Bitootessa 18,2016 /Wallagga lixaa magaalaa Najjootti kan argamu mana barattootni barumsaa sadarkaa 2ffaa “ kan hidhaman haa gadhifaman” jechuun barumsa dhaabanii jiru. Akkasma Boojjii Birmajiitti mana barumsa sadarkaa 1ffaatti barumsii dhaabbatee jira. Akka walii galaatti oromiyaa keesatti ibarumsi guutummaan guututti dhaabbatee jira.
Blog Archives
Godina Wallaggaa Qellem Ashii Keessaa Barsiisonni Oromoo Ta’an 3 Ukkaamfaman, Barataan Tokkos Rasaasa Waraana Wayyaaneen Rukutame
Aside
Bitootessa 18,2016/ Godina Qelle wallaggaa ona Anfilloo ganda Ashii jedhamutti guyyoota muraasa dura FXG uummata fi barattootaan ka’uu Weerroon gabaasee jira. Akka odeessa ammas Qeerroon gabaasee jiruttis humni agaazii jedhamu haga Dafinoo dhufuutti gandicha irra akka qubatee jiraaatuu fi uummatas hiraarsu dirqama fudhatee akka jiruu fi uummanni karaa irra deemuu hin danda’u manaas gadi ba’aa akka hin jirre kan gabaafamee fi barattootni fi barsiistoni hedduun kan ukkaamfamanii fi rasaasaan barattootni lama kan rukutama Qeerroon gabaasee jira.
Barsiisaa Jambar Xurunaa -barsiisaa sadarkaa 2ffaa kan tahe kan ganda Ashii Barsiisaa Baayisaa Kabbadee- Barsiisaa sadarkaa 2ffaa ganda Ashii
Barsiisaa Faantaa Mankar- sadarkaa 1ffaa kan barsiisu yoommu tahu Baratoota rasaasa wayyaaneen rukutaman keessaa Daawwit Tasfayee kan jedhamu miilla rukutamee amma Hospitaala Dambi Doollootti yaalamaa kan jiru tahuu Qeerroon gabaasee jira. Barattootni hedduunis ukkaamfamani jiru. Kun gabaasa Bitootessa 17/2016ti
Magaala Baddallee Godina Ilu Abbaa Boor Keessatti FXG Itti Fufe.
Aside
Bitootessa 18,2016 /Godina Iluu_Abbaa_Booraa Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru, Gabaasaan itti fufa!!
Bitootessa 18/2016 Godina Lixa shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoriitti goototni barattootni Oromoo warraaqsa jabeessuun itti fufan
Aside
Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa_Bargaa Mogoriitti guyyaa kaleesaa 17/2016 irraa eegaluudhaan goototni barattootni Oromoo Mana Barnootaa Muka Odaa sad.1ffaa fi Reejjii sad.2ffaa warraaqsaa FXG itti fufuudhaan waraana Wayyaanee dhagaan ari’anii mana barnootaa keessaa baasaniiru. Waraanni wayyaanee Humnaan M/B Reejjii sadarkaa 2ffaa seenee barattoota ukkaamsuuf yaalii godhullee dhagaan dura dhaabbachuun irree qeerrummaa isaanii fi Onnee oromummaa Isaanii diinatti argisiisuun waraana wayyaanee kan of irraa deebisan yoota’uu warraaqsii kun guyyaa har’aa illee jabaachuun itti fufee jira.
Bitootessa 18,2016 Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Baddalleetti Warraaqsii FXG Daran Jabaachuun Itti Fufun
Aside
Bitootessa 18,2016/ Godina Iluu_Abbaa_Booraa Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru,
Aside
Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa #Midaa_Qanyiitti warraaqsii FXG itti fufuun walqabatee Waraanni Wayyaanee Barattoota Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa irratti Boombii dhoosuun #Yakki_waraanaa Barattoota Oromoo irratti raawwatame jira.
Salaalee Yuuniversitii Fiichee FXG Har’a Barattoota Oromoon Ka’e.
Aside
Manneen barnootaa Shaggar lixaa fi kibba lixa Shaggar dhaabbatee jira torbanootas lakkaawe
Aside
Godina Harargee Aanaa Mi’eessoo Keessa Daandii Cufame Torban Gaheera Jedha Gabaasi Qeerroo
Aside
Bitootessa 18,2016/ Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo magaala Mi’eessoo keessa daandii kutee darbu torban tokkoo ol tahuun erga cufamee Qeerroo ona Mi’eessoo irraa gabaasee jira. Odeeffannoon kun akka nu gahetti torban kana guutummaa irraa kaasee FXG Harargee lixaatti gaggeeffamaa jiruun humnootni agaazii godinicha keessa buufatee jiru ammallee uumata naga airratti miidhaa gaggeessaa waan jiruuf haala tarkaanfiin ummataa fi barattootaa haalaan bal’ate itti fufee jira. caasaan mootummaa kamuu godina oromiya kamuu keessa akka hin jraanntarkaanfin uummataa haalaan bal’atee itti fufee jira jedha qeeyroon godina hararge mi’eessoo irraa. Oromiyaa keessa hidhamtootni konkolaataadhaan fe’amanii gara itti geeffaman hin beekaman haga ammaatti hordoffiin godhamuu qabuun jala bu’amaa jira. uummanni keenya harka diinaa galan hedduun badaniiru.
Partial list of Oromos mainly students that have been killed by Ethiopian regime police, security agents, Special and armed force during peaceful demonstration of last three months (updated stand. March. 2016)
Aside
Partial list of Oromos mainly students that have been killed by Ethiopian regime police, security agents, Special and armed force during peaceful demonstration of last three months (updated stand. March. 2016)