Guyyaan FDG Sadaasti 9 Godina Oromiyaa dhihaa Wallagga, Aanaalee keessatti sirna ho’aan kabajamuu Qeerroon gabaase

Aside

fdg222

Oromiyaa dhihaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti yaadannoon FDG waggaan 9faan sabboontotni ilmaan Oromoo wareegama qaqqaalii irratti kanfalan, sabboontota, qabsaa’ota fi human addaa WBO godina dhihan sadaasa 6 /2014 irra eegaluun haala itti fufinsa qabuun kabajame.

Ilmaan Oromoo waamichaa dhaabni kallachi qabsoo bilisummaa Oromoo ABO fincila diddaa garbummaa ((FDG)) uummata Oromoo hundaaf godheen guutummaa Oromiyaatti mootummaa abbaa irree TPLF irratti finciluun sochii warraqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n durfamu boqonna haara banuun sagaleen uummata keenyaa sadarkaa addunyaatti dhageettii guddaa kan itti horedhadha. Ilmaan Oromoo gameeyyiin, dargaggeessi, barattootni, barsiisotni, qonnaan bulaa fi daldalaan karaa nagaa fi dimookirasii sagalee isaanii dhageesisuuf ba’anii kumootaan kanneen lakka’aman tarkaanfii mootummaan Wayyaanetiin gaaga’amaniiru.

Kumootaan kanneen lakka’aman hidhattii ukkaanfamanii isan keessa kaan har’a illee eessa buuteen isaanii kan hin beekamne jiru; hedduun biyya irraa arii’atamaniru. Tarkaanfiin garaa laafina tokko malee wayyaneen hanga guyyaa har’aa qabsa’ota, fi sabbontota ilmaan Oromoo irratti fudhacha jirtuu uummata Oromoo gara qabsoo FDG daran kan jabeesse malee duubatti deebisuu hin dandeenye. Adeemsa kana bu’uura godhachuun sadaasni 9 yaadannoon FDG bara baraan uummata Oromoon kan kabajamu ta’uu gabaafamera.

Guyyaan FDG Sadaasti 9 Gidina Oromiyaa dhihaa.doc

Sagalee Simbirtuu fi Seife Nebelbal

Aside

“Hin Hafu Sibiraa” Sintayyoo Gadaa fi Alamaayyoo Qubee

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 12, 2014

Aside

Poolisoonni Magaalaa Jimmaa Dhalootaan Oromoo Tahan Sochii Barattoota Oromoo Duubaan Jirtu Sababa Jedhuun Bulchitoota Godinaan Qoratamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

img0029a

Sadaasa 12,2014 Yaadannoo FDG Sadaasa 9, marsaa 9ffaa akka waliigalatti Jimma irratti kabajameen walqabatee  Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaatti poolisootni magaalaa Jimmaa dhalootaan Oromoo ta’an sochii kana duubaan hiriirtanii jirtu jedhamuun bulchitoota godinaa ykn hojjettoota Wayyaneen qoratama jiru.

Sabboontotni poolisootni Oromoo dhalootaan Oromummaa isanitti amananii fi waanuma Oromoo ta’aniif  sabboontota barattoota Oromoo ajjeesuu, hidhuu, fi doorsisuu irraa waan of qusatan qofaaf Sochii warraaqsa FDG Qeerroon biyyatti keessatti gaggeessa jiru keessa harka qabdu, waraqaa FDG garbummaa fi yaalii mootummaa fonqolchuu magaalaa kana keessatti maxxanfamu isinumatu maxxansa, isinumatu uummata keessa facaasa, utuu hamma kana baay’atanii akkamitti halkanii gurraa ABO’n waraqaa fincilaa nurratti bittinneessa jechuun waan qabanii gadhiisan dhabuun sabboontota poolisoota Oromoo qorachuutti fuulleeffatan. poolisootni Oromoo ta’an kun badii tokko illee hin qaban Oromoo Oromummaa isaatti Amanuu fi sodaa malee ani ilma Oromooti ofiin jechuu qofa irraa qorannaan humnoota tikaa wayyaaneetiin irratti gaggeeffama jira.

Kana malees mootummaan wayyaanee waraaqsa FDG Qeerroon dhiha Oromiyaa keessatti qindeessee akka guutummaa biyyattiitti gaggeessa jiru fi warraaqsa hawwannaa uummata bal’aa argatee biyyatti keessatti dhageetti guddaa argachaa jirutti yaaddoo ulfaata keessa seenuun waan qabee gadhiisuu dhabuun raafama guddaa keessa seenee jira. Humni waraanaa magaalaa Jimmaa mooraa waraana 12ffaa waraanaa dhihaa jedhamuun beekamuu keessattis Oromoon sadii ol ta’ee akka waliin hin adeemnee, bilbilaan daqiiqa 5 ol akka hin dubbannee dhorkaman, haala kanaan ilmaan Oromoo lafa jiran hundatti ija shakkiin ilaalamaa jiraachuun ilmaan Oromoo hundi FDG keessatti akka hiriiranii mirga dhunfaa fi saba isaanii kabachiisan kan taasisu ta’uun hubatame jira.

kana malees ” Yaa Uummata Oromoo utuu hin durfamiin dursuu qabna, utuu qabeenyaan hin guuramiin dura dhaabbachuu qabna,erga qabeenyaan Guuramee dura dhaabbachuun lafa qullaa irratti boo’u ta’a; bakka hundaa harka wal qabatnee saamicha qabeenyaa lfaa fi albuudota Oromiyaa haa falmannu, FDG waliigatti gaggeeffamuuf jiru keessatti ilmaan Oromoo hundi qooda keenyaa fudhachuu qabna, kun dhimmaa eenyummaa fi Oromummaa ta’uu hin dagatiina, ilaalcha siyaasaan moggatti wal hin dhiibiinaa, Oromoon tokkicha wal malee hin qabnu halagaan nyaatee saamee nurraa galuuf fiigaa jira jechuun hoggansii sochii warraqsaa Qeerroon Magaalaa Baallamii irraa uummta Oromoo hundaaf dhaamsa dabarsee jira.

Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Keessatti Diddaan Uumataa Itti Fufe,Sababaa Kanaan Oromoonni 5 Guyyaa Har’aa Hidhaman..

Aside

diddaa9Sadaasa 12,2014 Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyiitti  FDG uummataa fi gootota dargaggoota Qeerroo Oromoon qabsifame jabaatee itti fufe. Kanaan wal qabatees mootummaan abbaa irree Wayyaanee sabboontota  ilmaan Oromoo nagaa hidhee dararaa jira.

Uummatni Oromoo aanaa Midaa Qanyii dargaggoota barattoota M/B Ballammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina waliin ta’uun ”Sammichi lafa Oromoo irratti bara baraan gaggeeffamaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba, addaatti Mootummaan abbaa irree Wayyaanee lafa uummata Oromoo albuudaan hedduu gabbataa ta’ee gurgurachuun qabeenyaa keenya tigrayitti guuraa ture, ammas kanuma amaleeffachuun lafa albuudaan gabbataa ta’e kan aanaa Midaa Qanyii gammoojjii Garaadoo, Anoonuu fi Nyaabartti argamuu” bifa haaraawaan gurguraachaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba jechuun FDG sirna nama nyaataa Wayyaanee angoo afaan qawween qabatee jiru irratti finciluun nuti mootummaa nu bulchu hin qabnu, mootummaa qabeenyaa leechelloo Oromiyaa eeguu hin qabnu, Oromiyaan saamamaa jira, ilmaan keenya maalitti guddatu harka walqabannee mirga keenya falmachuuf haa kaanu jechuun uummatni daddaa dargaggoota barattoota Oromoo qeerroon hogganamu cina dhaabbannee mirga keenyaaf ni falmanna jechuun FDGtti seename jira.

Abbaan irree Wayyaanee qawweetti amanu gaaffii uummatni karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffachaa jiruuf deebii humna waraanaa itti bobbaasuun doorsisuu, hidhuu, ajjeessuu fi nannoo irraa arii’achuu irratti argama. Baadiyyaan Aanaa Midaa Qanyii illee humna poolisaa Federaalaan eegamaa jirti.

Haaluma kanaan ilmaa Oromoo FDG narratti qindeessitan jechuun hidhamuun ibsame jira. Ilmaan Oromoo FGD qindeessitan jechuun hidhaman:

  1. Obboo Mangistuu Moosisaa daldaalaa magaalaa Baallammii,
  2. Barsiisaa Yaaloo Bantii,
  3. Barataa Taarikuu Gusoo
  4. Barataa Biyyansaa Dhibbaa
  5. Barataa Tasfayee Biyyansaa kanneen kessatti argamani.

Ummanni Oromoo nagaan gaaffii mirgaa waan gaafatanii fi maaliif biyyi keenya gurgurama jedhanii waan gaafataniif balleessa tokko malee humnaan qabamanii wajjiraa Poolisii aanaa Midaa Qanyiitti hidhamuun dararama jiraachuun gabaafame jira. Goototni uummatni Oromoo Aanaa Midaa Qanyii ilmaan keenyaa gaaffii keenya gaafatan atattamaan hiikamuu qabu jechuun guyyaa kaleessaa bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii gaafachuun gaaffii sammicha lafaa fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa isin gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun bulchiinsa aanichaa dhiphisan.

Bulchiinsii aanaa Midaa Qanyii wa’ee gurgurtaa lafa Albuudaan gabbataa ta’ee kan Garaadoo, Anoonuu fi Nyabaritti argamu kana nuti waan tokko quba hin qabnu, warrii bitate xalayaa deeggaraasaa hojii investimentii fi babaldhina warshaaleef jedhu mootummaa federaalaa irra fidatan, mootummaan naannoo Oromiyaas quba waan qabu nutti hin fakkatuu, Gaaffiin keessan gaaffii mirgaa fi sirriidha, gaaffiin barattootas siriidhuma jechuun uummata amanee jira. uummatni erga bulchiinsii aanaa, Godinaa fi Oromiyaa utuu hin beekiin Wayyaaneen isin irraa utaalee lafa keenyaa fi qabeenyaa keenya kan gurguru ta’ee ga’een keessan maalii? gibra qofa wayyaaneef sassabuudhaa?? FDG gaggeessa jirru keessatti qooda keessaan ba’uun mirga keenyaaf haa falmannu, hamma yoomitti halagaan nu saamaa? maaliif halagaa biyya samsiftuu? daa’imni keessan boruu eessaa dhaqxii? jechuun uummatni diddaa isaa jabeessuun kan itti fufaa jiru ta’uu Qeerroo FDG qindeessaa fi gaggeessa jiru magaalaa Baallammii irraa gabaaee jira.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Sadaasa 12,2014 / Kabajaa Sadaasa 9 Oromiyaa ilaalchisee Qindaaye.

Aside

SBO Sadaasa 12 Bara 2014

Aside

SAGALEE QEERROO, Gabaasa Sochii Walii Gala Uumati Oromoo Wagga Tokko Keessa Taasise Dhiheessa (Sadaasa 11,2014 SQB)

Aside

Mootummaan Wayyaanee Hoji Dhabdoota Biyyattii Humna Waraanaatti Jijjiiruuf Galmee Eegalchiisee Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee hoj-dhabdoota dirree waraanaatti erguuf maqaa hojii argattuutin galmeessaa jira. Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa hidhattoota isaa duraa irraa amantaa waan dhabaa jiruuf humna waraana biyyattii keessatti baayinaan oomishuu karoorfatee kae uummata irratti waraana ijaarrachuuf sochii itti fufee jira.

Aangoo isaa irra turuuf humna waraanaa malee tooftaa fi shiroonni inni baroota isaa keessatti dalagaa yoonaan isa gahe yeroo kana haamilee dhabsiisee kufaatii isaaf yaaddessaa waan itti taheef humna waraanaatti amanuun filannoo isaa tahuu hubatee sobaan dargaggoota biyyattii ganda tokko irratti hanga nama 13 hoji argattu, mootummaan hojii isiniif kenna jechuudhaan sossobee galmeessaa jira. Sabboontooni caasaa mootummaa keessaa qaban yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo bakka jiranitti rakkoo keessa jiran irratti dachaan yoo isaan qaqqabellee deemanii akka hin galmoofneef dhaamsa dabarsaa jiruu.

Gabaasa Qeerroo.docx