Ebla 7,2016 Yuuniversitii Bahar Daar mooraa Yibaabitti torban tokko dura barattootni rakkoolee bishaan dhugaatii fi qulqullina nyaataan wal
qabateef gaaffii dhiyeessuun nyaata lagatanii turan. Barattootni hanga har’aatti diddaa nyaata lagachuun fincilatti fufanii akka jiranis Qeeyroon gabaasee jira. Wayyaaneen barattoota Oromoo irratti shira xaxuu akkuma beekamu moorawwan Yuuniversiti naannoo Amaarattis miidhaa barattoota irratti gaggeessuuf karaa naataa fi bishaan qulquulluu dhabsiisuun daran jabaatee jira,Mooraa Yuuniversitii Dabra Taabor
keessatti dararamuun ni jira.
Blog Archives
Ebla15 GUYYAA GOOTOTA OROMOO, HAWWISOO QEERROO BILISUMMAA 2016
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 6 April 2016
Aside
Simbirtuu Qophii Ebla 7,2016
Aside
Ebla 15 GUYYAA GOOTOTA OROMO (GGO)
Aside
OPDON Ambaasaaddaroota Nageenyaa Jechuun Dargaggoota 68 Badhaasuuf Jecha Baajeta Birrii Kitila 4 fi Walakkaa Ol Ramadde
Aside
Ebla 06,2016) Barattootaa fi dargaggoota Oromoo gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafatan waraana itti bobbaasee jumlaan ajjeesaa, qaamaa hir’isaa, guuree hidhaa keessatti itti taphachaa fi biyya irraa baqachiisaa kan jiru mootummaan shororkeessaa wayyaanee, karaa ergamtuu isaa OPDOn dargaggoota naannoo Oromiyaa keessaa kan jedhaniin namoota 68 filanii ambaasaaddaroota nageenyaa jechuun badhaasa kennuufiif akka qopha’aa jiran.
Dargaggoota jedhaman kana kan badhaasu ergamticha wayyaanee Muktaar Kadir kan waraana Agaazii ummata Oromoo dhibbootaan ajjeese galateeffate ta’uunis barameera. Badhaasi jedhame kun kan kennamu walgahii dargaggoota Oromiyaa jedhamu kan gidduu kana Adaamaatti eegaluuf jiru irratti ta’uu maddeen gabaasaniiru. Walii galatti dargaggootni 238 ol ta’an dhimma adda addaa irratti badhaafamu jechuun maddeen dabaluun eeraniiru. Baasii OPDOn konfirensii kanaaf qopheessites kan armaan gadii kana dha.
| -Bajata Waliigalaan konfaransichaaf barbaachisu -Durgoo fi geejjibaaf —————————-2860586.4 -Bittaa meeshaalee adda addaaf——————–553450 ida’ama waliigalaa————————-4,904,454.4 |
||||
| Ida’ama = | 4,908,056.40 | |||
Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo fi Naannoo Isheetti FXG Itti Fufee Oole.
Aside
Ebla 6,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo fi naannoo keessatti barattoota Sadarkaa 2ffaa Aggaar Alaltuutiin daran jabaatee itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaase.
Fincilli kunis kan jalqabe baratootuma mooraa sanaan Sa’a 4;00 Irratti Fincila Diddaa Garbummaa Qabsiisaniin humni kora bittinneessaa fi Federaalli Mooraatti weeraruun barattoota hedduu reebanii miidhaa guddaa irraan ga’aniiru! sa’a afur irraa eegalani reebichaa fi dararaa guddaa baratoota kana irratti raawwataniiru.
Maatiin Barattootaa Ilmaan Isaani Hoggaa barbaaduuf deemanitti humni federaalaas Uummata ijoolleessaaf dirmachuuf ba,e kana reebuun manatti deebisaniru.Uummannis diddaa isaa jabeessuun naannooma mana barnootaa sana turaniiru. Humni federaalaas yemuu barattoota kana hidhaatti dabarsuuf yammuu yaalanitti Uummannis degersa baratoota kanaaf godhaniin oso mana adabaa hin geeffamin hafaniru! reebicha irra
ga,eenis baratoonni heedduun miidhamuu Qeerroon gabaase.
FXG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Manni Barumsaa Qophaa’inaa Asalla Diddaa Gaggeessan.
Aside
Guyyaa Ebla 6,2016 Har’aa Manni Barumsaa Qophaa’inaa Asalla Hiriira Mormii sirna mootummaa Wayyaanee gaggeessaniin dhaadatnoolee warraaqsaa hedduu dhageessisun mootummaa fi waraana mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa oolanii jiru, alaabaa gabrummaa ( Ithioophiyaa) mooricha keessatti fannifames gadi buusanii ciruun,barnooti bilisummaa booda waan ta’eef uummata keenya keessa bobbaanee nagaa fi bilisummaa barbaacha qabsoo fincila xumura gabrummaa itti fufna jechuun mana barnootaa cufanii maatiiti galuu Qeerroon gabaase.
Aside
Ebla 6,2016/ Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adaree irraa qabamanii ji’oota lamaa oliif mana hidhaa Wayyaanee keessatti kan daraaramaa jiran hawaasa bal’aa yeroo ta’u Wayyaaneen namoota kudha sadii qofa gadi lakkisuun kaan isaanii bakka garaagaraatti hidhaaf fuutee deemuuf akka sanganteeffatte beekameera
Isaan hiikaman keessa muraasi
1. Yohaannis Abbabaa
2. Yohaannis Miidhaksaa
3. Asaffaa Miidhaksaa
4. Tafarii Tashoomaa
5. Naadoo Warqinaa
6. Bayyanaa Taaddasaa kanneen jedhaman qofa ta’uun beekameera
Godiina Jimmaa Aanaa Oomon Naaddaa Gandoota Hedduu Keessatti Uummata Sodaachisuun Ergamtooti Wayyaanee Qarshii Saamaa Jiran
Aside
Ebla 5,2016
Tibba kana mootummaan shirorkaa Waayyaanee hanqina Baajetaa mudateen gama baajeta kana deeffatu dhabee watawatuurra taree dirqiin bakkeewwaan hedduutti saamicha gaggeessaa jiraachuu dhaga’ame.
Haaluma kanaan Godina Jimmaa Aanaa Hoomoon naaddaa Gandoota Baadiyyaa keessatti Uummata gowwomsuuf kan dides doorsisuun deggarsa mootummaa keenyaa taasisa yaada jedhuun Uumatarraa dirqamaan qaamni OPDO funaana jiraachuu jiraattonni achii nii dubbatu.
Ta’us haalli fi saamichi Mootummaa haaraa ta’uu baatus kallattiin ykn dirqamaan Jumula fayyadamanii qote bulaa ganamaa galgala dafqa Xuruurfata oolu firii waggaatti argatus hedduu mootummichaaf kan galchu Kaan boosisanii kaan doorsisanii Saamicha kallattii gaggeessuun waan furmaata fiduuf hin fakkaatu. Jiraattonni kunniin yeroo Qeerroon achii haasofsiisaa turetti “kaan yeroo dhuma sana wal irraa liqqeffatee kaffalate,kan akka keenyaa kan hin qabne dirqamaan qarshii 500n(dhibba shan) akka nuuf fiddan nuu mallateessaa jechuun mallateessineefii jirra.Ammas yeros sodaaf jecha haa mallateessinu malee akkamiin akka of irra xumurru yaaddoo keessa nu seensise”jechuun imimmaan haqachaa akka dubbatan gabaasi achii nu ga’e ifa taasisa. Qeerroo Oomoon Naaddaarra