Oromo Voice Radio (OVR)- Broadcast- 18 November 2015

Aside

Simbirtuu: Oduu, qophii Simboo, Addaa fi Imalaa.

Aside

Simboo keessatti akaakuu fuudhaa fi heeruma Boorana keessaatu jira. Qophiin Addaa FDG irratti yaada namoota 4 qaba. Qophiin Imalaa Dr. Asaffaa Jalataa waan sabboonummaa fi qabsoo Oromoo irratti keessummaa dha.

Qeerroon Giddaa Ayyaanaa Mootummaa Mormuun Hiriira Bahan!

Aside

(Qeerroo, Giddaa Ayyaanaa, 19 Sadaasa 2015) Qeerroon Barattootaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa rakkoo bulchiinsa gaarii, Hoji dhabdummaa, fi Saamicha mootummaa mormuun hiriira adeemsisan.

Hiriira kana irratti Mormii maaster pilaanii irratti qabanis dhageessifatanii jiru.

Keessayyuu, adamoo eenyummaa Oromoo irratti adeemsidamu kamuu dura dhaabbanna jedhanii jiru.

Hiriira mormii adeemsisan kana irratti mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo akak bakka hin buune ifatti dubbachuun ejjannoo qaban mul’isanii jiru.

Hiriirri kun gaafa 16/11/2015 kan geggeeffame yeroo ta’u, hanga ammaas barnooti dhaabbatee akka jiru beekameera.

Hiriira mormii kanatti kan rifate wayyaaneen barattooti, hawaasillee magaalattii keessatti korfaayee akka hin deemne humna poolisiin eegamaa jira.

Hiriira kana irratti sagaleen akkana jedhu dhageessifamaa ture.

Giddaa gidduu namaa
Gaafa dhiphuu namaa
Injifañnoon keenya
Hajabaannu barana!

Sagalee Qeerroo Sadaasa 18 Bara 2015

Aside

Hirirri mormii master plan Finfine Berlin keessatti sadassa 13,2015 gaggeeffame.

Aside

Hiriirra mormii tokkumma baratoota Oromoo caayaa ABO fi hawassa Oromoo
waliin gageffame irratti roorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru balaaleffataniiru.

Mormii hirirraa kana irratti namootaa hedduun irra qoodaa fudhataniiru. Keessumaa dhalonii qubee heduminnan kan argamanii fi gara fulduratiis qabsoon keenyaa daraan akka jabatuu fi bilisummaan keenyaa gonfanuuf hundumtuu gahee mataa mataa isaa bahachuu akka qabuu dhamsii waalii galaa dabree jiraa.

Mormiin hirirra kun eddo fi bakka barbachisoo tahaan hundaa kan demamee fi iyyannon xalayyan kan galfamee yerroo tahuu ,dhimmaa mormii motumaa abba irree halaan balaleffachaa olamee jirra.

Qabsoon Uummataa bal´aa Oromoo degartoota kayyoo fi dandii siyasaa ABOtti warrii amman dhabileen adda addaa heduminaan irra qoodaa fudhataaan jiruu.

Dhaadanolee fi ejjennon TBOJ caayaa ABO fi hawassaa qabsoo bilisumma oromoo degaraan ,

Ø Heerrii fi seerri Oromoof hin hojjenne, Oromoorattis hojjechuu hin qabu.

Ø Master plan , finfinne hangaa oromoon lafaa irraa jirutti hojji irra oluu hin qabu.

Ø Ajjeecha fi sanyii dugugga icittiin Oromoota irratti gageeffama jiruu hatataaman dhabachuu qaba.

Ø Hidhaa siyassaan mana hidhaa kessatti gidirfamaa jiran gadhifamuu qabu.

Ø Saamichi lafaa fi toftaalee adda addaan qe´ee irraa buqiifaamaa jiraan dhabachuu qabaa

Ø Gaaffiin Oromoo gaaffii abbaa biyyuummaa ti

Ø Sarbamuu mirgaa namummaa fi reebichaa garaa jabinaan irraa gaha jiruu dhabachuu qaba .

Ø Akkasumaas rakkolee adda addaa Saba keenyaa irraan otoo waal irraa hin citiin gahaa jiruu kun dhabachuu qaba.

Ø Itti dabalataan baatiin Sadaasaa qabsa´otaafi saboontotaa Oromoo biratti baatii adda tahee dha , kanaafuu fincilaa diddaa gabruumma (FDG) kan biyyaa jarmaan bara 2015 mormii hiriiraa waaliin waal qabsisuun qabsa´otaa keenyaa wareegamaan yadatamee oleraa.

Korri waggaa Miseensotaa ABO biyya UK Ibsa Ejjennoo baafatuun xumurame.

Aside

Korri waggaa kan Miseensotaa ABO biyya UK fi walgahii hawaasaa Oromoo biyya UK kun Sadaasa 14, 2015 magaalaa Bolton (naannoo Manchester) tti geggeeffame.

Walgahiilee kanarratti miseensotni, deeggartootnii fi hawaasni Oromoo haala yaroo amma biyya Oromoo keessa jirtuu fi qabsoo bilsummaa ABO karaa adda addaa geggeessaa jiru irratti bal’inaan erga mariihatanii booda ibsa ejjennoo armaan gadii baafataniiru.

  1. Mootummaan Itoophiyaa kan wayyaaneen hogganamaa jiru itti fufinsaan ummata, saba fi sablammiiwwan biyyattii keessatti argaman irraan cunqursaa daangaa hin qabne irraan gayaa jiru akka dhaabu​.​
  2. Lammiiwwan Oromoo sirna cunqursaa wayyaanee jalaa baqatanii biyyoota ollaatti jiran jala basaastota bobbaassun ukkamsanii dhabamsiisuu, ajjeessu fi jireenya isaanii balaaf saaxiluu ni balaaleffanna​.
  3. WBOn hundee qabsoo bilisummaa keenyaa fi gaachana Oromoo ta’uu isaa hubannee caalaatti kan bira dhaabannu ta’uu keenya ibsanna.
  4. Dhaabni keenya ABOn qabsoo bilisummaa gama hidhannoo fi karaa adda addaa taasifmaa jiru caalaatti jabeessuuf jecha Tumsaa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokrasiif (TUBD/PAFD) Onkoloolessaa 24, 2015 ummatoota cunqurfamoo biroo walii taasifame ni deeggarra; hujii irra ooluusaafis waan nurraa eegamu ni goona.
  5. Motummaan wayyaanee gama tokkoon sirna hannaa fi saamichaa biyyattii keessatti diriirsuudhaan, ummata lafa fi qabeenya isaa irraa buqqisuu, bosona ciruu fi summeessuudhaan haalli naannoo balaa keessa galee ummatni beelaaf akka saaxilamu gochuun yakka raawwatamaniif sirnichi ittigaafatamummaa akka fudhatu fi hojii balaafamaa kana irraa akka dhaabatu gaafatna​.
  6. Mootummaan wayyaanee baqattoota Oromo biyyoota ollaatti baqatan jala deemanii ajjeesuu, yakkuu fi hawaasa baqataa gidduutti wal jibbaa fi wal shakkii ijaaruu irraa akka of qusatu, ummatnis kana irratti dammaqee ergamtoota sirnichaa dura dhaabatu.
  7. Jaalatamaa fi beekaa Oromoo Obbo Dabbasee Guyyoo biyya baqaa keessaa utuu jiranii wayyaanee ukkaamsitee miliqisuu ishee ni mormina; namni kun haal duree tokko malee gadhiifamee maatii isaatii akka deebi’u gaaftna.
  8. Miseensotni ABO UK gidiraa mootummaan ummata Oromo irraa gayaa jiru hundee isaa irraa buqqisee bilisummaa Ummata Oromoo mirkaneessuuf sochii godhamu keessatti shoora keenya cimsinee akka itti fufnu irra deebinee mirkaneessina.
  9. Nu hawaasni oromoo UK keessa jiraatnu hundi umriin, saalaan, amantaa fi naannootiin otoo hin qoqqoodamiin shira wayyaaneen biyya keessaa fi alatti ummata keenya qoqqooduuf asiif achi fiigdu dura dhaabbatna, namoota beekaas ta’e gowwomsamanii badii kana keessatti hirmaatanis akka hojii balaafamaa kana irraa of qaban cimsinee hubachiifna.

Injifannoon kan ummata Oromoo fi Saboota cunqurfamoo ti!

Bolton, UK – Sadaasa 14, 2015

SBO Sadaasa 18, 2015. ODUU, Kora ABO UK fi Jaal Barsiisaa Barii, akkasumas FDG biyya keessaa irratti Gaafii fi deebii dargaggoo Murataa Lammii fi SBO sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Sadaasa 15 Bara 2015

Aside

Leelloo: Gaazexaan Haaraa Gabaatti Bahe!

Aside

Finfinnee, 15 Sadaasa 2015, Gazexxaan Afaan Oromoo Leelloo jedhamu Oromiyaa keessatti Sambata kaleessaa gabaatti bahuun beekame.
Gaazexaan kun aadaa fi eenyummaa Oromoo guddisuuf akeeka akka qabau beekameera.

Qopheessitooti gaazexixhaa akka jedhanitti aadaa,’ duudhaa, safuu, haqaa fkkf Ummata Oromoo irratti hojjachuuf murtii jabaa qabu.

Akka qopheessitooti jedhanitti Leelloon akka guddattee sadarkaa addunyaatti beekamtuuf birmannaan ummata Oromoo hedduu abrbaachisaa dha.

SBO Sadaasa 15,2015. Oduu, Qophilee Garagaraa Sadaasa 9 Guyyaa FDG Waggaa 10ffaa Isaa Irratti Akkasumas Qophii Hirira Mormii Lammilee Oromoo Biyya Jarman Jiran Bahan Irratti Kan Fulleeffatu.

Aside