Baha Wallaggaa Magaalaa Qassootti Fincilli Xumura Garbummaa Fininee jira

Aside

Ebla 17,2016
Mirga abbaa biyyummaa deebifachuf Daran sochiin uummati taasisaa jiru bakkeewwan hedduutti finiinfamaa jiraachuu odeessi Qeerroo tibbanaa nii ifoomsa Haaluma kanaan Magaalaa Qassoo keessatti jala bultii yaadannoo Gootota wareegamanii gummacha gootonni keenya Shinigaatti kaffalan yaadachuuf jala bultiirraa kaasee magaalattii keessatti mandheen Qanaa’aa Janaa bifa gaariin yaadate ooleera.guyya kana dursuun sochiin magaalattii keessatti barattootaan eebila 13,2016 irraa egalee dhohe hanga haraatti itti fufee jira.Guyyaa sanas dhaadannoof Kakuu
gurguddaan barattoonni mana Barumsaa Qassoo sadarkaa 2ffaa fi 2ffaa akkasuma hawwasni magaalattiif naannooshee kan eegalan yoo ta’u
sirboonni warraaqsas gaafas guutummaa magaalattii hanga sochoosuuf ka’utti Gobii Lamaan wallifamaa turuu qeerroon achii dubbata,barattoonnis hanga har’atti mana barumsaa addaan kutanii akka jiran dubbatamaa jira.Kunis murna bichuu waayyaaneef ergamtushee OPDO sodaaf rifaatuu guddaa keessa galchun hidhaatti fulleefachaa jiraachuu Qeerroon achii gabasaa isaan ifoomsa.Barataan Nagaasaa Beekumaa Qabamee bakki geeffames wal’alamee jiraachuu,Barataa kana erga sochiin magaalaa sanaa eegalee adamoo guddaa keessa turuusaa akkasumas yeroo gara yerootti dararamaa erga turee qabamee amma argansaa dhabamee jirachuun ittuu sochiin magaalattii Uummataan makatee daran akka hin dhabbanne taasisaa jiraachuu dhaga’amaa jira

Dargaggoonni Oromoo Kanaadaa Magaalaa Calgary Jiraatan Guyyaa Gootota Oromo Ebla 15 fi Hundeeffata Qeerroo Bilisummaa Waggaa 6ffaa Sirna Miidhagaan Kabajatan.

Aside

12596016_1050793791626201_1996933695_n 12992160_1050793908292856_1445113847_n13014836_1050793788292868_1097708778_n 13014936_1050793801626200_1370849056_n 13020500_1050793828292864_419783636_n 13022234_1050793874959526_2037139205_n 13014922_1329838513709295_313159796_n 13016594_1329838650375948_1300593479_o 13020573_1329838500375963_500434055_n 13054609_1329838550375958_946575162_o

#OromoProtests :- MUKTAAR ADEEROO **QEERROO** New Oromo Music 2016

Aside

Goototni Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Daragaggootni Barattootni Oromoo fi qabsa’otni Oromoo Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Oromiyaa Gidduu Galaa Fi Handhuuraa Oromiyaa Maagaalaa Finfinnee Keessatti Bifa Ha’aa Ta’een Ebla 15/2016 Kabajamtan!!

Aside

12999533_662436543894578_383520273_o 13022174_662436183894614_103095983_n 13022327_662436180561281_2140939978_n 13045551_662436173894615_157574544_n 13046238_662436210561278_327658916_nGoototni Hoggattootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo Warraaqsaa (FDG-FXG) Qeerroon daraggootni Oromoo , sabboontootni goototni Oromoo fi goototni Barattootni Oromoo sadarkaa adda addaa irratti walitti dhufuun Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo(GGO) dungoo halluu Diimaa Magariisaa Diimaa qabu halluu alaabaa ABO qabsiifachuun seenaa gootota Oromoo Kaleessaa fi Har’aa waliif ibsuun Kaayyoon Goototni Oromoo irratti wareegamaanii fi wareegamaa jiran tokkicha ta’uu fi kayyoo haqaa kan dhugaa bilisummaa saba Oromoo hunda hammatee ta’uu ifa waliif gochuun kayyoo Goototni Oromoo Irratti wareegamaa qalii kanfalaa jiraniifi nuti dhalootni har’aas xummura itti gochuuf wareegama qaalii kan itti kanfalaa jirruu fi Uummatni keenyaa Uummatni Oromoo Oromiyaa cufa keessatti Warraaqsaa FXG keessatti qooda olaanaa kanfalaa jiraachuu waliif ibsuun FXG marsaa 5ffaa Guyyaa Gootota Oromoo Sababeeffachuun qabsiifamee finiinfamaa jiruu daran jabeessuun abbaa irreetti xummura gochuuf Irbuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo haaromsachuun bifa Adda ta’een Kabajamee jira!! Goototni Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Daragaggootni Barattootni Oromoo

SBO Ebla 17 Bara 2016. ODUU, Ibsa ABO, Gabaasa Guyyaa Gootota Wareegamtootaa 2016, Ibsa Qeerroo Bilisummaa Ebla 15 ilaallatu akkasumas Walaloo fi Waadaa Qeerroo guyyaa goototaa irrattii.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 16, 2016

Aside

Ebla 16,2016 Suurri mul’atu kun magaalaa Finfinnee irraa gara Shaggar Kibba Lixaa Walisootti kan imalu yeroo ta’u, konkolaattonni naafxaa dhabanii magaalaa Sabbataa keessatti dhaabbachuun karaa darbaa wal danqanii jiru! Kun karoora guddinaaf tiraanisfoormeshinii marsaa lamaaffaa Wayyaaneeti!

Aside

IMG_20160416_053012 IMG_20160416_053056 IMG_20160416_053321 IMG_20160416_053409

” Fincila Hangafaa Nutu Itti Fufaa” Artist Eebbaa Waaqwayyaa/Wallee Warraaqsaa Ebla 2016

Aside

Ajaja Tika Wayyaaneen Labsi “Caffeen” DhDUO Baasu Kamuu Ummata Oromoo Bakka Bu’uu hin danda’u

Aside

ABO

Ajaja Tika Wayyaaneen Labsi “Caffeen” DhDUO Baasu Kamuu Ummata Oromoo Bakka Bu’uu hin danda’u

(Ibsa ABO Irraa Kenname)

Manni Marii “DhDUO” “Caffee Oromiyaa” jedhamu Labsii Magaalota Oromiyaa daddabaa Mudde bara 2015 darbe baase Walgahii Idilee turban dabre taa’ee jedhameen keessa deebi’ee ilaalee qabxiiwwan garii qajeelchee garii immoo haqe jechuun beeksisee jira. Haa ta’u malee dhaabi damee tikaa Wayyaanee Oromiyaa irratti diriifame kun dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti seera tumuufis ta’e labsii kamuu baasuuf mirgas ta’e bakka bu’ummaa ummataa tokko ille hin qabu.

“DhDUOn” dhaaba Damee Tikaa TPLF, Wayyaaneen, bowwaa Tigraay, Adeet, jedhamu keessatti booji’amtoota waraana Dargii irraa dhalchite ta’uu har’a Oromoon hin beekne hin jiru. Caasaan ergamtoota Wayyaanee kun, takkaa ummata Oromoo biratti fudhatama argatee hin beeku. Akeekni inni ijaarameef Oromiyaa keessatti bakka bu’aa ykn misilanee Wayyaanee ta’ee dantaa TPLF tiksuuf malee, fedhii fi dantaa Oromiyaa kabajchiisuuf miti. Ija-jabeessa irraa sirbi hin fokkisu isa jedhan ta’ee waan ummata Oromoof hin hojjetin hojjedhe jedhee galgalaa fi ganama waan hin jirre kijibuu malee takkaa fedhii fi dantaa saba Oromoof dhaabbatee hin beeku. Sagalee ummata Oromoo ta’ee dubbatee hin beeku. Dubbachuus hin danda’u. Sababi isaas akeeka sanaaf hin ijaaramne.

Sabboontotni OPDO keessaa kumaatamaan lakkaawaman haala kana wayyeessuuf hedduu dhama’an ofiifuu irbaata Wayyaanee tahuuni fi jireenya isaanii irraa manca’uun yaaliin isaanii bakkeetti hafe. Jaarmayaa kana dantaa Oromoof oolchuuf ammaan booda abdiin tokko illee akka hin jirre sabboontotni OPDO keessa jiran abdii kutatuun dhugaa kana tolchanii beeku. Murni DhDUO jedhamu kun, caasaa basaasaa fi meeshaa siyaasaa TPLF, Wayyaaneen, ummata Oromoo ittiin to’achuuf ijaarratte dha.Ibsa ABO 15-04-2016

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Wallee Hawwisoo Qeerroo Haaraa

Aside