Har’a Gur,21,2016 Dhaalooti Seenaa Galmeessaa Jiran Goototi Godina Harargee Magaalaa Santari, Badano Keessatti Akkasitti Oolan.

Aside

Gootota Oromoo Magaalaa Gannaalee Godina Gujii Alaabaan Bilisummaa Balaliisuun WBO Faarfataa Oolan/Gurraandhala 21,2016

Aside

Gurraandhala 21 Godina Wallagaa Anaalee Gidaamii, Anfilloo fi Begii‏ Keessatti FXG Finiinee Oole.

Aside

GidaamiiGurraandhala 21,2016 Godina Qellem wallaggaa aanaa Gidaamii fi Begii wal qabatee qotatee bulaan Alaabaa ABO qabatee ganama sa’a 5:00 irraa kaasee magaala Gidaamii fi Begii naannoo gaba dafinoo irratti injifannoo isaa goonfataa jira.
Bulchiinsi mootummaa wayyaanee barbadeeffameera godina Gidaamii gandoota garagaraa keessatti. Alaabaan keenyas waajjiralee hedduutti
fannifamee oolee bulaa jira. Galgala kana daandiiwwan wallaggaa lixaa gara Qellem Gidaamii geessu irree uummataan cufamee jira.Gidaamii2

Oromiyaan yeroo ammaa alaabaa ABOtiin dhuunfatamee jira. FXG oromiyaa keessatti akka ibiddaa boba’ee jiru dura dhaabbachuu fi uummata oromo irratti duguuggaa sanyii labsame hojiitti hiikuuf humni addaa wayyaanee kibba oromiyaa naannoo Jijjigaa irra buufatee ture yeroo ammaa godinaalee oromiyaa 5n keessa akka qubatu as guuramaa jira. Humna waraana wayyaanee keessatti ilmaan oromoo fi poolisoonni Oromiyaa kanneen uummata bira dhaabbachuu murteessaa jiran qophii barbaachisu gochaa dhaamsas waliif dhaamaa jiru gara tarkaanfii dhumaatti seenuuf.
Akkuma arginu oromiyaa guutuu keeesaatti ajjechaan suukkanneessan humna agaaziin itti fufeetu jira.

Gurraandhala 21,2016 Goototi Oromoo Ganda Aradaano Shifaa Naannoo Shaashamannee Bifa Kanaan FXG Finiinsaa Oolan.

Aside

Aside

Guraandhala 21/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabachuun itti fufe
Uummatni Oromoo qabsoon hanga bilisummaati jechuun tokkummaa diinaa isaa dura dhaabbatee mirga isaaf falmachuu itti fufe jira. Yeroo ammaa kana ummatni Aanaa Meettaa Roobii waajjira OPDO Aanaa cabsanii seenuun barbadeessaa jiru. Uummatni Oromoo sirna EPRDF fi ergamtuu sirnichaa OPDO jalatti hin bullu jechuun qabsoo isaa finiinsee sirna OPDO ergamtuu wayyaanee fi waajjiroota sirna kanaa bakka hundatti barbadeessuun alaabaa sirna abbaa irree kanas gubuun alaabaa bilisummaa Oromoo alaabaa ABO bakka hundatti Oromiyaa keessatti
dhaabbachaa jiraachuun ibsame .

Saawwii dhaluuf dorrobde, kunuunsaa fi tika addaa barbaaddi: Haala qabsoo bilisummaa Oromiyaa yeroo ammaa fi  wanneen ta’uu qaban.

Aside

Leelloo Sabaatiin

Gafarsa dorrobeQabsoon bilisummaa Oromiyaa, Adda Bilisummaa Oromootiin(ABO) hoogganamu, sa’a irraa sa’atti, guyyaa irraa guyyaatti, ji’a irraa ji’atti, akkasumas, waggaa irraa waggaatti, gabbataa, cimaa fi babal’achaa deemee ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa qabsoof hiriirsee yeroo kamuu calaatti amma, finiinee shaffeessaan gara galma bilisummaatti fiigaa jira.Egereen, hawwiin, abdii fi akeeki ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo kamuu caalaa amma, ifee mul’atee abdachiisaa ta’ee jira. Hawwiin, abdiin, akeekii fi fedhiin ummatni Oromoo fi ummattooti  cunqurfamoon hundi mootummaa bilisa kan mataa isaanii dhaabbachuuf baroota dheeraaf wareegama qaqqaalii itti baasan, shakkii tokko malee bakka gahuuf akka deemu yeroo kamuu caalaatti amma ifatti beekameera. Bilisummaan ummattoota kanaa, “yoo osoo hin taane, yoom” kan jedhutti tarkaanfatee jira.Walumaagalatti, qabsoo ummatni Oromoo fi ummattootni cunqurfamoon baroota dheeraaf osoo wal irraa kutini fi hin nuffin geggeessaa jiran, yeroo kamuu caalaatti amma, bilisummaa dhaluuf dorrobee jira.

Sadarkaa duraan argamee fi dhagahamee hin beeknetti, qabsoon ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo ammaa kana, humna siyaasaa fi waraanaa cimaa ta’ee guyyaa  ummattooti kun :bilisummaa, dimookraasii, nagaa, badhaadhina fi gammachuu itti argatan shaffeessaan gabaabsaa jira. Haa ta’u malee gama birootiin, mootummaa Wayyaanee/Ixoophiyaa, dhaaboti siyaasaa Amaraa biyya keessaa fi ala jiran, dhaabota Oromoo ergamtuu Amahaaraa ta’an (OPDO Amahaaraa) fi  mootummooti Ameerikaa fi Awurooppaa, ummattoota kana: lafa isaa irraa buqiisanii saamaa ,ergachaa, hojjisiifachaa, dafqaa fi humna isaatiin duroomaa  fi gabaatti baasanii gurgurachaa turan, sochii ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa shaffeessaan gara bilisummaatti gegeessaa jiran duratti gufuu darabuun karaa irraa maqsanii umurii aangoo mootummaa bulguu fi nama nyaataa Ixoophiyaa/wayyaanee/Habashaa, ummattoota cunqurfamoo kana irratti dheeressuuf  shiroota haaraa fi kaardii dullacha awwaala keessaa baasanii dhimma itti bahuuf ogguu isaan dhidhiitatan arguutti jirra.

SHIRA 1ffaa:Loon dhaluuf foolattu

Giiftii Aartii Sabboontuu Faaxee Aniyaa,Wallee Guyyaa WBO 2016

Aside

Haala FXG Guraandhala 20/2016 Oolmaa‏

Aside

FXG Guraandhala 20/2016
1. Godina Baaleetti-Aanaa Gasaraa, aanaa Ginniir (gandoota Doodoo, Odaa roobaa, Hariiroo, Dooyyoo, Hara, Eel-tokkee fi Duksii) guyyaa kana gara galgalaatti daandiiwwan keessoo deemsisan uummataan cufamanii dhaadannoo fi alaabaa ABO manneen barnootaatti fannifamee jira. Godina Baaleetti FXG hanga baadiyaatti kan itti fufaa jiruudha.Garuu meeshan amma uummata Oromo irratti dhukaasuuf konkolataadhaan fe’amee uummata keessa galaa jiru baayee guddadha.
2. Godina Gujiitti-Lafti kanaan dura abbaa qabeenya wayyaanee kan tahe Allaamuddiiniin saamame uumatni deeffatee hirmaataa jira. Deemsi fi murannoon kun torbee kana keessa shaggar kaabaa Sululaatti eegale. Qabeenyaan oromoo fi lafti oromoo saamame yoomiyyuu uummata Oromoof ni deebi’a jaallatani osoo hin taanee diddaa uumataatin. FXG har’a Gujiitti eegaleen lafti saamame uummanni gamtaan deffareera. Qabeenyaa
socho’aa diinaa fi ergamaa diinaa irratti tarkaanfiin achumatti fudhatamaa jira.
3. Godina lixa wallaggaa fi wallagga bahaa daangaa godinoota lamaanii kanatti WBOn seene kan jedhamuun wayyaaneen raafama guddaa fi jabaa keessa seentee jirti. Daandiin guddaan magaala Gimbii irraa gara Naqamtee geessu cufamee humni diinaa karaa itti darbu dhabee ofirra deebi’eera. Humni WBO dhufee uummata keessa walakkeessa Gimbii fi Naqamteetti argame jechuunis waraanni shawaa lixa irra jiru gara sanatti guuramaa jira.
4. Harargee Bahaa –Baaddannoon toohannoo uummataa fi Qeerroo jala jirti. OPDO fi kaabinoonni aanaa Baddanno keessa godaanani humna wayyaanee waammataa jiru. Booranaa fi Arsiin akkuma jirutti alaabaa isaa bakka hedduutti fannifatee bulchiinsa Wayyaanees diigee ofiin of bulchuu irratti argama.konkolaataan waraana fe’atee gara Arsii lixaatti duulaa jiru guyyaadhaa guyyaatti lakkoofsaan dabalaa dhufeera.
5. Godina shawaa lixaatti akkuma beekamu injifannoo gurguddaan argamanillee miidhaan uummata irra gahaa jiru daran jabaataadha.
Uummanni oromoo ammallee hin baane wal kukkutee bahaa jira. Humni uummataa kaan daandi cufuu kaan tarkaanfii qabeenyaa diinaa irratti
fudhatuu fi kaan ammoo FXGtti hirmaataa jira. Dhukaasni ummata irratti dhuka’uun FXG kana hin dhaabne jabeessaa jira.
6. Qellem wallaggaa aanaalee garagaraa kaleessas kan xuqne FXG baadiyaa keessatti adeemsifamaa jira. Kaleessa magaala Naqamtee
irratti poolisoota oromiyaa fi waraana agaazii gidduutti dhukaasni tureera poolisiin oromiyaa gara uummataa dhaabbatee ture. Bifuma kanaan har’a Qellem Gaa’oo Qeebbee fi Gabaa Arbii bakka jedhamutti wal irratti dhukaasuu isaanii Qeerroon kan gabaaseedha. Gara poolisii Oromiyaa keessa namootni sadii tahan kan mada’aan yoo tahu miidhaan jabaan kan hin qaqqabne Qeerroon gabaase.

FXG kun yeroo dhiyoo keessatti gara xumura wayyaaneetti kan geessuudha.wareegamni qaaliin osoo raawwatamaa jiru cichoominaan
qabsoo kanatti galii gochun muranoo fi jabina caasaa qabnuu gaafata.
Itti fufa!

Guraandhala 19-20/2016 Godina Lixa Oromiyaatti FXG’n Jabaachuun Godina Bahaa Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti halkan edaa galgala irraa kaasee mormiin uummataa halkan guutuu gagaalitti raasaa kan bule yoo ta’uun ibsame.‏

Aside

Guraandhala 19-20/2016 Godina Lixa Oromiyaatti FXG’n Jabaachuun Godina Bahaa Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti halkan edaa galgala irraa
kaasee mormiin uummataa halkan guutuu gagaalitti raasaa kan bule yoo ta’uun ibsame.
Waraana Wayyaanee guddaan magaalaa Naqamtee keessa qubatee jiruun Sagaleen dhukaasaa utuu Wal irraa utuu hin citiin Uummatarratti
dhukaafamaa kan tureen Waraanni Wayyaanee Uummata Oromoo Magaalaa Naqamtee fi jiraattoota Magaalaa Naqamtee shoroorkeessaa kan bule
ta’uun mIrkanaa’ee jira. Wayyaaneen Uummata Oromoo sodaachisuuf Waraana Guddaa Magaalaa Naqamtee irra qubachiisuun uummata Oromoo
dhukaaftee Madeessaa fi Ajjeesaa kan bulte ta’uun hubatame jira.
Dhuukaasni Magaalaa Naqemtee keessatti halkan edaa dhageesifama bule duubdeebii dhukaasaa illee kan qabu ta’uun mirkanaa’ee jira. Waraanna
Wayyaanee keressaas loltootni Hedduun madeeffamuun hospital Naqemtee galanii kan jiran ta’uutu ibsama jira. Ilmaan Oromoo halkan Edaa
Magaalaa Naqemtee keessatti madeeffaman lakkoofsaan hedduu ta’uun yeroo amma hospitaalaa Naqamtee namoonni hedduun akka ciisaanii yaalaa gahaa illee dhaaba jiran ibsame, namoota kaleessa galgala waraana wayyaaneetiin rukutamanii madeeffaman keessatti barsiisotni
Yuunibarsiitii Wallaggaa kan argaman ta’uun Barsiisaa Geetinet Taaddaa kan jedhamuu Barsiisaa Engineering Yuunibarsiitii wallaggaa dabalatee namoonni nagaan hedduun utuu galgala daandii irraa gara mana galmaa isaaniitti adeemanii rasaasaan wayyaaneen reebaa kan turte ta’uu madden keenya ibsa jiru maqaa namoota madeeffamanii fi wareegama hundaa jala bu’uun kan isiniif gabaafnu ta’a.

SBO Gurraandhala 21,2016. Oduu, Gabaasa FXG Oromiyaa, FXG Oromiyaa keessaa belbelaa jiruu irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Jabeessaa Lammii kutaa xumuraa fi dhaggeeffatamuu kan qabu akkasumas gabaasa hiriira nagaa hawaasa Oromoo Afrikaa Kibbaa

Aside