Oromian News in brief: May 4,2014

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Caamsaa 1,2014 hanga Ebla 4/2014tti Godina Wallaggaa Onoota garaagaraa keessatti Fincilli diddaa garbummaa(FDG)’n qabsiifame hanga har’atti jabaatee itti fufee jira. 

Uummaanni Oromoo fi barattootni Oromoo dhaabbata barnoota garaagaraa hanga manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti barachaa jiran gaaffii guddaa dhimma bilisummaa Oromoo fi mirga abbaa biyyummaa karaa nagaan gaafachuun hiriira nagaa kan uummata qotee bulaa  hirmachiseetu gaggeeffama jira, bifuma kanaan Onoota akka Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Guutoo Wayyuu, Guutoo Giddaa, Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Heebantuu, Arjoo, Gatamaa, sibuu Siree, Nuunnuu Qumbaa, Bakkoo, Billoo
Boshee, Guttiin, Diggaa Sasiggaa keessatti yeroo amma kana manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaatti jiran guutummaatti barnoota dhaabuun cufamanii FDG uummata waliin gaggeeffachaa jiru.

FDG kana dhaamsuuf Mootummaan garboonfataa Wayyaanee waraanaa fi humnapoolisa federaalaa uummaataa fi dargaggoota dura dhaabee dorsisuus doorsisni  abbaa irree FDG uummataan fashalaa’a jira.

Onaa Limmuu Galiilatti poolisiin Federaalaa Sochii uummataa dhaabsisuuf uummataa reebuun hedduu hiraarsuu irraa kan ke’e uummata hedduu  aarsee gara of irraa ittisuutti akka seenan taasise.Hhaala kanaan uummanni konkolaataa poolisii federaalaa tokkoo dhagaan reebee caccabsuun tajaajilaan ala godhee jira.

Haaluma walfakkaatuun hiiriirri nagaa gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi bilisummaa uummataa Oromoo fiduuf gaggeeffamuu Godina Wallaggaa lixaa Onoota garaagaraa fi University wallaggaa damee Gimbiitiin jabaatee itti fufe jira. Onoota kanneen akka Inaangoo, Najjoo, Arjoo Guddattuu, Dongoroo, Gimbii, Ariyaa, Gullisoo, Asoosaa, Gidaamii, fi Beegii fa’itti diddaan uummataa fi barattoota Oromootiin gaggeeffama jira. uummaanni karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een yaada isaa dhiyeefgfatee isin nu hin bulchitan nuti ofiin of bulchuu barbaadna jechuun dhaadannoo dhageesisuun FDG qindoomina qabu gaggeessa jira.
Godina Horroo Guduruu Wallaaggaattis haaluma wal fakkaatuun uummaanni Onoota akka Jaartee ,Jaardagaa, Hammuruu, Hagamsa,fa’itti FDG uummataa fi barattoota Oromootiin gaggeeffama jira. Guyyaa har’aa immoo Magaalaa Shaambuu keessatti FDG guddaatu eegama jira.

Caamsaa 1/2014 Ajajootni Dhibbaa polisootni dhalootan Oromoo ta’an Magaalaa Naqemtee irra qabamuun mana hidhatti darbatamaniru. poolisotni Oromoo hidhaman kun Oromummaa fi FDG gaggeeffamaa jiru keessa harka qabdu jechuun hidhaman. maqaan isaanii 1.Ajajjuu dhibbaa Haataatu Raggaasaa Dhiinsaa, 2,Ajaja dhibbaa Taddasee Laggasee Gammachuu, 3,Ajaja dhibbaa Ayyaanaa Milkeessaa Raggaasaa, fi 4.Ajaja Alamuu Qixxeessaa Sanyii kanneen jedhaman uummaata waliin hiriirtan
isiin diina jechuun qabamani hidhaa galfamanii jiru.

Itti fufee Godinaa dhiha Oromiyaa keessattuu onaa Begii,Gidaamii,Jimmaa Horroo,Qeebbee,Qaaqee,Haroo Sabbuu fi kkf kessatti FDG haalaan itti fufee jira.Kaleessaa fi har’a jabaatee itti fufeera.Jarsoliin biyyaa mootummaa fi baratoota gidduu seenuun dubbachaa jiran.Humni federaalaa namoota hedduu qabee hidhaa jira.Hiriira guddaa har’a magaalaa Begiitti taasifameen poolisiin oromiyaa naannoo sanaa uffanaa polisaa fi hedhannoo guutuu hidhatan  ummata  woliin hiriira bahuun Pilaana qinadaa’aa magalaa Finfinee fi nanna’a addaa oromiyaa akka hojii irra hin oolle.Namooni ilmaan oromoo ajjeesan seeraaf haa dhihatan.Hidhaa fi ajjechaan haa dhabbatu.Oromiyaan kan Oromoo ti.Finfinneen kan Oromiyaa ti fi kkf dhadannoo jedhu dhagesisan jiran.Hiriira sana
irrattis irra guddaan qotee bultoota badiyyaa dhufantu irratti argame. Nutis akka jiratonni naannoo dhimmi kun irra guddaan dhima silaa mootummaan naannoo Oromiyaa gaafachuu qabu ture.Nuti isin filanne waan bakka isin buufanneef samicha dachee oromiyaa irra gahu nu irraa dhabsisuuf iyyachuu qabdan kan jedhu akka bulchinsaa fi qaamolee mootummaa adda addaa naannoo isaanii jiranitti himanii hanga danda’ametti ofitti dabaluu carraqan ture.Kan biraa diddaa sana gara badiyyatti gadi buusuun qotee bulaan akka mootummaa kana irratti fincilu gochuu irratti akka jabatan itti dhaamne.Haala nama jajjabeessuun deemaa jira.

Qonnaa Hindii guddaa maqaan “Ethiopian” (Wallaggaa)  Green Focus jedahamuu fi Baha Wallaggaa nannoo Ukkee Qarsaa Laga Harree fi Alaltuu gidduu lafa bal’aa irra jiru irratti kan hojjatan hojjattootni qonnaa kanaa gaaffiin barattootaa haa deebi’uu jechuun hojii dhabanii jiran. HIndootni abbaa qonnaa kanaa qonnaan isaanii Mangaa fi kkf bishaan dhabee badaa jiraatuu irraa hedduu rakkina akka seenanii jiran gabaafamee jira

Caamsaa 5,2014 irraa kaasee Itti fufi FDG Oromiyaa guutuutti qabate ammoo walii gala Oromiyaa keessatti bifa daran jabaateen itti fufsiisuuf caasaan Qeerroo Bilisummaa qophii xumree jira.

 

Wallee Warraaqsaa Haarawaa Sbbonticha Artist Addisuu Karrayyuun. Caamsa 2014

Aside

Injifatnoon Ummata Oromoof!!!

Guutummaa Aduunyaa Keessatti Oromoonni Biyya Ambaa Jiraatan FDG Oromiyaa Keessatti Ka’e Cinaa Dhaabbachuuf Hiriira Nagaa Bahuuf Qophiin Itti Fufe..

Aside

World Wide Oromo Community Rallies Against Ethiopian Tyranny

OromoRally_Ayyaantuu2014

FDG Ka’e Dhaamsuuf Jecha Aangawoonni Wayyaanee Mootummaa Feederaalaa Irraa Gara Yuuniversitii Wallaggaa Deeman Salphinaan Baqatan.

Aside

Caamsaa 4,2014 Gabaasa Qeerroo Naqamte Irraa

Akka gabaasa Qeerroo Naqamtee irraa addeessuun har’a galma mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti walgayiin Wayyanee sa’a 2:00 – 6:00 WB(MP galgala kanaatti gaggeeffame furmaata tokko malee bittinnaawe.

Akka gabaasi Qeerroo addeessutti  Ababa Duulaa Gammadaatu yaada baratoota irraa fudhachuuf dhufee jira kanaaf  barattooti mooraa keessa jiratanis ta’e ala jirtan akka hin hafne jedhchuun waamicha wal irraa hin citne taasisan isin irraa, barattooti Oromoo haqaa Oromoo falmuuf bakka tokkotti argaman . Walgahichi erga waamameen booda garuu  kan argame Abbaa Duulaa Gammadaa  osoo hin taane namoonni biraa kan maqaa himachuu didan 5 ta’an  mootummaa federaala irraa dufan. Jarri kun guutummaatti maqaa isaanii himachuu didan iyyuu ergamanii akka dhufan beeksisanii jiru.

Warri Federaala irraa argamekunis  ijoon marii kana irratti kaasan keesuun  FDG dhaamsuuf tattafatan keessaa inni guddaan  Dhimma Lafa Naannowaa Finfinnee ilaalchisee gaaffii barattootni kaasan irratti, Presedaantii Oromiyaa Finfinneen akka  Federala jala galuuf waan mallatteesse hin qabu jedhanii barattoota tasagabbeessuuf marii gaggeessaa turan,dhimmi mallattoo lafa Oromiyaa gurguruuf godhames soba jedhaniis akka nama soogiddaan ija dhiqateetti barattootatti kijibuu eegalan. Barattootis sagalee tokkoon itti iyyuu fi kofluun qaanessaa turan. Irra deddeebi’anii ijoollee amansiisuu yaalii godhan illee barattootni  gaaffiin uumata Oromoo fi gaaffiin barataa Oromoo dhimma lafa Finfinnee qofa osoo hin taane  hin taane gaaffiin keenya kan hundee fi gaaffii mirga abbaa biyyummaati,  hidhamuun barattootaa fi ajjeefamuun, laftii fi qabeenyi samamuun,hiyyoomuun saba Oromoo maalif nurratti karooraan deemaa jira jedhchuun gaaffii hundee  itti kaasuun aangawoota Wayyaanee sardan. Gaaffii kana deebisuu fi barattootas tasgabbeessuu waan hin dandeenye.

Haata’u malee gaaffiin barattootaa yuuniversitii kana irratti jabaatee itti fufuudhaan wal gayiin kana irratti hanga gaaffiin keenya amma nuuf deebistanitti diddaan keenya ittuma fufa jedhuun ejjetnoon barattoota irraa fudhtame. Haala kanaan walgahiin kun osoo hin xumuramiin duratti warra Federaalaa keessaa namni sadii(3) walgayiin kana dhiitee baye namoota mootummaan Wayyaanee erge keessaa,namootni lama achitti hafuudhaan barattoota kana mariisisuu fi tasgabbeessuuf itti fufan gaaffiin barattootaa waan deebii argatuu fi hiikamu tahuu diduun isaa waan beekameef barataan ammallee haala jeequmsi jabaatu fakkaannaan namootni hafan lamaan walgahicha gadhiisanii yeroo biraa walitti deebina jechuun mooraadhaa bahan

Battaluma sanatti erga barataan bakka adda addaa qabatee booda waraanni federaalaa bakka irraa dhufe kan hin beekamne konkolaataa lamaan mooricha keessa buufatee eddo eddo qabate,konkolaataan lama biraa ammo mooraa ala qubatee waraanni mooraa marsee ira.  Amma galgala kana sa’aa 6:00 wb nu biraatti irraa kaaseen waraanni Wayyaanee mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessaa fi alaan buufatee jira,ammallee naannoon yuuniversitii wallaggaa fi magaalli keessa dirree waraanaa kan fakkeessanii jiru.

SBO Caamsaa 04 Bara 2014 FDG Oromiyaa keessaa bal’inaan – Gaaffii fi deebii Art.Jaafar Yuusuf xumura – Hiriira nagaa hawaasa Oromoo Osloo Norway

Aside

Suuraalee FDG Ummata Oromoo Horroo Guduruu,Wallagga Magaalaa Kombolchaa

Aside

Horro Horroo Kombalcha Horroo kombolcha HorroooHorroo

Aside

From Qeerroo Oromia

ለኦህዴድ ባለስልጣናትና አባላት፣
ለኦሮሚያ ፖሊስ አባላት፣
ለኦሮሚያ አድማ በታኝ ፖሊስ አባላት፣
ለኦሮሚያ ማረሚያ ቤቶች ፖሊስ አባላት እንዲሁም
የፌዴራል ፖሊስ አባል ለሆናችሁ የኦሮሞ ልጆች እንዲሁም በወያኔ መከላከያ ሠራዊት ውስጥ ለሚትገኙ ወገኖች በሙሉ

እናንተስ ከየትኛው ወገን ናችሁ!?

ይህንን ወቅታዊና ታርካዊ ጥያቄ ትመልሱ ዘንድ ጊዜው ደረሰ። እናንተ የሚታገለግሉት አሸባር ቡድን ጠላትነቱን በገሃድ ባረጋገጠ መልኩ ህዝባችሁን በገዛ ሃገሩ
ላይ በአልሞ ተኳሽ ነፍሰገዳዮች ጥይት ሲያስረሸን ከዓይናችሁ ኣልፎ የድፍን ዓለም መነጋገሪያ ሆኗል። ከዚህ ህዝባችሁ ላይ ከተቃጣ ወደር የለሽ የጂኖሳይድ
ጭፍጨፋ ተሳታፊነት ራሳችሁን እንዲታቅቡ፤ እንዲሁም ይንን የዳግማዊ ነፍጠኞች ወረራን ለመቀልበስ ይቻል ዘንድ ከህዝባችሁ ጎን በመሆን ሰልፋችሁን
እንዲታስተካክሉ ታሪካዊ ጥሪ ቀርቦላችኋል።

ከዚህ በፊትም በህዝባችሁ ላይ ስደረግ የነበረውን መሰል ጭፍጨፋና ፈርጀ ብዙ ጭቆና ተባባሪ እንዳትሆኑ ፣ ከተቻለ ደግሞ ከህዝባችሁ ፍላጎት ኣንጻር
እንዲትሰለፉ ህዝባችሁ ተመሳሳይ ጥሪዎችን ስያቀርብላችሁ መቆየቱ ይታወሳል። ሆኖም ግን በወቅቱ ለዚህ ሕዝባዊ ጥሪ አዎንታዊ ምላሽ ባለመስጠታችሁ ይባስ
ብሎም ተሳታፊ ሆኖ በመገኘታችሁ የኦሮሞ ህዝብ ለአሳቃቂ እልቂት ተዳርጓል።
ይህ ተደጋጋሚ ጭፍጨፋና ጭቆና የበዛበት ህዝብ ራሱን ለመከላከልና ብሔራዊ ነፃነቱን ለመጎናጸፍ ያለዉን ብቸኛ መንገድን በህይዋቱ ቤዛ ተያይዞታል።

ታላቁ የኦሮሞ ህዝብ በዳግማዊ ነፍጠኛ ኃይሎች እየደረሰበት ያለውን አሰቃቂ ጥቃት በመመከት ለትግሉ ያለውን ጽናት ና ቁርጠኛነት በውል አራጋግጧል። ይህ
ህዝባዊ ንቅናቄ ለመጨረሻ ግቡ እስኪ በቃ ድረስ አጠቃላይ ሕዝባዊ ኃይሉን በማቀናጀት በተጠናከረ መልኩ እንዲቀጥል ለህዋታቸው ሳይሳሱ የሚተጉ ኣእላፍ
የቁርጥ ቀን ልጆቹን ኣሰልፏል።

በመሆኑም ከላይ በተጠቀሰዉ መዋቅር ዉስጥ የሚትገኙ የኦሮሞ ልጆች፣ በተለይ ደግሞ የወታደራዊና ፖሊሲ አባላት ለሆናችሁ ታጣቂ ኃይሎች ህዝባችሁን
የማዳን ብሔራዊ ግዴታን ትወጡ ዘንድ እነሆ ይህ ታሪካዊ ጥሪ በዲጋሚ ቀርቦላችኋል። ስለዚህ በመፍረስ ላይ የሚገኘውን አሸባሪ ሥርዓት በመልቀቅ ለዚህ
ብሔራዊ ጥሪ ፈጣንና ተግባራዊ ምላሽ በመስጠት ራሣችሁን ከተጠያቂነት እንዲታድኑ ይሁን!

ዘለዓለማዊ ክብር ለተሰው ንጹሃን የኦሮሞ ተማሪዎች!!

May 3,2014, Oromian News Update.

Aside

Caamsa 3,2014 Finfinnee

 Naqamtee. Barattootni mooraa keessatti hafan diddaan keenya itti fufa humna tokkoomeen fi uummata waliin taanee boodatti hin jennu kan hidhameef haamileen kenya nun bu’u jabinaan itti fufna jedhhu Qeerroon mooraa Yuuniversitii Wallaggaa guyyaa har’aa daran wal qindeessaa oolan.

Yuuniversitii Wallaggaa dame eShaambuu. Akkasuma barattootni sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Shaabuu har’a itti fufee oole.

Sibuu Siree:-  guyyaa har’aa gaaffii wal tahuudhaan waajjira poolisii magaalaa Siree deemuudhaan gaafatanii jiru,barataan keenya haga yoomitti rasaasaan reebamee du’aa,haga yoomitti mana hidhaatti guuramaa? Lafti keenya haga yoomitti gurguramaa? jechuun hedduun umuriin isaanii 12 fi 16 gidduu ta’an barattootni waliin bobbadhudhaan gaaffii mirgaa gaafatanii jiru poolisiin magaalaa kanaallee gaaffii isaanii deggeruudhaan argame jedhu Qeerroon magaalaa Naqamtee irraa addeessu.

Magaalaa Baakkoo:- guyyuma kana Qeerroon magaalaa Baakkoo tokkummaan ka’uun waajira Poolisaa deemuun gaaffii mirga Oromoo fi abbaa biyyummaa ifatti gaafataa turan.

Yuunibarsiitii Walqixee : guyyaa har’aa Camsaa 3/2014 Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa fi bilisummaa Oromoo Qeerroowwaan barattootni Oromoo fi uummaanni Oromoo, Oromiyaa guutuu keessaatti gaggeessa jiran gaaffii keenya, jechuun gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, jechuun Sagaalee isanii dhageesifatan.

Kibbaa Lixa Shaawaa:- kanneen akka wancii (Leemaan), Tajii, Sabbataa, aanaa Sadan Soodoo fi Ammayya fa’itti FDG’n itti fufee jira.

 

Oromo Voice Radio Broadcast on May 3, 2014

Aside

 

 

Roorroo Dachaa: yeroon isa yeroo itti boohichi dachaa qe’ee Oromoo keessa guutee jiruudha; kan mana jiru reeffaan; kan ala jiru immoo reebichaan gidiraa argaa jira. Kan ajjeefameefoo ni boonya, kan jiraa fuudhamee reebamaa fi gidirfama ajiruu foo maala goona?
Ob Daamxoon deebiis dhaamsas ni qabu.
“Daangaan keenya kabajamu malee, hidhaa fi ajjeechaan nurraa hin dhaabbatu; jabaannee, mudhii keenay jabeeffanneeee mirga keenya kabachiifannu malee roorroo qe’ee keenya keessaa bahuu hin dnadenyu.”
Itti Dhiyaadhaa
RSO

Guyyaa Har’aa FDG Magaalota Akka Baakkoo, Xiiquur Incinii, Tokkee Kutayee, Midaa Qanyii, Haalan jabaatee itti fufee jira.

Aside

FDG Magaalaa Bakkoo Caamsaa 3,2014

Baakkoo Baakkoo2