Darggaggoon Oromoo biyya Norway magalaa Førdee naannno Sogn og Fjordane jiraatan yeroo gara garaa qophii addaa addaa qabsoo bilisummaa Oromoo deeggaran garaagaraa geggessaa turuun ni yaadatama. Haaluma kanaan ammoos gaafa guyyaa Ebla 15 yaadannoo guyyaa gootota Oromoo halaa gariin kabajachuun beekame.
Blog Archives
Korri Miseensotni ABO Kutaa Kanadaa Ibsa Ejjetnoo Fudhate! Mariin Hawaasi Oromoo Torontoos Ibsa Baaftee Jira.
Aside
KORA MISEENSOTA ABO KUTAA KAANAADAA
Korri Miseensota ABO Kutaa Kaanaadaa akkuma aadaatti eebba maanguddoon baname.
D/T Konyaa Mul`is A/Gadaa J/Nuuraddin Adam Ykn Falmaa Sabaa irmaatota koraan baga nagaan dhuftan je chuun simateera.Itti aansuun MGS -ABO J/Rooraas A/Goobaa kora kana akka sirnaan bananiif D/T-n Konyaa Mul`is A/Gadaa Afeeraniin J/Rooraas kora sirnaan banan. Itti aansuun sagantaa Sirna kabajaa Guyyaa yaadannoo Goototaa bakka ummatni Oromoo magaalaa Toroontoo heedduminnaan argamanitti Faaruun Goototaa faarfatamuun haala bareedaa fi seena qabeessa ta`een kabajameera.Sirnuma kabjaa kanarratti hawwisoon Toroontoo sirbootaa aadaa Oromoon ummata gammachiisaniiru. wallisaan Oromoo beekamaa fi jaallatamaan J/ Callaa Carcar irratti argamuun ummata Oromoo galgala guutuu bashannansiisaniiru.
Sirna kabjaa Yaadannoo Goototaa tti aansuun Daarikteriin Boordii Dhimma Mirga dhala namaa/HRLHA/ Obbo Gaaromaa Waaqasaa haala miidhaa fi dararama ummata Oromoo iirra gaa`aa jiru ilaalchisee, keessattuu yeroo ammaa kana Mootummaan Wayyyanee/TPLF/ miidhaa biyya keessaatti Ummata Oromoo qee fi qabeenya isaarraa buqisaa jiruu fi ummatni Oromoo biyya alaatti/Baqqattummaa keessattis/ miidhaa karaa biyya itti baqatan keessaa mootummaa n biyya sanaa Wayyaaneen wal ta`uun adamsamanii ajjeefamuu fi ukkaanfamanii gara biyya irraa baqataniitti deebisuun ajjeesuu f i ukkaamsanii dhabsiisuun miidhaan addaa addaa Oromoorra akka ga`aa jiru bal`inaan ibsaniiru.
Ibsa Ejjetnoo Kora Miseensota ABO Kutaa Kanadaa:- Ebla 18.20 2014 KORA MISEENSOTA ABO KUTAA KAANAADAA
Ibsa Hawaasa Oromoo Torontoo:-E bla 20 2014IBSA EJJENNOO HAWAASA OROMOO MAGAALAA TOROONTOO.docx
Ammas Daddabalee Bulchiinsi Yuuniversitii Jimmaa Barattoota Oromoo 6 ta’an Dabarsee Poolisoota Wayyaaneef Kenne
Aside
Ebla 23,2014 Gabaasa Qeerroo Jimmaa
Ebla 22/2014 Bulchiinsi Yuunibarsiitiin Jimmaa gochaa fashistummaa fi diinummaa barattoota Oromoo irratti rawwachaa akka jiru Qeerroon mooricha irraa gabaasa. Bulchiinsi Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Beeksisa Ebla 22/2014 waaree boodaatti biiroo Dean Barattootatti barbaadamtu jechuun baase irratti barattoota Oromoo 6 gara waajjirichaatti waamaman, Barattootni akkuma dhaqanitti biirootti olgalchuun hanga galgala keessa sa’aa 12:30tti doorsisaa turuun dhumarratti poolisa federalaan qabamani wajjira poolisaa magaalaa Jimmaa ganda 05 Awweetuu mandaraatti geessuun hidhani jiru. Barattootni Oromoo balleessa tokko utuu hin qabaatiin seeraa discipline committeetu isin waame jechuun ilmaan Oromoo nagaa ukkamsuun hidhatti galchuun har’a yakka hin jirree uummata keenyaa fi beektota barattoota keenya irratti dalagama jira. Barattootni amma haala kanaan kaleessa galgala qabaman.
1. Barataa Falmataa Bayechaa, mummee medicine waggaa 5ffaa
2. Barataa Galaanaa Ababaa, mummee Governance and Developmental studies waggaa3ffaa
3. Barataaa Gadaa Darajjee, mummee Governance and Developmental studies waggaa 3ffaa
4. Barataa Zabbanaa Barasaa, Mummee Afaan Oromoo folklore waggaa 3ffaa
5. Barataa Israa’eel Haptamuu, mummee barataa Educational planning
6. Huseen , muummee Information Technology (IT) waggaa 3ffaa barachaa warreen jiran maqaa seeraa ala gaaffii gaafatan, fi ajaja poolisii mooraa Yuuniversiitii Jimma humna tikaa wayyaanee ergama diinummaa ilmaan Oromoo irratti baate kan jiru Kalid Abbaa Tamaam reebdan jechuun sobaan yakkamanii kan hidhaman ta’uun beekame jira.
Gochaan yeroo yeroo’n barattoota Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa irratti ergamtee bultootni wayyaanee gaggeessa jiran kun daran barattoota Oromoo qabsoof onnachiisuun gabaafamera. kanumaan walqabatee adeemsii baruu fi barsiisuus mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti dhaabbatee jira/addan citee jira.
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa “Dinee didaa Garbummaa” Jedhchuun Ejjetnoo Fudhatan
Aside
Ebla 22/2014 FDG Gootota Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimman eegalame jabaatee itti fufe jira,Qeerroon Barattootni Oromoo gaaffii dhugaa fi sirrii karaa nagaan dhiyeeffanneef waraannii, hidhaan, dararaan fi doorsifnii deebii ta’uu hin danda’u jechuun FDG itti fufee jira. haaluma kanaan dargaggootni Barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimma ibsa dabarfachuun fincila diddaa garbummaa haalaan jabeessuun itti fufani jiru: Nuti Dargaggootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Gaaffii mirgaa rakkoo uummata keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii gaafanneef:
- Deebiin gaaffii keenya humna warraanaa fi poolisa nuti bobbaasuun ukkamsaa, hidhaa, reebicha, ajjeechaa fi doorsifni deebii hin tauu; gaaffii mirgaas dhaabuu akka hin dandeenye ni hubachiifna.
- Gaaffii karaa Mirgaa fi Dimookiraasii gaafanneef barattootni keenya hidhaman nuuf haa hiikaman. Kanneen doorsifamaa jiran irraa doorsifnii dhaabbachuu qaba. Barattoota poolisaa Federaalaa fi waraanaan reebamaniif beenyaan kanfalamuu qaba.
- Mootummaan ani uummatatu na filatee jedhu tokkoo yeroo uummaanni barbaadetti uummata gidduutti argamuun gaaffii uummataa fuudhee deebii deebisuun dirqama waan taeef gaaffii keenyaaf mootummaan naannoo Oromiyaa argamee deebii akka nuuf kennu gaafanna.( yoo kana hin fudhannee abbaa irree, fi shororkeessaa) tauu isaa ofiin raga of irratti bahaa jiraachuu ni hubachiifna.
- Mootummaan EPRDF amma angoo qabatee jiru afaaniin ani dimookiraatawaadha jechaa gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo fi lammiilee biyyattif humna waraanatti fayyadamuun hidhaa, reebichaa, ajjeechaa fi dararaa akka deebiitti fudhate deebisa jiru, yakka kanaaf seera addunya fulduratti nuuf dhiyaachuu qaba.
- Oromummaa keenyaan arrabsamuu, xiqqeeffamuu fi tuffatamuun gochaa diinummaa nafxanyoota fi ilmaan nafxanyaa tauu ni hubanna, ammas ilmaan naafxanyaa nu arrabsa jiranii fi manni maxxansa naafxanyoota kan akka hinquu atattaman nurra cufamuu qabu, seerattis dhiyaachuu qabu.
- Adeemsii Magaalota Oromiyaa Federaala jala galchuu fi magaalaawwaan nannaawaa Finfinnee, Finfinnee jala galchuuf maqaa plan guddina magaalaa jedhuun ololamu nurraa dhaabbachuu qaba.
- Magaalaan Finfinnee mataan isheetu kan uummata Oromoo waan taeef bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jala galuu qabdi. Uummaanni keenyas tajajila barbaachisu haalduree tokko malee irraa argachuu qaba.
Walumaagalatti Gaaffii keenyaaf deebiin dhugaa fi sirriin hanga nuuf kennamutti Gaaffiin keenya itti fufa, guyyaa hara Ebla 22/2014 irraa eegaluun Nuti dargaggootni barattootni Oromoo hanga gaaffiin keenya deebii argatutti, hanga barattootni keenya hidhaman hiikamanitti, hanga doorsiifni nurraa dhaabatuttii fi hanga Humni poolisii Federaalaa Fi Waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii gadhiisee bahutti barnoota fi Nyaataa dhaabuun diddaa keenya itti fufnee jirra
Injifannoon U/Oromoof!.
SBO Ebla 23 Bara 2014 Oduu fi Haasaa H/D ABO J/Daawud Ibsaa kutaa lammaffaa fi xumuraa of keessatti hammata
Aside
OMN:Qophiilee Ebla 21, 2014/ Qophiilee GGO Waliin
Aside
Oromo Voice Radio broadcast on April 21, 2014
Aside
Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Gaafataniif Deebiin Mootummaa EPREF Irraa Kenname Hidhaa fi Reebicha Ta’e.
Aside
Ebla 21,2014 Gabaasa Qeerroo Jimmaa
Gaaffii Mirgaaf Deebii Hidhaa fi Ajjeechaa Keennuun aadaa Mootota Itiyophiyaati
- Barataa Abdii Turaa mummee Seeraa waggaa 5ffaa mooraa Main Cumpass irraa,
- Barataa Moo’iiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa ” ”
- Barataa Leejjisaa Alamayyoo muummee water and environmental resource engineering waggaa 3ffaa mooraa Saayinsii fi Technology kittoo irraa
- Barataa keenediin Mummee Civili Engineering waggaa 3ffaa ” ”
- Barataa Darragaa Abdiisaa , mummee civil Engineering waggaa 3ffaa ”’ ”’
- Barataa Dhabasaa Jaatamaa, mummee veterinary medicine waggaa 6ffaa mooraa Agriculture irraa.
Kanneen jedhanii fi barattooti lakkoofsaa 12 ta’an kaan humnaan diqisifamanii qabamuun Wajjiira Poolisii Magaalaa Jimma ganda o5 (Awweetuu Mandaraatti) hidhaman keessatti argamu.
Ebla 19–21/2014tti Waraannii fi Poolisiin Federaalaa Wayyaanees barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan humnaan mooraa yuunibarsiitii Seenuun gooluu fi konkolaataan ukkamsee hidhatti guuruu irratti argama, barattootni heddunis humna kanaan reebamanii akka malee midhamuun hospitalaa galuun gabaafamera, Barattoota hedduu humnaan ukkanfamanii qabamanii hidhaman keessa muraasa maqaan nu qaqqabee jiru:
Goototni Qeerroon dargaggoonni barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa karaa nagaan Gaafataniif Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaa fi humna poolisa Federaalaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa arfan(kolleejjii Saayinsii fi Technology , Kolleejjii Qonnaa, Kolleejjii Economics and Business fi Mooraa main Campass Jimmaa) galchuun barattoota karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan goolaa jira, Diddaan barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa humna Waraanaa fi Poolisoota Federaalaan dhaabbachuu hin dandeenye, guyyaa kaleessaa illee baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Gaaffii keenyaaf deebiin nuf haa kennamu, hidhaa reebichi, barnoota irraa arii’amuun, humna waraanaa fi poolisa federaalaan dararaan nurraa dhaabbachuu qaba akeekni kun gaaffii uummataa dhaabuu hin danda’u jechuun sagalee isanii dhageesisuun itti fufee jira.
Gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, barattootni nagaan seeraan ala qabaman kun hatattamaan hiikamuu qabu jechuun Goototni barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa diddaa isaanii itti fufani jiru.
Shallamoo Immaanaa itti gaafatamaa humna tikaa Wayyaanee godina Jimmaa Dabalatee Qondaaloti Tikaa 5 Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Ramadaman. Gaaffiin Barattoota Oromoos Itti Fufe
Aside
Ebla 20/2014 Dargaggoonni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafataniif deebiin humna waraanaa fi poolisa federaalaan seeraan ala mooraa Yuuibarsiitii galchuun reebsisuu, humnaan doormii battoota cabsiisiisani galchuun hidhatti guursisuu ta’e.
Gaaffiin Barataa mirgi Uummaanni Oromoo Finfinnee irraa qabnu nuf haa eegamuu, Magaalaawwaan Oromiyaa Finfinnee jala galchuuf adeemsi mootummaan EPRDF gochaa jiru dhaabbachuu qaba, kan jedhuu fi Oromummaa keenyaan ilmaan habashaa nafxanyaan miniliikiin faarsituu maxxansa hinquu jedhamu irratti Oromummaa keenyaan arrabsamnee, tuffatamnee waan jirruuf seeratti nuf dhiyaachuu qaba, barruu arraaba sanyummaa nafxanyootan guutame kana Yuunibarsiitiin Jimmaa library keessa galchuun yakka 2ffaadha seeraatti nuf dhiyaachuu qaba jechuun Ebla 11/2014 iyyannoo bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmatti dhiyeeffachuun ni yaadatama. rakinota kanaan walqabatee barattootni Oromoo yoomiyyuu sirna garboomsaaf hin jilbeeffanne FDG egaalan jabeessuun hanga gaaffiin keenya nuuf deebi’utti jechuun itti fufan, Ebla 19/2014 FDG haalan jabaataa ta’ee gaaffiiwwaan armaan oliif deebii qubsa argachuuf baratootni Oromoo itti fufun qabsoo seenaa qabeessa, qabeenyaa fi mirga nama dhuunfaa utuu hin sarbiin sagalee isaanii dhageesisuu jabeessan.
Haaluma kanaan walqabatee Itti gaafataman Humna Tikaa Wayyaanee Godina Jimmaa kan ta’ee fi ajajan poolisii Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kan ta’an wal ta’uun humna poolisa Federaalaa fi waraanaa nuf erga barattootni qabeenya barbadeessa jiru jechuun gooftolii isaaniieeyyama gaafachuun humna waraanaa humna olii fi poolisa Federaalaa Mooraa Yuunibarsiitii Jimmatti eeyyama president Yuunibarsitiichaa malee galchuun Baratoota Oromoo reebsisaa, mana hidhaattii guuraa, kaan isin ajjeefna jechuun doorsisa jiru. Mooraan Yuunibasitichaa hundii mooraa waraanaa fakkata. Dabballootni wayyaanee yeroo amma angoo isanitti dhimma bahuu fi ergama diinummaa ilmaan Oromoo irratti gaggeessa jiran:
1. Shallamoo Immaanaa itti gaafatamaa humna tikaa wayyaanee godina Jimmaa.
2.’ Lataa’ nama jedhamu Itti gaafatamaa OPDO mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa
3. Abdulzemad nama jedhamu komand post naannoo kibbaa,
4. Yibelxaal Siraaneh basaasa fi dabballee Wayyaanee EPRDF,
5. Kaliid Abba Tamaam itti gaafatamaa Poolisii Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa, namni (Poolisiin Kaliid) kun bara darbe 2013 nannoo baatii waxabajjii barataa Faasil Huseen barataa Sayikooloojii waggaa 2ffaa seeratu sii barbaada jechuun biroo isatti galchuun reebee nama ajjeesee fi reeffii barataa kana illee qorannoo malee akka maatii isa qaqqabu nama godhe. Yeroo amman kana illee ani aangoo President Yuunibarsiitii Jimmaa qabduu olitti nama qabu jechuun humnaan barattoota Oromoo karaa nagaa Gaaffii mirga gaafatan waraanaa fi humna poolisaa federaalaa galchuun barattoota goola jira. hidhi dhaloota isaa karaa haadha isaa Yeem fi karaa abbaa isa Oromoo ta’uu himama. keessattuu inni lakkofsa 1ffaa fi 5ffaa hojii diinumma halkanii guyyaa ilmaan Oromoo irratti kanneen dalaguun adda dureedha.
Dararaa fi gochaa diinummaa ilmaan Oromoo irratti rawwachaa kan jiru adda dureen namoota kana waan ta’eef uummaanni Oromoo fi dargaggootni Oromoo namoota kana irra akka of eeggatanii fi gochaa cubbamaa fi seeraan itti nama gaafachiisu har’a ilmaan Oromoo irratti rawwachaa jiraniif seeraatti akka dhiiyataan barattootni Oromoo fi Uummanni gaafachaa jiru.
QALBEEFFADHA!!!! Abbaan Lafaa Dhagaa Falaxe Lafa Isaa Irratti, Shukri Jamal –
Aside
