Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Muddee 09, 2014

Aside

Dargaggoonni Oromoo Godina Wallagaa Qeellam, Aanaa Jimmaa Horroo Ibsa Ejjennoo Fudhatan.

Aside

Ibsaa fi Ejjennoo Qeerroo Wallagga Qellem,Aanaa Jimmaa Horroo

Muddee 09,2014 Jimmaa Horroo

QeerrooWaggoota qabsoo Oromoo lakkoofsisaa har’a gahan keessatti, waggaa dhufaa darbaa bara itti sobni dhugaa caalee umurii isaa dheereffatee har’a gaheen, uummata Oromoo afaan faajjeessuudhaan mootummaan wayyaanee aangoo isaa dheereffate har’a gaheera.  Uummanni Oromoo kan hubatee jiru eessattis tahu yoomiyyuu mootummaan wayyaanee sobaan dahatee, humnatti fayadamuudhaan, horiittis hirkachuudhaan uumata Oromoo gowomsaa, hidhaa ajjeessaa har’a gaheera, waggaa dhiyoo asitti waaree jaal Laggaasaa Waagii wareegamee kaasee caasaan mootummaa Wayyaanee gara lixa Oromiyaa jiran doorsisaa fi oftuulummaan itti dabalamee uummata irratti roorrisuun nii kaasuu guyyuudhaan dabalaa dhufe, uumataanis ABOn hin jiru, kan jiruyyuu kunoo ajjeesne, jechuudhaan uummata sobuun hojii isaanii fardii ture, waan namni itti amanee mana isaa keessaa mallattoo fi dhiigni isaas dhaaba ABO faarsu maqaa hadheessuudhaan, maqaa balleessuudhaan uummatan dhaabni akka jibbamu taasisuu isaanii hojii isaanii duraati kun waan hubatamaadha.Ibsaa fi Ejjennoo Qeerroo Wallagga Qellem,Aanaa Jimmaa Horroo

Barattooti Oromoo .Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammii Wayyaanee Irratti Gaaffii Mirgaa Kaasuun Gochaa Sirnichaa Dura Dhaabbatan.

Aside

 Gabaasa Qeerroo Muddee 09,2014

Asoosaa BeeneshanguAlaabaa konkl Gumuz ,Muddee 7/2014 Godina Beenishaangul Gumuuz Magaalaa Asoosaa bakkaa Wayyaaneen ayyaanaa sabaa fi sab-lammoota kabajan jira jechuun ololaa jiranitti goototni barattootni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti Yuunibarsiitii Asoosaa wallee warraaqsaa irratti wallisuu fi roorroo dhageessifachuun mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuu eegalan. Barruuleen warraaqsaa haalaan bittinneeffaman. Qeerroon barattootni Oromoo wallee warraqsaan ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.

Muddee 6/2014 Irraa Egaluun Gootootni Qeerroon  barattootni Oromoo fi barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa shira Wayyaanee irratti dammaquun Guyyaan ayyaana sabaa fi sablammoota kun uummataa Oromoo fi lammiiwwaan Cunqurfamoo biyyatti hin ilaallatu jechuun diddaan waan dura dhaabbataniif jecha Mootummaan Wayyaanee human Poolisii federaalaa fi human waraanaa bobbaasuun magaa Jimmaa fi Mooraawwaan Yuunibarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa irratti eeggichi haalan jabaate gochaa jira.

Yuuniversitii Jimmaa , Addaatti immoo Goototni Barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Muddee 6/2014 mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa  mooraa Agriculture keessatti humnaan walitti qabamani akka guyyaa ayyaanaa sabaa fi sablammii Wayyaanotaa irratti yaada kennaniif dirqamuun galma moorichaa lafa barsiisotni, hojjettootni Yuunibarsiitichaa fi bulchiitootni magaalaa Jimmaa fi Godina Jimmaa dabballootni Wayyaanee jiranitti biyyaatti keessatti sirna mootummaa dhufaa darbaa keessa kan Oromoof qajeele tokko illee akka hin jirre bifa gahaa ta’een ibsame.

Kana malees mootummaan Wayyaanee humnaa fi dirqamaan guyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota jechuun ololaa jiru kana Aanota Godina Jimmaa keessatti akka kabajamuuf dhiibbaa guddaa kan gochaa ture diddaa uummatan duraa fashalee jiraachuu qeerroon gabaasa. Uummatni Oromoo ibsaa fi sochii qabsoo warraaqsaa FDG itti jiru dabarsaa jiruun walqabatee uummatni Godinichaa Aanoota kanneen akkaa, Limmuu Saqaa, Limmuu Koosaa, Geeraa, Gaatiraa  fi Aggaaroo fa’aa irratti uummatni olola wayyaanee kana irraa qooda fudhachuu diduun mormii guddaa sirna nama nyaataa Wayyaaneef qabachuu mul’isan.  Akkuma godinichaatti dabballotni Wayyaanee karaa ETV fi radio isaanii olola gaggeessan dhabuun muddama guddaa keessa galuun guyyaa har’aa muddee 8/2014 galgala kana dhoksaan mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti kabajuuf yaaliin godhamus Qeerroon goototni barattootni Oromoo wallee warraaqsaa itti qabsiisuu eegallaan dabballootni Wayyaanee soda keessa galuun sagantaa eegalan addaan kutuun kan dhaaban ta’uun mirkanaa’era.

Yuunivesitii Wallaggaa,   Mudde 7/2014 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaas guuyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota biyyattin kabaja jira jechuun wayyaneen ololaa jirtu , gammata barattoota Oromoo jabeessuun barri Wayyaaneen 23, xummurtee 24 lakkawwachaa jirtu kun lammiilee biyyattiif bara ukkamsaa, bara rakkinni gama amantaa, siyaasaa fi dinagdee fi hawwaasummaa itti ulfatee fi rakkisaa ta’ee bara nagaa fi nageenyi dhibamee sirni dabballummaa abba irrummaa itti gaafa baase, Addatti bara Oromoon jumlaan itti wareegamee mirgii namummaa fi dimookiraasii ilma namaa itti ukkanfame jechuun barruulee garaa garaa bittinneessuun olola sirni garboomsaa Wayyaanee ofaa jiru balaaleffatan, goototni barattootni Oromoo dame Gimbiis adeemsuma walfakkaatuun olola wayyaanee fudhatama dhabsiisuun wayyaanetti waaroo salphina uuffisan. Mooraan Yuunibarsiitii Naqamtee fi Gimbiis human waraanaan eegama jira.

Haala kanaan mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF sochii diddaa fi dura dhaabbannaa shira wayyaanee qeerroon barattootni Oromoo argisiisaa jiran irra yaaddoo fi sodaa guddaa FDG narratti qabsiifame jedhu irraa ka’uun mogaloota gurguddaa Oromiyaa akka Jimmaa, Mattuu, Naqamtee, Amboo fi Finfinnee  human poolisaa Federaalaa fi human waraanaan eegaa jira. Dhaabbileen barnoota Oromiyaa akka Yuunibarsiitotaa fi Kolleejjootni hundinuu poolisii federaalaan eegama jiru. Addaatti mootummaan wayyaanee  human waraana guddaa gara dhiha Oromiyaatti bobbaasuun dandiin  magaalaa Mattuu irra  gara Asoosaa geessuu human loltuun eegaama jira, haaluma walfakkatuun daandiin Wallagga dhihaa Danbii Dolloo, Gimbii fi Asoosaa geessuu human loltuu guddaan irratti ramadamee eegama jira.

Qondaalota Wayyaanee Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammiin Dahatanii Yuuniversiti Mattuutti Eergaman Irratti Diddaan Cimaa Barattoota Oromoon Irratti Ka’een Arihamanii Mooraa Gadhiisan.

Aside

diddaa9Muddee 9,2014 Mootummaan Wayyaanee EPRDF olola burjaajii maqaa ayyaana Sabaa fi sab-lammoota kabajna jechaa jiru irratti  gootootni  Qeerroo Oromoo dhabbilee barnoota ol aanoo fi uummatni  mormii guddaan dura dhaabbachuun Wayyaanee Abbaa irree haala yaaddeessaa keessa buusan!!

 Muddee 7/2014 Goototni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu olola Wayyaaneen maqaa ayyaana sabaa fi sablammoota bifa dhoksaa ta’een galgala aduu dhihaan mooraa Yuunibarsiitii Mattuu galma keessatti kabajuuf yaalii akkuma gochaa jirtuun dabbaallootni Wayyaanee akkuma galma keessatti walitti qabamteen goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhagaan galma ololtootni Wayyaanee keessatti walitti qabamte reebuun mooraa keessa arii’uun sagantaan ololaa Wayyaanee fashale.  Biyya mirgi uummata fi lammiilee biyyatti keessatti sarbama jiru, biyyaa dhiigni uummata Oromoo irratti lola’aa jiru keessatti mirga uummataa kabachifne jechuun tuffii uummata biyyattiif Wayyaaneen qawweetti amanu qabudha, kafaafuu olola sobaa dibbee sobaa Wayyaaneen reebdu dhaabbatne dhaggeffachuu hin qabnu jechuun sagantaa Wayyaanee ifatti fashaleessan. Uummatni magaalaa Mattuu tarkaanfii goototni barattootni Oromoo fudhatan kana kan deeggaranii fi hedduu itti gammaduun kan cina dhaabbatan ta’uu ibsatan.

Maqaa Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammiin Kabajuun Alaabaan Mootummaa Wayyaanee(EPRDF) Yuuniversitii Madda Walaabuu Marsee Fannifame Guutummaatti Barattoota Oromoon Buqifamee Darbamuu Gabaasi Qeerroo Addeessa.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Madda Walaabuu, Muddee 8,2014

OromiaALutaContinua2011FDGAlaabaan Mootummaa Wayyaanee Kabaja Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammii Mooraa Yuuniversitii M/Walaabuu Irratti Kabajamuuf Fannifame,Barattootaan Harcaafame,Mootummaan Wayyaanees Mufachuun Caasaa Isaa Mooraa Keessatti Walgayii Teesisaa Jira!
Muddee 6,2014, irraa kaasee ayyaana sabaa fi sab-lammii jedhamee biyya keessatti habashootaa fi uummata kibbaan kabajameen mooraawwan barnootaa keessatti sochii Qeerroon taasiseen barattoota biratti hin kabajamiin darbuu isaa kan gabaasneedha, haata’u malee gabaasa har’a Mddee 8,2014 nu qaqqabe mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu irraa, guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 7,mooraa Yuuniversitii Madda Walaabu keessatti ayyaanni kun akka kabajamuuf caasaadhuma mooraa keessaa qabanii fi barattoota habashaan hucuu aadaa fi sirboota garagaraa kan dhageessisanii fi caalmatti ammo guyya har’a kana itti fufuudhaaf alaabaa Wayyaanee mooraa keessatti fannifame hunda mooraa Yuuniversitii kana keessa kan tamsaasan Qeerroo mooraa Yuuniversitii kana irraa gabaasni nu gahee addeessa.

Barruuleen Qeerroo mooraa keessatti faffaca’anii turan ayaanni sabaa fi sab-lammii uummata Oromoo akka hin ilaallanne jabeessee dhaamsa barattootaaf dabarsaa tureedha, haaluma kanaan barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu halkan edaa alaabaa gabroomfataa Wayyaanee maqaa golgaa Ethiopian fannifatu guutummaatti mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti bittimfamanii fi rarraafamanii turan bakka hundaa irraa funaanuudhaan, alaabaa Oromiyaa qofa kan hambisan, alaabaan guyyaan kabaja ayyaanaa kun har’a itti fufuuf mooraa keessatti naanna’ee fannifame marti barattoota Oromoo funaanamee bakka buusan kan dhabame yoo tahu, sababa kanaan har’a ayyaanni mooraa kanatti kabajamuuf karoorfame kan hin milkaayin hafee fi alaabonni funaanaman eessa akka galee fi eenyus akka bakka fannifamee buuse beekamuu baatus dhimmi ayyaana kana ilaallatu hafee mootummaan wayyaanee caasaa isaa mooraa Yuuniversitii kanatti qabuu fi bulchaa yuuniversitii kanaa waliin marii guyyaa guutuu kan qabatanii oolan tahuu maddi gabaasa kanaa kan addeessudha, Wayyaaneen kan jedhu mooraa barnoota keessatti barattootni eenyun akka dursamaa, eenyuun akka ajajamaa jiran nuuf hin galle Yuuniversitiilee keessa dhaabni ABO galee diigumsa uumaa jira, biyya keessaas dhaabuma ofii hundeessine dhaaba maqaa Oromoon hundeeffame irraayyuu shakkii qabna, ABOn haala fedha isaan barattoota leenjifate mooraa barnootaa keessa facaasee jira, haalli kun guutummaatti hanga secca’amee qoratamee bira gahamutti barumsatti fufuun barattootaa dhaabbachuu qaba, qaama mooraa barnoota keessa seenee jiru qorachuu qabna, alaabaa mootummaa fannoo irraa buusuun ulfina mootummaa fi biyyaa gadi buusuudha, kun tuffii keenya waan taheef kana irratti yeroo osoo hin kennin waan qoratamuudhaan bira gahamuu qabu bira gahuu qabdu jechuudhaan guyyaa har’aa mooraa yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti walgayiin teesifamaa oole, alaabaan fannoo irraa harca’es bakki inni bu’e hin beekamne, kan cirames jira,kan gubates jira, mootummaan Wayyaanee kaan irratti hedduu mufatee akka jiru gabaasni qixa adda addaa irraa dhimma yuuniversitii kana keessatti raawwatameen tahee nu gahaa jira.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 8, 2014

Aside

Qabsoon Itti Fufa!

Aside

Hawaasi Oromoo Biyya Germany, Berlin Keessatti Muddee 07,2014 Hiriira Nagaa Bahan.

Aside

Godhchaaleen Hammeenya Uummata Oromoo Irraan Dhufaa Darbaan Gahaa Jiru Dhokachuu Hin Qabu,Mootummaan Ethiopia Yakka Uummata Keenya Irraan Gahaa Jiru Seeratti Dhihaachuu Qabu! Jedhu Hawaasi Oromoo Biyya Germany, Berlin Irratti Hiriira Nagaa Bahan.

Beeksisa Tamsaasa Meter Baandii SBO

Aside

Beeksisa SBO

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 6, 2014

Aside