Guyyaa har’aa FDG Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo irratti fufee olee jira

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Caamsaa 6,2014 Mettaa Roobii
Caamsaa 6/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo irratti goototni uummaanni Oromoo mirga abbaa biyyuummaa isaa kabachiifachuuf FDG fi gaaffii mirga fi dimookiraasii gaggeessuun ibsamera. FDG Godinicha keessatti qabatee jiru, guyyaa har’a daran jabaachuun Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo irratti fufee olee jira. Hojjeettootni mootummaa illee utuu hin hafiin hiriira nagaa kana irra qooda fudhataniru, Wajjiraaleen Mootummaa fi Bankiiwwaan dhuunfaa fi Mootummaa hundii cufamuun gabaafamera. Sabboontotani barattootni Oromoo Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa barattoota sadarkaa tokkoffaa fi uummataan wal ta’uun hirriira guddaatu gaggeeffame.

Waraannii Wayyaanee akkuma amaleeffatame, humna guddaa fi meeshaalee waraanaa gurguddaa fe’achuun gara Meettaa Roobiitti guuramaa jira. Hiriiricha keessatti jaarsoliin biyyaa fulduratti hiriiruun nuti nagaa barbaadna, mirga keenya falmachuuf baane, lafti keenya nurraa sam,amaa mirga dhabduu taanee hin teenyu jechuun waraanaa wayyaanee dargaggoota Oromoo dhiiga dhuguu bare ijoollee isaanii irraa akka ittisaa turan ibsamee jira.

Guutuu Oromiyaa keessatti FDG jabaatee itti fufe. Uummatni bulchinsa Wayyaanee jalaa bahuun koree bulchinsa mataa isaa filachuu eegale

Aside

Caamsaa 5,2014 Wallagga Ayira

Diddaan Uummata Oromoo jabaachuudhaan mootummaa wayyaanee irratti xiyyeeffatee itti fufee jira. Haala kanaanis Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa magaala Ayiraa keessatti Uummatnii fi dargaggootni gamtaan ka’uudhaan basaasa mootummaa wayyaanee kan tahe Tamasgeen kan jedhamu magaala keessaa baasee jira. Warra Tamasgeeniifis gocha farrummaa kana irraa akka dhaabbatu waamicha dabarsanii jiran. Haaluma kanaan Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti uummatni magaala tohannaa isaa jala erga galchatee gandawwan keessatti milishoota hiriirsuun Ganda Jaarroo Siree fi Tuulluu noonnoo keessatti FDG jabaan gaggeeffamuun uummatni walgahii guddaa godhachuun bulchinsa gandaa harka mootummaa wayyaaneetii baasee jira. Yeroo ammaa kanas Bulchinsootni gandaa kun harka wayyaaneedhaa bahuudhaan uummata harka seentee bulchinsa yeroofiis uummatni filatee jira.

SBO Caamsaa 07 Bara 2014 – Ibsa ABO, Gabaasa FDG Oromiyaa keessaa…

Aside

Dhaamsa Ayyoo Oromitittii.

Aside

Gabaasa VOA-Angawoonni Oromiyaa Barttoota haasofsiisuu jalqaban

Aside

Jaallannee Gammadaa

[/audio

————————————————————————————

Caamsaa 5,2014 Haromayaa ,Suuraan gara mirgaa jiru barataa Oromoo rasaasa Wayyaaneen dhaanamee waldhaansa gahaa hin argatiin jiru dha.

Haromaayaa Haromayaa

Yeroo Ammaa Kanatti Aanaan Midaa Qenyii Waraana Wayyaaneen goolamaa jirti.Hidhattooti gandaa Ummata irra goruun Wayyaanee Waliin dhukaasa walitti banan.

Aside

 

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba'an

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba’an

Caamsaa 5,2014 Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qaanyiitti har’a 1:00 irraa eegalee uummaatni Hiriira nagaa guddaa gaggeessa jira,

Gaaffii uummataaf deebiin har’atti beellamamee ture, uummaanni hiriiraan kallaattii hundaan Aanicha keessatti dargaggeessa barataa, barsiisaa, jaarsa fi jaartii utuu hin jedhiin yerooo amma kanatti uummaanni Oromoo gara ganamaa gara 30,000tti tilmaamaman Yeroo amma kanatti gara 40,000tti kan tilmaamaman bakkota gurguddaa shan irratti hiriiraa nagaa guddaa gaggeessa jiru, irra keessan:

  1. Gandoota Guddaataa Gabaa Lagaa fi Goodaa Arbaa uummaanni gandoota 4 irraa walitti dhufee hiriira nagaa guddaa gaggeessa jira.
  2. Goodaa Gaalaan Maagaalaa Bixxillee jedhamtu irraatti uummannii gandoota 6, irraa walitti dhufuun hiriirri guddaan gaggeeffama jira.
  3. Cuqqalaa Wangee fi Baaroo Bidaaruu walitti dhufuun gandoota baadiyyaa irraa gaggeeffama jira.
  4. Qanyii Bahaa Babiiftuu fi Goodaa Albaasaa, Boquu Nissoo dabalatee gara gandoota 7tu walitti dhufee hiriiraa fi dhaadannoo dhageesisaa jira
  1. Gidduu Galeessaan Magaalaa Ballaammii fi Gandoota akka Dirree Weennii , Obbee kuraa, fi Haleeluu Goosuu irraa walitti dhufuun hiriiranii jiru.

Uummanni kun mirga nama dhuunfaa fi waliigalaatti utuu hin bu’iin deebii sirriin nuuf haa kennamuu, gaaffii keenyaaf deebiin du’a, hidhaa, darara ,reebbicha, waraanaa fi poolisa maalif ta’ee jechuun hanga deebiin keenya nuuf kennamutti fincillii hin daabatu jechuun qabsoo jabeessan.

haala kana irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee Goodaa Galaan Magaalaa Bixxilee irratti uummata irratti waraana banuun dhokaasaa meeshaa gurguddaa dhukaasaa jiru, hidhattootni gandaa waraanaa Wayyaanee irratti dhukaasaa baanaan. Haala kanaan Aanaan Midaa Qanyii dirree waraanatti jijjiramtee jirti. Aanaawwaan kanneen akka Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, baabbicha, fi tokkee Kuttaa’ee fa’itti diddaan itti fufaa jira.

Military Response can never solve political questions/ OLF Press Release

Aside

OLF,ABO Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Military Response can never solve political questions

Different Nationals under the Tigray Peoples Liberation Front (TPLF) oppressive rule in Ethiopia have been protesting using different means. They have been exposed to tyrannical, oligarchy, nepotism, ethnic discrimination and destitution caused by blatant economic exploitation. The Oromo people in particular have been subjected to unbearable misery ever since the time of conquest. Every attempt to alleviate the burden of this subjugation has been dealt using violent military campaigns and all sorts of repressive measures. One of such measures is misrepresenting people’s demands and use it to pit them against each other.

The peoples’ legitimate demand for their rights has been confronted by violent suppression; killing, torture and other ways of repression by the TPLF regime. The current violent repressive measures against the Oromo protestors, in which tens of youth were killed and as many more are wounded by daylight campaign last week, are a vivid evidence of this.

As if unleashing of its massive military power against the peaceful demonstrators is not enough the TPLF regime is conspiring to pit Tigrian nationals living outside Tiray against the hosting people by secretly exclusively arming the former with Kalashnikovs improvised with lenses imported from China for snipers. This is further evidence for the sinister motif the TPLF regime has for Ethiopia.

The OLF condemns such moves that target not only the Oromo people but all the peoples in Ethiopia who are peacefully demanding their legitimate rights. We want to affirm to all the peoples in Ethiopia in general and the Tigrayan people in particular that our struggle never targets any particular people but the tyrannical oligarchic system run by the TPLF, that subjugates all the peoples including the Tigraian. This position has been put forward from the inception of our organization that all the peoples in Ethiopia
are friends of our struggle, and any national has the right to live and work in liberated Oromia. Hence we call upon all the nationals not to heed to the defamation campaign that misrepresents our legitimate struggle but to fully support and side with the Oromo people.

The guarantee for future co-existence is not perpetuating military subjugation but mutually acknowledging and practically accepting the legitimate right of every people. We urge the Tigrayan nationals in Oromia to reject the move by the TPLF to exclusively arm them, which will eventually be used to pit them against the Oromo and other nationals. We forewarn that the TPLF is the sole culprit of any subsequent disaster that this move is poised to cause.
We urge all sectors of the Oromo national, both at home and abroad, to intensify the struggle to get rid of the over century old subjugation once and for all.

Victory to the Oromo People!
Oromo Liberation Front
May 5, 2014

Afaan Oromoon:- Ibsa ABO 05-05-2014 = Xumurame

Afaan Amaaraan:- የኦሮሞ ነጻነት ግንባር መግሇጫ

OMN: Qophii Marii Hawaasa Minesootaa May 5, 2014

Aside

Har’a Caamsaa 5,2014 Lixa Shawaa Anaa Midaqanyii Keessatti FDG Gyyaa 5ffaaf Jabaatee Itti fufe.

Aside

Diddaa

Caamsaa 5,2014 Gabaasa Qeerroo Ballammii
Camsaa 5/2014 Godina Lixa Shawaa aanaa Midaa Qanyiitti FDG Guuyyaa 5ffaa utuu walirraa hincitiin dargaggeessa, barattoota, ga’eessoota dubartoota ,Shamarraan, qoteebuulaa, daldalaa, barsiisota, fi hojjeettotaa ille kanhirmaachisee fi poolisoota dhalootan Oromoo ta’anillee ofitti hawwachuun yeroo ammaa kanatti gaggeeffamaa jira.

Ummaanni Oromoo gara Midaqenyii guyyaa har’as itti fufuun, gaaffii karaa nagaa gaafachaa jirruuf ajjeechaan, hidhaan, duutii, dararaan dubbatti nu hin deebisu jechuun eejjeennoo isaanii jabeeffachuun FDG finiinsuun yeroo amma kanatti uummanni hiriiraan kallattii sadiin gara bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii Malaalaa Baallaammiitti deemaa jira.

Ummatni kun dheengaddaa waajjira bulchiinsa aanaa sanaa to’achuun bulchiinsa aanaa sanaa harka kennachiisuun ni yaadatama, akkuma beekamuu guyyaa har’atti deebii gaaffii keessanii isiniif kennina jechuun waan beellamni uummataaf qabameef uummaanni bakka jiruu wal waamee gamtaadhaan hiriiree gaaffii isaa fi deebii kennamuuf fudhatee mirga isaa kabachiifachuuf , dandii irraatti dandii konkolaataa mukkeen itti ciraa bulee daandii cufuun hiriirri gaggeeffamaa jira. uummaanni Ajjeechaan nurraa haadhabatu, Ummaata keenya Amboo, Gudar, Xiiqur Incinnii fi Ijoollee keenyaa dhabbilee barnoota keessatti ajjeefama jirtuuf Mootummaan itti gaafatamadha, Mirgii abbaa biyyummaa nuuf haa kabajamuu, waraanaan nu bulchuun yakka. Dmookiraasii dhugaa barbaadna jechuun dhaadannoo ajaa’ibsiisa dhageesisa jira, gabaasaan kun itti fufa….

Wallagga Naqamte Keessaa Ajajoonni 100 Namni 4 ta’an ABO Waliin Hojjettu Sababa Jedhuun Mana Hidhaa Wayyaanee Seenan

Aside

Caamsaa 5,2014 Naqamte

FDG Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufuu irraan motummaan wayyaanee sodaa fi raafama keessa seenee yeroo ammaa kana ilmaan oromoo hojjetaas ta’e barataa hundumaa walitti qabee hidhuun ajjeesuun amaleefatamee itti fufeera.Akkasuma humna waraana isaa Oromiyaa irraa qabus shakkuudhaan hidhannoo akka irraa hiikkachiisu ta’aa jira,kanneen hedduu sodaatuu fi shakku ammoo hidhutti jira .FDG wal qabatee magaalaa Naqamte keessatti ABOf maadhefamtanii barattootaa fi fincila uumataan duuba jirtu jechuun Caamsaa gaafa 4,2014 nu ajajootni dhibbaa namni 4 akka hidhaman hogganni Qeerroo magaalaa Naqamtee irraa gabaasa. Isaan kunis:

1.Ajajaa Dhibbaa Habtaamuu Raggaasaa
2.Ajajaa Dhibbaa Taaddasee Leggesee Gammachuu
3.Ajajaa Dhibbaa Ayyaanaa Milkeessaa
4.Ajajaa Dhibbaa Alamuu Qixxeessaa Sanyii
Kan jedhaman yeroodhaaf toohannoo Wayyaanee jala galanii hidhamanii jiru.Hojjetoota biroo hidhamaa jiran gama hdihamtoota ilaaluun yeroo itti aanutti gabaasa guutuu dhiheessina.FDG hin dhaabbatu itti fufa!