Gochi Shororkeessitoota Waayyaanee Daran Babal’achuun Lixa Oromiyaa Magaalaa Naqamtee Jeeqaa Jiran

Aside

Bitootessa 20,2016
Haalli Magaalaa Naqamtee Kan sodaachise humni waraanaa daran dabalee uummata nagaa dhowwaa jira.Konkolaatonni haaraan waraana oliif gad imalchiisan illee heeddummachaa jiru.eegumsi keessumaa naannoo boordiifii marffataafaatti humnaa ol jabaatee jira. Fincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee keessatti jabaachuurraan kan ka,e mootummaan gabroonffataa Wayyanee boqonnaa dhabuurraan uummata nagaa goolaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.Humni kora bittinneessaa fi makkalaakiyyaa jedhamanis baratoota karaa nagaan gaaffii mirgaa gaafatan irratti aarra ija imimaannessu gadhiisuu,reebuu fi gara mana adabaatti guuraa jiraachuu Qeerroon gabaaseera.

Aside

Keyeroon dararjjee

SBO Bitootessa 20,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Sochii Hawaasa Oromoo Sa’ud Arabiyaa ilaalchisee gaaffii fi deebii qaamota adda addaa waliin, akkasumas Sochii boonsaa hawaasni Oromoo Awustiraaliyaa gochaa jiru irratti kan fuulleffate gaaffii fi deebii geggeeffame

Aside

Bitootessa 19,2016 “Abbaan Biyyaa ABO Dha” jedhu gootonni Qeerroo Godina Harargee Bahaa magaalaa Miidhagaa lolaa keessatti FXG Gaggeessaniin

Aside

Wallee Warraaqsaa Haaraa “Qeerroo” Artist Fandishaa Abdii/Bitootessa 19,2016

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 19,2016

Aside

Godina Addaa Finfinnee Buraayyuu Naannoo Ashowaa Meedaa Keessaa Ammallee Dachiin Ummata Oromoo Gurguramuu Itti Fufe.

Aside

kr

Ashawaa meedaa

kr

Ashawa meedaa

kr

A.Meedaa

kr

Saamicha lafaa A.Meedaa

Bitootessa 19,2016/ OPDOn ammallee lafa uummata Oromoo gircitee gurgurataa jiraachuun uummanaa fi abbaa lafaa qonnaan bulaa lafa gadhiiseen saaxilamee jira.
Suurraan asi irratti argamu kunneen godina addaa Finfinnee Buraayyuu naannoo Ashowaa Meedaa jedhamee waamamutti naannoo sun kan hojii guyyaa hojjetuun beekamu uummata Oromoo lafa isaa dhabe kan manni isaa ijaaramu abbooti tayitaa Wayyaanee fi Tigreeti OPDOn akkaataa kanaan lafa uummata Oromoo bakka hedduudhaa cirsiistee gurgurattee jirti naannoon kun harka alagatti kennamee abban lafaa lafa isaa dhabee rakkoo guyyaatiin saaxilamee jira uummanni Oromoo naannichaa jiru lafa isaa kana waliin tahe akka deeffatu waamichas daballee taasisna kanas dabalatee lafti naannichaa saamamee jiru suuraawwan waraabaman kan Qeerroon dhiyeessaa jiru hedduudha miidiyaa uumataatti haa bahuun dhaamsa goona.

Mootummaan Wayyaanee TPLF Bulchiisa Magaalaa Sabbataa Keessatti Kan Argamu Hoteela Fiqire Yohannis Jedhamu Kontoraata Fudhachuun Waraana Agaazii fi Poolisa Sooruu Jalqabe.

Aside

702002_949388558462805_98322090560276313_oBitootessa 19,2016/ Hotelli Fiqre Yohannis Bulchiifnni magaala Sabbataa kontiraata guutuu qabatee Agaazii fi polisii federalaa itti sooruun barattoota keenya reebsisaa hawaasa oromoo magaala kana hiraarsa jira. Jiraattota baayyee wajjiraa polisii sabataa irra hanga ma’ikalawiitti mannen hidha sadarkaan jiraan keessatti dararama jiru. Keesuma torban kana keessa barattoota mb.sad.2ffaa fi pp. sabbata haala sukkanneessa ta’een waajira opdo waliin walta’uun mankaraarsaa jiru.

Magaalaan Naqamtee Wallaggaa Hoomaa Waraana Wayyaaneen Weeraramtee Uummata Irratti Yakki Hojjetamu Daran Jabaatus FXG Itti Fufe.

Aside

IMG_20160317_145823 IMG_20160317_163656 IMG_20160317_171225Bitootessa 19,2016/ Magaalaan Naqamtee hoomaa waraanaan weerararamtee jirti.Humni federaalaa daran humna magaalatii ol baayyachuun uummata magaalaa naqamtee fi naannoo ishee doorsisuu,hidhuu fi mana uummataa irra deemuun manuma keessaa gad harkisanii baratoota fi uumata magaalaa kana irratti reebichi gara laafina hin qabne gidduu kana hammaachaa jiraachuu Qeerroon gabaasa. Akka Qeerroon gabaasetti meeshaan humna federaalaa kanaaf dabalataan akka naannoo kumsaa morodaallee dhufee seenee jiru maddeen keenya ibsanii jiru.

Mana Adabaa Poolisii Godina Wallaggaa Magaalaa Gimbii Keessatti Sabboontoti Oromoo 60 Ol Dararaa Cimaan Irra Gahaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Because I am OromoBitootessa 19,2016/ Yeroo ammaa kanatti Ficila Xumura Gabrummaa waliin wal qabatee sabboontoti ilmaan Oromoo kumaatamaan manneen hidhaa beekamaa fi hin beekamiin hedduu keessatti guutuu Oromiyaa keessaa dararamaa jiru. Godina Wallaggaa magaalaa Gimbii keessattis Oromoota maatii fi hiriyyoota irraa dubbisa dhorkamanii yeroo ammaatti dararamaa jiran namoota 60 ol keessaa hammi tokko:-

  1. Solomon Mokonniin- Barreessaa KFO Godina W/Lixaa fi hojjetaa mootummaa
  2. Tafarii Baqqalaa – Damee ijaarsa KFO Godina W/Lixaa
  3. Girmaa Tamasgeen – Koree hoji raawwachiiftuu KFO G/W/Lixaa
  4. Yoseef Lammii – Kan filannoo darbe taajjaban
  5. B/saa Malkaamuu Taarikuu – Filannoo kan taajjaban
  6. B/saa Amanaa Gabbisaa – Kan filannoo taajjaban
  7. B/saa Caalaa Indaaluu- Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
  8. B/saa Alamuu Asaffaa – Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
  9. Obbo Kifiluu Daaqaa- Ogeessa Hospitaala Adiveentistii Gimbii
  10. Obbo Daggafaa Wayyeessa – Hojjetaa Mana Murtii G/W/Lixaa
  11. Obbo Balaay Taammanee – Hojjetaa Baankii Awwaash Gimbii
  12. Obbo Tasammaa Taliilaa – I/G/Waldaa walgargaarsaa Buusaa GonofaaWalumaa gala namootni 60 maatii waliin akka wal hin dubbisne dhorkamuun yeroo dararaa cimaa kan irra ga’aa jirudha.