SBO Onkoloolessa 26 Bara 2014 Oduu – Guyyaa yaadannoo FDG marsaa 9ffaa irratti qophii addaa – gaaffii fi deebii Art.Caalaa Bultum waliin akkasumas qophiilee biroo

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Onkoloolessa 24, 2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 25, 2014

Aside

SOCHII OROMOO BARA 2014……kutaa 3ffaa

Aside

HUMNA TA’UUF BAKKAYYUTTI HAA HOJJANNU !!!

SEENAA Y.G(2005) kutaa 3ffaa | Onkoloolessa 22, 2014

barruuSochii Oromoo Bara 2014 irratti yaadan eegale har’an xumura. Kanneen yaada akka dhuunfaatti naa kennitan guddaan isin galateeffadha. Gaaffiilee akka dhuunfaatti naa kaaftaniif, ammatti deebii laachuun na rakkisa. Waan dursuu qabnu waa hedduun waan jiruuf. Kanneen yaada furmaataa tokko tokko na gaafattaniif garuu, yaadi furmaataa dirree kana irratti walii ibsuun rakkoo waan qabaatu natti fakkaata. Waan gadi fageenyaa odoo hin taanee, irra keessa waan itti jabaachuu qabnu irratti garuu yaada amma eegale xumuree, akkan mariif dhiheessu hin shakku. Waanuma lafa jiru maxxansuu qofaadha. Sochii keenya xiinxallee kan itti aanutti jabaachuun garuu waan fardiidha. Kutaa 3ffaatti haa ceenu.

  1. Midiyaalee walabaa (Intarneetaanis) dhimma Ummata isaanii irratti hojjataa jiran,
  2. Dhaabbileen, Waldaaleen gargaarsaa fi Amantii dhimma Oromoo irratti hiriiruu eegaluu ,
  3. Baqattootaaf birmannaa taaisfame,
  4. Aadaa, Seenaa fi Oromiyaa beeksisuuf sochiilee taasifaman,
  5. Ayyaana Irreechaa 2014 irratti Sochii Biyya keessaa fi alatti gaggeeffame,

SOCHIIN OROMOO —kutaa 3ffaa.docx

ቄሮ /Qeerroo/ የኦሮሞ፡ ወጣቶች፡ ለነፃነት: ንቅናቄ:ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: October 22, 2014 / Filmaata EPRDF ilaalchisee qophii Addaa ni qaba

Aside

Aside

 Call for Conference on Revolt Against Subjugation /Fincila Diddaa Gabrummaa:

Nürnberg,Germany

The Union of Oromo Students in Europe, (UOSE) or Tokkumma Bartoota Oromoo Awurooppaa (TBOA) is a student organization based in Germany. Founded in 1974, it is a political organization that functions according to the political programs and political ideals of the Oromo Liberation Front (OLF). 

As active branch of UOSE,UOSG (Union of Oromo Students in Germany) played the biggest role in nurturing the language and culture of the Oromo people, protesting against successive Ethiopian regimes, and coordinating the overall support to the OLF/ABO.

The Month of November is always remebered in the minds of all Oromos due to its  historical sudden occasions of revolt against subjugation. Therefore,we are so excited to announce that the 9th year  of fincila didda gabrummaa  will be organized in Germany by the Union of Oromo Students. We are  looking to see all the Oromo communities living in all Germany states to take part on 08 November,2014 in Bayern (Siebenkees str.4, 90459 Nürnberg ) from 12:00-18:00 Hour.

TBOJ/Caayaa ABO Executive Committee,

Oromia shall liberate!

tboj.uosg@gmail.com or abdissa2011@gmail.com

or kindly reach us through the following numbers:

+4915210249774  or +4915217299850

Call_for_Revolt_Against_Subjugation_Confernece_Nürnberg_G ermany

Seenaa Sirna Bulmaata Oromoo

Aside

“Biyya Mootummaan Hin Jirre Keessatti Abbootii Irree Bakka Bu’anii Uummata Afaan Faajjessuun Haadhabbatu” Jedhchuun Barattootni Oromoo Kolleejjii Barsiisota Jimmaa Walga’ii Angawoota Wayyaanee Diddaan Lagatan.

Aside

diddaa9Onkololessaa gaafa 20,bara 2014,Goototni Barattootni Oromoo koolleejjii barasiisota Jimmaa maqaa walga’ii tarsiimoo ”Haaromsaa Itoophiyaa” jedhuun olola mootummaan Wayyaanee sochii warraqsaa FDG dura dhaabbachuuf gaggeessuu balaaleffachuun sagalee diddaa dhageesisuun walga’ii Wayyaanotaa dhiitani ka’an.

Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee maqaa walga’ii siyaasaa fi afaan faajjii baatee waliin rakkachaa jiru kana akkuma barattootni koolleejjilee barsiisota Oromiyaa gara mooraa barnootatti deebi’anii Koolleejjiiwwaan barsiisota kanneen akka Kolleejjii barsiisota Jimmaa, Kolleejjii barsiisota Naqemtee, kolleejjii barsiisota Mattuu, kolleejjii barsiisota Shambuu, kolleejjii barsiisota Asallaa fi kolleejjii barsiisota Baalee Roobeeetti walitti qabuun dirqamaan itoophiyummaa fi olola siyaasaa abbaa irree fudhachiisuuf torbee tokkoof teesisaa kan jiru goototni barattootni Oromoo Gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo irratti kaachisuun wayyaanee dura dhaabbachaa jiru.

Addatti goototni barattootni Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa walga’ii Wayyaanee torbee tokkoof taa’aa jiran irratti guyyaa tokko guyyaan isaan tole jedhanii ergamtoota wayyaanee dhaaggeeffatan hin jiru, gaaffii mirga Oromoo fi Oromiyaa gadi jabeessanii irratti kaasuun isin uummata keenya ajjeessa  fi ajjeesisaa jirtu uummata keenyaa bakka bu’uu hin dandeessa biyya mootummaa hin jirre keessatti waa’ee mootummaa kaasuun keessan nuuf ifaa miti  biyyaa isin Itoophiyaa jettaan kana keessa mootummaa nama ajjeesuu malee mootummaan uummataaf dhaabbatuu fi uummata bakka bu’uu danda’uu keessatti ijaaramee hin beeku, seenaan biyya kana illee akkasitti barreeffamuu qaba jechuun ergamtoota Wayyaanee waan qabanii gadhiisaan wallaalchisuun  guyyaa har’aa sagalee mormii guddaa dhageesisuun walga’ii isiin gaggeessaa jirtaan hanga gaaffiin keenya deebii argatutti hin teenyu jechuun walga’ii wayyaanee dhiitanii ka’an.

Haaluma kanaan Ergamtootni Wayyaanee waan qabanii gadhiisan wallaaluun akkuma baratan humna poolisii waammachuun mooraan Koolleejjii barsiisota Jimmaa humna poolisaan eegamaa jira. Diddaa barattoota Oromoo Kolleejjii barsiisota jimmaa kana ilaalchisuun warabbii sagalee ni qabna waan ta’eef obsan nu eegadha, guyyaa boruuttis diddaan kun jaabatee kan itti fufu ta’uu beekamaa dha.

SBO Onkoloolessa 22 Bara 2014 Oduu – Guyyaa FDG Marsaa 9ffaa ilaalchisee dhaamsa bakka adda addaa fi qophii biroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Onkoloolessa 20,2014/ QOPHII ADDAA

Aside