Qalbeessaa Dhangi’aa
Adooleessa 5,2018
Finfinnee Oromiyaa
Ariirrata
Adeemsa qabsoo Oromoo darbe, kan dhageenyerraas kan agareerraas waan addaa dhalachuu baatus akka waan addaa dhalachuu qabutti sochiin Wayyaanee fandaluusaa agarra. Adeemsa qabsoo Oromoo maseensanii, ilmaan Oromoo impaayera gaddaaf gadadoo taateef Xoophiyaa keessatti cafaquuf shorri diinni qabsoo taphataa jiru hedduudha. Sochii diina qabsoo Oromoo kana jabinaan dura dhabbachuuf tattaaffiin baratoota Oromoo fi kanneen hojjetaa ta’anii jiranii murteessaa ta’uu himuun barbaachisaadha.
Gufuun qabsoo Oromoo kaleessaa har’as gufuu ta’uu itti fufuun, miira xiiqii hamaatiin bobbaan OPDO’n gooftaashee Wayyaanee waliin taatee qabsoo irratti gaggeessaa jirtu kan mararfannoo dhala namaaf hinlaanneen shirri karaa OPDO ajjeechaa garmaleen raawwatamaa jiru balaaleffatamaa ta’uu himna. “Sagal elmamus sagaltamni elmamus kankoo Qiraacuma jette Adurreen” akksuma “roobus caamus ijji misiraa lama” jedhama. OPDO jijjiiramtee, akka uummatatti makamtuuf qabsoo Oromootti dabalamtee tokkummaa uummataa haalaan jabeessuun diina irratti akka fuulleffanno tattaaffii ABO taasisaa ture fudhatama dhorkachuun bobaa jala TPLF keessee adeemuu cinatti waraana Kora Bittinneessaa uummatti bobbaasuun uummata akka malee rukutuuf ajjeesuu jabeessite. Kana yeroon uummanni akka itti dammaqu abdii qabna. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk