Mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa Anaa Jaarsoo Keessatti FXG Walqabatee Barattoota 26 Irratti Namoota 29 Ragaa Sobaa Waamuun Mana Murtiitti Dhiheessite.

Aside

Guraandhala 2,201612695333_571671976318055_533002351_o

Wallagga Aanaa12633202_571672386318014_1319552747_o Jaarsoo Mana Murtii Jaarsoo Keessatti Barattoota Oromoo FXGn himatamanii ragaa sobaa itti qindaayee kanneen hidhaa jiran har’a Guraandhala 2,2016 suuraa muldhisu dha.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa motummaan Wayyaannee gaaffiin master pilaniin gaafii sirridha ni dogogorree osoo jedhu baratoota gaaffii mirgaa gaafatan mana murtiitii dhiyeessun Kaabinoota isaaf poolisii dabalatee baratoota 26 irraattii ragaa sobaa namoota 29 qophessun akka addabaman gochuuf bartootaf ummataa gidirsaa jira…bartoota himaatamaniif….namoota irraattii ragaa ba’aan listii akka armaa gadii ta’a. 12632892_571677876317465_887667054_o 12669280_571676429650943_1255414535_o 12669735_571678532984066_304345797_o 12669817_571677389650847_988585532_o 12669932_571676962984223_1653857339_o

Guraandhala 1/2016 Wa rraaqsii FXG Godina Lixa Shaggaar Aanaa Calliyaa fi Aanaa Mi daa Qanyiitti Jabach uun Uummatni fi Darg aggootni Halakanii G uyyaa Labsii Dabarfa chuun Kaffaltii Gibr aa fi Buusiiwwaan Ga lii Mootummaa Taan Kamuu Akka Hin Kaffa llee Ibsatan!!

Aside

Uummatni Qonnaan bultootni Oromoo fi Dargaggootni Oromoo Gandoota baadiyaa fi magaalaa hunda keessatti walitti dhufuun bittaa mootummaa abbaa irree waraanaan nu bulchu jalaa waareegama qaalii uummatni Oromoo Oromiyaa guutuu irratti kanfalaa jiruun bilisummaa keenyaa guutummaatti labsachuu qabna jechuun dhaamsa qabxiiwwaan armaan gadii of keessa qabu dabarfachuun Warraqsaa Xummura Gabrummaa(FXG)n keenya bilisummaa keenya labsachuun mirkanaaa jechuun labsii dabarfatan.

1. Uummatni Oromoo hundii kanfaltii gibiraa fi buusii mootummaa wayyaanee ilaallatu kamuu akka hin kaffalle murteeffannee, namni tokko kanfalee yoo arargamee tarkaanfii isa dhumaa kan irratti fudhannuu tauu ifatti beeksifannee jirra!!

2. Bulchitootni gandaa hundi carraan isin amma qabdan uummata keessan waliin hiriiruu malee hojii mootummaa abbaa irree waraanaan nu bulchaa jiruu gaggeesina jettanii ergama wayyaanee rawwachiisuuf maqaa walgaiis haa tauu marii bifa kamiin iyyuu uummata keenyaa walitti qabuuf yaalii tokko gootanii yoo argamtanii fi maqaa gibra kanfalaa jedhuu yoo kaftan rakkoon ulfaataan jireenyaa keessanii fi maatii keessan kan mudatuuf qaamni itti isiniif gaafatamuu akka hin jirre hubachuun akka of adabattanii teessan hubachiifna!!aangoo ganda bulchuus isin irraa kaafnee hanga muutummaa mataa keenyaa hundeeffannuutti ofiin kan of bulchinu tauu gadi jabeessinee hubachiifna!!

3. Mootummaan Wayyaanee Waraana nurratti labsee Komaandi Postii maqaa jedhuun waraanaan yakkoota Ajjeechaa, hidhaa, madeessuu , saamichaa fi Gudeeddii uummata keenyarratti rawwachaa jiruu seeratti dhiyaachuun itti gaafatamuu qaba!!

4. Master Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu amantaa tokko illee hin qabnu, mootummaan abbaa irree master pilaanii haqeera, gaaffiin uummata sirriidha jechaa jiruu, maaliif gaaffii na gaafattaan maaliif master pilaanii mormitan jechuun uummata Oromoo hidhaa, ajjeesaa , madeessaa fi waraanaan uummata keenyaa hiraarsaa waan jiruuf Master pilaaniin Finfinnee ifatti haqamuu isaa mootummaan federaalaa labsee yakka sababaa kanaan rawwatameef itti nuuf haa gaafatamu!!

5. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa, abbaa qeeummaa, abbaa lafummaa fi dimookiraasii gaafatneef deebiin nuuf haa kennamuu!!

6. Ilmaan Oromoo hidhamaan hundii haal duree tokko malee haa heiikaman!!

7. Ilmaan oromoo ajjeefamaniifi madeeffamanii fi qabeenyaa isaanii loltuun saamaa jiruuf mootummaan EPRDF/TPLF/OPDOn itti gaafatamuu qaba!!

8. Mootummaan Ceumsaa(yeroo) nuuf haa hundeeffamu, malee sirna waraana nurraatti labsee qawween nu bulchaa jiruu jalatti dirqamnee hin bullu jechuun labsii isaanii barreeffamaan gandoota baadiyyaa hundatti raabsuun, dabalataan immoo dargaggootni gandoota baadiyyaa Aanoota lameen keessa naannauun wallee warraaqsaa bilisummaa faarsan sirbuun dabarfatan.

SBO Gurraandhala 03,2016. Oduu, Iyyannoo Hidhamtoota Oromoo mana hidhaa Qaallittii fi Gaaffii fi deebii miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal.Qeerransoo Abdiisaa waliin akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Har’a Gurraandhala 2,2016 Barattooti Oromoo Wallagga Aanaa Jaarsoo Mana Hidhaatti Guuramaa Jiru.

Aside

12633069_571584782993441_862723240_o 12656452_571584172993502_397667905_oGuyyaa har’aa Gurraandhala 2,2016 Wallagga Aanaa Jaaroo Kessatti,Motumman Wayyannee.bartoota hiriraa ba’aa kaneen yeroo darbee hiidhaa turaan ammas irra deebi’ee qabun… Mana murtiittii geesse jira… Bartonnii kuniin baayinaa 21 kan ta’aa yoo ta’uu bartoota yeroo darbee hiidhaan jiran kaneen gabasee irraattii ragaa soba namoota sadii qindeessuun akka irraattii ba’aan ta’aa jira.

Aside

Odeessa Godina Shaggar Abuunaa Gindebert.

Gurraandhala 2,2016 Oromoonni Hojjetaa Mootummaa Wayyaanee Ta’an Hedduun Sirnichaaf Hojjechuu Lagatanii Finfinneetti Godaanaa Jiru,Kanneen Keessaa Gariin:-
1,Baqqaalaa Nagaasa Hoji Kabbanee Wajjiraa OPDO Gindebert
2,Shibbiruu Wajjiraa Dargagoo fi Sport
4,Asfaaw Dhugumaa Ittisa Baalaf Qophayyina Abuunaa Gindeberet
5,Dhuguma Baqqala Wajjiraa Jaalisii
6,Sanyii Mootii Wajjira Haawasumaa
7,Laata Baayisaa Wajjiraa Gaalii Kanen Kun  Hojii Mootumaa Wayyaanee hin hojjennu jechuun Hojii Gadi Lakkisaan Garaa Godinaa Adda Finfinee Galan Keessa Isaan Kun Warraa Mursaadhaa Kanen Maqaa Isaanii aanaa fi ganda irraa gara fuula duraa gabaafnu ni jiru.

Aside

Guraandhala 2,2016
Harargee lixaa aanaa Ciroo ganda Koloolootti Amajjii 31 ,2916 ganama 1:30 qeeyrowwan naannichaan daandiin finfinnee gara dire dawwaa geessu dhagaan cufamee humnoota diinaatiin akka banamu tahe.halkan edas akkuma kana fakkatun muken jijjiganii dandin bakka lamatti cufame ganama kana konkolata ishetin diinni kaaste jirti. FXG karaa cufuun Oromiya keeysatti jabaate. Kanatti fufuunis dhaabbilee barnootaa naannoo Oromiyaa godina Wallaga bahaa aanaa Dega ganda Kolooboo mana barumsaa sad.1 fi aanaa Nuunnuu qumbaa mana barumsaa sad.2fi
qophaa’inaa keessatti barattoonni Guraandhala 1,2016 guyyaa sa’a 10:00 qormaata xumuranii dhaadannoo guddaa dhageessisaa gara manaa galaniiru. Yuunivarsiitii Wallaggaa mooraa Naqamteetti waraqaan loogoo qeeyrootin beekame.

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Gurraandhala 1,2016/ /Kutaa 2ffaa Gaaffii fi Deebii Jaal Diiramuu Cabsaa Hoggana Qeerroo

Aside

Aside

Gurraandala 1,2016  Godina Shaggar Aanaa Abuunaa Gindebert Keessatti Hojjettooti Mootummaa Hojii Gadhiisanii Gara Finfinneetti Godaanaa Jiru. Milishoonnis Meeshaa Lafa Kaayanii Uummatatti Makamaa Jiru

Ammajjii gaafa 26,2016 irraa eegalee hojjettooti mootummaa dhalootaan ilmaan Oromoo kanneen ta’an hojii aanaa irraa hojjetan hojii idilee isaanii gadhiisuun naannoo aanaa Abuunaa Gindebrat dhiisanii gara Finfinneetti godaananii jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Gandoonni aanaa Abuunaa Gindebert irra jiranis dura ta’aa fi tokko Shanee fi kanneen kaan hojii fi dirqama Wayyaanee lagachuun meeshaa isaanii lafa kaayuun qabsoo uummataatti dabalamaa jiru.

 

Artist Keeyeroon Darajjee / Qabbanee / Argaan Dhabee Wallee Haraa Amajjii 2016

Aside

Aside

Guraandhala 1,2016 Sochiin warraaqsaa FXG yeroo yeroon jabaacha osoo jiruu Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana maqaa Boqonnaa Semistera jedhuun manneen barnootaa kanneen duraan hafan iyyuu cufaa jira.

Maqaaf boqonnaa Semisteraa haa jedhamu malee Oromiya keessatti sirni barnoota semistera duraa kana utuu hin gaggeeffamiin hafee jira. Godinalee Oromiyaa kanneen akka Lixa Shawaa, Kibbaa Lixa Shawaa(Walisoo), Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Lixaa keessatti sirni baruu fi barsiisuu warraaqsaa fi waraanaan goolamuun walqabatee guutummaatti hin aggeeffamne.

Godinaalee Baha Oromiyaa Harargee Lixaa, Harargee Bahaa, Arsii Lixaa, Baalee, Booranaa , Gujii fi Godina Kaaba Shaggar (Saalaalee)
keessattis haaluma walfakkatuun sirni barnoota ugguramee utuu jiruu maqaaf semisteera tokkoffaaf boqonnaa torbee lama kennuun cufamee jira
jechuun labsatani. Akkasumas kan dhaabbilee barnoota olaanoo fi Yuunivarsiitoota addaatti waraanaan waldhansoo ulfaataa keessa waan
jiraniifi barattootni hedduun durumaan iyyuu mooraa Yuunivarsiitii gadhiisuun gara maatii isaanitti deebi’anii waan jiraniif barnootni
hin gaggeeffamne.Amma semistera 2ffaa kanatti immoo murtii waliigalaa dabarfachuuf gamtaan Barattoota Oromoo marii guddaa gochaa jira.