SBO Gurraandhala 25 Bara 2015. Oduu fi qophiilee haala yeroorratti fuulleffatan adda addaa

Aside

“Finfinneetti Wal Agarra” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa, Guraandhala 24, 2014 Gadhiifame.

Aside

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Gachii Magaala Gachii Keessatti Warraaqisi Bilisummaa Itti Fufuun Uumanni Daandii Cufe

Aside

 Gabaasa Qeerroo Guraandhala 24,2015

diddaa9Dhimma abbuummaa lafa qonnaan bulaa fi qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee Oromiyaa naannoo garagaraatti uummataan gaaffiin ka’aa jira. Odeessa Qeerroo gara lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Bahaa irraa akka gabaasutti, Guraandhala gaafa 17/2015 irraa eegalee godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Gachii magaala Gachii keessatti dhimma lafaa fi Oromoota yakka malee hidhamaniin wal qabatee gaaffii mirgaa ka’een, obboloota keenya mana hidhaa keessa jiran hiikamuu akka qaban jechuudhaan uummanni gaafachaa oolaniiruu. Haala kanaan daandii cufuudhaan dhaamsa;

  • Obboloota keenya hidhaman haa hiikaman,
  • Lafti seeraan ala qonnaan bultoota irraa fudhatame akka hatattamaan deebi’u.
  • Namni yakkaa fi badii tokko malee mana hidhaa mootummaa keessa jiru kan hin hiikamne yoo tahe filannoon  naannoo kenyatti hin gaggeeffamin,
  • Filannoon dura hidhamtootni dhimma amantaanis tahe dhimma eenyummaa isaaf mana hidhaa jiru hiikamuu fi gadhiifamuu qaba;

Kan jedhu erga telefoonaan waliifis dabarsuun guyyaa kana daandii cufuun kan oolan tahu odeessaan Qeerroo achirraa nugahe addeessa. Haaluma kanaan sochiin naannicha irratti Sambata darbe eegale mootummaan Wayyaanee gaaffii isaanii kanaaf hedduu yaadda’uu fi mufachuu irraan kan ka’e tikoota fi milishooti Wayyaanee uumata marsanii jiraachuun gabaafame.

Gootonni Dargaggoonni Oromoo Jimmaa Warraaqasa Bilisummaa Finiinsuun Diddaa Kaasan,Poolisoonni Oromiyaas FDG Tumsan

Aside

 Guraandhala 23,2015 Waldorgommii Ispoortii Akka Oromiyaatti Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee Guyyaa hardhaa Magaalaan Jimmaa Wallee Warraaqsaa FDGf uummata qopheessuun  dhuunfatamte .Poolisootni Oromiyaas sochii Qeerrootti makamuun  Wallee Warraqa wallisaa turan. Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa  bakka waldorgommiin Ispoortii Shaampiyoonaa Oromiyaa gaggeeffama jirutti walitti qabuun Walleelee Warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu fi FDGf uummata qopheessuu qabsiisuun magaalaa Jimmaa keessa naannaa’uun eenyummaa, Oromummaa fi gootummaa isanii ibsachuun uummata haalaan dammaqsan. Guyyaa hardhaa Istadeumii Magaalaa Jimmaa keessatti yeroo taphattootni Kubbaa miilaa Magaalaa Amboo fi Jimmaa taphatan walleen warraaqsaa haalaan jabaate, magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa seente, humnootni basaasaa to’achuu hin dandeenye., Walleewwaan Warraaqsaa dhageesisaan keessaattis Jimma kan keenya, Amboo kan keenyaa, Finfinneen kan keenya, Wallaggaan kan keenya, Iluun kan keenyaa, Harargeen kan keenyaa, Adaamaan kan keenya, Bishooftuu, Burraayyuun, Holotaan, Sulultaan, Xaafoon, fi Sabbataan kan keenya Oromiyaa Badhoon biyya keenyaa jechuun haala uummata hawwatuun wallee warraqsaa magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun finiinsan. Poolisota  Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa jiraniif goototni qeerroon barattootni Oromoo waamicha ”Poolisiin kan keenyaa” jedhu waan dabarsaniifPoolisootni hedduun wallee warraaqsaatti makamuun gootota sabboontota Oromoo waliin wallee warraqsaa finiinsan. Walleewwan warraqsaa Goototni Oromoo finiinsan kunis mataduree:  akka halagaan Oromiyatti hin seenne”, Yaa gadhee maaf fokkortaa dhiira namarra baasa kobbortaa’‘, ”Siifan lolaa uummataa narra hin gortuu” kanneen jedhaman ifatti magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun uummata sochoosan. Diinaafis  firaafis haagaluu jechuun  goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jiraattootni magaalaa Jimmaa sodaa tokko malee ifatti wallee qabsoo warraaqsa FDG qabsiisuun hidhaa, du’aa, fi daraara fedhee illee fudhachuuf qophii ta’uu ibsatan.  uummaatni jiraattootni Magaalaa Jimmaa daandiitti gadii yaa’uun gootummaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo kana kan ajaa’ibsiifatan yoo ta’uu Poolisootni Oromiyaa Wallee warraaqsaa kanatti makamuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Guraandhala 23, 2015

Aside

Diddaan Waraana Wayyaanee Keessatti Dhalate Hammaataa Dhufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

diddaa9Gurandhala 23,015 Gabaasa Qeerroo

Diddaan waraana Wayyaanee keessatti dhalate hammaataa dhufe. Rakkoon wal amantamuummaa fi walii ajajamuu dhabuu waraana Ittisa biyyaa keessaa Kallattiiwwan daangaa biyyattii maraan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira. Miseensotni waraana ittisa biyyaa dhiha biyyattii naannoo Toongoo jedhamee beekamu keessatti argaman wal amantamummaa dhabinsa gidduu isaaniitti dhalateen dhukaasa wal irratti kan banan yoommuu tahu Miseensotni waraana kanaa armaan duraas haala kanaan miliqaa turan waraana wayyaanee irratti dhukaasa bananii jiran. Yeroo ammaas jeequmsa haala kanaan Uumameen miseensotni waraanichaa meeshaa guutuu waliin 30 ol kan miliqan yoommuu tahu, aangawootni mootummaa Wayyaanee garuu rakkoo hamaa dhalachaa jiru kana dhoksuuf tattaaffii jabaa irratti argamti.

Haaluma walfakkaatuun aangawootni mootummaa Wayyaanee olaanoon Koree Hojii Raawwachiistuu (KHR) EPRDF keessatti argamanii fi tikni wayyaanee olaantotni gamaggama irratti argamu. Gamaggamni kun galma mootummaatti taasifamaa kan jiru yoommuu tahu hojiiwwan KHR kun hojjetaa jiran EPRDF kan hin amansiisnedha jechuudhaan Haayile Maariyaam Dassaaleny dubbatee jira. Hojii isaaniidhaaf madaallii qubeedhaan (Grade) walii kennaa kan jiran yoommuu tahu harki guddeessi isaanii ”C” argachuu isaanii maddeen gabaasanii jiran.

Bittaa abbaa irrummaa Wayyaanee jalaa of baasuudhaaf Uummatni Oromoo sagalee diddaa dhageessisaa jira. Dhihoo kana Miseensa KHR TPLF kan tahee fi Gorsaa muummichaa kan tahe Abbay Tsaayyee Uummatni Oromoo Master plaanii Finfinnee kan mormu yoo tahe SIRRIITTI GALCHINA! jedhee dhaadachuu isaa Uummatni Oromoo balaaleffachaa jira. Uummatni Oromoo balaaleffannaa isaas karaawwan sabquunnamtii garaa garaa ibsachaa kan jiru yoommuu tahu, Yeroo ammaa kanatti Yuunivarsiitii keessatti FDG ho’aan dho’a sodaa jedhuunis wayyaaneen waraana hedduumminaan Mooraa Yuunivarsiitii seensisuudhaan barattoota doorsisaa jirti. Uummatni Oromoo sagalee diddaa dhageessisuudhaan gocha farrummaa Nafxanyootni Uummata Oromoo irratti gochaa jiran xumura akka itti goonu Qeerroon Bilisummaa waamicha dabarsa.

Naannoo Kibbaa Godina Sidaamoo Aanaa Daallee Ganda Siyaamaa Keessaa Jiraattoti 300 Kanneen Lafiti Irraa Fudhatame Ummata Waliin Ta’uun Diddaa Kaasan.

Aside

diddaa9Gabaasa Qeerroo Sooddoo, Guraandhala 23,2014
Ummanni Kibbaa,Godina Sooddoo Irraa Gaaffii Waa’ee Lafaan Hiriira Waajjira Investimentii Naannichatti Bahan, Mootummaan Wayyaanees Qeerroo Oromootu Keessa Jira Jechuun Mufate!‏

Gaaffii waa’ee lafaan kan wal qabate jiraattotni naannoo Kibbaa Godina Sidaamoo aanaa Daallee ganda Siyaamaa keessa kan jiraatan jiraattota 300 lafti isaanii fuudhamee investeraaf kennamuu irraan guraandhala Gaafa 18/2015 uummanni kun “ Lafti Keenya Investeraaf kenname” jedhuun barruuwwan garagaraa kaasuu fi dhaadannowwan dhageessisuun gara waajjirana investimentii naannichaatti hiriira bahan,

– Lafti keenya nuuf haa deebi’u
– Sagaleen keenya haa dhagayamu,
– Gaaffiin keenya nuuf haa deebi’u kan jedhu dhaadannoo dhageessisuu isaani gabaasni nugahe addeessa.
Gaaffiin uummataa kun guyyaa kana irraa kaasee hanga har’aatti deebii dhabus itti fufee kan jiru yoo tahu mootummaan Wayyaanee Qeerroo Oromootu nurratti kaase, uummata kanaan dura sagaleen isaa hin dhagayamnetu as bahe, uummanni nurratti ijaarameera kan jedhuun gaaffii uummataa deebisuun dura sodaa isaaf humna hin beekamne, kan
uummata kaasu, kan uummata mootummaa irratti ijaarutu jira kan jedhuuf qorannaan dursuu qaba jechuudhaan xiyyeeffannoo godina kana irratti taasisuunis dhagayamaa jira, ammas gaaffiin uummataa dhimma lafa isaaniif haala wal irraa hin cinneen kan itti fufee jiruudha.!

Hidhattooti Somalee Uummata Oromoo Godina Harargee Bahaa aanaa Baabilee Ganda Daarer Arbaa Jiraatan Irratti Dhukaasa Banuun Lubbuu Gaga’an.

Aside

q-news3aaOdeessa Qeerroo Godina Harargee Bahaa, Guraandhala 23,2015
Odeessa Qeerroo Godina Harargee ona Baabilee irraa har’a Guraandhala 23 addeessuun, kanan duras mootummaan uummata Oromoo horsiisee bulaa naannoo godina Baalee irratti mootummaan Wayyaanee hidhattoota Somaalee irratti kaasuun qabeenyaa uummataa saamsisaa, lubbuudhaanis uummata keessaa rasaasaan rukuchiisuu odeessa dhiyaataa ture irraa ni yaadatama. Haaluma kana kan fakkaatu godina Harargee Bahaa aanaa Baabilee ganda Daarer Arbaa jedhamtu keessatti guyyoota muraasa dura Guraandhala gaafa 20,2015 hidhattootni Somaalee guyyaa keessaa waaree booda sa’a 3:00 irratti uummata Oromoo nagaa irratti dhukaasa banuudhaan, uummata keessaa namni 2 lubbuudhaan kan du’ee fi kaan ammoo akka mada’an odeessi nu gahe ibsa.
Dhukaasni uummata irratti baname sababa tokko malee ganda kana keessa seenuudhaan uummata nagaa irratti kun raawwachuu isaa gabaasni nu gahe addeessa. Kana malees hidhattoota Somaalee kana boodaan kan jiru waraana mootummaa Wayyaanee ta’uu jiraattoti naannichaa ni ibsu.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, February 23, 2015

Aside

Wallee Warraaqsaa Walliftan Sababa Jedhuun ,Wallagga,Magaalaa Naqamtee Kan Maadheffate Gartuun Hawwisoo Godina Wallaggaa Keessaa Walliftooti Oromoo Sadii Arihaman.

Aside

Guraandhala 23,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamtee

Waggaa tokkoon dura gartuun hawwisoo Naqamtee karaa waajjira aadaa fi turizimii kan ijaaramte yeroo taatu,Walliftooti Oromoo lama Bulii Birhanuu fi Mohii Bulii Misgaanuu kanneen jedhaman sagalee isaaniin filatamanii yeroo mindeefamanitti wallee adda addaa sirbuun beekaman,keessattuu Walleen Gadaa Leeqaa jedhamu walliftoota kanaan yeroo wallifametti siyaasaa waan of keessaa qabuu fi uumata mootummaa irratti kakaasa sababaa jedhuun walliftooti kun akka arihaman taasifamee ture.

Yeroo ammaa kanas sababaa FDG Ebla 2014  keessa kaleen wal qabatee walliftooti Oromoo sadii walleelee uumata mootummaa irratti kakaasu wallisaa jirtu,dhaabota mormituu addattis Qeerroo Bilsiummaa waliin hidhata qabdu sababaa jedhuun hojii ogummaa isaanii irraa akka arihamuuf jiran waajjirri Civil Service jedhamu akeekkachiisee jira.

Walliftooti kunis:-

1 Sanyii Ammayyaa

2 Mulunaa Taakkalaa

3 Araarsaa Badhaadhaa

Kanneen jedhaman yeroo ta’u namoonni biro sirnichaaf amanamoo ta’an lama ammo bakka isaanii akka bu’anii hojjetaniif mindeefamuu isaanii Qeerroon gabaasa.

Warri sirna Wayyaaneef amanamummaan hojjetu jedhamanii mideeffaman kun lammii Oromoo tokkoo fi Habashaa kanneen ta’an 1,Balfaa Moosisaa fi 2,Yoseef Asaffaa jedhamani ta’uu gabaasi Naqamte irraa nu gahe addeessa.