabsoo qeerroon deemaa jiru jabeessuuf jecha gumaacha maallaqaa gahaa gochuun qindeesitoota Qeerroof akka galchan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa

Kana malees maadhee Utubaa Oromiyaa jedhamu jalatti of ijaaruudhaan shamarran lakkoofsaan nama 12 tahan,isaan keessaas barattoota yuuniversitii adda addaa irraa boqonnaaf galan,hojjettoota mootummaa fi hojjettoota dhuunfaa akka tahan gabaasaan isaan irraa nu gahe dabalee addeessa.

Dhuma irrattis ibsoota armaa gadii buufachuun teessuma milkiin xumuratan.

  1. Nuti Shamarran Kaayyoo keenyatti cichinee qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf tokkoomnee kaanee jirra.
  2. Qabsoo qindoomina qabuu fi ijaarsa tokkummaatiin uummata keenya waliin  sirna nama nyaataa Wayyaanee  dura dhaabachuun mirga Oromoo kabachiisuuf qophii dha.
  3. Gaachana saba Oromoo WBO cinatti of ijaarree hanga dirree qabsootti deemuuf haalaan kan hin daangeffamneen  murtoon keenya ibsanna
  4. Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo naannoo Oromiyaa hunda keessatti wal gurmeessinee qindeessuu irratti gumaacha barbaachisu ni kafalla.
  5. Waan qabnuun qabsoo bilisummaa Oromootti hirmaachuun waadaa keenyaa cimsanna

Jedhuun ibsa ejjennoo isaanii lafa keeyatani jiru.

Seife Nebelbal Radio Interviews Sidama Liberation Front Vice Chairman

Aside

Mootummaan EPRDF Wayyaane Humna Raayyaa Ittisaa Jedhee Kan Yaamu Keessaa Oromoota 4 Ukkamsee Hidhaatti Darbe

Aside

Gabaasa Qeerroo Gurraandhala 21,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa inni godhu Oromummaa irratti hundaaee malee kun anaaf hojjeta.Kun meeshaa waraanaa naa baatee deema jedhee kan addaan qoodu tokkollee hin jiru.Haaluma kanaan wal qabatee doorsisa mootummaan Wayyaanee uummata irratti TV dhaan dhimma Raayyaa ittisa biyyaa irratti gaggeessaa ture jibbitanii jirtu,uummatni ija diinummaan akka ilaalu taasistanii jirtu kanaaf ilaalcha ABO qabdu  jechuun ilmaan Oromoo raayyaa ittisa biyyaa keessaa hojjetan mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan Oromoo raayyaa ittisa biyyaa keessaa maqaa ABOn shakkamanii mana hidhaatti ukkaamsaman
1. Efreem Abaataa
2. Jalduu Itichaa fi
3. Ziyaad Mohaammed
4. Habtaamuu
Jedhaman gaafa Guraandhala 17/2013 dhoksaan fudhatamuun bakka buuteen
isaanii dhibee jira.Mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo hojii mootummaa
keessaas hojjetan irraa amanamtummaa kan dhabde yoommuu tahu kaan hojii

Raadiyoo Simbirtuu Tamsaasa Gurraandhala 21,2013

Aside

“Rakkadhe jettee, hin seeniin mana gumaa, si gaafata seenaan bara kumaa,” jedhe wallisaan Oromoo.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 21 Guraandhala 2013) Qeerroon Oromoo gidduu kana wallee viidiyoodhaan gadhise keessatti, sabni Oromoo gootota rakkoof hin jilbeeffanne akka qaban ibsuun, gootota abbaa biyyaa irraa akka hin hafne illee Qeeroon Oromoo kun waadaa isaa haaromsuu isaa ifatti beeksise.

Wallisaan Oromoo kun wallee seena qabeessaa kan  gootummaa fi sabboonummaa Oromoon mul’isu kana keessatti goototi Oromoo yeroo kamiyyuu rakkannee jedhanii mana gumaa seenanii akka hin beekne yaadachiisee jira.

Anamoo Sirraattii? (Walaloo)

Aside

Mana Hidhaa Qaallittii Keessatti Sabboontoti Oromoo Hedduun Dararaa Guddaaf Daran Saaxilaman

Aside

Guraandhalaa 20/2013 Finfinnee

BilisummaaYeroo ammaa kanattii motummaan Wayyaanee gochaalee hammeenyaa fi gara jabinaa Ilmaan Oromoo mana hidhaa Qaalliittii jiraan irraattii fudhachaa jiruu jabeessee itti fufuun torcherii sammuu fi nyaata qulqullinaa hinqabne hidhamtootaaf dhiyeessuun har’as dabuma kaleesaa bare daran jabeessee jiraachuun gabaafame jira.Haala kanaan yeroo ammaa kanatti barsiisaa Dirribii Nagaasaa fi Barataa Hirphasaa Diriirsaa bara 2011 qabamanii fi Oromoonni dhibbaatamaan lakkaawaman yeroo amma mana hidhaa qaalliittii zoonii tokkoo kan jiran dhukkubsatanii yaalaa gahaa dhabuun daraarama jiraachuun gabaasaan keenyaa Finfinnee addeesse jira.

Ilmaan Oromoo kunneen yaalaa dhabuun hedduu kan miidhama jiran yoo ta’uu,Kanaa Malees torbee Darbee keessaa mannii murtii wayyaanee ilmaan Oromoo lama badii tokkoo malee murtii garaa jabinaa kennuun ni yaadatama, ilmaan Oromoo Dargaggoo Fayisaa Sanyii fi Gaaddisaa Insarmuu jedhamaan badii tokkoo malee mannii murtii Wayyaanee wal duraa dubaan murtii waggaa 7 fi 6tiin adabee jira. Dargaggoo Fayisaa Sanyii Asiin fulduraas maatiin isaa Obboo Sanyii Bakkaalchee bara sagaltamotaa keessaa hidhaa waggaa 12n adabamanii, mana hidhaa keessaa bara 2005 baanii, turtii batii shanii hin guutnee keessaattii seensaa baraa 2006 balleessaa tokkoo malee qabamanii mana hidhaa maaikalaawwii keessaatti dararamaa turuun ammaasa yeroo lammaaffaaf mannii murtii wayyaanee baalleessaa tokkoo malee hidhaa waggaa kudhaniin(10) irraatti murteessuun kan hidhamanii jiraan tauun ibsamera.

Gochaa sukkaaneessaa fi daba abbaa irruummaa Wayyaanee fi EPRDFn mana hidhaatti ummaataa Oromoo irraattii raawwaatamaa jiruuf Mootummaan Wayyaanee gaaffatamaa Seeraa fi seenaa jalaa bauu kan hin dandeenyee tauu bakka buoonnii Qeerroo Godina Jimmaa akeekaniru. Kana malees Qeerroon itti dabaluun yaa uummataa Oromoo Ilmaan kee dhugaa mirgaa saba isaanii waan gafataniif badii tokkoo malee mana hidhattii galfamanii dararaamaa jiraachuunii fi murtiin dabaa itti kennaamaa jiraachuun isinittii haa dhagaaamu, namni utuu qomoon isaa balleessaa tokkoo malee waan mirgaa saba isaa gaafateef, hidhamee dararamuun, hidhaan seeraan alaa irraatti godhamuu fi murtiin seeraan alaa irraatti kennaamuu Oromoon taaee ilaaluu hin qabu,kan garaa taaee gochaa diinummaa kana ilaaluu yoo jiratee irmii(hirmii)nyaachaa akka jiruu dagachuu hin qabu, kun boruu kan sirraas gauu waan taeef gamtaan kaanee gochaa diinummaa saba keenyaa irraatti raawwaatamaa jiruu kanaa haa balaaleffaannuu ummataa Oromoo hundaaf dhamsaa keenyaa dabarsina jechuun dhaamsa dabarfachuun beekame.