Godina baha wallaggaa magaala Naqamtee, Giddaa Ayyaanaa fi Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Waraqaan Qeerroo Warraaqsaa Bittimfamee Jira. Magaala Naqamteetti Uummata Oromoo Maraaf Waamichi Tahe.

Aside

Bitootessa 24,2016

– Oromoon tokko kaaba fi kibaa fi bahaa fi lixaan ka’I wayyaanee
biyyaa baasi

– Abbummaan oromoo oromiyaadhaan haa mirkanooftu

– WBON duruma leenca bosonaati

– Nuti wayyaane hin beeknu ABO malee

– Tigreen saamtuu fi hattuudha

– OPDOn uummata oromoo bakka hin buutu

Jedhu waraqaan balaliituun warraaqsaa bittimfamee kan turee fi aanaa Giddaa Ayyaanatti barataa du’e sirna awwaalcha isaan wal qabsiisuudhaan FXGs guyyaama kana eegale kan ture har’as FXG aanaa kana keessatti jabaate jedhu. Qonnaan bulaan aanaa Giddaa Ayyaanaa hedduun ukkaamfamee jira. barattootni har’a daandii cufaniiru. Agaaziin aanicha keessa olii fi gadi fiigaa jirti. Magaalli Naqamtees dirree qabsoo taateetti hamma ammaatti waraanni wayyaanee itti wal jijjiiruudhaan magaalicha keessa qubatee jira.

MUST WATCH – **Oromo New Music 2016** Hirphaa Ganfuree fi Habtamu Lamu #Wallee Warraaqsaa

Aside

Yunibarsiitiin Jimmaa Barattotarratti Beeksisa Baasuu Itti Fufe.

Aside

IMG_20160324_102943Bitootessa 24,2016
Gocha dhoksanii ukkamsuuf yeroo yerootti waan wal hin qabanneef badii tokko malee barattoota Oromoo arii’uun beekamtii kan qabu,har’as dogongora tokko malee mooraa guddaa keessatti barattoota Oromoo nama 29 irritti beksisa baasaa jiraachuu akkasuma Barattoota kanneen keessaa nama 3 dhoksaan ukkaamsisuuf akka jiru icciitiin isaan biraa baate ifa taasiftti kanas itti gaafatamummaan Kaalid Abbaa Tamaam akka dalagaa jiru oduun isaan biraa baate ifa taasifti.

Gama biraan  Guyyaa kalee 23/3/2016  Yuunibarsiitii Walqixxee Damee Gunuureetti FXGn adeemsifame. Mooraa Gubuureetti fincila xumura garbummaa adeemsifame kanaan barattooti hedduun miidhamuufi,barattooti hedduun ukkaamfamuus Qeerroon moorichaa gabaasee jira

Yeroo ammaa kana to’annaan addatti barattoota Oromoo irratti adeemsifamaa kan jiruufi,barattoti hedduun mooricha gadhiisaa kan jiran humni waraanaas akka waan ofii itti baratuutti itti duudaa jiraachuun beekameera

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 23,2016

Aside

Walabummaa Oromiyaaf, Referendumiin Bilisa Ta’e Har’a Geggeeffamuu Qaba. Qiyyaafatnoo ummata Oromoo kan kaleessaa fi kan har’a.

Aside

Leelloo Sabaa Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Sirna gabrummaa Habashootaa jaarraa 14ffaa irraa eegalee irratti diriirfame, ummatni Oromoo jaarraa 16ffaa keessaa wareegama: lubbuu, qabeenyaa, hawaasummaa fi qaamaa hagana hin jedhamne irratti baasee Oromiyaa keessaa buqqisuun bilisummaa isaa deebifatee: nagaa,badhaadhina fi gammachuun waggoota dhibba sadiif (hanga dhuma jaarraa 19ffaatti) jiraatee ture.

Waggoota dhibba sadiif, bilisummaa isaa tikfatee osuma jiraatu, Oromiyaa deebisanii gabroomfatuuf hooggana Minilikiin weerara Habashooti Oromoo fi Oromiyaa irratti bananis ummatni Oromoo of irraa ittisuuf wareegama lubbuu miliyoona shanii, kan qabeenyaa, qaamaa fi hawaasummaa hedduu eerga baasee booda meeshaa lolaatiin caalamee haa injifatamu malee bilisummaa isaa deebifatuuf ummatni kun haga har’aatti, itti fufee falmaa hadhooytuu geggeessaa jira.

Fincilli Oromoo Daawwee, kan Raayyaa, walabummaan jiraachuuf Western Oromo confederation, Oromoon walakkeessa, fi Baha Oromiyaa iyyatnoo isaan mootummoota Awurooppaatti galfatan, Fincilli Baalee, ijaaramuun waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi ijaaramuun Adda Bilisummaa Oromoo, wareegama barbaachisu baasuun bilisummaa afaan qawweetiin habashootaan sarbame deebifachuuf : akeeka, fedhii, hawwii fi muratnoo ummatni Oromoo qabu itti fufee daranuu kan mirkaneesse ture. Dhaaba warraaqaa, qabsoo bilisummaa Oromiyaa kallachummaan hoogganu qabaachuun jala hiriiranii wareegama baasuun akeeka bilisummaa Oromiyaa bakkaan gahuuf muratnoon ummatni Oromoo bara Dargii irraa eegalee agarsiise, bilisa ta’ee jiraachuuf fedhii fi hawwii ummatni Oromoo qabu kan daranuu itti fufee dhugoomse ture. Dhaaba kana jala hiriiruudhaan wareegama qaqqaalii ummatni Oromoo haga har’aatti baasaa jiru , akeeki dhaaba kanaa, kan bilisummaa Oromiyaa, akeeka: haqaa fi dimookraatawaa,  fedhii fi hawwii ummatni Oromoo jaarraa hedduuf qabaachaa ture  guutu ta’uu shakkii tokko malee kan mirkaneessu dha.

Wareegama: lubbuu, qabeenyaa, qaamaa fi hawaasummaa hagana hin jedhamne baasuudhaan fincilli bilisummaa fi dimookraasii har’aan tana Oromiyaa guutuu keessatti qaama hawaasaa Oromiyaa guutuun deemsifamaa jirus itti fufee kan mirkaneessu, ummatni Oromoo bilisa ta’ee hiree isaa murteefachuun walaba ta’ee jiraachuuf dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee :fedhii, hawwii fi akeeka dhaabbataa hin sharafamne kan  abbootii isaa irraa dhaale bakkaan gahachuu akak barbaadu shakkii tokko malee itti fufee kan dhugoomsuu dha.

Waan kana ta’eef, karaa nagaa hiree isaa murteeffatee mootummaa walaba ijaarratuuf fedhii fi hawwii ummatni Oromoo  jaarraa tokko oliif :walitti fufiinsaan, jabinaa fi cichoominaan wareegama hedduu irratti baasee ibsachaa jiru kana, biyyooti, mootoummooti, humnooti siyaasaa, jaarmooti addda addaa, nam-tokkeen adda addaa: seera uumaa, seera addunyaa, haqa, dimookraasii, mirga dhala namaa fi nagaatti amanan hundi deggeruudhaan, ummata Oromoof referandumiin akka hayyamamu dhiibbaa cimaa godhuu qaban. Ummatni Oromoos, akeeki isaa kan mirga hiree murteeffanaa referandamiin  bakkaan  akka gahatuuf, “Referandamiin Oromiyaaf Hara !, Kan kanaa gadii tasumaa hin barbaannu !” jechuun tokkummaa duraan argamee hin beekneen yeroo inni itti sagalee isaa dhageessisuu qabu hara’a.

Injifatnoon Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo waliin fuulduratti !

FXG Godina Ilu Abbaa Booraa Magaalaa Algee fi Magaala Siboo Keessatti Gaggeefame.

Aside

Iluu

FXG Barattoota Oromoon magaalaa Siboo keessatti gaggeefame.

Aside

Mootummootiin abbaa irree Meeshaa waraanaa dhiisanii otoo bakakkaa hidhatanii dhufan illee Bulchiinsonni humna waraanaa isaanii, humna uummataatii ol ta’anii hinbeekan!!

Hariiroo Jorgoon

Gola seenaa wayta qorannu Bulchiinsi humna waraanaa Biyyoota addunyaa keenyaa hedduu keessatti kan raawwatee darbe ta’ullee akka ardii afriikaatti garuu kan irratti dagaagee hin argamu. Bulchiinsa humna waraanaa

“Harmee Oromiyaa,Qeerroon Lafaa Kaatee” Riyad Sabona ft 2c ( New Oromoprotest Music 2016

Aside

FXG Itti Fufe! Barattooti Oromoo Waraana Agaazii Wayyaaneen Wareega Kafalaa Jiru.

Aside

Naqamte11Bitooteessa 23,2016
FXG Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiru sadarkaa guddaatti ce’aa jira,haala kana keessatti gaaga’ama ulfaataan uummata keenya irra gahus qabsoon FXG itti fufee jira.
Suuraan kun sabboontuu fi barattuu Amartii Hinsarmuu jedhamti ganama kana 23/03/2016 mana barumsa ASK Nekemte keessatti rasaasa waraana Wayyaaneen Agaaziin mataa ishee ruktamte. Afaanii fi Funyaaniin dhiiga hedduutu mataashee keessas yaa’aa jira. Haala yaaddessaa keessa jirti.

Humni Waraana Waayyaanee Tarkaanfii Suukanneessa Uummata Lixa Oromiyaa Magaalaa Najjoo Irratti Fidhachaa Jira.

Aside

1424497_630114567145976_2707487839004216789_nBitootessa 23,2016
Gochasaarraa akka waan gabbeetti kan haasa’uu mootummaan Waayyaannee har’allee tarkaanfolee ajjeechaaf fuguuginsa sanyii osoo nurraaa hin dhaabiin jiraa jedhu jurattoonni Najjoo Akkasuma har’a FXG adeemsifaamaa jiruun miidhama da’immanrraan ga’aa akka jiru Qeerroon Najjoo dubbata mucaa ganna 11 kan kutaa 5ffaa baratu barataa Soorummaa Ashaalee har’a mana barumsaa Abdiisaa Aagaa keessatti itti seenuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahanii jiru.Mucaan hanga ammaatti dubbachuu akka hin dandeenyeef du’afillee shakkii guddaa keessa jiraachuu gabaasaan
keenya achii gabaaseera. Haalli Soorummaarra ga’e ittuu barattoota finiinsuun guyyaa har’aa
sa’atii kanatti manneen barnootaa Abdiisaa Agaa,Qophaaina Najjoo,Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaaffaa Gaaddisa Odaa BBB hojiirra oolchuun dhaadannoowwaan
‪#‎Saamichiif‬ duguuginsi sanyii Lammii keenyarraa haa dhabbatu
‪#‎Nuun‬ dhimma bilisummaaf dubbanne dhahichiif Jimulli duuba nu hin deebisu
‪#‎gowwomsaa‬ Wayyaanee hin fudhannu
‪#‎gumaa‬ nama du’ee isa jirutu baasa
‪#‎gumaan‬ hin nyaatamu gumaa gumaatu baasa
Jedhuun guutummaa magalatti raasaa jiru FXG hanga bilisummaatti itti fufa jedhaniiru.