Hayyuu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Gaazexesitootaaf Ibsa Kennan.

Aside

SBO Ebla 101 Bara 2010. ODUU, Gabaasa FXG, Yaada hirmaattota Kora ABO Kanaadaa, Waamicha Qabsoo PAFD fi gaaffii fi deebii J. Saamiyaa Usmaani fi dargaggoo Caalaa Hayluu.

Aside

Irbuu Shinniigaa

Aside

Irbuu Shinniigaa

Malkaa Caffeen 

dsc01251Ebli 15 Guyyaa Wareegamtoota Oromoo ti. Sababaan isaa gootowwan ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaa gara garaa keessaa, gosoota Oromoo gara garaa keessaa, amantiilee adda addaa keessaa kan walitti dhufanii Ummata Oromoo gabrummaa jalaa baasanii bilisummaa gonfachiisuuf qabsoo gaggeessaa turan jajjabootu guyyaa Ebla 15 kan bara 1980 (waggoota 36 dura) tokkummaa Oromummaa isaanii waan hunda (lubbuu isaanii illee) caalchifachuudhaan walii isaanii fi waadaa qabsoo bilisummaa Saba isaanii irratti cichuudhaan wal irratti dhumanii boolla tokkotti awwaalamanii tokkummaa Oromummaa lubbuu, dhiigaa fi lafee isaaniitiin mallatteessanii bilisummaa Saba isaaniitiif aarsaa tahan.

Har’a dhiigni isaanii fi kan Oromoota kumaa-kitila isaan duraa fi isaan boodaa hundi iyyatee, lammiin hundi waliif birmatee (keessattuu Dhalootni Qubee Qeerroon ammaan tanaa) jireenya gabrummaa Sabni Oromoo Jaarraa tokkoo oliif jalatti gidirfamaa jirutti xumura gochuudhaan bilisummaa Sabichaa dhugoomsuuf wareegama fedhe baasuu irraa akka duubatti hin deebine diinaa fi firattis hojiidhaan agarsiisaa jira. Oromoon Saba tokkicha kan gaaffii siyaasaa tokkicha (Gaaffii Bilisummaa) waliin qabu tahuu isaa har’aan tana Qeerroo fi Qarreen Oromoo guutuu Oromiyaa keessaa wal faana hiriiruudhaan afaaniin osoo hin taane dhiiga ifii itti dhangalaasanii, lafee ifii itti cabsanii, lubbuu ifii itti wareeganii addunyaatti lallabachaa jiran.

Waggoota 36 dura oggaa gootowwan ilmaan Oromoo Shinniigatti wareegama hadhaawaa sana baasan gaaffiin Bilisummaa Oromoo fi waa’een tokkummaa Oromummaa abdii hin dhugoomne kan namootni muraasni akkanumaan itti rakkatan fakkaata ture. Har’a garuu baddaa fi gammoojjii, laggeenii fi gaarreen, magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa mara haguugee akka ibidda saafaa kan belbelaa jiru dubbuma sani. Waa’ee dubbii sanii if duuba deebinee qaabachuun isa har’aa waan jabeessuuf Walaloo Irbuu Shinniigaa jettu tanaan waan sana haa yaadannu.

Seenaan boonsaa fi cululuqaan har’aan tana dhiiga Dhaloota Qubeetiin barreeffamaa jirus boru akkasuma yaadatama.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Malkaa Caffee

Ayyaana Gootota Bilisummaa Oromoo kan bara 2016 ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

NUYI ILMAAN GOOTOTAATI

Ayyaana Gootota Bilisummaa Oromoo kan bara 2016 ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa.

Ebli 15 seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti guyyaa yaadannoo olaanaa qabudha. Guyyaan kun guyyaa nuti Gootota Oromoo Bilisummaa saba kenyaaf osoo falmanii wareegaman itti yaadatnu qofa osoo hintaane, guyyaa nuti kaayyoo isaan irratti wareegaman sana fiixaan baasuuf hirbuu keenya itti haaromsinudha. Ummatni Oromoo bal’aan keessattuu qabsaa’otni fi deggertootni Bilisummaa Oromoo, Ebla 15 miira laamaan yaadanna.  Gama tokkoon wareegamuu Qaroowwanii fi Gootowwan keenya kanaatti gaddi guddaan yeroo nutti dhaga’amu, gama kaaniin ammoo dhiigni isaanii Gootowwaan hedduu magarsee, dhaloota haarawaa muraanoo guutuun mirga saba isaaniif qabsaawan waan horeef;  guyyicha yeroo yaadannu jabina, gootummaa fi abdii guddaatu nutti dhaga’ama.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhiiga Gootowwaan wareegamnii kana keessa biqille. Mul’atni keenya inni guddaanis faajjii Gootowwan keenya ol-kaafnee, kaayyoo Bilisummaa isaan irratti of-kitiman sana fiixaan baasuuf dadhabii, sodaa fi mamii tokko malee qabsaa’uudha.  Gootowwaan qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti wareegaman guca Qeerroo Bilisummati.Qeerroon kaayyoo isaan wiixinaan qofan osoo hintaane xiiqii, naamusaa fi muratno isaan bu’uuressaniin masakama.

Gootowwaan keenya tokkummaadhaaf tokkummaadhaan wareegaman. Tokkummaan saba imaana Gootonni keenya wareegama lubbuu isaanitiin nu dhaalchisan waan ta’eef bu’uura sochii Qeerrooti. Sabni keenya Oromoon guddaa, biyyi keenya Oromiyaanis bal’oodha. Guddinni saba keenyaa fi bal’inni biyyaa isaa jabeenyaaa fi qabeenya keenya waloo waan tahaniif, Qeerroon Bilisummaa sadarkaa olaanaatti isaan kunuunsifata. Bu’uurri sochii Qeerroo Bilisummaa ‘Oromoon saba tokkicha, Oromiyaanis biyya tokkitti’ ta’uu irratti ijaarame. Bu’uurri kun Qeerroon Bilisummaa jiddu-galummaan ofi ijaaree sochii isaas shaffisaan golee Oromiyaa hundaa keessatti akka finiinsuuf milkeesseera. Hireen saba keenya tokkummaa isaa irratti waan rarra’uuf, Qeerroon Bilisummaa humnoota alaas ta’e keessaa faallaa tokkummaa saba keenya imaammatan mara akka farra qabsoo saba keenyatti ilaala. Ebla 15 Guyyaa Goototaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa 2016 Qer

“Sabni Koo Galatooma” Addee Oromiyaa/ Motuma Mahdi Shekaa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 8, 2016

Aside

Aside

Godina Wallaggaa lixaa magaalaa Mandii keessatti OPDOn ayyaana TPLFn hundeeffamuu kabajuuf dirqaaman uummata magaalaa Mandii kan ajajje yeroo ta’u, uummati guutumaatti waltajji Wayyaanee irraa hafe Haata’u malee, kaabinooti muraasi mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Mandii keessatti wal tajji taa’uuf yeroo jedhan daa’imman itti yaa’uun dhakaadhaan achii arii’aniiru

Kaabinotis uummata beekaatu daa’imman dhagaadhaan nu reebsisa jechuun oori’anii yeroo gaafatanitti uummati dhaloota qofa miti barumatu isin jibbe jechuun afaan akka qabsiisaniifi ergamtooti diinaa kun magaalicha keessatti waaroo salphinaa akka uffatan odeessi achii nuqaqqabe ifa taasiseera

Aside

Ohio

Oromiyaa Godinaalee Adda Addaa fi Manneen Barnootaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufee Jira. 

Aside

FXGOromiyaa Ilubbaabooritti Eebla 6, 2016 eegalee barattoonni sad.2ffaa fi qophaa’inaa algee Mattuu, Beddellee’ barnoota hin barannu, hanga warri hidhaman hiikamnaitti qormaata biyyoolessaa hin qoramnu jechuun FXG kaasan addaan osoo hin kutin itti fufanii jiru.

Godina Shaggar Bahaa Bishooftuuttis barattoonni sad.2ffaa fi sad.1ffaa liiban Cuqqaalaa FXG uumanni kaaseen humni waraana Itiyoophiyaa tarkaanfii uummata irratti fudhatuuf yaalus uummanni ofirraa deebisee jira.

Naannoo Finfinnee dukamitti Eebla 5,2016 barattoonni qophaa’ina dhiiqa ergisuuf heyyamasaanii kennanii hojjettoonni fayyaa yeroo gara mooraa mana barumsaa seenan dhiigi keenya osoo iddoo hundaatti dhangala’uu akkamiin dhiiga ergisaa jedhamna jechuun FXG kaasanii tarkaanfii lukkuulee Wayyaanee irrattis fudhatamee jira.
Harargee bahaa aanaa Faadisitti Ebla 3 ,2016 eegalee jiraattonni bulchaan aanichaa nuuf haa bu’u jechuun finciili uummatan itti fufaa waan jiraniif qaamni ilaallatu yoo uummata hin haasofsiifne rakkoo gudaan kan uumamuudha jechuun ergamtootni fi kaabinoonni aanaa hedduun
raafama guddaa keessa seenanii jiru.

Itti fufudhaan Yuunivarsiitii Haramaayaatti barataan osoo mooraa hin seeniin poolisii tahee hojjetaa ture 1 yeroo ammaa odeeffannoo barattoota oromoo mootummaa Wayyaaneef dabarsee kennaa waan jiruuf suuraa fi seenaa gabaasa waliin weebsaayitii’oromo one love’ jedhurratti gadhiisuun tarkaanfiin irratti fudhatamuu qaba kan jedhu dabarsuun poolisoonni mooricha guutummaatti mooraa sodaa kanaan gadhiisani akka jiran Qeerroon gabaase. Qeerroonis mooricha dhunfate toohatee jira wayita kana barumsi hin jiru FXG malee jedhu.

Yuunivarsiitii walqixxeetti barattoonni Oromoo dhaaba ABO deeggaran ; kanaan dura garee disipiliiniin fi koomaandi poostii moorichaan gorfamaniiru jechuun barattoonni 9 guutumman guutuuttu ariayamanii,17 immoo adabbii waggaa 2 akkasumas 9 immoo akeekkachiisi dhumaa akka itti kenname eebla 5,2016 ibsame. Haaluma kanaan mooraa kanatti fxg ka’ee finiinaa jiraachuun gabaafame.

Aside

Ebla 7,2016, Naannolee Qobboo fi Waldayaa akkasumas Gambeelaas dabalatee sochiin fincilaa jabaatee akka jirutu Qeeyroon gabaasee jira. Dabalataan toora Qobboo fi waldiyaatti transiformariin ibsaa gubatee bade ji’a tokko ol kan lakkaawe uummanni ifa dhabee rakkina kanan naannoo kanatti fincilli uumataan ka’eejira.

Kana malees  Ebla 7,2016 ,Naannoo Kibbaa godina Saganti magaala Konsootti Fincilli ka’ee finiinuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Manneen barnootaas cufamanii hamma ammaatti. Humneen nageenyaa wayyaanee naannicha buufatee jiru baajatni mootummaa waan hanqataa dhufeef naannicha irraa waraanni buufatee jiru fagaatee hojii eegumsaa dhaabaa akka jiru odeessi Qeerroo naannichaa ibsa.