Godina Wallaggaa Aanaa Laalloo Assaabii Irraa Barataan Kutaa 10ffaa Baratu Waraana Wayyaaneen Butame.

Aside

12899715_1031581966880717_1274529698_nBitootessa 23/2016 Barataan kutaa 10ffaa baratu Guutuu Birruu Waraana Wayyaaneen Butamee Bakka Bu’e Hin Beekamu.
Sochii Qeerroon kan waalii qabate Godina Wallaagga lixa Aanaa lalo Assabii mana barumsaa Inangoo sadarkaa lammaffaa kutaa 10 ffaa kan baraatu. Baraata Guutuu Birruu. Humnaa warraana biyyaa qabamee laafa in bu’e wallalame.Rabbii lubbuu isaa nuuf haa bararuu. Galmeen seena Oromoo sii waamtii.

Aside

new poto

Wallagga Magaalaa Naqamte Keessa Barruuleen Waamicha FXG Daran Tamsa’e.

Aside

IMG_20160321_232344 IMG_20160322_030944 IMG_20160322_200049_1Bitootessa 23/2016
Alaabaan Adda bilisummaa Oromoo(ABO) halkan edaa akka urjii magaalaa Naqamtee fi naannoo Yuunversiitii Wallaggaatti ifaa bulte.Barruulleen warraaksaas halkan edaa naannoo yuunvesiitii wallaggaatti rasbsamaa bulaniiru.yeroo ammaan kanas humni federaalaa guutummaan magaalaa naqamtee keessa ABO tu gale jechuun uummata nagaa doorsisaa jiru.naannoon yuunversiitii wallaggaas humna waraanaan marfamtee jirti.

Jimma Yuunibarsiitii Mooraa Guddaa(main campus) fi Mooraa FBtti Waraqaaleen Qeerroo Tamsa’an

Aside

Bitootessa 23,2016
IMG_20160322_214457 IMG_20160323_144903Balaaleffannaan murna bichuu Waayyaanee Gootota Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaatiin itti fufuun hoomaan Waraanaa Yuunibarsiitichatti galee osoo eeguu Gootummaa jabaadhaan mormii akkuma eegalanii jiran waraqaalee Qeerroo kan barreefamnisaa alabaa keenyaan faayamtee dhaadannoowwan ciccimoo of irraa qabdu rabsaamaa turan.Waraqaaleen kun mooraa FB keessattis haalaan dhoobameera.Akkasuma Alabaan ABO kalariin hojjetamee wal cinatti maxanfamaa ture
Dhaadannoolee wariqicharraa
#OPDO n ergamtuu Waayyaaneedha
#Waayyaaneen saamtuudha
#Gamtaaf Tokkummaa keenyaan bilisummaa nii gonfanna
#ABOn kallacha qabsoo Oromooti
ka jedhu yoo ta’u Alaabaan ABOs cinasaatti maxanfanfamaniiru
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaarraa

Sirna Awwalcha Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaarratti Mormiif Dhaadannoo Jajjaboon Barattoota Baha Wallagaa Giddaa Ayyaanaatiin Gaggeefamaa Oole

Aside

12108101_629851160505650_6429143411055874916_nBitootessa 22,2016
Gochi murni bichuun Waayyaanee raawwachaa jirtu Uummata Oromoo arsee Finiinsee gara FXG tti kan geessaa jiru malee duuba akkaa hin deebifne hubatamaadha.Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaa reebichaa hamaa irraan ga’uun du’e jedhanii bosonatti gatuun kulkulfannaa nu keessa ka’anii ka darban shororkwessitoonni Waayyaanee.Gargaarsa uummati godheefiin bosona keessaa argamee hospitaalaa Naqamtee kan geeffame yoo ta’us,hospitaalli Naqamtee nuun ol waan ta’eef yaaluu hin dandeenyu erga jedhanii Gara finfinneetti referii ka barreessaan ta’uullee sa’atii sanatti Abbaan Barataa kanaa maallaqa of harkaa qabaachuu waan hin dandeenyeef Uummati haala ittiin Girmaa Lubbuusaa olfatan irratti osoo dubbatanii halkan Kaleessa Lubbuunsaa addunyaa kanarraa du’aan godaante.936632_629851163838983_3948624596706161126_n
Sirna awwaalcha Barataa Girmaa Darajjee kanarratti barataan Giddaa Ayyaanaa argamuun tilmamaan barattoonni 7000 olii kan tahan (baratonni sad 1 hangaa Kollejjii BLTO ttii ) barataa kan ta,ee hundii BBB jechuun kophee kararatti dhisanii ademsaa milaan sa,a 2:30 demmun barataa girmaa derejee ayanaa harkaa wayyanettii kan du,ee gaggeessan dhadannoo
#gumaa isa du’ee isa jirut baasa
#nuti hiriyyoonnikee gumaa nii baafna
#kan nu ajjeesu hin feenu
#nuti nagaa feena
#kan nagaa keenya sarbe hin dhiifnu wal irratti duuna
#barnoonni bilisummaa booda
#hanga gumaa baafnutti nuti hin barannu
#ABOn nu haa bulchu
#waayyaaneen nurraa haa galtu jechuun dhaadannoo gurguddaan gegesaniruu qabsa’an yoo du,ee qabsoon itti fufaa motumaa abba irren hin hoganamnu

SBO Bitootessa 23,2016. Oduu, Qophiilee Haala Yeroo Irratti Hunda’anii fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Qeerroon Godina Shaggar Lixaa Abuunaa Gindeberat Keessatti FXG Itti Fufanii Jiru

Aside

Guyyaa har’aa Bitootessa 22,2016 ganamaa irra egale hanga ammatti dhaaddannoo gargaaraa dhaggesisisaa kan ture yoo ta’u.ammaan kana immoo baratoota Sadarkaa 2ffaa fi qopha’iina mana barumsaa Kaachisitti kan jalaqabee barnooni bilisumaa booda jechudhaa dhaddanoo dhaggeesisisa kan olan mana barumsa Kachisii fuulduratti kan jalqabee yoo ta’udha

Bitootessa 22,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Jaarsoo fi Qeellam Ona Jimmaa Horroo Keessatti Loltooti Wayyaanee Uummata Jeeqaa Jiru.

Aside

Godina Wallaggaa Qellem ona Jimmaa Horroo irraa namootni 4 har’a bakka magaala irraa konkolaataa fi nama hin beekamneen fuudhamani eessa buuteen isaanii dhabameera.
1. Abdulkari Jamal
2. Hasan Jamal –Obboleessa Abdulkarim jaallan kun lamaan yeroodhaa yerootti kan hidhamaniidha.
3. Solomon Guricho
4. Barsiisaa Dimbaashaa Baqqalaa
Har’a Bitotessa 22/2016 har’a ganama irraa konkolaataa Wayyaanee hin beekamneen butamanii kan badan yoommuu tahu uummanni fi dargaggootni ijoolleen kun deebi’uu qabu jechunFXG kaase jira uummanni yeroo ammaa kana daandii cufee jira.

Kana malees Loltootii fi humni poolisa Wayyaanee TPLF Guyyaa har’aa sabboontota Oromoo 4 magaala Jaarsoo Wallaggaa keessaa qabanii hidhaanii jiru.

  1. Dasaleeny Alammayyoo

2 .Barsiisaa Husee

3.Hojeta Motummaa Jabbeessaa Tarreesaa

4.Girmaa

Kanneen jedhamanii fi kaanis keessatti argamu

Godina Jimmaa Magaalaa Limmuu Keessatti Diddaan Sirna Wayyaaneen Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Image-1Marii Panalii gaafa Bitootessa 21/2016 kan gudina Jimmaa magaalaa Limmuu Gannat Obbo Amaanuu itti anaa bulchaa aanaa Limmuu Kossaa fi Obbo Shalamaa mariisifamaa ture irraatti mormiin abbotii qabeenyaa irraa ka’uun walgalicha gara mormiitti jijjiiree jira. Innis yeroo Bakka bu’aan qonnaa buna Horizon (investera Wayyaanee) yaada kennuuf maayikii fudhatutti hirmattonni itti iyyani. “Horozon hattuudha, abban qabeenyummaasaa kan sobaati,qabeemyichi kan abbootii keenyaati, bakka Horizon jirutti waliin hin maryannu” jechuun mormanii akka yaada hin kennine godhaniiru.

Geggessitoonni marichaas yaadni ummataa sirridha jechuun bakka bu’aa Horizon harkaa
mayikiin fudhameera. Kanaanis walqabatee ibsaa ballessuufi basaastota haaraa kan wayyanee gara magaalattiitti erganiiru. Dhimmi mormii Horizon dargaggoota dammaqoo irraa gara abbotii qabeenyaafi unmataatti seeneera.

Guyyaa Har’aa Bitootessa 22/2016 Wallagga Magaalaa Jaarsoo Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Faca’aa Jira.

Aside

12672129_591219321029987_8161975050588775534_o 12819337_591219014363351_1390262068394228145_oGuyyaa har’ as Bitootessa 22,2016 Godina Wallaggaa Lixaa anaa Jaarsoo keessattii Qeerroon magaalaa Jaarsoo waraqaa Qabsoo hangaa bilisummaattiu hin dhabaatu jedhuf….OPDON ummataa Oromoo bakka hin butuu …ummannii Keenya motummaa namaa nyaata wayyanneef gibiraa akkaa hin kafallee…fi hiidhaafi ajeechaan dubbattii nu hin deebisu jedhu.. gutummaa magaalaa Jaarsoof moraa manneen barnootaa akkasumas waajjiroota adda addaatti Qeerroon faccassuun jala deemtootaa wayyannee nasuu guddaa keessaa olchee jira..