Breaking News: Seife Nebelbal interviews Qeerroo on today’s Jimma University attack

Aside

Wallisaa Sabboonaa Jaafar Yusuuf reebicha hamaa wayyaaneen irra gaheen Hospitaala ALERT seene‏

Aside

 

jaafar yusuuf

Arstist Sabboonaa Jaafar yusuuf

Mootummaan Wayyaanee artistoota Oromoo ajjeesaa fi darara jabaa irraan gahaa kan as gahe Sabboonaa Oromoo Wallisaa Jaafar Yusuuf reebicha jabaa irraan gahuun yeroo ammaa kana Hospitaala ALERT jedhamu keessatti argama. Wallisaa Jaafar Yusuuf Mormii lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu ilaalchisee wallee haaraa Finfinneen keenyuma hin kenninu murree jedhuun sababamee kan hidhame yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee reebicha jabaa irraan gahuun du’aa fi jireenya gidduu seenee Hospitaala ALERT keessatti waldhaansa gadi aanaa argachaa kan jiru yoommuu tahu achittis tahu tiknii fi Poolisootni wayyaanee cunqursaa hamaa irraan gahuu irraa hiriyyootnii fi firootni isaa akka hin dubbisne dhorkanii jiran. Mootummaan wayyaanee aartii fi hayyoota Oromoo balleessuuf duuba kan hin deebine yoo tahu yeroo ammaa kana Oromoon bakka jiruu ka’ee gaaffii mirgaa akka finiinsu waamicha Oromummaa dabarsina.

Yuuniversitiin Jimmaa Mooraa Waraana Wayyaanee Fakkaata. Diddaan Barattoota Oromoo Ebla 19,2014 Itti Fufeen Barattooti Gaga’amaa Jiru.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGEbla 19/2014 FDG Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa torbee tokko oliif gaggeessa jiiran daran jabaatee itti fufe.

Warraaqsii Fincila Diddaa Garbummaa (WFDG) guyyaa har’aa haalaan jabatee Mooraawwan Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cumpas, Mooraa Agriculture fi mooraa saayinsii fi teekinooloojii keessaatti fincillii guddaan itti fufee oleera. Sagaleen mormii guddaan dhageesifamera, Waranaa poolisii federaalaa Wayyaanee Waliinis w alitti bu’insii guddaan Uummamee Mooraa Agriculture fi mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii irraa Baratootni hedduun humna Waraanaa mooraa 44 (arba arattanya kifile xoorii) kan dhihaa Oromiyaaf ramadamee ta’uu humnaan Mooraa Yuunibarsiitii cabsanii galuun baratootaa konkolaataan Ukkamsaa jiru. Yuunibarsiitiin Jimmaa fi magaalaan Jimmaa dirree Waraanaa fakkaatee jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Ammaan dura gaaffiin barattoota Oromoo Jimmaa bulchinsi Finfinnee mootummaa nannoo Oromiyaa jala galuu qaba, Magaalawaan Oromiyaa naannaawaa Finfinnee , bulchiinsa Finfinnee jala galuu hin qaban, kaayyoo mootummaan Oromiyaa gargar qoodee lafa uummata Oromoo gurguracha jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba, kan jedhuu fi Oromummaa keenyaan manni maxxansaa ‘hinquu’ jedhamu nu arrabsuun maxxansii maqaa balleessii kun seeratti dhiyaachuu qabu, namoonni Oromummaan nu arrabsan seeratti dhiyaachuu qabu jechuun iyyannoo dhiyeeffatan, gaaffii deebii keenyaa hanga nuf hin deebinetti

GGO’n Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti Haalaan kabajame.

Aside

Ebla 19,2014 Gabaasa Qeerroo
Gabaasa Ebla 15/2014 Guyyaan Gootota Oromoo(GGO) dhihaa Oromiyaa goodinota garaagaraa keessatti haala gammachiisa fi damaqinsaa qabsoof qaban mul’isuun sabboontotni Oromoo Maddheewwaan ABO garaagaraa irraa walitti dhufuun kabajatan. Akkuma Hoogansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo haala kabaja ayyaanichaa irratti ergaa fi dhaamsa karaa miseensota qeerroo uummataaf dabarsetti uummaanni haala baay’ee ajaa’ibsiisa ta’een guyyaa kana irraa qooda fudhachuun kabajatan. Godinota dhiha Oromiyaa kanneen akka:
Godina Jimmaa: Sabboontootni fi miseensotni Qeerroo dargaggootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma jalbultii Guyyaa gootota Oromoo ebla 11/2014 fi 12/2014 Warraaqsaa FDG gaggeessuun kaayyoo bilisummaa uummata keenyaa goototni ilmaan Oromoo lubbuu isaanii itti wareeguun asiin ga’an itti xummura haa goonu jechuun guyyaa gootota Oromoo kayyoo goototni Oromoo irratti waraeegaman finiinsuun kabajachuu eegalan. Goototni Sabboontotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG eegalan itti fufuun, cinatti Ebla 15/2014 Guyyaa Gootota Oromoo sirna ho’aa ta’een kabajatan, Seenaa Gootota Oromoo ilaalchisuun Guyyaan Gootota Oromoo akkamittini fi eessatti isa jedhuu, eenyufatuu wareegameef, maaliif eenyuuf wareegaman isa jedhuu irratti ibsa gaggabaaba waliif kennuun haala ajaa’ibsiisa ta’een kabajatan. kana malees goototni baratootni Oromoo department garaagaraa irra barachaa jiran walitti dhufuun namotni 100 olitti lakka’aman bakkatokkotti walitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi warraaqsaa FDG eegalanii jiran irratti marii bal’a gaggeeffachuun guyyaa seena qabeessa kana haala nama gammachiisuu fi onnachiisuun kabajataniru. Godinichuma keessatti sabboontotni hojjetootni Mootummaa, daldaltootni, dargaggootni, barsiisotni, fi dafqaan bultootni dhalotaan Oromoo ta’an gurmuun walitti dhufuun guyyaa seena qabeessa kana kabajataniru.
Godina Iluu Abbaa Booraa: Goototni Sabboontotni baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu, kolleejjii Barsiisota Mattuu, Jiraattootni Magaalaa Mattuu, fi Sabboontotni Magaalaa Beddelleetti argaman namoota dhunfaa fi gurmuun maadheen ijaaramanii kanneen jiran walitti dhufuun guyyaa Gootota Oromoo haala walfakkaatuu fi akkam miidhagaa ta’en kabajataniru, Guyyaa Gootota Oromoo(GGO) sababeeffachuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii guddaa gaggeeffachuun, gumaacha qabsoon isaan irra barbaaduu bahuuf waadaa isanii haaromsuun kabajatan.
Godina Lixa Shawaa: Sabboontotni Oromoo Godina Lixa shawaa gurmuu hawaasaa kanneen akka dargaggootaa, baratoota, hojjettootaa, fi bakka bu’oonnii qeerroo dargaggoota Oromoo fi bakka bu’oonnii madhee garagaraa irraa walitti dhufuun Magaalaa Amboo keessatti GGO haala midhagaa fi dadamaqinsaa qabsoo guddaa qabuun kabajataniru, Guyyaa gootota Oromoo kana sababeeffachiinis haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii bal’aa gaggeeffachuun kabajatan, guyyaadhuma kana bakka bu’onni gurmuulee hawaasaa kunneen ilmaan oromoo lafa rakkinaa fi mana hidhaa wayyaanee garaagaraa keessatti dararamaa jiran ittin jajjabeessuuf kan oolu buusii maallaqaa walitti qabuun qarshii 700 kan walitti buufatan ta’uu bakka bu’onnii qeerroo godina lixa shawaa gabaasaniru,kana malees godinuma Lixa shawaa Aanota garaagaraa fi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa garaagaraa keessatti GGO haala ho’aa ta’een kabajameera. keessattuu Aanota kanneen akka Midaa Qanyii, Geedoo, Xuqur Incinnii, Iluu Galaan, Baabbicha, Tokkee Kuttaayee, Jalduu, Gudar, Amboo, Giincii, Adaa’aa Bargaa, Gindabarat, fi Meettaa Roobii, kanneen jedhaman keessatti qonnaan bultootaa, Barattoota, Barsiisotaa, fi hojjetootaan akka kabajamaa ture maddeen keenya gabaasaniru.
Godina Kibbaa Lixaa Shawaa: GGO’n bifa adda ta’een sabboontota Oromoo maagaalaa Walisoo,fi Aanota Wancii, fi Sadan Sooddoon kabajamera. Sabboontotni Oromoo haaluma walfakkattuun walitti dhufuun Ebla 15/2014 bifa adda ta’een kabajachuun haala yeroo qabsoon Oromoo irra jiruu fi Oromiyaa irra jirtu irratti marii guddaa gochuun qabsoo bilisummaa Oromoo fulduratti tarkaanfachiisuuf dandeetii keenyaa, beekumsa keenyaa fi waan qabnu hundaan qooda kan irraa fudhannu ta’a jechuun waadaa isaanii haaromsuun guyyaa kana kabajatanii oolaniru.
Walumaagalatti: Sabboontotni Qeerroon Baratootni Oromoo Dhabbilee barnoota Olaanoo fi Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessa jiran GGO haalan kannan kan kabajatan yoota’uu, keessattuu dhabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitota akka Jimmaa, Amboo, Walisoo damee Amboo, Wallagga, Wallagga Damee Gimbii fi Shaambuu, Miizan Teeppii, Walqixxee, Finfinnee fi Kolleejjota Barsiitotaa kanneen akka Jimmaa, Neqemtee,Mattuu fi shaambuu keesatti illee GGO’n ilmaan Oromootiin haala aja’ibsisaa fi jajjabinaa fi dammaqinsa qabsoo argisiisuun haala howaa ta’een kabajachuun gabaasaan bakkota garaagara irra nu qaqqabee jiru ifa godhee jira.
Injifannoon U/Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Ebla 17/2014

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Ebla 17,2014

Aside

 

OMN: Xiyyeeffannaa Tibbanaa Ebla 16, 2014

OMN Shamarree Oromoo Toltuu Tufaa Waliin

SBO Ebla 20 Bara 2014 Oduu Tarkaanfilee WBO – Guyyaa Gootota Oromoo Giddu Gala Mooraa Loonjii WBOtti kabajame irratti haasaa H/Dn ABO J/Daawud Ibsaa taasisanii fi gabaasaalee kanatti rarra’an ofitti hammatee jira.

Aside

Gaaffii Mirgaa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Barattoota Oromoo 10 Hidhamanii Turan Gamtaan Gootota Oromoo Tokkummaan Ka’anii Diddaa Taasisaniin Hidhaa Irraa Baafatan.

Aside

Tokkummaan Jiraatnaan Injifatnoon Jira!!  Hojii Boonsaa Gamtaa Barattoota Oromoo Yuuniversitiin Jimmaa !!

QerroooEbla 17/2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirga kabajamuu mirga saba Oromoo fi falmii mirga abbaa biyyummaa Oromoo kanneen akka gaaffii Magaalawaan Oromiyaa gurguddoo fi nannaawaa Finfinnee Adeemsii Finfinnee fi Federaalaa jala galchuun to’achuuf Mootummaan EPRDF shira uummata keenya irratti hojjechaa jiru uummata keenya irraa dhaabbachuu qaba, mirgii uummata keenyaa sarbamaa jiru kabajamuu qaba jechuun gaaffii mirgaa iyyaannoo isanii irratti dhiyeeffachuun bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatti dhiyeeffachuun Ebla 11/2014 hanga Ebla 12/2014tti bara FDG kaasuun ni yaadatama.

Gaaffii mirgaa barattooti kaasaniin wal qabatee guyyaa mormiin bahame sanitti sagalee  keessan kaaftanii dhadannoo dhageessiftaniittu,mootummaa irratti hiriira qindeessitaniittu sababoota waraanni mootummaa Wayyaanee fi poolisii mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti argamuun barattootni Oromoo nagaan kudhan (10) kudhan qabanii hidhuun buufata Poolisa Yuuniversitii Jimmaa keessatti hidhan.Godhchaan Wayyaanotaa kun sirrii akka hin taanee fi daba Oromoo irratti raawwachuu ta’uu kana aarse gootonni barattooti Oromoo Yuniversitii Jimmaa tokkummaa isaanii cimsuun gamtaan harka walqabachuun Waajjiraa poolisii Yuunibarsiitii Jimmaa keessa jiru marsuun barattootni keenyaa gaaffii keenya gaafatan malee yakka tokko illee hin qaban gadhiifamuu qabu, gaaffiin gaaffii waliigalaa hunda keenyaati amma hatattamaan baratootni keenya gadhiifamuu qabu jechuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun baratoota Oromoo tohannaa loltoota Wayyaanee jala galan harka eegdotaa irraa gadi lakkisiisuun fudhatanii deebi’uun dhaadannoon tokkummaa fi eenyummaa isaanii diinatti argisiisuun eenyummaa isaanii
kabachiifatan.

Baratootni Oromoo poolisotaan dararaman kunis:-
1.Barataa Galaanaa Abbabaa, mummee Governance and Developmental
studies, waggaa 3ffaa,
2.Barataa Abdii Turaa, mummee seeraa waggaa 5ffaa
3.Barataa Zabbanaa Tamasgeen, muummee afaan Oromoo Folklore waggaa 3ffaa
4.Barataa Mo’iiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa
5.Barataa Israa’eel Haptamuu
6.Barataa Ibsa(Girma) Nagaasaa, Mummee Governance and developmental
studies waggaa 2ffaa
7.Barataa Darajjee , Mummee Chemistry waggaa 3ffaa,
8.Barataa Falmataa Bayechaa, Mummee Medicine waggaa 4ffaa
9.Barataa Gadaa Hubataa, Mummee Economics and Business waggaa 3ffaa
10 Barataa Bariisoo ,Mummee Afaan Oromoo Folklore waggaa 3ffaa

Yeroo tahan kanneen kaan bakka isaan mooraa Yuuniversitii keessa hin jirretti bilbilaan warri doorsifaman barattooti lama haala kanaan rakkoo keessa jiraachuu beekame. Kanneen kunis

1.Barataa Sanyii Iddoosaa , Mummee medicine waggaa 5ffaa bakka inni internship dhaaf ba’ee jiruutti bilbila irratti bilbiluun kan doorsifama jirudha.
2.Barataa Guutasaa Jaalataa , Muummee Medicine waggaa 5ffaa akkasuma bakka inni interniship dhaaf ba’ee jiruutti bilbiluudhaan kanneen dorsifamaa jiran kessa tokko ta’uun beekamadha. Hallii tarkaanfiin abbaa irruummaa dabbaloota wayyanee gootota baratoota Oromoo irratti rawwachaa jiran daran kan fincila diddaa garbummaa qabsiisa jiru ta’uu hubatamee jira, kanuma irraa ka’uun baratootni Oromoo nuti gaaffii karaa nagaa dhiyeeffanneef baratootni keenyaa hidhamuu doorsifamuu hin
qaban warren barattoota keenyaa doorsisa jiran seeraatti nuf dhiyaachuu qabu jechuun gaaffii isanii jabeessuu irratti argamu. Kana malees Yuunibarsiitii Jimmaatti gamtaan tokkummaan baratoota Oromoo haalaan jabaachuun seenaa qabsoo Oromoo keessatti bakka olaanaa qabachaa kan jiru ta’uun hubatame jira. Haalli kun mootummaa abbaa irreetti yaaddoo fi dhiphina guddaa yoo ta’u, uummata Oromoo fi sabboontota Oromoof abdii guddaa ta’uun beekame jira.
 

Mootummaan Wayyaanee Badii Tokkoon Malee Sabboonaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf Ukkaamsuu Mana Hidhaa Galche

Aside

Mootummaan Wayyaanee aartii fi Artistoota Oromoo nyaachaa alalfachaa kan as geesse Sabboonaa Jaallatamaa wallisaa Oromoo kan tahee fi yeroo ammaa kana keessatti walleewwan haaraa baasuudhaan daran jaallatamaa kan dhufe Wallisaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf mootummaan wayyaanee Ukkaamsuun mana hidhaa keessatti darara irraan gahaa jirti. Mootummaan wayyaanee Wallisaa Jaafar Yusuuf dhimma Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu ilaalchisee wallee Finfinneen Keenyuma jedhu wallee baaqqee gadhiisteetta, Ati akeeka mootummaa wayyaanee Uummata kakaasuun fashalsiisuu irratti argamta jechuun mana hidhaatti ukkaamsuun darara jabaa reebichaa bakka lafeen ilmaan Oromoo hedduun keessatti nyaatame Maaikelaawwii keessatti dararaa jirti.

Sabboonaa Wallisaa Art. Jaafar Yusuuf
Mootummaan Wayyaanee Artistoota Oromoo waan Oromoo fi Oromiyaa sirban kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Yoseef Gammachuu, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee fi kanneen biroo hedduu darara jabaa irraan gahuun lubbuu isaanii kan dabarsite yoommuu tahu yeroo ammaa kanas Sabboontota Oromoo Artistoota waan Oromoo sirbuun oromummaa hubachiisan kanneen akka Jaafar Yusuuf mana hidhaa keessatti darara jabaa irraan gahaa jirti. Sabboonaan Artist Jaafar Yusuuf walleewwan hedduu qabu keessaa waan Uummata Oromoo haamilachiisuu fi Gootummaa wallise keessaa..Hafanfartuu Shoolee.. Hara hin galtu Booree, Hayyaa lolaa yaa lola Eeeboo fi torbaan darbe keessa ammo Finfinnee fi naannawaan Finfinnee keenyuma hin kenninu murree kan jedhuu fi kanneen biroo hedduu dha. Mootummaan wayyaanee namoota gama aartiinis tahe gama barnootaan Uummata isaanii hubachiisan hidhuu fi ajjeesuun uummata Oromoo doomsee garboomsuu kan akeekkate baroota bittaa isaa mara waan taheef Uummatni Oromoo bakka jiruu kaee Wallisaa Jaafar Yusuuf mana hidhaadhaa akka gadhiifamu diddaa gama hundaan akka dhageessisuu fi dhuguma lafti Oromiyaa Finfinneen handhuura Oromiyaa taatee naannawa Finfinnees diinaaf kutnee akka hin laanne akka mirkansinu Waamicha Oromummaa dabarsina.

 

**Wallisaan Sabboonaa  Oromoo Jaafar Yesuuf Dhalottan Godinna Qeellam Wallagga anaa Gidaamitti kan dhalate yeroo ta’u. Sababaa Walleeleen isaa mirga uumata Oromoo gaafatuuf jecha Mootummaan Wayyaanee naannoo Magala Borrayyuu lafa Kattaa jedhamutti konkolaataa sadiin marsanii qabanii fuudhanii hama hidhaa Ma’ikelaawwee buusuun beekamee jira.

 

Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufuun Xalayaa Iyyatnoo Tamsaasan.

Aside

ERGA CALLISUUN KEENYA NU TOLLEE

HAA FALMANNU NU WALII GALLEE!!

DiddaaJaallannee ,filannee miti!,callisanii buqqee tauu mannaa dubbatanii bubbee tauu wayya jedha Oromoon kaleessaa.Duula waliif waliin kaana jedhamu kan roorroon hiriyaa hin qabne shin mootummaa gabroomfataa habeshaa Oromoo irraatti gochaa ture, haa caaluu immoo yeroo amma kanatti gabrummaa gita hin qabne duula duguuggaa sanyii haalaa fi kallattii hin qabne tae jedhamee itti yaaddamee deemamaa jiru Oromoos taee diinni warreen alagaa karaa karaa isaatiin ifatti beeku.Haa tau malee beekuun Oromoof yeroo ammaa kanatti hiikaa hin qabu.shiraa fi danqaa diinni hirriba lagatee halkanii guyyaatti afarftu kanatti dammaqee humnaan diinaa cabsuu dandau hidhatee of qopheessutu irraa eegama. Kana gochuun Oromoof waan akka mirgatti dhiyaatu miti ,dirqama irratti dirqamni eenyummaa dabalamuu qaba. Tole kaa mee waanuma taii kaleessaa fi hara tae, boruu fi iftaan immoo tauu dandaan akka armaan gadii kanatti wal haa ilaalluu.

Yeroo ammaa kanatti duulli boca qabne ilmaan ilaalcha dulloomaa fi ilmaan abjuun isaanii yoomuu shiraa qofaa kan tae haftee Miniliik fi mana barumsaa ekeraa Miniliik irraa warren eebbifamaniin barreeffamoonni Oromoo akka sabaatti xiqqeessuu fi arrabsoo Oromoo tuqu akkasumas Abbaa biyyummaa Oromoo waakkatu Afaan Amhaaran kan barreeffame mataa dureen isaa INQUU FI QUMNEGER jedhaman isaan hangafaa fi ifatti maqaa balleessii Oromoof mana maxxaansaa dhaabbate tauun bira gahameera.

Guutummaan Iyyatnoo kanaa dubbisuuf:- Qeerroo ASTU.docx

GGO Ebla 15,2014, Qo annoo Qaamolee Haqa a fi Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa Irra a

Aside

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2014

Leenjitoota Inistitiyuutii Qoannoo Qaamolee Haqaa fi Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa,magaalaa Adaamatti Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2014 kabajameen dhaamsaa fi ejjennoolee armaa gadiin dhiheessan!

Leenjitotni Qaamolee Haqaa fi Abbaa Seeraa Oromiyaa Magaala Adaama keessa jirruu Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 guyyaa keessaa sa’aatii 8:00 irraa eegallee haala ho’aani fi sirnaan, yaadannoo guyyaa gootota keenyaa kabajnee oollerra.Guyyaan kun guyyaa xurree haqaa ta’uu fi guyyaa tokkummaan saba keenyaa daran akka itti fufuuf, goototni keenyaa wareegama hadhaawaa kaffalan waan ta’eef yoomuu onnee keenyaa keessaa akka hin badnee ta’uu hubannee,guyyaa kana haala addan yaadannee oollerra.Goototni keenyaa kun jiraachuu keenya har’aa,dagaagina biyyaa keenyaa gara fuuldura,tokkummaa saba keenyaaf hundee waanta’aniif,kabajaa fi ulfinni bara baraa isaaniif haa ta’uu jenna.Guyyaa har’aa yeroo gootota keenyaa yaadannoo imaanaa isaan nuf kaa’anii fi kaayyoo isaan manaa ba’anii gammoojjitti hafani fuulduratti deemsisuun dirqama sabummaa keenyaa ta’uu hubanna.waadaa hin hin jijjiramnees ni seenna.
Ittii aansuun haala kabaja keenyaa fi mariiwwaan garaagara guyyaa kana ta’ee akka armaan gadiin sinif dhiyeessa.
Akkuma aadaa keenyaa marii keenyaa eebbaa jaarsa Qeerroon bananne.Ajaandaan marii keenyaa;
1,Tooftaa QBO fi FDG ittiin deemamuu qabu fi dhalataan har’aa jiru ittiin deemamuu qaban,
2. Haala deemsi QBO ittin deemaa jiruu fi sadarkaa(level) diinni ittiin saba keenyaa hacuucaa jiru wal madaala deemaa jiramoo? Diinatu nu caala saffisaan hojjetaa jiramoo nutu caala socho’aa jiraa kan jedhu irratti gamaggama adeemsaa irratti marii dheeraa goonee jirra,
3. Sochii mootummaan biyyaa keenyaa irratti raawata jiruu,haala itti nafxanyaan socho’aa jirtuu fi ilaalcha dargaggoota keessaa jiruu,
4. Furmaata fi haala itti furmaatni sun galma gahu balinan mari’achuun dabarsine,
Rakkoowwaan armaan duraa kana irratti furmaatni fi ejjennoowwan miseensonni keenya fudhatan haala armaangadii ta’aa.
A. Akkaa haal-dureetti qabsoon furmaata rakkoo kana ta’uu hubannee kaayyoo gootota keenya fiixaan ni baafna.
B.Madaalli ykn saffisni diinni ittin deema jiruu fi haala sochiin dargaggota oromoo ittiin deema jirru waan wali hin gitneef sochiin keenyaa dachaadhaan akka itti fufuu qabuf dirqama keenyaa ni baana.
C.Dhaaba furmaata kanaa ta’ee ABO fi WBO keenya dandeettii,humna,beekumsa,dinagdee qabnuun gadi ni utubna.
D.Ummata keenyaaf hubannoo FDG fi kallatti qabsoon keenya ittiin galma ga’uu qabu gorsuu fi kakaasuu hojii keenyaa guddaa ta’uu qaba jenna.
E.FDG yeroo amma magaalota keenyaa tokko tokko fi mooraa barnootaa garaagaraa keessatti ta’aa jiru haalan bira ni dhaabanna ni jajjabessina,waan nurraa eegamus ni baana.
F.Lammiwwaan keenyaa ijaaruun qabsoof of qopheesun furmaata waanta’eef guyyaa kana jalqabnee ummata keenyaa ijaaruutti deemuu akka qabnu fi sochoosuu qabnu jenna.
G.Callisuun,obsa baay’isuun,maaltu na galche jechuun, taa’ani rakkina faarsuun fi quba namatti qabun gowwummaa ta’uu fi bilisummaa namaf fiduu akka hin dandeenye hubannee tokko tokkoon keenyaa waanta nurraa eegamu gochuun dirqama sabummaati jenna.
H.Yeroo ammatti diinni garaagara tooftaa fi daandii jijjiratee hamlee nu dadhabsuu fi tokkummaa keenyaa diiguuf haalan socho’aa jiru hubanne of qopheessuu qabna jenna. kabajni fi ulfinni gootota keenyaaf , akkasuma dhaaba keenya ABOf haa ta’uu jenna.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Qoannoo Qaamolee Haqaa fi

Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa !!

GGO Ebla 15,2014