Yuunibarsiitii Jimmaa Raafama Guddaa Keessa Jirti

Aside

Bitootessa,3,2016
Gochi mootummaa shororkeessaa keessaattuu erga Uummata bal’a Oromootti Waraanaaf gocha diguuggaa sanyii raawwachuu eega Warraaqsi
uummata hudhee kan qabe yoo ta’u gabroonfattoota TPLF Itti xumura gochuuf sochiin Qeerroo rog-arfanirraa sodaaf raafama guddaa keessa galcheera
Haaluma kanaan diddaan Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa Har’a haaromfamee eegale kun guutummaa moorichaa jechuun humna diinaa mooraa sana keessaa raafama guddaa keessa galcheera.dhukaasii gurguddaan hamma magaalaa Jimmaa socio I sitti barataatti dhukaafamaa
jira.gurmuun Qeerroowwanii sodaa tokko malee dhaadannoo jajjaboo dhageesisaa jiru
_Humni waraanaa Oromiyaatti ramadame nuuf haa had-dhiisu
_mootummaa xinnaaf guddaa keenya ajjeesu nii balaaleffanna
_Gochi duguuggaa sanyii nurratti lallabame haa dhaabbatu
_Nuti abbaa qabna abbaankeenya ABOn nu haa bulchu
jechuun dhaadannoo jajjaboof walleewwan warraaqsaa gurguddaan akka itti fufetti jira wallee warraaqsaa tuuta Qeerroo irraa dhaga’amaa jiru
#Sifan lola Oromo narra hin gorttu
Siifan lola Yaa WBO narra hin gortu

Naannawaa Finfinnee Aanaa Sullultaa Keessatti Abbootiin Qabeenyaa Oromoo Ta’an Loltoota Wayyaaneen Dararamaa Jiru.

Aside

SulultaaBitootessa 03,2016 ,Naannawa Finfinnee Aanaa sulultaa keessatti mootummaa faashistii Wayyaanee abbootii qabeenyaa dhuunfaa konkolaataa qaban mana hidhaatti guuruun dararaa garaagaraa irraan gahaa jira.

Akkuma beekamu guyyoottan lamaan darbe konkolaachisttoonni magaalaa finfinnee mormii isaanii hojii dhaabuun dhageessisaa turaniin walqabatee mootumamaan wayyaanee raafama keessa galuun namoota konkolaataa qaban mana hidhaatti guuraa jiru.

1ffaa ob. Birhaanuu Taklee

2ffaa ob. Takkaalegn Mangistuu

3ffaa ob.Birhaanuu Addunyaa

4ffaa ob Salamoon fayyisaa

5ffaa dar. Xilahuun Birhaanuu fi namoota bioo nam 12 dabalatee guyyaa harraa kana mana hidhaa Aanaa sulultaa magaala caancotti darbatamuun dararaan garaagaraa irratti raawwatamaa jira.

Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Irratti Qabeenya Mootummaa Badeef Ummanni Akka Deebisee Kafalu Jechuun Dabballooti Wayyaanee Duula Jalqaban.

Aside

Bitootessa 3,216 ,Wallaggaa Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adareetii keessatti mootummaan Wayyaanee uummata keenya ajjeese seeratti dhiyaachuu dhabee, konkolaataa miliyoona kudha lamaatti herregamutu caccabe diinagden bades kanaa oli jechuun waan kanaaf ammo uummanni baadiyaa fi magaalaa mootummaaf bakka buusuu qaba jechuun horii guuraa akka jiru beekamee jira.

Kanaaf uummati keenya nutuu  qabeenyaa keenya waggoota hedduuf saamameen kan hin himatin,lubbuu nama du’eef illee utuu hin gaddiin kaabinooti mi’a yoomuu caccabuun hin hafneef uummata keenya gidirsan guyyaa “bara birraan barii’e” jedhanii Hayyoonni akka darban booru gaafatama seenaa keessa akka nama buusu hubachiisuu feena

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም:ንቱ: ዜና:: (SQ )March 2, 2016

Aside

Aside

Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti Motummaan namaa nyaata… Warrannaa isaa ummaataa nagaa irraattii bobasuun ilmaan Oromoo akka bineessatii reebama jiru.. Eda galgalaas ummataa reebuun meeshaa irraattii dhukkasaa bulanii jiru…yeroo darbees namoota manaa
isanii itti cabsuun reebichaa hammaa kaneen isaan irraattii fudhatan gabaasun keenya ni yaadatama! Ummannii yaaddoof sodaa guddaa keessa
jira

Aside

ABO

Ibsa Walgahii Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo

Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo haala Dhaaba ABO fi waliigala Qabsoo Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa irratti kan xiyyeeffate walgahii hatattamaa Gurraandhala 27, 2016 gaggeeffatee milkiidhaan xumuratee jira. Walgahii kana irrattis dhimmotni fardiin adda addaa dhihaatanii irratti mari’atamuudhaan tarkaanfiileen fudhatamuu qabanis qajeelfamanii jiru. Akka kanaanis: Haala Ummata Oromoo kan yeroo ammaa ilaalchisee Itti-fufa Qabsoo Diddaa Gabrummaa fi falmaa mirga Bilisummaa fi Abbaa-biyyummaa Saba Oromoo waggoota dheeraadhaaf gaggeeffamaa dhufee kan tahe falmaan hadhaawaa fi seena-qabeessi Ummatni keenya baatiilee afran dabraniif osoo addaan hin citin walitti fufiinsaan belbelchaa jiru (Fincilli Xumura Gabrummaa) akeekaa fi galiin isaa Bilisummaa Sabichaa mirkaneessuu dha. Ummatni Oromoo sochii kana kan gaggeessaa jiru harka qullaa karaa nagaa osoo mirga Ummata biraa tokko illee hin tuqin roorroo fi hacuuccaa mootummaa Itoophiyaatiin isa irra gahaa turee fi jiru mormuudhaan mirga ofii gaafachuudhaani. Mootummaan Itoophiyaa gaaffii haqaa fi sochii karaa nagayaa Ummatni keenya gochaa jiru akka weerara alagaatti ilaaluudhaan humna waraanaa maqaa Ittisa Biyyaatiin ijaarrate itti bobbaasuudhaan afaan qawweetiin dura dhaabbatee Ummata karaa nagaa mirga isaa gaafatu fixaa jira. Tarkaanfii faashistummaa Wayyaanee kanaan baatiilee afaran dabran keessatti qofa lubbuun ummata nagaa dhibbootaan lakkaawaman galaafatamee kanneen kumootaan lakkaawaman madaawuu fi kuma kudhanootaan kan lakkaawaman hidhaatti guuramanii jiru. Gochaan suukanneessaan kun ammas akkuma itti fufetti jira. Haa tahu malee Ummatni keenya ajjeecha fi hidhaa dabalatee miidhaa bifa kamiinuu Wayyaaneen irraan gahuuf osoo duubatti hin jedhin murannoo ol’aanaadhaan wareegama bifa hundaa baasee mirga isaa kabajsiifachuuf guutuu Oromiyaa keessatti tokkummaadhaan sochii isaa finiinsaa jira.Ibsa Gumii Sabaa ABO

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Gurraandhala 29,2016

Aside

GUYYAAN QOPHII TUMSA QEERROO BILISUMMAA KUTAA KANAADAA MAGAALAA KALGAARIITTI QOPHAA`E HIRMAANNAA UUMMATAAN HAALAAN MIIDHAGAAN TAASIFAME

Aside

thumb_DSC03295_1024Qophiin  Tumsa Qeerroo Bilisummaa Kutaa Kanaadaa magaalaa Kalgaariitti Gurnaadhala 27/2016 Koree Qopheessitootaa Qeerroo Kalgaariitiin  magaaala Kalgaariitti qophaa`ee haala  miidhagaa fi seena qabeessaan   geggeeffameera.

Finfinnee Har’a Rakkoo Geejibaan Uummanni Osoo Hin Jaallannee gara FXGtti seenee Jira

Aside

Magaalli Finfinnee har’a ganama irraa kasuudhan haala suuraa kana ibsuun bakka hundaatti mul’attee jirti. Geejjibni tajaajila dhaabuu irraan kan ka’e magaalaan FF haala kana keessa kan seente yoo tahuh humni waraana wayyaanee bakka jiruu bahee daandii guutee jira uummata eegaa jira. Uummanni lafa barii ganama sa’a 12 irraa kaasuun haala kana keessa jira. Bakka hedduuttis mormiin uummataa itti fufaa gaaffiin uummataa jiraattoota magaalaa Finfnnee keessaa hojjetoota dabalatee mootummaa mudduu irratti argamti. Godinoota addaa kanneen akka Sabbataa, Laga Xaafoo fi Sulultaa kanaan wal qabsiisuun uummanni gara FXGtti makamee jira. Magaalli finfinnee guutummaatti waraana wayyaanee fi poolisii Finfinneen dhuunfatamtee jirti.gabaasa addaaf waliin walitti deebina.

Fincila Barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa‏

Aside

received_1731221790448239Wallaggaa Yunversiitii keessatti fxg  dhohee jira. Dhaadannoollee jajjaboo ta,anis dhaga,amaa jiru.Baratoonnis tokkummaadhaan ka,anii mootummaa faashistii wayyaanee balaaleffachaa jiru.Mootummaan wayyaane Fincila kanaan rifannaa guddaa keessa galuudhaan baratoota gaaffii mirgaa gaafachuuf ba,an irratti dhukaasa banuun baratoota haaduu madeesseera.Baratoonnis yeroo ammaan kana mooraa gadi lakkisuudhaan gara uummataatti baqachaa jiru.