ከማይሰለጥነዉ የዕብሪተኞች አንደበት

Aside

“እስርቤቱ  ኦሮሞ ኦሮሞ ይሸታል…”

 Jiituu Lammii Irraa

barruuዘመነ ቅኝ-ግዛት (the colonial era) ሲታሰብ ለኣፍርካ ሕዝብና ለምድሪቷ የማይሽር  መራራ ትዝታ ኣለዉ። የዚህ ክፉ ቀን የክፋቱ ልክ፣ የሕመሙ መጠንና የጸጸቱ ጥልቀት ከወሰን ያለፋ ዘመን ተሻጋሪ ነዉ።  የሀገር ባለቤትነትን ከመነጠቅ ኣልፎ ከሰብዓዊ ፍጡር ምድብ እስከ መዉረድ የደረሰ በደል የተስተናገደበት የታሪክ ጥቀርሻ በመሆኑ መቼም በጊዜ ወሰን የማይገደብ የታሪክ ትዉስታ ይዞ ይቆያል። ጥቁሩ ባለሀገር ሕዝብ (the indigenous people) በነጮቹ ወራሪዎች ዕይታ ሲመዘን እንደሳይጠን፣ ያልሰለጠነና ክፉ እንስሳ እንጂ እንደሰብዓዊ ፍጡር አይታሰብም ነበር። ይህንኑ አመለካከት ለማስረጽ ሲባልም ሁለንተናዊ ማንነቱን የሚያጥላሉ በርካታ አዋራጅ (pejorative) ስያሜዎች ተሰጥቶታል። የኣፍርካ ምድርም ቢሆን ወርቅና አልማዝ በገፍ እየታፈሰበት እንኳ የጨለማ ዕምብርት (heart of the darkness, the abode of barbarism and cruelty) ከመባል ኣላመለጠም።

በኣንጻሩ ደግሞ ነጮቹ ቅኝ ገዥዎች ለራሳቸዉ የሚሰጡት ግምትና ሁለንታናዊ ማንነታቸዉን የሚስሉት በታቃራኒዉ ገጽታ ነበር። ቋንቋቸዉ፣ ባሕላቸዉ፣ የተፈጥሮ ገፀ-ቀላማቸዉና ተክለ- ሰዉነታቸዉ በአጠቃላይ ሁለንተናዊ ማንነታቸዉ የመጠቀና የበላይ (superior) እንደሆነ ይሰብካሉ። ጥቁሩ ሕዝብ በኣእምሮ ብስለትም ሆነ በሰዉነት ብቃቱ የበታች (inferior) ሆኖ እንደተፈጠረ በጭፍኑ ይመሰክራሉ።  እንግሊዛዊዉ ታዋቂ ደራሲና ገጣሚ Rudyard Kipling ጥቁር ሕዝቦችን ማሰልጠንና ማስተዳደር የነጮቹ ዋነኛ ኃላፊነትና ሸክም እንደሆነ በድፍረት ተናግሯል። የብሪትሽ ቅኝ ግዛትን ወደ ኣፍርካ በማስፋፋቱ ሂደት ላይ ከፍተኛ ሚና የነበረዉ ፌረድሪክ ሉጋርድም (Frederick Lugard) በበኩሉ “ለዚህ ስልጣኔ ኣልባና የጭለማ ዕምብሪት ለሆነዉ ሕዝብና ምድር የባሕል ግስጋሴና የስልጣኔ ብርሃን ማምጣት ነዉ” በማለት የወረሪዎቹን ስዉር ዓለማ ምክንያታዊ ለማስመሰል ጥሯል

ይህንን ኣንዱን የበላይ ሌላዉን የበታች ማድረግን ዓላማዉ ያደረገ ኣድሎኣዊ የማንነት አሳሳል( Identity characterization) ለመተግበር ከፍተኛ የቋንቋ ምሁራንን (lexicographers, psycholinguists, editors) ወዘተ የመሳሰሉትን እንዳሳተፋ ይነገራል። ትርጉሙ ወይንም ቃላቶቹ የሚሸከሙት ምስል(connotation) ከእዉነተኛዉ ኣፍሪካዊ ማንነት ጋር ምንም ዓይነት ዝምድና ባይኖረዉም እንኳ በሂደት ግን የሥነ-ልቦና ተጽዕኖ ማሳደሩ አልቀረም። ዛሬም ቢሆን እነዚህ ሁለቱ ቀለማት በብዙዎቹ ኣእምሮ ዉስጥ የሚፈጥሩት ምስልና የሚወክሉት ቃላዊ ፍቺ የተጽዕኖዉን ጥልቀት ያመላክታል። ያም ሆኖ ግን የሕዝቦችን እዉነተኛ ማንነት ዉጦ የሚቀር ኃይል አልተገኘምና ቀኑ ሲደርስ የጭለማ ስብከት በእዉነተኛ ብርሃን ከመሸነፍ አልተረፈም።

ለመንደርደሪያ ያህል ካነሳሁት አጭር ቅኝት ሰሞኑን በእጅጉ ሲከነክነኝ ወደ ሰነበተዉ ተመሳሳይ ጉዳይ ልዝለቅ። የኦሮሞን ሕዝብ ባህል፣ ቋንቋ፣ ታሪክና አጠቃላይ የማንነት እሴቶቹን ለመደምሰስ ዘመናትን ያስቆጠረ ዘመቻ ሲካሄድ መቆየቱ አጠያያቂ አይደለም። ሆኖም ግን ህዝቡ በዚህ ረገድ ባካሄደዉ ትግል በሚያስደንቅ ፍጥነት እዉነተኛ ማንነቱን በትዉልዱ ልብ ዉስጥ መልሶ ለመስረጽ ተችሏል። በዚህ የትግል ዕምርታ የሚደነግጡ ቀናተኛ ግለሰቦች ኣለዋቂነታቸዉን በሚያሳብቅ መልኩ በደነገጡ ቁጥር ኣላዋቂነታቸዉን የሚያጎላ አጸያፊ ቋንቋን ከመጠቀም ኣልታቀቡም። ከማይሰለጥነዉ የዕብሪተኞች አንደበት

Barattootni Yuuniversitii Hawaasaa Barattoota Haaraa Barana Yuuniversitii Seenan Simachuun Wal Qabsiisanii Dhaadannoo fi Sirboota Qabsoon Diddaa Mootummaa Wayyaaneef Qaban Dhageessisan.‏

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasa Qeerroo Yuuniversitii Hawaasaa Onkoloolessa 19,2014
Oromoon gaafa mammaaku “YAA GOWWAA SI DUUBAAN BOWWAA” Mootummaan Wayyaanee hagayya 10/2006 A.H irraa eegalee marroo marroodhaan barattoota fibarsiisota mana baruumsa sadarkaa tokkooffaa hanga barattoota fi barsiisota dhaabbilee ol’aanotti jiraniif leenjii tarsiimoo fi imaammata siyaasa EPRDF dirqiin walitti qabee kennaafii turuun ni yaadatama. Waan ummata gowwoomsitu itti fakkaate maleeofumaa akka gowwoomaa jirtu waan hubatte hin fakkaattu.

Walgahiin Wayyaaneen dirqii fi humnaan barattoota fi baarsiistota teessisaa turte kun siyaasa ishii kasaaraa guddaa keessa buusuu irra darbee biyyattiis qarqara gaaga’ama kufaatii diinagdee irraan gahuunis waan hafuu miti. Mammaaksi mataa gubbaa irratti caqafamuuf yaalames cal jedhee miti kan kaafameef: wayyaaneen yommuu umrii aangoo ishee dheereffachuuf tooftaa fi maloota garagaraa baafattu saboota cunqurfamoon immoo tooftaa kanatti dhimma bahuun haala mijataa uummatanii narratti finciluu danda’u jedhee yaadee beekaa laata yoo hin beeku ta’e yaa gowwaa si duubaan bowwaa jedhaani.Walgahiin dirqii tun qeerroon oromoo iddoo garagaraa irraa walitti dhufuun walbaranii akka warraaqsa isaanif humna argatan carraa banteefii turte.

Dabalataanis barattoota cunqursaa saba isaanii irra gahaa turee fi jiru hin hubanneef hubannoo bal’aa laateejira. Onkoloolessa 18/2014 Qeerroon Yunivarsiitii Hawaasaa kaampasii Awaadaa waallee warraaqsa fi kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo kan ta’e ABO faarsuun lammii boonsuun diina raasaa bulan.Qeerroon yunivarsiitii Hawaasaa qophii barattoonni waggaa lammaffaa waggaa tokkoffaa isaanii yaadachuuf qopheeffatan sababeeffachuun dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiifachuun itti naanna’anii sirbaa bulan.
Iyyoolee ABOn dhufee as oolee……..
Maasaan gamaa lafa hin baatuu…………
Gooba kormaa fi waallewwan warraaqsaa hedduudhan ilmaan habashootaa sodaa guddaa fi raafama hin taane keessa buusan. Wanti guddaa nama dinqu barattoonni haaraan bara kana mooratti dabalaman guutummaan guututti hirmaachuu isaaniti.Kun immoo leenjiin wayyaanee ilmaan Oromoo kaayyoo ganamaa geeddarsiisuu irra ittuu xiiqessee akka isaan mirga isaaniif falmatan taasisuu nutti mul’isa.

Wayyaaneen leenjis kennitee barattoota Oromoos Yunivarsiitota Oromiyaan ala jiranittis ramaddee ilmaan Oromootti danqaa taatee akeeka ganamaa irraa dhaabuu hin dandeessu.kanumaan wal qabatee yuuniversitii Hawaasaa keessatti barattootni haaraa dhufanii fi kan mooraa jiraatan walitti dhufuudhaan mootummaa Wayyaanee dhaadannoo fi sirboota qabsootiin muffaa guddaa keessa akka buusan gabaasni Qeerroo mooraa Yuuniversitii Hawaasaa irraa nu gahee addeessa.

 

 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 18, 2014

Aside

SBO Onkoloolessa 19 Bara 2014 Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa Marsaa 9ffaa irratti Qophii Addaa fi Yaada namoota gara garaa akkasumas gaaffii fi deebii Art.Mihrat W.Maariyam kutaa xumuraa

Aside

Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu Qophii Onkoloolessa16, 2014

Aside

Humni Waraanaa fi Tika Wayyaanee Wallagga,Aandaa Gaa’oo Qeebbee Keessatti Ummata Goolaa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

Gabaasa Qeerroo DD.Onkoloolessa 18,2014

Qeerroo bilisummaaGodina Qellem, aanaa Gaa’oo Qeebbee uumata nagaa fi barattoota nagaa maatii irra deemee jeequu fi uumata maatii barattootaa qabanii qormaata irratti gaggeessuu hojii godhatee jira. Humni waraanaa fi tikoota wayyaanee Onkoloolessa 16,2014 naannicha qubate addatti barattootaa fi qonnaan bultoota umuriin dardara ta’an irratti xiyyeefatnoo guddaa kennee maatii irra deemee qabee doorsisuu fi mana sakatta’uun ABO waliin hariiroo qabdan sababa jedhuun guutummaan naannichaa goolaa jira.

Godina kana guutummaa kan keessatti mootummaan Wayyaanee hanga gandaa fi hawwasa keessa deemee hojjetotas tahee hojjetaa kan hin tahin maqaa qorannaa fi toohannaan uummata keessa jaleewwan isaa tamsaasee jira, asuma magaalaa Dambi Doolloo keessattis shira hangana hin jedhamnetu xaxamaa jira, of jiraachisuuf hojii dhuunfaa banatanii kan hojjetan, daldala irratti kan argaman muutummaaf gibira kennaa hin jirtan jechuun saamicha gaggeessaa jira, jabinnii fi tumsi uummataas kan jabaatee fi kan isa rifachiiseedha, mare fi wal gayii mootummaan Wayyaanee waamu irratti uummanni hin argamin fesheleessuun, fedhaa fi duudhaa mootummaan Wayyaanee ofiif barbaadu uummanni yeroo kana dura dhaabbatee waan ugguruuf uummata gidduutti shira hammeenyaa xaxuu fi maqaa shororkeessaa keessatti moggaasaa jira, uummata keessatti humna mootummaadhaan mormutu jira kan jedhuttis waan shakkuuf qaama waraana federaala irraagara Godina Qeellem erguun uummata nagaa keessa lolaasaa jira. Filannoonis fuula duratti waan gaheef jecha yeroo jiru ololaan guubuudhaan uummata gowomsaa jiruudha, caasaa fi qaama uummata keessaa qabuunis yeroo ammaa kana uummata qote bultoota gandoota keessa deemuun filannoo akka filaniif jecha ololli dharaa fi uumata kan hin fayyadne hafarfamaa jira.

Oromootni Biyya Alaa Jiraatan Magaalota Oslo fi NY Keessatti Hiriira Mormiyii Sira Wayyaanee Gaggeessan.

Aside

Odeeffata Caalaaf: http://www.Gadaa.com

ቄሮ /Qeerroo/ የኦሮሞ፡ ወጣቶች፡ ለነፃነት: ንቅናቄ:ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: October 15,2014

Aside

“ Haaromsa Itoophiyaa” Maqaa Jedhuun Tarsiimoo Siyaasaa Addaa Mootummaan Wayyaanee Baafate Dura Dhaabbatnaa Barattoota Oromoon Fashalaa Jira.

Aside

diddaa9(Gabaasa Qeerroo Onkololeessa 14,2014) Mootummaan abbaa irree Wayyaanee maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa fi haaromsa Itoophiyaa jedhuun gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa goototni barattootni Oromoo qabsiisan dura dhaabbachuuf olola afaan faajjeessaa ofaa jiru bakka hundatti mormii guddaan danqame jira. Walga’ii abbootiin irree qopheessan kana irraa kasaaraa malee bu’aa argachaa akka hin jirre beekamaa ta’uun isaa mootummicha keessattu gaaffi kaasaa jira.

Mootummaan Wayyaanee sochii goototni dargaggootni barattootni Oromoo biyyatti keessatti qabsiisuun dirmanna uummata biyyatti fi idil addunyaa argachaa jiru irraa yaaddoo fi sodaa guddaa keessa seenuun, gochaa hammeenyaa uummata Oromoo irratti rawwatee fi yakkoota abbaa irrummaa sabaaf sablamiii biyyatti irratti rawwatuun uummaatni biyyatti hojjetaa mootummaa hanga hojjettoota guyyaa fi hojii dhabdoota daandii irraa rakkachaa jiranitti Wayyaanee irratti dammaquun moormii guddaa Wayyaaneef qabaatan., Addaatti dargaggootni barattootni Oromoo Wayyaaneen abbaa irree beekamaa fi mootummaa uummata afaan qawween shororkeessa jiru ta’uu addunyaa biyya lafaaf saaxiluun , FDG bifa qindaa’een Wayyaanee irratti qabsiisuun eenyummaan wayyaanee ifatti baasan. Halli kun waliigalatti uummatni biyyatti mootummaa EPRDF/TPLF balaaleffachuun  mataa itti baatee uummatni kaan immoo quqqaa isaa karaa dubbatu dhabee rakkachaa waan jiruuf, Mootummaan Wayyaanee adeemsa kana irraa yaaddoo fi kufaatiin ulfaataan itti dhufuu irraa sodaa hamaa keessa seenuun waan qabee gadhiisu dhabuun ” maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa isaa fi olola afaan fajjii ittin uummata dubbachiisu danda’uu qopheeffatee, uummatni natti aaree jiru yoo dudubbate natti wayyaa’a isa jedhuun harka tokkotti qawwee harka bitatti immoo ajandaa siyaasaa butatee  Oromiyaa keessa fiiguutti gadi ta’ee.

Haala kanaan hanga ammatti gaaffiin uummata tokko illee deebii argatee hin jiru, Uummatni dubbatee gaaffii mirgaa gaafachaa jiru kun waanuma dubbatee deebii’ee galee ciisuu Wayyaneetti fakkate, Uummatni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jiruuf deebii mirga abbaa biyyummaa kabachiifachuu fi biyyaa isaa irratti Oromoon abbaa biyyaa ta’ee, ofiin of bulchuun biyyoota ollaa waliin illee naqaa fi tasgabbiin jiraachuu barbaada. Oromoon hanga deebii sirrii kana hin arganneetti guyyuu bakka jiru hundatti FDG qindeessuun mootummaa Wayyaanee jala dhaabachuun itti fufa. Haalli sochii walga’ii wayyaaneen cichoominaan itti fufaa jirtu irratti dammaqamee jira  wayyaaneen walga’ii kanaan uummata walitti qabdee maqaa walga’ii kanaan uummaatni aarii garaa isaa akka hin dubbannee fi malaan sochii keessa uummataa duddubbachiiftee tasgabbeessuuf tole jettee waan yaaddee malee jijjirama biyyaaf jedhamee kan yaadame akka hin taane saaxilame jira.

 

Gama biraan mootummaan Wayyaanee torbee darbee keessa barattoota waggaa tokkooffaa gara Yuunibarsiitii seenaa jiran maqaa walga’ii kanaan dursitee waamte irratti diddaa guddaan barattootni Oromoo dura dhaabbatan, walga’ichiis mormii fi gaaffii guddaa barattootni Oromoo kaasaniin deebii tokko malee xummuramee jira. Ammas abbaan Irree Wayyaanee abjuun hallayyaa qilee keessa ba’uu hin dandeenye irra adeema bulu hojjettoota mootummaa sectora fayyaa fi barattoota Oromoo Kolleejjii barsisotaa Jimmaa, Naqemtee, Shambuu, Mattuu, Asallaa fi Baalee Roobeetti baratan Onkololessaa 13/2014 irra eegaluun olola qopheeffate karaa ergamtoota ishee ofuu itti fufte jirti, akkuma walga’iin wayyaanee eegaleen goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa iyyummaa irratti kaachisuun Wayyaanee fi ergamtoota TPLF dura dhaabbachaa jiru.

 

Hundee Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Hagayya 2014 Keessa Kaasan Qeerroo Bilisummaa

Aside