Naannawa Finfinnee magaala Darbaatti Uummatni Oromoo waarshaa Simmintoo Darbaa irratti diddaa jabaa kaase.

Aside

Onkoloolessa 10,2013 Fifinnee

OromiaALutaContinua2011FDGSaaminsi lafaa mootummaa Wayyaanee gaggeessuun qotee bulaa Oromoo qe’ee dhabeessa taasisaa ture lakkaawamee waan dhumu miti. Godina addaa naannawa Finfinnee Caancoo magaala Darbaa keessattis ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irraa buqqisuun lafti waarshaa Simmintoo Darbaaf kennamee ture. Waarshaan kun akkuma dhaabbateen uummataaf waadaa garaa garaa qacarrii, manneen barnootaa dhaabuu, tajaajila bishaanii, fayyaa fi kanneen kana fakkaatan ijaaruuf waadaa galee ture. Uummatni Oromoos waan kana eeggachaa yoona gahe. Waarshaan kun waadaa isaa guutuu wayita didutti uummatni gamtaan waarshaa Simmintoo darbaa kana waadaa isaa akka xumuratu gaafatan. Yeroo jalqabaa kadhaa fi kijibaan qe’ee irraa kan buqqise waarshaan kun uummataaf dhageettii yeroo dhorkatu uummatni gamtaan yaa’uun hojjettoota waarshaa kanaa guutummaan gara itti bahan, konkolaataan gara itti deemu daandii dhorkuun diddaa jabaa gaggeessanii jiran. Diddaan kun haalaan kan jabaatee fi garaa kutannaan gaggeeffamuu irraa abbootiin qabeenyaa waarshaa kanaa waraana federaalaa uummatatti baasuun reebsisuun hojii isaanii galmaan geessisuuf yaalanis diddaan daran jabaachuun hojiin waarshaa kanaa laamsha’ee jira. Mootummaan wayyaanees diddaa kana kan qindeessu qeerroodha jechuun dargaggoota dhiphisaa fi doorsisuu irratti argama. Lafaa fi qe’ee keenya irratti abbaa murtii hanga taanu diddaa irraa hin dhaabbannu jechuun uummatni Oromoo naannoo kanaa uummata Oromoo maraaf dhaamsa dabarsanii jiran.

Leenjifamtootni waraana Ittisa biyyaa Injineering baay’inaan 2000 tahan bakka leenjii gadhiisanii bahuun diddaa jabaa dhageessisan

Aside

Onkoloolessa 10,2013 Finfinnee
Uummata nagaa Impaayera Itoophiyaa keessaa humnaan bituuf hojiin wayyaaneen hojjetu dinagdee isaa guddisuu irratti dabalee humna waraanaa isaa guddisuu dha. Kana galmaan geessisuuf Waraana Ittisa biyyaa keessaa naannoo Affaar Godina 3 aanaa Amiibaaraa magaala Malkaa Siidii keessatti Engineering dhaan baay’inaan 2000 tahan leenjisuu irratti argama. Leenjifamtootni waraana ittisa biyyaa magaala kanatti leenji’an guutuun mootummaa wayyaanee waliin wal dhabuun bakka leenjii gadhiisuun magaala Awaash seenanii jiran. Leenjifamtootni waraana ittisa biyyaa mootummaa wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf humna namaa fayyadamuu malee nageenya keenyaaf homaa yaaddoo irraa hin qabu, miindaan kaffalamu gad aanaa dha, leenjifamtootni naannoodhaan akka wal qoqqoodan taasisa jechuun mormuun leenjii addaan kutuun magaala Awaash seenanii jiran. Yeroo ammaa kana leenjifamtootni waraana ittisa biyyaa Injineeringiidhaan leenjifaman baasii mataa isaaniin rakkachaa kan jiran yoommuu tahu gariin ammoo dhiisuun gara warra isaaniitti galuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee waan takkaa isa hin mudanne kutannaa gamtaa kanatti dhiphachuun maanguddoota baasee kadhaa irratti argama.

Aside

2013 OSA Annual Conference Opening Ceremony 

Oromo Guddifachaa Ceremony on OSA 2013: Jitu and Roba 

SBO Onkoloolessa 09 Bara 2013

Aside

Seenaa Gabaabaa Injinar Tasfaahun Camadaa

Aside

Magaala Adaamaa keessatti hanqinni bishaan dhugaatii mudate gaaffiilee mirgaa biroo dabalachuun finiinaa jira.

Aside

Onkoloolessa 09,2013 Adaamaa

Dhiphinni,gidiraanii fi qaala’insa jireenyaa Impaayera Itoophiyaa keessatti hammaatee jabaachuun rakkoon bishaan dhugaatii uummata magaala Adaamaa mudate. Uummatni magaala Adaamaa yeroo ammaa kanatti rakkoo bishaan dhugaatiidhaan rakkachaa kan jiru yoommuu tahu qaama dhimmi ilaallatutti yoommuu iyyatan deebiin gahaan dhibamee jira. Uummatni magaala Adaamaa keessaa bishaan dhugaatiif baasii addaa baasaa kan jiru yoommuu tahu waajjirri bishaanii Oromiyaa dhimma kana tochina osoo jedhanii turuu irraa uummatni diddaa keessa seenee jira. Waajjiraaleetti uummatni barreeffamaan rakkoon uummataa haa furamu jedhan gachanii jiran. Rakkooleen kunneen rakkoolee bishaan dhugaatii duwwaa osoo hin tahiin rakkoo hojii dhabdummaa dabalatee akka tahe beekamee jira. Mootummaan wayyaanees yaadoo irraa namoota iyyannoo kana galchan suufuun doorsisuu irratti argama.

Haalli qaalawiinsa jireenyaa jabaachuun hojjettootni Yuunivarsiitii Haramaayaa dabalinsa miindaa hatattamaa gaafatan

Aside

Onkoloolessa 09,2013 Haroomaya
Impaayera Itoophiyaa keessatti mootummaan wayyaanee daldalaa tahuu irraa qaala’insa jireenyaa uummata mudateen hawaasni biyyattii gaaffii dabalinsa miindaa gaafachaa turuun isaa beekamaa dha. Haalli kunis daran jabaachuun dhaabbiilee barrnootaa keessatti mormii hanga hojii dhaabuu kan geessisan yoommuu tahu, Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti ammas jabaachuun itti fufe. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti dabalinsi miindaa gaaffii hojjettoota Yuunivarsiitii walii galaa kan tahe yeroo ammaa bulchinsa Yuunivarsiitii fi mootummaa wayyaanee dhiphuu guddaa keessa buusee jira. Mootummaan wayyaanee gaaffii dabalinsa miindaa, hojii dhabdummaa, qaala’insa jireenyaa guutummaan mudachaa jiru kana dura dhaabbachuuf yeroo ammaa waraana isaa duwwaatti dhimma bahaa kan jiru, waraannis dabalinsa miindaa gaafachuutiin dhiphina guddaa keessa bu’ee jira. Ilmaan Oromoo waraana keessaa fi dhaabbiilee barnootaa keessaa isintu kana qindeessa jechuun mana hidhaatti ukkaamsaa turuun isaas ni yaadatama. Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessattis barsiisotni Engineering barsiisan 28 gaaffii dabalinsa miindaa irraa bara darbe hojii dhaabuun isaanii ni beekamaa dha. Hojjettootni Yuunivarsiitii Haramaayaas deebiin hatattamaa kan hin kennamne taanaan tarkaanfii mataa isaanii akka fudhatan beeksisanii jiran.

Godina Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuu Keessatti Wal-gahiin Wayyaanee Diddaa Ummataan Fashale

Aside

Onkoloolessa 08,2013 Daaroo Labuu
OromiaALutaContinua2011FDGOlolli sirni garboomfaa Wayyaanee daangaa kan hin qabne tahuun hubatamaa dha. Qondaaloti Wayyaaneen Godina Harargee lixaa aanaa Daaroo Labuu keessatti wal gahii uummata waameen uummatni diddaa sirnichaaf qabu muldhisuun walgahicha diduu fi salgalee mormii dhageessisuun fashalsuu gabaasi nu gahe addeessa. Haalli kun kan itti hammaatee fi rifaatuu keessa buuse ergamtooti Wayyaanee uummata aanaa kanaa araddaa rarddaan walitti waamuun ABO shororkeessaa dha wayita jechuu eegalan uummatni gamtaan isintu shororkeessaadha ABOn dhaaba haqaa fi roorroo saba isaaf falmaa godhu malee ummata isaa gurguree dantaa isa jala kan kaatu miti,kijiba aamata 21 nurraa dhaaba ammaan booda mirga barbaadna jechuun dabballoota wayyaanee qaanessee jira.
Wal gahiin ergamtoota Wayyaanee kun araddaalee jiran keessatti diddaa uummataan fashaluu gabaasi addeessa. Haaluma wal fakkaatuun aanaa kana keessatti barsiisotni gamaggama hojii waggaa irratti dabballoota Wayyaaneen isin seelii diinaati wayita jedhaman barsiisotni gamtaan diinni isin lukkee Wayyaaneeti jechuun bakka wal gahiitti dhiisanii akka deeman baramee jira. Walumaa galatti Golee Oromiyaa keessatti waan Oromoof malee Oromoo irratti diinummaa oofuun hidda qabaachuu hin qabu jechuun qeerroon aanaa Daaroo Labuu gabaasee jira.

Wallagga Aanaa Anfilloo Keessatti Qonnaan Bultooti Oromoo Mirga Qabeenyaa Falmachuu Irraan Hidhaa Waggaa 5n Itti Murtaawe.

Aside

Onkoloolessa 08,2013 D.Doolloo

BilisummaaYeroo muraasaa asitti gabaasota haala uummata godina Qellem aanaa Anfilloo gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.Ummanni naannoo aanaa Anifilloo qabeenya bunaa heddumminaan qaban irraa mootummaan Wayyaanee humnaan buqisuun lafa akaakiliin irra jiraataa turanii fi qabeenya isaanii dabalatee maqaa mishoomaan Investeroota itti gurguraa ture. Ummanni naannoos mirga qabeenyummaa falmachuu irraan hidhamaa akka tura,namootni qabeenya isaanii irraa hidhamaa turan kanneen hedduun isaanii sammuudhaan darban akkasuma kan lubbuu isaan of ajjeesellee kan jiru yoo tahu Mootummaan Wayyaaneen ummata qabeenyaa fi lafa isaanii falmatan gaaffii tokkoon malee hidhaatti akka geessaa jiru gabaasi addeessa.

Kana malees mootummaan Wayyaanee Oromooti mirga qabeenyummaa falmatan keessaa garii hidhaa waggaa 5nii itti murteessaa akka jiru beekamee jira. Amma akka odeessaan madheelee keenya mootummaa keessaa bahaa jiruutti mootummaan Wayyaanee jiraattota aanaa Anfilloo irra guddaa buqqaasisuun lafa qaban abbaa qabeenyaatti akka gurguruuf deemu murteessuun isaanii himama.

Haala kanaan uummanni guyyoota muraasaa asitti uummanni hunduu gara itti iyyatu dhabee dargaggoota  Oromoo jiran hundatti iyyannaa keenya nuuf dhageessisaa jedhaa akka jiraniidha. Mirga qabeenya keenya falmachuu dhabneerra,yoo falmanne hidhaa fi dararaatu nu irra gahaa jira  jechuun ummanni aanaa kanaa gadda guddaa keessa akka jiru gabaasaan Qeerroo aanaa kanaa addeessa.

Onkoloolessa 06,2013 gaaffii mirga qabeenyummaa gaafachuu irraan namoota hidhaa waggaa 5n 5nii itti murtaa’e nama 12 dhalootaan Anfilloo ganda Ashii fi Dullii ykn bakkuma tokkotti ganda Ashii kan tahan kanaan gaditti kan argamaniidha.

  1. Mulugeta Dagguu
  2. Birhanuu Dheeressaa
  3. Mokonin Dhibbisaa
  4. Abiyoot Hirkisaa
  5. Masarat Fayisaa
  6. Jabeessaa Taaffasaa
  7. Dassalee Ittaanaa
  8. Raggaasaa Taasisaa
  9. Dafeera Shuumaa

10. Lammeessaa Qana’aa

11. Bilii Solomon

12. Imaammuu Bal’inaa

Kanneen jadhaman yeroo ta’u. Namootni kun qabeenyuma dhuunfaa isaanii mootummaan weerare falmachuuf hidhaa waggaa 5n 5niin adabamanii jiru.

Buraayyu,Malkaa Ateetteetti Irreechi Kabajame,Diddaan Qeerroos Itti Fufe

Aside

Irreecha Malkaa Ateetee Onkoloolessa 06,2013