Amboo Keessatti FXG Caalaatti Finiinaa Jira,Daandiileen Konkolaataa Cufamaa Jiru.

Aside

Baabbichaaa (1)Guraandhala 19,2016 Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG ganama barii lafaa irraa eegaluun maagaalaa Amboo fi naannoo Ambootti warraaqsa fincila xumura gabrummaa jabaatu deemaa jira.  halkan edaa daandiiwwaan konkolaataa bakkoota hedduutti cufamaa bulaan, daandiin Amboo hanga calliyaatti cufamee jira, Magaalaa Baabbichaa irratti akka baqnamuu hin dandeenyetti cufamee jira.Baabbichaaa

Goototni Barattootniu mana barumsaa Amboo sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qophaa’inaa Hundii isaanii hiriiraan gara daandii asphaaltii guddatti Adeemaa jiruu, Uummanni baadiyyaa Amboo fi godina Lixa Shaggar Waajiraalee OPDO diiguu irratti argama, akka guutummaa goduinichaatti warraaqsii guddaan gaggeeffamaa olaa waan ta’eef Uummatni Oromoo kallattii hundaan kan keessaa fi alaa bakka jirtan hundaa dirmachuu keessan jabeessa, bakka jirtanii sagaleedhageesisaa !!

Guyyaa Har’aa Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessatti FXG Ta’een Barattooti Oromoo Hedduun Waraana Agaaziin Reebaman.

Aside

Dargaggootoo Abdii Guuttataa Dilgaasaa Gurraandhala 18,2016 Qawwee Wayyaaneen Reebame.

Dargaggootoo Abdii Guuttataa Dilgaasaa Gurraandhala 18,2016 Qawwee Wayyaaneen Reebame.

Dhaabni Keenya ABO Dha! Qabsoon Itti Fufa! Jedhu Goototi Qeerroo Bilisummaa Eddoo/Gurraandhala 18,2016

Aside

Shaashamannee Ganda Abaaroo Keessatti Goototi Qeerroon Wallee Warraaqsaan Diddaa Isaanii Dhageessisaa Jiru.

Aside

Har’a Guraandhala 18,2016 Daandiin Konkolaataa Wallagga Arjoo fi Jimmaa Quunamsiisu Guutummaatti Cufamuun FXG Itti Fufee Jira.

Aside

Wallagga Horruu Guduruu Aanaa Jaartee Keessatti FXG Qeerroo Naannichaan Haalaan Jabaatee Itti Fufee Jira.

Aside

Shaggar Naannoo Gudarii fi Gindabarat Keessatti Karaan Cuufamee Waraanni Agaazii Darbaa Dhabaa Jira,Injifatnoon Kan Uummataati.

Aside

Bosonni Oromiyaa Shaggar Naannoo Waliisootti Argamu Humana Agaaziin Gubachaa Jira.

Aside

Gurraandhala 18,2016 Walisoo irraa, :Gaafa dilbata halkan keessaa sa’atti 6:00tti boosonni tulluu warabboo jedhame beekamu gubate. Boosoni kun aanaa walisoo ganda xombee ancabbii keessatti kan argamudha . Akka oduu achi nu gahetti humni addaa dargaggoo ta naannoo bosona gale kan jedhu sodaa waan qabanif dilbata galgala naannoo sa’ati 12:00tti humni agaazi dursee boosona sana maarse nun jedhu jirattoonni achi.

Doktorooti Ogeessa Fayyaa Ta’an 4 Wallagga Hosptala Naqamtee Irraa Ogummaa Isaaniin Ummata Akka Hin Tajaajillee Mootummaan Wayyaanee Dhorkuu Qeerroon Gabaase.

Aside

12714316_823149637830981_1937895716_n 12735957_823149574497654_2138071689_n 12736306_823033297842615_1843179984_n-1 12746030_823150167830928_217269886_nGuraandhala 18,2016 Mootummaan Wayyaanee ogéeyyii fayyaa quuqama sabaa qabanirratti dhiibbaa dhuunfaa fi jiimlaan gochaa jirti. Kanarraa ka’uunis tajaajilli gahaan uummataaf laatamaa akka hin jirre ogeeyyiin kun ibsan. Keessaayyuu Hospitaalaa Rifeeralaa naqamteee keessaattii haakimootni afur:
1. Dr Biqilaa Nagasaa (Internist)
2. Dr Shimallis Laggasaa (Internist)
3. Dr Taddasee sooressoo (pediatrician)
4. Dr Tashomee Abayinee(pediatrician) hojii idileen alattii Ummata akka hin tajajille hojii geggessaan hospitallichaa dhorkeera. Kunis kaffaltiin isaaniif kaffalamu hin jiru jechuun ta’uu hojjettootni hospitaalichaa ni dubbatu. Haala yeroo ammaa wajjin walqabatee mootummaa gabroomfataan kun uummatni keenya karaa hundaan akka miidhamu gochaa jira. Hakiimonni kunneen hojiirraa dhorkamanis iyyata hooggansa manichaa fi qaama ilaalu maraaf dhuunfaa fi gamtaan dhiyeessaa jiru. Hidhaa, ajjeechaa fi hanqinoota bu’uuraalee misoomaarra darbee tarkaanfiin mootummaan ogeeyyiin fayyaa akka uummata hin tajaajilleef fudhachaa jiru daranuu qabsoo keenya kan cimsuu fi hawaasi akka caalaatti dammaqu kan godhu ta’uus qeerróon ibsee dhukkubsataan haala nama gaddisiisuun miidhamaa fi komee nama irraa fuudhu dhabee rakkachaa jiraachuu gabaasi nu gaye ni addeessa.

Gurraandhala 18,2016 FXG Godinaalee Oromiyaa Keessatti Jabinaan Itti Fufee Jira. Alaabaan ABO Qilleensa Oromiyaa Irra Balali’aa Jira.

Aside

AlaabaaHar’a Gurraandhala 18,2016 FXG oromiyaa bakka hundaatti har’a ganama irraa kaasee itti fufeera. Godina Shaggar lixaatto qonnaan bulaan lafa keenya irratti diina hin gabbarru jechuunis fardeen isaan yaabbatee gara FXG barattoota waliin walitti makamuutti deemaa jira. Shawaa lixaa, Gindabarat, Amboo, Gudar, Jalduu, Baakkoon hanga baadiyaatti fincila isaa itti fufeera. Wallagga bahaa fi Horro Guduruutti barattootni mana barumsaatti fincilaisaanii itti fufaniru.Alaabaaa
 
FXG godinaalee oromiyaa maratti har’a yeroo wal faana alaabaa keenya qabachuudhaan itti fufeetu jira. godina Arsii keessatti magaalonni hedduun bilisa of baasaniiru,. Bulchiinsa mootummaa diiganii bilisummaa isaanii mirkaneeffatanii jiru. Dhaadannoon bakka hundaattuu karaa cufuudhaan itti fufeera. Mootummaan wayyaanees rifatee jira.