የፊኒክስ Oromo ወጣቶች የአባይ ጸሀይዬን ቅጥረኞች ልክ አስገቡ! | Oromos in Arizona Confront Abay Tsehaye’s Messengers

Aside

#WALALOO QEERROOF #

Aside

Gaddisaa Irraa,
Qeerroo  dhagahi! isinan waamaa bakka jirtanii
Isiniin dhaamaa ergaa
Akka dhageessanii
Yeroon wal jabeessan har’aa
Kaayyoon keenya ifaa
Galmi ishee  bilisummaa
Waliin gurmoofnee gahee keenya rogaan haa baanu
Dirqama lammummaa
Sochiin dargaggootaa kanneen sabboontotaa
Diina haxaawuuf muratoo kanneen tahan qabnaa
Jabaadhaa oromootaa
Daandii abbootiin koo irratti wareegaman
Irraatti kaffalan aarsaa kumaatamaan
Lafeen goototaa
Erbuun oromootaa
Keessa kootii iyyaa galgalaa fi ganamaa
Qeerroo naa jabaadhu leenca kiyya
siifan wareegamaa
Ssirna gabroomfattuu mootummaa Woyyaanee
If irraa dabrina qeerroo koo wal taanee
Lammiin akka bishaanii dheebotee bilisummaa
Dharra’ee walabummaa

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, February 21, 2015

Aside

Waamicha Hawaasa Oromoo Biyya Sudaaniif

Aside

Guraandhala 21, 2015

Nuti miseensotni maadheelee ABO Biyya Sudaan magaalaa Kaartumii fi naannawaa isheetti argamnu gaafa guyyaa 15/02/2015 walitti dhufnee haala yeroo irratti marii balaa godhatuun xumura irratti hawaasa Oromoo biyya Sudaan keessa jiraatuuf dhaamsaa fi yaamicha armaan gadii dabarsine.

  1. Akkuma beekamu jilli ergamtuu Wayyaanee Abbaa Duulaa Gammadaa ykn
    Minaasee W/Goorgisiin hogganamu kaayyoo ergamtummaa wayyaanee bakkaan gahuuf lammiilee keenya gowwoomsuuf hawaasa Oromoo biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, Awustiraaliyaa fi Kanaadaatti bobbaullee, yaaliin isaanii harkatti fashaluun qaanii aguuggatanii salphinaan akka deebian ni beekama.

Amma ammoo biyyoota ollaa irratti yaalii ijibbaataa ykn kasaaraa biyyoota alaa keessatti isaan irra gahe gumaa baachuuf wixxifataa jiru. Karoora isaanii keessaa tokko hawaasa Oromoo biyya Sudaan keessa jiraatutti bobbauu dha. Waan taeef lammiileen Oromoo baqattummaan biyya Sudaan keessa jiraattan waamicha lukkeelee fi ergamtoota Wayyaanee irraa isinii darbuuf akka hin awwanne, walgahii isaan geggeessan irratti akka hin argamne kabajaan isin gaafanna, isin yaadachiisna.

  1. Kijibaa fi gowwoomsaa adda addaan deemuun wanneen ergamtootni wayyaanee kunniin qabatanii ittiin hawaasa Oromootti bobbaaa jiran keessaa:- Mana Kondominiyemii fi lafa naannawaa Finfinneetii isinii keennina jedhanii isin gowwoomsuu fi isin sossobuun boondii akka bitattanii fi sirna cunqursaa ummata keenya miidhaa jiruu fi isiniin illeee jiruu fi jireenya hammeessee akkasumas siyaasaan isin yakkee baqa isin afeere jalatti akka biyyatti galtaniif dhiibbaa isin irratti gochuu dha. Gowwoomsaa isaanii kanaan oggaa gara biyyaatti galtan akkuma ummata keenya biyya keessaa hidhaa fi ajjeesaa jiran, isiniinis akka hidhanii fi ajjeesan beekuun barbaachisaa dha. Kaayyoon wayyaanotaa fi ergamtoota isaanii lammiilee/obboloota keenya hidhaa fi ajjeesaa umrii bittaa abbaa irrummaa isaanii itti fufsiisuuf yaaluu dha. Kana malees ummata keenya lafa isaarraa buqqisanii abbaa biyyummaa isaa haalaa waan jiraniif, yaamichaa fi walgahii wayyaanotaa kan ergamtootni isaanii qabatanii deemaa jiran kanaaf awwaachuu fi irratti argamuun seenaa gurraattii lafa kaanii darbuu akka tae hubachiisna.

Lammiileen Oromoo biyya Sudaan keessatti argamtan kana hubattanii yaamicha diinni isinii godhu lagachuu fi dura dhaabbachuun dirqama keessan tauu hubachiisna. Diinota keenya dura dhaabbachuu yeroo jennu maloota adda addaatti gargaaramnee saaxiluu fi qaanessuu qabna.

Waamicha Hawaasa Oromoo Biyya Sudaaniif.docx

Video Saaminsa Dachii Oromiyaa Addaatti Naannoo Finfinnee,Qeerroon Bilisummaa Waggaa Lama Dura Dabarse.

Aside

Qonnaan bulaa Oromoo buqisuun lafa isaa irratti warshaalee banuun bishaan naannoo summeessan,Oromoo lafa irraa buqisuu qofaan osoo hin taane bishaan dhugu illee summeessuun dhukubaan fixaa jiru,beeladas dabalatee akka dhuman taasisaa dhaa jiru.

MUST-WATCH | Documentary | Oromia: Tigrean Neftegna’s Land Grabbing and the Addis Ababa Master Plan for Oromo Genocide | #StopAbayTsehaye

Aside

Posted: Guraandhala/February 21, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com  Photos that show the Tigrean Neftegna’s forceful land-grabbing in Oromia (i.e. building structures on farmlands to make it look like ‘urbanization’ and ‘development’ so they can steal the land from the Oromo farmer):

DocumentaryLandGrabbingAAMP20152

DocumentaryLandGrabbingAAMP2016

DocumentaryLandGrabbingAAMP20153

http://www.Qeerroo.org

 

oromia

 

SBO Gurraandhala 22 Bara 2015. Oduu, Ibsoota ABO fi Qeerroo, akkasumas Filannoo wayyaanee fi haasaa Abbaay Tsahayyee irratti gaaffii fi deebii namoota adda addaa waliin akkasumas qophii biroo hammatee jira.

Aside

Oromo Recording Artist Haacaaluu Hundessaa’s Casual Photo Tells the Story of Tigrean Neftegna Encroachment on Oromo Land – #StopAbayTsehaye

Aside

Gadaa.com Editorial, Posted: Guraandhala/February 20, 2015

When the Oromo recording singer Haacaaluu Hundessaa shared the following picture a few months ago, it was very hard to not miss the encroachment of “Tigrean industrialization” (or in plain language, ‘Tigrean Neftegnanet‘) on Oromo farmlands. === Note the artist shared the photo for the aesthetic value of farming as an artist ===

In some parts of North America, they have started ‘urban farming’ – but this is not ‘urban farming’ – rather the reverse of it. It’s Tigrean Neftegna’s encroachment on Oromo land in the name of “urbanization,” thereby the farmer is displaced, evicted and dispossessed – and driven out of their homeland into a life of national slavery. What a better way to steal the land! — By simply “putting a building on it,” the deed of the land (the ownership of the land) transfers from the Oromo poor farmer to the rich Tigrean Neftegna “real estate developer.” The loss is not just the land, but also the Oromo farmer as a human being, the Oromo language and the Oromo culture. Note that the building doesn’t even have to meet building codes and standards – they just put a building on the farm in haste, and from there on, it’s Tigrean “investment.” Tigrean Neftegnagrows at 11%, and the Oromo & Oromia grow to Zero%. This must be stopped.

#StopAbayTsehaye and his Tigrean Neftegna cohorts.

“Dhugaan Dhabe” Wallee Haraa Walliftuu Kadijjaa Haajiin

Aside

Ibsa Ejjennoo Jaarmiyaa “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa”

Aside

Ibsa Ejjennoo Jaarmiyaa “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa”

qeerrooInternational Qeerroo Suupport Group (IQSG)

Dhaabbata Deeggarsa Eeerroo Idila Addunyaa

Guraandhala 20, 2015

Uummatni Oromoo erga gita bittoota Habashaa jalatti kufee eegalee mirga abbaa biyyummaa fi diimokiraasii mirkaneeffachuuf qabsoo hadhooftuu gochaa ture, ammas gochaa jira. Qabsoo hanga ammaatti taasifameenis galatni guddaan qabsaa’otaa fi sabboontota Oromoof haa ta’u malee bu’aawwan cululuqaan ifatti mul’atanii fi diina haalaan rifaasisan galmaa’aniiru.

Bu’aawwan bonsaa fi seenaan yoomiyyuu yadatu keessa inni tokko qabsoon bilisummaa abbootii irraa gara qeerrootti hundee jabeeffatee xiiqii fi seexaan guutamee ijaaramuu isaati. Yeroo ammaa qabsoon uummata Oromoo haala kamiinuu sadarkaa duubatti  hin deebinerra gahee jira. Sodaa fi raafamni wayyaanees haaluma kana waan hubatanii fi akka duriitti Oromoo qooduun, sobuunakkasumas siyaasa rakasaa ta’een bulchuun ulfaata akka ta’e ifatti mirkaneessatanii jiru.

Rifaasuun mootummaa abbaa irree biyya bulchaa jiru qabsoo uummatni Oromoo karaa kamiyyuu gochaa jiruuf gamachuu qofa osoo hin taane abdii yeroon abbaa biyyummaa mirkaneeffachuun gabaabachaa dhufuu isaa argisiisa. Haaluma kanaan torban kana keessa dhaadannoon Obbo Abbaay Tsahaayeen “Addis Ababa Master Plan” ilaalchisee afuufames abdii kutuu mootummaa abbaa irree biyya bulchaa jiru kallattiin kan agarsiise ta’uu irra darbee uummata oromoo lakkoofsaan 70 ol ta’an sababa kanaan loltuu mootummaan kan ajjeefaman osoo dhiigni isaanii hin qooriin dhaadachuun isaa kufaatii mootummaa kanaa kan safisiisudha.

Jaarmiyaan “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa” dhadannoon namicha kanaa kaayyoo dhaabbanneef kan cimsu fi daran xiiqii nutti horee ofkenninee akka qabsoo qeerroon gochaa jiru cinaa dhabbatnu kan nu taasisudha. Qabsoon uummata Oromoo dorsisaa fi dhaadannoon osoo hin taane meeshaa waranaa motummaan abbaa irree impaayeritti qeerrootti dhukaaseen taakkuu tokkollee duubatti hin deebine, ammas hin deebi’u

Kanaafuu ejjennoo Qeerroon bilisummaa dhaadannoo namicha kanaa dura dhaabbachuuf hanga wareegama lubbuutti kennuuf baase ni deeggarra. Haaluma kanaan

  1. Uummatni Oromoo biyyaa alaa fi biyya keessa jirtan marri bakka jirtanitti mormii keessan haala qindaa’een akka dhageessiftan kabajaan isin gaafatna.
  2. Jarmiyaaleen siyaasaa Oromoo kamiyyuu diina qeerroo Oromoo dhabamsiisuuf ka’e dura dhaabbannee mirgaa fi dimokiraasii uummata Oromoo akka mirkaneessinu kabajaan isin gaafatna
  3. Arbasoo fi dhaadannoo namichi kun taasise tufii mootummaa abbaa irree uummata Oromoo fi dhaaba Dh.D.U.Of qabu waan mirkaneesseef miseensotni Dh.D.U.O carraa kanatti gargaaramuun ammaa egaltanii hariiroo mootummaa kana waliin qabdan dhaabdanii qabsoo qeerrootti akka makamtan isin afeerra
  4. Dhalootaan Oromoo kan taatanii fi shira mootummaa abbaa irree kanaa kan hubattan loltootni raayyaa warana keessa jirtan yeroon uummata keessaniif seenaa boonsaa hojjettan amma waan ta’eef qabsoo qeerrootti makamuun itti gaafatamummaa seenaa fi seeraa jalaa akka baatan isin hubachiifna

Haaluma kanaan Jaarmiyaan “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa” qabsoo qeerroon Oromoo taasisaa jiru akka walii galaattii fi mormii dhaadannoo namicha kanaa ilaalchisee taasisu karaa kamiinuu cinaa akka dhaabbatu maqaa wareegamtoota fi qabsaa’ota Qeerroo Oromootiin waadaa isiniif galuu ni mirkaneessa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Koree Qindeessituu Jaarmiyichaa

Qeerroo202@gmail.com

Guutummaa ibsa kanaaf:- PDF