Wayyaaneen Shira Marsaa 3ffaa Magaalaa Amboo Irratti Gaggeessuuf Yaaleen Uummata Oromoo magaalaa Amboo fi dargaggoota Oromoon Fashale.‏

Aside

QerroooWaxabajjii 22,2014 Mootummaan Wayyaanee olola afaan faajjii uumuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummaanni Oromoo gaafachaa ture dhabamsiisuuf ykn sagaleen uumata cunqurfamaa akka hin dhagahameef jecha meeshaa waraanaa fi human waraanaan uumata nagaa goolaa fi jeeqaa jira.

Haala kanaan guyyaa har’aa FDG Lixa Shawaa Amboo gara dabarsuuf jecha uumata humnaan dirqisiisee karaa dabballoota isaa hiriira deggersa mootummaa wayyaanee akka bahamu yaalii gochaa ture. Hiriira humnaan dirqisiisee uummataa fi dabballoota isaa baasuun shira dalaguuf baajata guddaa fi humna waraanaa guddaa bobbaasuun shirri diinummaa magaalaa Amboo irratti gaggeeffamuuf sochii guddaa godhee ture sun  diddaa uummataa fi dura dhaabbannaa dargaggoota Oromootiin waan Wayyaanee fi aangawoonni isaanii barbaadan jalaa fashalee jira.

Wayyaaneen dabballoota garaaf bitamanii fi kanneen afaan Oromoo dubbachuu malee dhalootan Oromoo hin ta’iin walitti qabuun namoota baay’inaan 100 hin callee of dura qabuun shira abdii kutannaa uummata keenya irratti gaggeessuun hubatamera. Keessaattuu uummaanni Oromoo jiraattootni magaalaa Amboo fi dargaggoonni Oromoo guutummaatti shira diinaa kana irraa qooda fudhachuun hojii dhabuun waammicha Wayyaanee irraa qooda kan fudhatu diina uummata Oromooti jechuun jibbinsa wayyaaneef qaban ibsataniru.

Gochaa Fashistummaa Wayyaanee kana balaaleffachuu fi dura dhaabbachuuf dargaaggootni oromoo fi uummaatni Oromoo Magaalaa Amboo ganda 03 naannoo M/B Sadarkaa tokkoffaa Cariitti walitti qabamuun uummaata warraaqsa gaggeessuuf jiru homaan waraanaa magaalaa Amboo irra qubsiifameen bitineeffaman, dargaggootni Oromoo 6 humna waraanaan qabamanii mana hidhaa wajjiraa poolisii Godina lixa shawaatti darbataman.

Sochii Mootummaan Wayyaanee gaggeesite kana keessatti hoomaan waraanaa uffata of irraa baasee uummata fakkachuun akka hiriira Wayyaanee irraa qooda fudhatu dirqisifaamee, humnootni milishaa fi poolisaa illee haaluma kanaan akka ba’an qajeelfama wayyaanee hojirra olchuuf dirqaman illee gochaa kana rawwachuu irra fedhii akka hin qabnee odeessii keessa isanii ba’aa jiru ifa godhee jira. Kana malees Wayyaaneen abdii kutatee waan qabee gadhiisuu wallaale kun sabaa fi sablammoota biyyaatti jiraattoota baadiyaa fi dabbaloota Wayyaanee garaa qofaaf jiraattan baadiyaa irraa walitti qabuun xaa’oo fudhattanii galtu jechuun uummata gowwomsaa ture, Uummaanni Oromoo baadiyaa Magaalaa shira wayyaanee irratti dammaqee gaafa dura dhaabbatuu, saboota kanneen gowwomsuun olola isaa oofuuf yaalii akka godhee hubachuun danda’amera.
Qondalootni Wayyaaneef ergamanii jiraatan walga’ii maqaa hiriira baha nu deeggara Wayyaanee kana gaggeessuuf wareegaman biro bishanii fi albuudaaf energy Oromiyaatti nama Mootummaa Maqaasaa jedhamuu fi bulchiinsa Godina Lixa Shawaa wayyaaneedhaan doorsifamaa jiru nama maqaan isaa jedhamuu fi dabbaloota ilmaan TPLF maqaa isaanii dhoksuun waltajjichaa gaggeessuuf bobbaafaman yoo ta’uun, haaluma kanaan dabballootni kunneen namoota miseensota,:Waraanaa, milishaa, poolisa, sabaaf sablamoota Oromiyaa Lixa shawaa naannawaa Amboo jiraattan fi dabbaloota humnaan dirqisiifaman dabalatee namootni lakkofsaan 100 hin caallee Isteediyeemii Ambootti humna waraanaa guddaan marfamanii ololaa afaan faajjii wayyaaneen uummata Oromoo irratti gaggeessuun saaxilamee jira. Haala kana irraa Wayyaaneen Ololaa TV olola kijibaaf tolu waan waraabdu dhabdee dabballoota godinaa dorsisaa turuun ni yaadatama. Sochii kanaan walqabatee Magaalaan Amboo humna waraanaa guddaan marfamtee eegamaa jirti. Haala kanaarraa uummaanni oromoo magaalaa amboo fi nannawaa ishee gochaa diinummaa dhiiga namaadanfisuu kanatti aaruun wareegama qaalii kan faluuf qopha’aa jiraachuun sochii uummataa irraa hubatamee jira. Wayyaaneen diddaa uummata Magaalaa Amboo fi dargaggoota kanatti waan haalan yaaddoofteef dabbaloota fi garaaf bultoota, akkasumaas ilmaan saboota biroo walitti qabdee kanaan callisanii gargar bittinna’uun gara mana isaanitti akka galaan goochuun soda jiruu dabballootuma meeshaa diinaa kanaaf saaxiluun illee hubatamera.
Uummaanni Oromoo godina lixa shawaa fi Magaalaa Amboo fi naannawaa ishee sagantaa wayyaaneen fuldratti gootu kamuu dura
dhaabbachuu fi lagannoo (boycotts) gochuuf dhaamsa waliif dabarsaa jiraachuun hubatamera.

 

Dhaamsaa fi dhaadannoo dhalootaa

Aside

Dhaamsaa fi dhaadannoo dhalootaa

Jiituu Lammii Waxabajji 22, 2014

barruuOromoo fi Oromiyaa ilaalchisee taateewwan dhageettii Addunyaa hawatan hedduun tibbana dhagahamaniiru. Haalli kun Oromoon humna guddaa egeree Gaanfa Afrikaa harkaa qabu tauu addunyaa waan yaadachiise fakkaata. Gama biraatiin inaaftuu gaaddidduu saba kanaa eegdee rifattu hunda yaaddesseera. Hundumaa caalaattimmoo furtuun rakkoo Oromoo harka Oromoo qofa jiraachuu fuulleetti akeekeera. Tolus badus dhimmi Oromoo harka gamtaa ummata Oromoo keessa jira. Oromoon gamtaa waliigalaatiin sochoonaan gabrummaa bara dheeraa yeroo gabaabduu keessatti ofirraa kuffisuu akka dandau taateen tibbanaa barannoo guddaa kaaeera. Gatii dhiigaa fi lubbuu keenyaan haqa dhabne deeffanna. Kun murtii dhalootaa ti. Miluu murtii dhalootaa waliin turtii goona.

Jiituu, Waxabajji22.doc

Godina Lixa Shawaatti Sabboonaa Dargaggoo Oromoo Galaanaa Nadhaa Cawwaaqaa Miidhaa Loltooti Mootummaa Itiyoophiyaa Irraan Gahaniin Boqote.

Aside

Waxabajjii 21/2014 Godina Lixa Shawaatti Sabboonaa Dargaggoo Oromoo Galaanaa Nadhaa Cawwaaqaa daraaraa mootummaan fashistii Wayyaanee irraan ga’een dhukuba sammuuf saaxilamee dhukkubsachaa kan ture, haalli dhukuba isaa yeroo irraa gara yerootti waan itti jabaateef guyyaa har’a lubbuun wareegamuu dhageenye gadda guddaatu nutti dhaga’ame.

Galaanaa Nadhaa Cawwaaqaa Godina Lixa shawaa Aanaa Tokkee Kuttaayetti abbaa isaa obboo Nadhaa cawwaqaa fi haadha isaa addee
Geexee Hachaaluu irraa bara 1972tti dhalatee. kutaa 1-8 manaa barumsaa tokkee Irressaa sadarkaa 1ffaatti xummure.Kutaa 9-12 manaa barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa tii baratee. Galaanaan namaa barumsaa issaan baay’ee cimaa ta’ee turee Akkasumaas qabsoo ummataa Orommoo irrattii namaa gumaachaa guddaa buusee turee Baratoota walittii qabee waay’ee qabsoo kan barsisaa turedhaa. baraa 1992 waay’ee bosonaa baale yeroo gubatuus adda duree tahuun gaaffii gafachaa fi fincilaa diddaa gabrumaa fininsaa kan turedha. barumaa kanaa keessa harkaa dinaan qabamee manaa hidhaa masaraa mootummaa kan magalaa amboo keessattii reebichii fi dararaan guddaan iraa gahaa kan ture keessaa issaa adda duree dha.

Kanaa qofaa mitigaa Galanaan namaa GUMII AADAA FII AFAAN Oromaa yeroo jalqabaaf manaa barumsaa Amboo sadarkaa lammaffaa keessaattii akka dhaabatuu taasissee keessaa isaa addaa duredhaa.
Baraa 1994 A.L.H qabsoo diddaa gabrummaa turee irrattiis gumaacha gudda kan raawwachaa turedha. Baraa kanaas yeroo lammafaaf harkaa dinaa galuun dararaan guddaa kan irraa gahee turee. Baraa kanaa qormaata kutaa 12ffaa waan fudhatuuf manumaa hidhaa sanatti akka kenamuuf tasifamee . Achumaa manaa hidhaa keessa tahee qabxii boonsaa 3.6 galmeesisuun barnoota sadarkaa…….. ol anaaf garaa Universitii Maqaleetti ramadamee. Akkumaa hidhaa baheen barnotaaf garaa Unversitii Maqalee qajelee barumsaa isaa itti fufee. Guyyoota murasaan booda ….. mootummaan wayyanee hordofaa turtee osoo innii garaa dormittii deema jiruu dubaan rukkuttee kuftee bakka inni kufettii summii sammuu namaa adoochuu warananii biraa sokan . Galaanaa bakka kufee sana bulee ganamaa hiriyyonni isaa achittii isaa arganii iyyanii garaa manaa yaala finfinnee Amanuel jedhamuu geesaan garuu maal godharee lubbuun keessa jirattuus sammuun isaa sirrii hin turre. Dhukkubaa isaa baatee waggaa 11 rakkachaa turee guyyaa harraa lubbuun isaa dabartee.21/6/2014 biyyoon itti haa salphatuu.
Qabsa’aan ni kufaa Qabsoon itti fufa!,
Injifannoon Uummata Oromoof!.

 

SBO Waxabajjii 22 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu – Gabaasa Hiriira Nagaa Hawaasa Oromoo Londonii fi Osloo akkasumas Gaaffii fi deebii Jaal.Xayyib A.Gojabii fi qophiilee biroo

Aside

Uummanni Oromoo Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo Humnaa fi Dirqamaan EPRDF Deggeree Akka Hiriira Bahuuf Ajajii fi Qajeelfama Aangawoota Wayyaanee Irraa Kallattiin Qophaayeef ,Jiraattoti Aanaa Amboo Diddaan Dura Dhaabachuuf Qophiitti Jiru.

Aside

Waxabajjii 21,2014 Amboo

diddaaUummaata Oromoo Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo fi Gudar irratti duula Olola Afaan faajjii uummuuf jecha Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Magaalaa Amboo irratti uummata dirqisiisee hiriira Waxabajjii 22/2014 baasuuf jiru dura dhaabbachuun dirqama ilmaan Oromoo hundaati!!.

Wayyaaneen hiriira kana Yeroo lama uummata Baasuuf yaalii gootee diddaa uummataan kan duraa fashalaa’ee yoo ta’uu yeroo 3ffaaf uummaata dirqisiisuu fi shororkeessuu irratti argamti. Haala uummata Oromoo kessaattuu jiraattoota Magaalaa Amboo yoo hiriira kana baatanii hin hirmaattan ta’ee Rakkinoota Armaan Gadii kanatu isin eeggata jechuun uummata shororkeessuu irratti argamti:

1. Manneen daldalaa keessan ni cufama,

2. Gaaffii tokkoo malee hidhaa baatii sadii hanga jahaatiin adabamtuu,

3. Ijoolleen keessan bakka isin arguu hin dandeenyetti hidhamu,

4. Namoota asiin fuldura FDG keessatti hirmaatanii ajjeefamaniif itti gaafatamtu,

5. Warraaqsaa FDG mootummaa garagalchuuf godhamaa jiruuf itti gaafatamtu jechuun uummaata humna waraanatti fayyadamuun maqaa garee fi gooxii jedhuun walitti qabuun sodaachisuuf olola kana oofa jiran illee uummaanni gochaa shororkeessuummaa mootummaan Wayyaanee Oofaa jiru kana balaaleffachuu irratti argama; kanaan wal qabatee uummaanni nagaan qe’ee isaa irra qabamee hidhamaa jira.Uummanni Amboo Qeerroo Bilisummaa Waliin Hiriire Gamtaan Ka

Raadiyoo Seife Nebelbaalii fi Sagalee Oromoo, Waxabajjii 21,2014

Aside

Minnesota State Senators write to Secretary of State John Kerry about ‪#‎OromoProtests

Aside

senators

-To whole letter click PDF

FDG Wallagga Anfilloo Keessatti Qabate Daran Jabaachuu Irraan Waraanni Wayyaanee Humni Dabalataa Naannicha Qubsiifame.

Aside

Waxabajjiii 21,2014 D.Doolloo

Gabaasa Qeerroo Qellem Dambi Doolloo waxabajjii 21 addeessuun sochii uummanni oromoo fi barattoonni Qellem irratti taasisaa jiran isa yaaddessuudhaan kanaan dura uummata oromoo hidhaatti guuruun furmaatatahuu dhabuu irraan ammas uummanni oromoo gaaffii mirgaa barataa waliin tahuudhaan dhiyeessuu isaa waan hin dhaabneef, hidhaanis uummata Oromoo godina kana keessa jiraatu boodatti waan hin jechisiisneef guyyaa har’aa mootummaan Wayyaanee tarkaanfii ummata irratti fudhachuf jecha
humna waraana Agaazii konkolaataa toorba dabalataan Anfilloo keessa akka qubachiise gabaasi Qeerroo ni addeessa.

Uummanni diddaa kanan dura eegale sochiin isa fakkaatu irratti mul’atee jennaan gaaffii tokko malee hidhaa utuu hin taanee rasaasaan reebuu kan jedhu odeeffannan isaa caasaa mootummaa irraa ibsu addeessa, barataas tahe hojjetaa kamiinuu dabalatee saalaas utuu hin qoodin tarkaanfiin irratti fudhatamuu qaba jedhe humna waraanaa fi lukkuulee isaatti dirqama kanaa kennaa akka jiru gabaasni nu gahe addeessa.

Aside

The #OromoProtests Solidarity Rally in Brussels at European Parliament,

Posted: www. Gadaa.com   Waxabajjii/June 21, 2014 · Finfinne Tribune

Members of the Oromo community in Europe staged a solidarity rally in Brussels, Belgium, at the European Parliament on June 20, 2014, to bring awareness about the human rights violations of the TPLF Ethiopian regime on the Oromo people – including the killing of more than 100 Oromo students and civilians, mass imprisonments of thousands of Oromo students as well as expulsions from universities of Oromo students for nonviolently protesting TPLF’s ‘Addis Ababa Master Plan,’ a plan that is designed to annex land from the State of Oromia and evict millions of Oromo farmers around Addis Ababa – both under the pretext of “urban development.’

Here’s the coverage of the rally by the DW/German radio (Amharic).

01:38
04:15

PHOTOS From the Rally:
BrusselsRallyJune2014_7

BrusselsRallyJune2014_1

Washington State Senators write to Secretary of State John Kerry about ‪#‎OromoProtests

Aside

letter_to_kerry_full