Qeerroon Bilisummaa Godina Jimmaa Onkoloolessa 13,2013 Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufe!

Aside

Ayyaanni Irreecha Godina Jimmaatti Kabajame.Qeerroon Bilisummaa Diddaa Sirna Wayyaanees Jabeesse!

Aside

Photo0348Onkololessaa 13,2013 Godina Jimmaatti Ayyaannii Irreechaa Malkaa Deeddeetti bakka uummanni kumaataan argametti sirna howwaan kabajame.

Sirna Kabajannaa Ayyaana Irreechaa kana irraatti Onkololessaa 12/2013 galgala Oromoon akkuma aadaa abbaa isaa kaleessaatti Korma Qaluun jalbultii Ayyaanichaa sirna ajaa’ibsisan egan. Qeerroon dargaggoonni Oromoo Yuuniversitii Jimmaa barachaa jiran ayyaanicha irraatti qindomina guddaan argamuun Oromiyaa farsaa, Gototaa Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti Wareegaman kanneen Akka J/ Taddasaa Birruu, Maammoo Mazammir, Elemoo Qilxuu, Abishee Garbaa, Jaagamaa Badhanee, Gaddisaa Hirphasaa, Alamaayyoo Garbaa, Simee Tarrafaa, Laggasaa Wagii , Tasfahuun Camadaa fi Gootota hedduu maqaa dhofnee fixuu hin dandeenyee maqaa isaanii kaasuun Farfatan, maraarsifatan, nuti jjoollee isaniti gumaa isaani baafna jechuun dhaadataa sirboota warraaqsaa kan Eebbisaa Addunyaa, Hayiluu Kitaabaa, Hirphaa Ganfurree, Hacaaluu Hundeessaa, Ilfinesh Qannoo, Adinal Mohaamed, fi kan Artistoota hedduu wal harkaa fuudhuun sirbuun Oromoof jajjabinaa fi barnotaa dabarsuun, jibbinsaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneef qaban ifatti ittin mul’ifatan.

Qeerroon Gototni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi bakkota garaagaraa irraa walitti dhufaan humnota tikaa Wayyaaneen marfamanii utuu jirani ABO fi WBO’n gaachana uummataa Oromooti, yaa baala tuufoo ABO, WBO fi qeerroo nuf wayyaa nuufoo jechuun diina garaa kutan humnonni basaasaaf warannii wayyaanee tokkummaa ummataa irraan kan ka’ee waan qabee gadhiisu dhabe . Dargaggoon Oromoo itti fufuun Sirboota Ummataan hedduu sirbuun uummata garaa raasan. Ayyaanni irreechaa kun haala kanaan Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa Malkaa Deeddeetti Sirna ho’aa ta’een warraaqsa  Qeerroo Gootota Baratootaa Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Barsiisotaa Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii barsiisotaa Jimmaan ayyaneffatamee jira.

Aside

Qeerroo Qeeramsa Biyyaa!

Lamiitiin

Sima abdiin bilisummaa Oromiyaa!

Aleelii baasii diina biyyaa!

Har`as ta`e boruus, sima abdiin biyyaa!

Naa jabaadhu! Siin jetti armeen Oromiyaa!

Goota da`een jiraa,kumaa fi kitila biyyaa!

Sirni gabroofataan maaliif na qorqitii lafee kiyyaa?

Naaf  iyyaadhaa, naaf dirmadhaa yaa  ilmaan kiyyaa!

Qeeroo ,fi qarree, ilmaan qomoo  kiyyaa!

Jaarsii fi jaartiin maanguddoon biyyaa,

Adibaarii fi qee keenyarratti salphane kaa biyyaa!

Qaaniin qanii caaluu jiraa kana caalaa?

Qeerroo Qeeramsa Biyyaa

Miseensotni EPRDF ji’a tokko keessatti baay’inaan 20,000 ol tahan miseensummaa fi hojii siyaasaa EPRDF keessaa bahuuf iyyannoo galfatan

Aside

Onkoloolessa 12,213 Finfinnee

Miseensotni EPRDF ji’a tokko keessatti baay’inaan 20,000 ol tahan miseensummaa fi hojii siyaasaa EPRDF keessaa bahuuf iyyannoo galchuu isaanii qabeenyi humna namaa HRM federaalaa saaxile

Mataan mootummaa wayyaanee Mallas Zeenaawwiin erga du’aan boqotee amanamtoota EPRDF kan tahan hedduumminaan ofitti amantamummaa dhabaa dhufuun isaanii beekamaa dha. Haalli kun daran jabaachaa kan dhufe hojjettootni siyaasaa EPRDF fi miseensotni EPRDF yeroo dheeraa yeroo amma miseensummaa of irraa haquu fi dirqama mootummaa wayyaaneen kennu galmaan geessisuu dhabuun jabaataa dhufee jira. Haalli kunis yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun ji’a tokko duwwaa keessatti miseensotni EPRDF kan tahan miseensummaa EPRDF of irraa haquuf Human resorce managment tti iyyannoo galchatan baay’inaan 20,000 ol tahuu HRM federaalaa saaxilee jira. Hojjettootni siyaasaa mootummaa wayyaanee baay’inaan hamma kana tahan ji’a tokko duwwaa keessatti duwwaa iyyannoo miseensummaa fi hojii siyaasaa irraa dhaabbachuuf iyyannoo galchuun isaanii hangafummaan bututa mootummaa wayyaanee fi jijjiirama walii galaa kan hubatan tahuu irraa tahuu HRM saaxilee jira. Mootummaan wayyaanee haala kanaan burkutaa’aa deemuun isaa yaaddoo miseensota EPRDF tahuu irraan qeerroon bilisummaa wareegama qaqqaalii kaffalee guutummaan bittinsuuf hojii jabaa haala yeroo kamuu ol baasuu isaa addeessa.

Naannoo Yuunivarsiitii Haramaayaa Hara Xinniqqeetti ayyaanni irreechaa diddaa Qeerroo hammachuun ayyaaneffatame

Aside

Onkoloolessa 10,2013 Haromaya

Aadaa, amantii, seenaa fi duudhaa isaa guddisuuf uummatni Oromoo eeyyama qaama kamuu kan gaafatuuf hin qabu. Mootummaan abbaa irree wayyaanee garuu aadaa fi duudhaa uummata oromoo ukkaamsuuf shira inni dalagaa turee fi itti jiru daangaa hin qabu. Godina Harargee bahaa Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti sabboontotni barattoota oromoo bara 2009 aadaa fi amantii waaqeffannaa guddisuuf Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa hundeessan. Gumiin waaqeffannaa kun hundeen erga dhaabbatee bulchinsi mooraa haramaayaa fi jala deemtotni mootummaa wayyaanee ukkaamsuu fi dhabamsiisuuf miseensota waaqeffannaa hidhaa fi doorsisaa turan. Gumiin kun kutannaan itti jabaachaa dhufuun birraa baranaa 2013 kanas ayyaana irreechaa naannoo Hara Xinniqqeetti haala hoaa fi diddaa hammateen ayyaaneffatee jira. Ayyaana irreechaa kana irratti walleewwan warraaqsaa gootawwan Oromoo faarsan hedduun kan wallifaman yoommuu tahu qeerroonis dhaamsa walii dabarsee jira. Jala deemtotni mootummaa wayyaanee kutannaa kanaan kan baaragan barattoota adda baasuuf yaalii taasisanis barattootni uummata waliin hariiroo jabaa qabaachuu irraa shirri diinaas fashalee jira. Qeerroon Oromoos diddaa fi dhaadannoo, walaloo gootummaa garaa garaa dhageessisuun haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.

Gama biraan ,Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa fi magaala Dirree Dawaa irraa walitti dhufuun maadheeleen ABO gamtaan haala yeroo fi dhimma QBO irratti marii taasisan. Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessaa maadheeleen Haroo xinniqqee, Caffee Raaree, maadhee Qilxuu Awwadaay lakk 1, 2 fi 3 magaala Dirree dawaa keessaa ammo maadheen Gucaa, Bilisummaa fi Gucaa lakk 2 walitti dhufuun marii gaggeessanii jiran. Marii kana irratti wayita mootummaan wayyaanee bututee fi uummatni oromoo gamtaa fi tokkummaa uumetti gaheen maadheelee maal tahuu qabaa irratti marii’atanii jiran. Maadheeleen martis bakkeewwan hojii fi barnootaatti uummata kakaasuu fi maadheelee kanneen hammataman dadammaqsuun qooda akka bahan irratti walii galanii jiran. Maadheeleen kun shamarran Oromoo Jaarmyaan of ijaaran cinaa adda durummaan akka dhaabbatanis lafa kaawwatanii jiran. QBO fuul duratti tarkaanfachiisuufis qarshii 1600 gumaatanii jiran. Maadheeleen kunneen marii isaanii osoo hin goolabiinis ibsawwan ejjennoo armaan gadii lafa kaawwatanii jiran.

  1. Maadheelee ABO ni kakaasna, Uummata FDGf wareegama nurraa eegamu kaffallee ni baasna
  2.  Shamarran Oromoo gamtaan QBO tarkaanfachiisuuf hojjetan cinaa ni dhaabbannam ni deeggarra]
  3. WBO cinaa ni hiriirram waan nurraa eegamu ni kaffalla
  4. Murnawwan dhaaba Oromoo jechuun gufuu QBO tahaa jiran dura ni dhaabbanna
  5. Saaminsa lafaa, hidhaa Jumlaa, faalaminsa qilleensa Oromiyaa gamtaan dura ni dhaabbanna
  6. Qeerroon akeeka lafa kaawwate hanga galmaan gahu wareegama barbaachisaa ni kaffalla]
  7. Diina QBO akka diina dhuunfaatti fudhachuunn lafa irraa balleessuuf ni hojjenna
  8. Gaaffii mirgaa hawaasni musliimaa gaafatuuf mootummaan wayyaanee deebii hatattamaa akka kennu ni gaafanna
  9.  Miseensota OPDO, Waraana wayyaanee keessatti ilmaan Oromoo jiran kaadhimuu fi barsiisuun QBOf gumaata Oromummaa akka bahan ni hojjenna

Kanneen jedhan lafa kaawwachuun Alaabaa ABO qabachuun marii isaanii waadaan xumuranii jiran.

SBO Onkoloolessa 13 Bara 2013

Aside

Qeerramsii fi Re’een Waliin ni Jiraatuu??! Dhaamsa Cimaa/ Daawitee Mokonon

Aside

Wayyaaneen EPRDF Waraana Isaa Irraa Amantaa Dhabuun Caasaa Haaraa Ijaaraa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

Onkoloolessa 11,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee waraana isaa irraa amantamummaa dhabeen caasaa waraanaa haaraa hojii dhabdootaa fi dargaggoota Habashaa amanamtoota tahan baajata hedduu ramadee ijaaruuf karoorfatuun isaa saaxilame

Mootummaan EPRDF Wayyaanee keessi isaa erga burkutaa’uu eegalee bubbulee jira. Haalli kun daran jabaachuun waraanaa fi amanamtoota Wayyaanee yeroo dheeraa hammachaa dhufe. Waraana mootummaan wayyaanee ittiin uummata miidhaa ture hammachaa dhufuun mootummaa wayyaanee hedduu yaaddessaa jira.
Mootummaan Wayyaanees kana dura dhaabbachuuf caasaa waraanaa haaraa dhalootaan habashaa tahanii fi dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkatan mallaqaan gowwoomsee ijaaruuf baajata hedduu ramaduun karoorfatee jira. Ilmaan Oromoo waraana mootummaa Wayyaanee keessatti argamtan shira diinaa kana dura aanuuf hojiin hangaftummaan hojjechuun isin barbaachisu jaarmaya keessan jabeeffachuu dha. Qeerroon shira mootummaan wayyaanee wixinu hanga dhumaa dura dhaabbachuuf wareegama kamuu akka kaffalu addeessa.
Ilmaan Oromoo martis shira diinaa waanjoo garbummaa bara baraan fe’uuf Wayyaaneen qopheeffate dura akka dhaabbattan qeerroon waamicha dabarsa.

Hojjettootni hidha Abbayyaa gaaffii dabalinsa miindaa gaafataniin deebii hatattamaa waan dhabaniif hojii gadhiisuu irratti argamu.

Aside

Onkoloolessa 11,2013 Finfinnee

Gaaffiin dabalinsa miindaa Impaayera Itoophiyaa keessatti jabaachaa dhufuun isaa beekamaa dha. Haalli kunis kan daran jabaate hojjettootni hidha Abbayyaa guutummaan dabalinsa miindaa gaafatanii jiran. Mootummaan Wayyaanee gaaffii isaanii kanaaf deebii hatattamaa laachuu waan dideefis hojjettootni hidha Abbayyaa kunneen hojii gadhiisuu irratti argamu.

Haala kanaan Hanga ammaa hojjettootni 200 ol tahan hojii dhaabuudhaan gadhiisanii jiran. Rakkoon fayyaas hojjettoota hidha kanaa mudachaa kan ture yeroo ammaas daran jabaatee jira. Waardiyootni hidha kanaa poolisoota federaalaa tahanis hojjettoota waliin rakkoon mudachaa jiru akka hiikamu gaafachuun hatattamaan hin hiikamu taanaan hojii dhaabuuf murteessuu isaanii beeksisaniin jiran. Jala deemtotni Wayyaanees gocha kanaan kan dhiphatan yoommuu tahu, hojiin hidha kanaas laamsha’uu irratti argama.

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Onkoleelessa 10,2013

Aside