Hojjetootni Mootummaa Magaalaa Hararii fi Yuuniversitii Haromayyaa Irraa Hojii Gadhiisaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Bitootessa 2,2013 Haromaya

DIDDAAHara Bitootessa1,2014 gabaasaan Qeerroo Yuuniversitii Haromayyaa irraa ibsutti ammaan dura hojjetootni mootummaa 1000 ol taan dhimma eda’iinsa miindaan wal qabatee waggaa tokkoon dura godina Harargee Haromayaa keessaa diddaa kaasaniin hojii irraa ariyatamuun ni yaadatama, ammas bifuma wal fakkaatuun hojjetoonti walii galaan kan mooraa yuuniversitii Haromayyaa(barsiisota) fi hojjetoota waajjiraalee garagaraa keessaa dalagan guutummaa magaalaa Hararar keessatti argaman gaaffiiwwan wal fakkaatoo inni duraa hojjetootni armaan dura hojii irraa ariyamanii jiran hojiitti haa deebian; jireenyi hedduu nutty qaalaeera kanaaf miindaan nuuf haa dabalamau jedhu qabatanii jiru,gaaffiin kunis hanga ammaatti deebii kan hin arganne gaaffiin kun mootummichaattti kan dhiyaate jioota tokko ol yoo tahu hojjetootni akka walii galaatti magaalaa Hararii fi mooraa yuuniversitii Haromayyaa keessatti argaman hunduu hojii dhaabanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira barattootni barsiisonni hojii dhaabaa waan jiraniif barumsa argachuun dhabaa jiru isa kanaaf diddaan gara magaalaa kanaatti jabaatee akka jiru gabaasaan Qeerroo addeessaa jira. Itti Fufa!

Wayyaaneen Uummata Oromoo maqaan ABOn hiraarsuu irra darbee keessa Caasaa isaa goolaa jira.

Aside

Bitootessa 1,2014 Finfinnee

Yeroo ammaa mootummaan wayyaanee gara itti goru dhabeetu jira gama hunda diddaan kautti waraana isaas ramadee diddaawwan qabatan dhaamsuuf yaalullee hin dandeenye,gara caasaa isaa shakkuutti geessee jira,namoota dur shakkaman hunda walitti qabuudhaan qorannaa irratti gaggeessaa,isaan kaan ammo bakka buuteen isaanii dhabamaatu jira,hojjetotas tae barattoota. Gabaasaa Qeerroo Shawaa Kibba Lixaa magaalaa Wallisoo irraa Bitootessa gaafa 01/2014 addeessuun magaalaa kana keessa kan jiraatan nama lama bakka buuteen isaanii dhabamee jira,akka gabaasaa Qeerrootti maqaa ABOtiin kan yakkamaniidha namootni lamaan kuni jireenyaa magaalama Wallisooti. Kanneen kunis

1. Tafarii Mokonnin-yuuniversitii Finfinnee irraa kan eebbifame garuu hojii dhabee kan jiru;
2. Girmaa Dhugaasaa-yuuniversitii Amboo irraa kan eebbifame yoo tahu namootni kun lamaan siyaasa ABOtiin tikoota wayyaaneen qabamanii ukkaamfamanii jiru,kunis olitti akkuma caqasne gaafa Bitootessa 01/2014 ti. Maatiidhaan akkasuma hiriyoottaniin hanga ammaatti hordofamanii kan dhabaman tahuu isaanii gabaafamee jira. Mootummaan Wayyaanee ammallee saba oromoo keessaa kan sabboonummaa qaban adamsaa jirti,abjuun hiika argachuuf dhiyaateera,diinni ilmaan oromoo hojii hojjetetti yeellauun isaa kan hin oolleedha,ammas jabaatee shira gurguddaa ilmaan oromoo irratti raawwachaa jiraatus kufaatiin isaa kan itti dhiyaate sochii yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru,wal nyaatinsii fi walitti buiinsi caasaa isaanii gudduutti taaa jiru kuni mallattoo kufaatii wayyaanee tahuun isaa ibsa, diddaan yeroo ammaa wal qabatee kaaa jiru uummata oromoo fi barattoota oromoo jabeessaa fi onnachiisaa jira,ammallee qabsoonii fi diddaan itti fufa hin dhaabbatu!!!

Oromo Voice Radio, March 1, 2014

Aside

SBO Bitootessa 02 Bara 2014 – Gabaasa Sochii FDG biyya keessaa fi qophiilee keenya odeeffannoota biroo qaban caqasaa

Aside

Aside

Hirphaa Gaanfuree

” Ka’i dubbiin booree taate” !!  Artist Hirphaa Gaanfuree

Haala yeroo irratti hundaawuun wallee warraqsaa haaraa Gurandhala 2014

FDG Jimmatti qabsiifame Wayyanee raasuu irraan waraanni moraa barnootaa keessa qubate.

Aside

Gabaasa: Guraandhala 28/2014 Yuunivarsiitii Jimmaatti Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa qubate. Goototni baratootni Oromoo sodaa kamuu akka waraana Wayyaneef hin qabne argisiisuun barnoota dhaabuun diddaa jabeessa jiru. kana biraan baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa lammiileen cunqurfamoo biyyatii waraana Wayyaanee dammaquun gara-maatiitti baqataa jiru. Qeerroon baratootni Oromoo qawwee fi waraannii umrii abbaa irree dheeressuu hin danda’u, qabsoo diddaa garbummaa bilisummaa uummata Oromoo eenyuu iyyuu duubatti deebiisuu hin danda’u kan jedhu ejjennoo qabaachuu irraan FDG jabinaan itti fufanii akka jiran Qeerroon Yuuniversitii Jimmaa gabaasa.

Barattooti Oromoo 15 Yuuniversiti Mattuu irraa arihamuun osoo isaan hin dhaabiin gaaffii mirgaa fi FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mattuu amma illee itti fufe.

Aside

QerroooGabaasaa Mattuu: Guraandhala 27/2014 FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan belbelfamaa jiru gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuun walqabatee itti fufee jiraachuun beekame. Goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu guraandhala 23-24 barruulee warraaqsaa FDG magaalaa Mattuu fi Yuunivarsiitii Mattuu keessa uummataa Oromoo fi baratoota Oromoof bittinneessuun, diddaa sirna Wayyaaneef qaban beeksisan.Guraandhala 26 irraa eegaluun fincila nyaataa lagachuu itti fufanii jiru.

Itti fufuun baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu balleessa tokko malee baratootni keenyaa 11 baatii darbee keess barnoota irra arii’atamanii jiru, nutis boru teenyee carraa obbolaa keenyaa eeggachuun walaalummaadha, kanaafuu class gallee hin barannuu dursinee mirga keenya haa kabachiifanu jechuun dhaamsaa waliif dabarsaa barnoota irraa arii’amuu baratoota Engineerota Oromoo 11f itti gaafatamaan bulchiinsa Yuunivarsiitii Mattuu fi mootummaa Wayyaanee ta’uu hubachiisuun, baratootni barnoota irra arii’ataman jedhee wayyaaneen maqaa ijoollee Oromoo 11 maxxansee jiru, baratootni kun nu gidduudha akka hin deemnee fi harka wal qabannee mirga keenya akka kabachiifannuu jechuun FDG haalaan cimaa fi abdachiisaa ta’ee itti deema jiraachuu ibsatan.

 

Seife Nebelbal Radio Program, February 28, 2014

Aside

Magaaloti Oromiyaa guguddoon bulchiinsa Federaalaaf Kenname,Baadiyyaan Oromiyaa ammo Dureeyyii halagaaf gurguramaa jira.

Aside

Gurandhala 27,214 Finfinnee

Qeerroo bilisummaaMootummaan gabroonfataa uummata Oromoo qe’ee fi lafa isaa irraa buqqisuu aadeffate har’a illee saalfii tokko malee magaalota naannoo FF kan akka L/Xaafoo L/Daadhii,Burraayyuu,Sabbataa fi Duukam fa’aatti lafa qonnaan bulaa irraa saamee maallaqattii gurguratuu irra darbee qonnaan bulaa Oromoo lafa isaa ifaan ifaatti irraa fuudhuun ummaata Amahaaraa fi Tigrree naannoo isaanii irraa fiduun sababa rakkattoota jedhuun qubachiisee uummata Oromoo jireenya gadadoo keessatti kuffisaa jiraachuun hubatamaa jira.kana malee sirni abbaa hirree uummata Oromoo lafuma isaa waliin uummata Oromoo dhabamsiisuuf tattaaffataa jiru,magaalota Oromiyaa kan akka magaalaa Jimmaa fi Adaamaa godina addaa jechuun Oromiyaa jalaa baasuun harka federaalaa galchuun beekkame,dabalataan magaluma Jimmaa kana keessa uummattoonni jiraatan harki guddaan/74%/ saboota biroo waan tahaniif afaan hojii fi barnootaa afaan amariffaa tahuu qaba jechuun illee jijjiiruuf tattaaffii godhaa jiraachuun
dhagahamaa jira.
Gabaasa KSBO!

Diddaan baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa jabaatee itti fufuu irraan Mootummaan Wayyaaneen humna Poolisa dabalataa itti bobbaase.

Aside

Gabaasaa: Guraandhala 27,2014 Jimma

2014-02-25 09.07.52Yuunivarsiitiin Jimmaa tajajiila baranootaa kennuu irra gara tajaajila Waraanaa kennuutti darbee jira. Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni baratootni Oromoo guyyoota shaniif haala itti fufinsa qabuun diddaa sirna abba irree Wayyaaneef qaban itti fufanii jiru. Goototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa hanga gaaffiin keenyaa karaa nagaa nurraa fuudhamee deebiin nuu hin kennamnetti FDG jabaatee kan itti fufu ta’uu hubachiisuun diddaa isanii nyaata dhaabuun, barnoota dhaabuuni fi qabsoo FDG Qeerroon gaggeessuu itti fufuuf murteeffatan.

Haala kanaanis mootummaan Wayyaanee seeraa haaraa mirga baratoota ugguru barruu fuula torba qabu Wayyaaneen baastee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa fi doormii baratootni keessa jirattan hunda irratti maxxansitee goototni baratootni Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo sabaaf sablamootni biyyatti fudhatama dhabsiisuun bakka Wayyaaneen maxxansitee walitti funaanuun ibiddan gubuun fudhatama dhabsiisan, seeraa jaamaan uummata itti miidhuuf baastu dhabamsiisuun Wayyaanee qaanessan. gochaan kun mootummaa Wayyaanee maraachee jira.

Yuunivarsiitiin Jimmaa ergama Wayyaanee hojii irra olchuuf jedhee tajajila barnootaa fi hawwaasummaa irra gara tajaajila Waraana kennuutti darbee jira, waraannii wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa kessaa qubsiifame jiru yeroo amma kanatti tajajilaa nyaataa kaffee baratoota irra argachaa jira, tajajila geejjibaa immoo konkolaataan service adda addaaf ramadame hojii gaggeessa Yuunivarsiitichaaf ture sana dhaabuun waraanaa fee’ee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa nanna’a oola.

2014-02-25 09.31.37 2014-02-25 09.36.00 DSC00625Yeroo amma kanatti waraanni wayyaanee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, Magaalaa Jimmaa, fi Aggaaroo irra rabsifamee jira, keessaattu waraannii heddumina qabu mooraa Yuunivarsiitii daandii gara hospitaalatti geessuu fi nannoo caffee baratootni fayyaa baratan irraa nyaatan gararraa kan qubsiifame ta’uun bira ga’amera. Mootummaan Wayyaanee waraana kana illee halkanii guyyaa ta’umsaa fi dhaabii dhorkaa jiraachuun ibsamee jira. Ilmaan Oromoo waraanaa kana keessatti argaman akka baratoota Oromoo Yuunivarsiitii keessa jiran kan ijaan beekan, hiriyummaan wal beekan, kan waliin baratan fi firumma dhiigaa wal irra qaban illee yoo argan akka hin dubbifnee, fi dubbisee kan argamee seeratti kan dhiyaatu ta’uu isaa odeessii keessa waraana wayyaanee kana ba’uu saaxilee jira.
Haala kanaan mootummaa wayyaanee dabalatee Yuunivarsiitiin Jimmaa fi Magaalli Jimmaa raafama guddaa keessa seentee jirti.