Baalee, Aanaa Ginnir Irratti Deggersa Mootummaan Wayyaanee Uummata Gaafate Milkii Malee Hafe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Baalee, Aanaa Ginnir irraa, Muddee 6/2014 Uumanni gahee fi dirqama isaa wal faana bahuu qaba kan jedhu mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo Godina Baalee,Aanaa Ginnir irra jiraatu dirqama labse, akka odeessan kun addeessuuti humna hidhaa haaromsaa galmaan gahuudhaaf uummata irraa buusiin walitti qabamuu qaba,uummanni waan argatu irraa mootummaa bira goree kaayyoo isaa kana galmaan gahuun akka dirqamaattis tahe, gaheen uummata irraa eegamu isa kana waan taheef, kaleessa Muddee 5,2014 dhimma kanaaf uummata walgayii teesisuudhaan, mootummaan guddina keenyaaf dhamaati irra jira jedhanii uummata gowomsaa kan turan, caasaan mootummaa wayyaanee godina kana irra jiru erga mootummaa dabarsuudhaaf gara san deeman, uummata irraa deebiin dhimma kanaaf kenname duraan dursa gaaffiin uummata Oromoo fi gaaffiin barattootni Yuunversitii fi koollejjii irratti kaasaa turan deebii haa argatu, mootummaan ijoollee keenya ilaalcha diinummaan ilaalaa akkamiin mootummaa deggeruu dandeenya, barataan keenya utuu hidhamuu, uummanni keenya utuu reebamu, ajjeefamu mootummaa waliin deemuu hin dandeenyu, kanaaf amma waan dhuftaniif nurraa deebii argachuu hin dandeessan isa dura gaaffiin barattootaa deebii argachuu qaba, kan hidhamanillee mana hidhaatii bahuu qabu, yakka malee, waan uummanni Oromoo itti miidhamaa jiruuf deebii isin irraa eegna, mootummaan deebii haqaa fi mirga uummata Oromoo erga kabajee,kabachiisee booda, erga inni mirga isaaf hidhamee booda mana hidhaatii bahe asitti walii galtee irra geenya, hangasittuu gibira kaffaltii waan jedhamu, hidhaa laga abbaayiif jettanii waan nurraa
funaanuuf deemtan waan nurraa argattan hin qabdan, jechuudhaan uummanni deebii kan kenneef namoota muraasa tohannaa jala turse, godina Baalee aanaa Ginnir irratti kaleessa Muddee 5/2014 mootummaan Wayyaanee kaayyoo deemuuf uummata irraa deggersa dhabee,feshelaa’uu gabaasni Qeerroo har’a nu gahe addeessa.

 

Ayyaanni Sabaa fi Sab-Lammii Wayyaaneen Qophaawe Uummata Oromoo fi Barattoota Biratti Hin Kabajamin Oole, Yuuniversitiilee Irrattis Hin Milkaayin Oole!‏

Aside

Muddee 6,2014, Gabaasa Qeerroo
diddaa9Guyyaa sabaa fi sab-lammii jechuun mootummaan Wayyaanee har’a Muddee 6 fi 7,
jechuun har’aa fi boruu naannoo Benishaangul, Asoosaa irratti kabajachuuf deema. Ayyaanni kun Media lee  Wayyaaneen odeeffamuun isaa baatiwwan hedduu kan lakkoofsiiseedha. Guyyaa ayyaana sabaa fi sab-lammoota uummatoota Itoophiya jedhanii kan odeessaa jiran,akkasuma uummanni biyyattii mirga isaa kan kabajame, guddina ariifachiisaa biyyattiin irra jirtuu fi walitti dhufeenya uummata biyyaa kan duraa
irra caale jechuudhaan miidiyaa isaanii kan of harkaa qabaniin ololuun uummata gowomsaa jiru. Haatahu malee odeessa Qeerroo godinaalee garagaraa fi naannoo ayyaanni kun itti kabajame kan baranaa Yuuniversitii Asoosaa irraa nu qaqqabee fi akkasuma Yuuniversitiilee irraa gabaasni nu gahee jiru; ayyaana kana irratti kan hirmaatee fi bobbahe uummata kibbaa fi habashoota irraa kan hafe uummanni Oromoo ayyaana isaanii kan har’aa irratti hin hirmaatin hafee jira, kan uummata oromoo ayyaana kana irratt argaman miseensota OPDO fi hojjetoota mootummaa muraasa irraa kan hafe namni gara san deeme akka hin jirre odeessi Qeerroo kan addeessuudha, kun odeessa gara Yuuniversitii Asoosaa irraa nu qaqqabeedha. Dursa akkuma dhaamnes mootummaan dhimma ayyaana kanaan wal qabsiisee miidiyaadhaan ololuun isaa waan bubbuleedha haatahu malee Qeerroon waraqaalee mooraa Yuuniversitii fi naannoo uummanni keenya heddummatutti kan raabse akka maxxanfamuuf waan gadi buuse keessaa-
– Ayyaanni Sabaa fi Sab-lammii Nu Oromoo Hin Ilaallatu!
– Mirgi Uummata Oromoo Kabajamuun Dirqama
– Nuti Oromoodha, Habashaa Miti!
– Mootummaan Wayyaanee Gabroonfataadha!
– Nuti Oromoon Bilisummaadhaaf Qabsoo Itti Fufna!
– Olola Mootummaa Wayyaaneef Hin Jilbeenfannu!
Akka tamsaasa Qeerroo irraa waraqaan torbee tokko dura naannolee yuuniversitii ayyaanni kun barattootaan kabajamuu qabuuf jala bultii qophiin taasifamaa ture irratti Qeerroon dursuudhaan barruuwwan dhaadannoo olii Yuuniversitiiwwan Madda Walaabuu, Mattuu, Wallaggaa, Amboo, Jimmaa fi Haromayyaatti ergamuudhaan ilmaan oromoo barattoota mooraa Yuuniversitii kunneen keessatti argamaniin maxxanfamuun guyyaa har’aa ayyaanni sabaa fi sab-lammootaa haalaan osoo hin kabajamun hafee jira, waraqaan halkan edaas kan maxxanfamee bule yuuniversitii Mattuu, Madda Walaabuu, Wallaggaa fi Amboo keessatti kan tahe, Yuuniversitiwwan kana keessatti humni waraana halkanuma edaa kan qubatee buleedha.

Odeeffata Mattuu yuuniversitii irraa nu qaqqabaa jiru, humni waraanaa mooraa keessa hanga doormii barattootaatti waan seeneef,barattoonti humni waraanaa mooraa keessaa nuuf haabahu jechuudhaan gaaffii kan kaasan, ayyaanni achirratti akeekame osoo hin milkaayin hafee gara gaaffii barattootaatti deebi’uudhaan wal jeequmsaa fi mooraan keessi tasgabbii tokko malee kan oolee fi ayyaanni sabaa fi sab-lammii kunis daqiiqaadhaaf hin tahin hafe, mootummaan Wayyaanee dhimma filannoof jecha kaayyoo isaa uummataan gahuuf, uummata qabachuuf kan deemuudha, kun mootummaan wayyaanee waan deemuuf waan hubatamaadha. Kanuma dursuudhaan dhaamsi Qeerroon barattootaan, caasaadhaan dabarsaa tureen uummata oromoo biratti har’a ayyaanni kun osoo hin kabajamiin ooleera. Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Asoosaa irraa hubatama jirutti humni waraanaa mootummaa Wayyaaneetiin magaalaan sun kan jeeqamee ooleedha, uummata miti kan mul’atu waraana malee, baayina uummataa irra baayina waraana wayyaaneetu caalaa jedhama, kunis shakkii qabu, uummata irraa, barattoota irraa, naannoo sanatti humni waraana WBOs jiraachuu isaa waan shakkaniif sodaa qabanii humna waraanaa heddummeessuu isaanii kan odeessi nu gahe addeessaa jira. Mooraa yuuniversitii Asoosaas humna waraanaan kan eegamee ooleedha, akkasuma yeroo ammaa magaalaaleen Oromiyaa humna waraanaa fi basaastotaan kan dhuunfatamtee jirtuudha jedhu odeessi kallattii adda addaa nu qaqabu, magaalaan Finfinnee fi naannoon ishees baatii sadaasaa irraa kaasee waraanaan marfamteeti kan jirtu, akkasuma yuuniversitii fi koollejjiin waanuma kana fakkaatuudha, mootummaan Wayyaanee nagaa dhabee, hirribas yeroo itti dhabe, haalli yeroo ammaa uummanni oromoo irra jiru waan sodaachiseef sodaan muddamuu isaa waan ifatti mul’ataa jiruudha, gama ayyaana sabaa fi sab-lammii ilaalchisee gabaasni itti fufee kan dhiyaatuudha!

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Muddee 05, 2014

Aside

Ayyaana Sabaa fi Sab-lammii Sababeefachuun Burjaajii Wayyaaneen Uumaa Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Qeerroo

Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Mudde 5, 2014

Ayyaana Sabaa fi Sab-lammii Sababeefachuun Burjaajii Wayyaaneen Uumaa Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan EPRDF/TPLF afaan qawweetiin aangootti ol ba’e umurii bulchiinsa isaa  dheereffachuuf uummata kaleessa nagaan waliin jiraacha ture akka waliin hin jiraatne gochuun uummata biyyatti waliin dhahuun, sabaa fi sablammoota biyyatti walitti diruun dhiiga wal dhangalasisee umurii bittaa isaa waggaa 23ffaa ol itti fufuuf tattaafachaa jira. Haalum kanaan kan wal qabate yeroo ammaa qabatamaan sabaa fi sablammoota biyyatti irratti dalagaa kan ture keessaa dhiyoo kana addaatti uummata guddaa biyyatti uummata Oromoo jeequuf, migraa fi tokkummaa dhabamsiisuuf saboota xixiqqoo hidhachiisuunii fi walitti buusuun dhiiga wal dhangalaasisaa jira.

Godinaalee Oromiyaa  gama bahaan Somalee hidhachiisuun, uummata Oromoo Godina Harargee keessa jiratuu irratti waraana bansiisuun  lubbuun ilmaan Oromoo kumootaan lakka’amuu fi qabeenyii miliiyoonotaan lakka’amu barbada’era, amma illee lubbuun hedduu badaa jira. Booraana keessatti saba tokkicha gidduutti illee nagaan akka hin jiratneef jedhee shira xaxuun Booraanaa fi Gujii, Booranaa fi Garbaa fi Garrii walitti naquun uummata Oromoo Godina kana keessa jiratu keessatti nagaa fi tasgabbiin dhabamee lubbuu wal balleessuu fi dhiiga wal dhangalaasisaa kan ture mootummaan Wayyaanee itti gaafatama  seeraa fi seenaa keessa ba’uu hin danda’u. Darbees, haaluma walfakkaatuun Godina Baalee nannoo ‘’Saweenaatti’’ Somaalota hidhachiisuun guyyaa har’aa illee ilmaan Oromoo nagaan qe’ee isaniitti rasaasaan reebamanii ajjeefama jiru. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Muddee 05 2014

SBO Mudde 07 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Hiriira Nagaa Hawaasa Oromoo Berlin – Gaaffii fi deebii J.Toleeraa Adabaa waliinii fi qophiilee biroo

Aside

Abdunasir Beyan: “QEERROON KA’II” (Oromo/Oromia)

Aside

የማይከፈል እዳ።

Aside

Mesert Tulluuመስረት ቱሉ/Meseret Tulu

ምንያስቀምጠኘል  ጐዜን ላሰናዳ

ብዙሰላለብኝ ያልተ ከፈለ እዳ።

እንደ ስው ተፈጥሬ ካወኩኝ ነፉሴን፡

መበደሬን እንጂ እረሳው መክፈሌን።

ተራራ የሚያከል ተሽክሜ እዳ

ምን ብዬ ልቀመጥ ጐዜን ላሰናዳ።

ልሽሽ እንዳመሌ እስከ አለም ጫፉ።

ይቀለኝ እንደሆን እዳዬ እንዲረግፉ፡

ትከሻዬ ጐብጦ በእዳ ቁልል።

መፉቴ አገኝ ይሆን ሸህም የሚያቀል፡

አለም ለስው ልጆዎች ሆና የተመቸች።

የኔስ ትከሻዬ በእዳ ጐበጠች፡

እቁብ እናቆቁም የድምተኘች እድረ።

ከዝህ የአለም ጫፉ እስከዛኘው ምድረ፡

እናናውጣት እንጂ አለምን በእረታ።

ይቀለን እንደሆን ሽክሙ ላንዳፉታ፡

ኑ እንስባስብ ከቶ አንራራቅ።

እዳን የሚያቀል እንድንፈጥሪ ዕረቅ፡

ስጋትና ጭንቀት በአንቀልባ አዝልን።

እስከ መቼ ድረስ በሀሳብ ስመመን፡

የስው ልጆች ተምረው አለምን ሲለውጡ።

Read More… የማይከፈል እዳ       

WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA ! kutaa 2ffaa

Aside

SEENAA Y.G (2005)kutaa 2ffaa | Muddee 3, 2014

Wareegama Qabsoon keenya nu gaafatu maaliin tilmaamu dandeenya ? ykn akkamiin beeku dandeenya ? Bilisummaan Wareegama malee hin argamtu. Kanaaf wareegama hanqisuu fi dhiisuu maaltu fide ? jedhee kan gaafatu hin dhabamu. Wareegama lubbuu qofaatti fudhatee, lubbuun miliyoona itti ba’ee Bilisomnaan rakkoon maalii ? ka jedhus jira. mee fakkeenya tokko haa kaafnu. Ega Oromoon gabrummaa jalatti kufee, ilamaan Oromoo diinaan lubbuun dabartee miliyoona 5n (kun xiqqaachuus guddachuus danda’a) haa tilmaamnu. Ega Gabroomnee ammoo waggaa 150tti haa fudhannu. Wareegamni kun kan lubbuu qofaadha. Kan Qabeenyaa, beekumsaa, Maallaqa kkf itti hin daballe. Addunyaa irraa lubbuu amma kana itti wareegee gabrummaa jalatti kan hafe jiraa laata ?wareegama haganaa, toftaa ittin Bilisoomuuf lafa keewwannee raawwachiisuu keessatti baafne jenna moo, diinumatu nu cabsuuf nu fixeedhaan bira tarra ? wareegama hanga har’aatti baasaa jirrutti milkaa’uu maaf dhabne ? maaliif wareegama qofaan hafne ?

WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA!!!kutaa 2ffaa.docx

Wallagga,Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti Gaaffii Mirgaa Jiraattoti Kaasaniin Walqabatee Barattooti Oromoo 9 Yakka Malee Loltoota Wayyaaneen Qabamuun Mana Hidhaa Jimmaa Horrootti Seenan.

Aside

Because I am OromoGabaasa Qeerroo Muddee 5,2014 Jimmaa Horroo
Muddee 3,2014 irraa eegaluun gaaffiin mirgaa uumanni Oromoo kaase Godina Qeellam, Jimmaa Horroo keessatti jabaatee itti fufuun uumanni naannichaa dabballoota Wayyaaneef ajajamuu lagachuun walgahii didee buusii hidhaa laga Abbayyaas mootummaa dhorkachuun ejjetnoo isaa gahaatti beeksise.

Kana malees barruuleen warraaqsaa gaaffii mirga qotee bulaa fi walumaa gala abbaa biyyummaa Oromoo kan ilaalu baatii Sadaasa keessa aanaa kana keessatti faca’uu fi uumataan raabsamuu wal qabatee ergamtooti Wayyaanee uumata jeeqaa haa jiraatan malee Oromoonni aanichaa ergama mootummaa guutuutti diduu isaanii Muddee 05,2014 ibsatan.

Haala kanaan kan rifate mootummaan Wayyaanee gaaffii umati Oromoo kaasu maraaf qawwee fi rasaasaan doorsisuu akkasumas hidhaan nama dararuun tooftaa siyaasaa itti fakkaachuun humna Poolisii fi waraanaa naannoo aanaa Jimmaa Horroo ganda Warra Leeqaa fi Tibbee Gooroo jedhamutti erguun barattoota Oromoo 9 nagaan maatii isaanii waliin jiraataa fi qe’ee keessaa maatii hojii gargaaraa jiran humnaan walitti guuruun mana hidhaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti naqee jira.

Akka kanaan barattooti hidhaman keessaa:-

  1. Baacaa Gurmeessaa-barataa kutaa 12ffaa
  2. Barataa kumarraa Dimbaashaa-kutaa 11ffaa
  3. Lammii Gizawuu-barataa kutaa 11ffaa
  4. Yohannis Biraasaa-barataa kutaa 11ffaa
  5. Waaggaarii Nagaasaa-Ganda Tiibbee, hojjetaa dhuunfaa
  6. Lammaa Jabeessaa-Ganda Tiibbee, dargaggeessa hojii dhunfaa hojjetu
  7. Magarsaa- Ganda Tiibbee-Barataa kutaa 11ffa8.
  8. Abdiisaa Xilahuun-Warra Leeqaa irraa-barataa9.
  9. Pheexiroos Shuumii-Goobboo-barataadha Kanneen jedhaman keessatti akka argaman Qeerroon gabaas

Sagalee Seife Nebelbal , Muddee 5, 2014

Aside