Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo Magaalaa Jaarsoo fi Horroo Guduruu Magaala Ficahaa Keessatti FXG Itti Fufee Jira.

Aside

13268445_623001194518466_3826948236576784576_o 13305062_623000957851823_502377180015647278_o 13329348_623001121185140_2078953309438586240_oHar’a Caamsaa 30,2016 Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti mormiin jabaa gootota Qeerroo fi ummata Oromoon ka’ee jira. Sababaa qormaata biyyoolessaa mootummaan Wayyaanee addaan kuteen wal qabatee yeroo ammaa kana mormiin deemaa jiraachu Qeerroon gabaase.

Kana malees har’a Caamsaa 30,2016 Oduu Ammee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coomman Magaalaa Fincaa’aa Keessatti Goototni barattootni Oromoo Mana M/B Finca’aa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG Marsaa 5ffaa daran jabeessuun Qormaatni kutaa 12ffaa utuu Guyyaa tokko Illee hin baratiin qoramuun miidhaa uummata Oromoof jecha kan yaadame jechuun Warraaqsaa finiinsuun yeroo amma kanatti sagalee dhaadannoo fi iyya guddaatu magaalaa fincaa’aa keessa dhaga’amaa jira. Waraanni mootummaa wayyaanee Magaalaa Finca’aa Irra qubatee jiru hidhannoo guutuun barattootaa fi uummata dura dhaabbatee jira.uummatni gamaa gamasiin barattoota ilmaan isaaf iyya guddaa kaasee dimannaa guddaa gochaa jira. Gabaasaa guutuun walitti deebina!!

Qormaatni Biyyooleessaa Seensa Yuunibarsiitiif Barattoota Kutaa 12ffaa Kennamuu Egaale Labsii Mootummaan Addan Citee Jira

Aside

Caamsaa 30,2016 Qormaatni Biyyooleessaa Seensa Yuunibarsiitiif barattoota kutaa 12ffaa kennamuu egaalee Addan Citee jira ,Warraaqsii FXG kallattii hundaan itti fufe!! Qormaatni Kutaa 12ffaa kun Barattootni Oromoo utuu hin baratiin akka Qoraman waraanaan dirqisiifamuun wal qabatee sabboontootni fi hayyootni Oromoo Qormaatni utuu barattootni oromoo hin baratiin kennamu kun haqamuu qaba jechuun qormaatni utuu hin eegalamiin qormaatichaa fi deebii qormaatichaa marsaalee social media irran facaasuun qormaatichi guutummaatti addaan cite jira. Qormaatni kutaa 12ffaa kun barattootni oromoo torbee Tokkoof illee daree barnootaa nagaan seenaanii ta’aanii utuu hin baratiin dirqamaan qormaata kutaa 12ffaa akka fudhataan waraana agaaziin dirqisiifamuun wal qabatee Qorumsichi Qormaata seera qabeessaa utuu hin Ta’iin ta’ee jedhamee Barattoota Oromoo Ittin Kuffisuuf kan yaadame ta’uu irraa ,Sabboontootni Beektootni Oromoo fi hayyootni shira diinaa kanarratti dammaquun Qoramatichi utuu hin eegaliin marsaalee Social media irraan tamsaasuu fi deebii qormaaticha hojjechuun medialee irra facaasuun Qormaataa mootummaan Abbaa irree afaan Qawween dirqisiisee Barattoota oromoo ittin kuffisuufii bay’ina barattoota Oromoo Dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii seenuu danda’ani gadi xiqqeessuun ittin saba Oromoo miidhuuf karoorfatee fashaleessan Qormaatni kutaa 12ffaa Kun Guutummaatti saaxilamee Dirree Social midea Cufaa Uwwisee waan jiruuf Yeroo amma kanatti Abbaan irree wayyaanee Qawwee fi Waraanaan oromiyaa qabee jiruu waan qabee gadhiisuu wallaaluub Qormaaticha akka Guutummaa Biyyattiitti kennuu eegalee jiruu Addaan kutee jiraachuun baramee jira. Murtii Qormaata biyyooleessa kutaa 12ffaa ilaalchisuun kennamu jala buunee kan gabaafnu ta’uu isin hubachiifna!!

New ” Hamleen Koo Tasa Hin Cabu” Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Sabboonticha Oromoo Artist Heenok Joorj/Caamsaa 30,2016

Aside

Mooraan University Haromaayaa Waraana Mootummaa Wayyaaneen Sakatta’amaa Jira,Barattootas Goolaa Jiru.

Aside

Haromaya Hayromaa

Godinaalee Arsii keessatti barreeffamoota warraaqsaa maxxansuu fi raabsuun itti fufe!

Aside

QeeroCaamsaa 29,2016, Godinaalee Arsii keessatti barreeffamoota  warraaqsaa maxxansuun kan itti  fufan yoo ta’u barruulen kunniin Magaalaa Saguree keessatti kan maxxanfamaniidha, kanumaan wal qabatee wayyaanen Aanaa loodee heexosaa keessatti ummata dararuu itti fuftee jirti magaalaa Jimaata loodee keessatti isintu Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)haada elektiriikaa irratti fannise jedhanii namoota hedduu achuma aanaa Loodee Heexosaa magaalaa Hurutaa jedhamtutti guuranii hidhamaa kaka jiran Qeerroon gabaase.QEERROO ARSIIIII

“Nuti Namaa fi Maqaa Miti” Walaloo Sirkanan Ahimad

Aside

Nuti Namaa fi Maqaa Miti

Sirkanaan

Abbaa keenya kan sabboonummaa

Barsiisaa keenya kan bilisummaa

Onnee nu seentee ni caalta hundumaa!

kaayyoodha deeggarraa
Olola oofanii duulanillee itti
Waan fedhan jedhanis jaluma hiriirra!
Siitu nuuf jalqabaa
Sumaani if barree
Olola dubbii sobaa
Mixirqishoofi maarree
Xiqqollee hin dhageenyuu
Diinaa fi fira garree
Ati nuuf gaachana
Waan feetellee taatuu
Kan waa siin jettu hundi,
Haasawaa haa ooltuu
Ofumaaf rakkattii
Homaa sirraan tartu.
Dammaqina keenya
Kan ganama bariisaa
Diinni sitti hinaafee
Waan meeqa odeessaa
Hundi isaanii hin gayan
Xurii qeensa keessaa
Maqaan kee haa leellisu
Kan duraanii caalee
Nuuf jiraadhu yoomuu
Siitu nuuf dagalee!

Waajjira Poolisii Dirree Dhawaa mana hidhaa barattoti kaleessa keessatti hidhaman fuula duratti alabaan ABO haalluun dibame.

Aside

Godina Arsii Aanaa Doddotaa Magaalaa Dheeraa Keessatti Qeerroon Bilisummaa Barruulee Warraaqsaa Facaasaa fi Maxxansaa Bule.

Aside

13315455_989948241101125_2646421025237556948_n-1

Dhimma Filannoo Presedantii Barattootaan Wal Qabatee Haalli Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Ulfaachaa Dhufee Jira,Sagaleen Diddaa Dhaga’amaa Jira

Aside

Caamsaa 29,2016
Dhimma filannoo peresedaantii barataa irratti,gocha mooraan raawwachaa jirtu FXG dhoosuuf sababa guddaa uumaa jira. Peresedaantii Barattootaa ka ture barataa #Dabalee Asaffaa haqummaan waan hojetaa ture qofaaf hanga jiraachu isa dhorkanitti ka deemaa jiran. Barattoota Oromoo mooraa Jimmaa hunda keessatti quuqamaaf aarii jabaa uumaa jira.Kanarratti guyyaa har’aa walga’ii dirree taphaa Xiqaa (min-studium) taasifamaa tuterratti barattoonni gamtaan akka ta’anitti dabaleef sagalee dhageessisaa turanii jiru.
Haa ta’uu malee mirgi barataa ammallee eegamaa kan hin jirre ta’uu,Haala filannoo hoganaa barattootaarratti icciitiin gadi baate kan mul’iftu,Dabalee Asaffaa dirqamaan akka Filannoorraa haqamu ka jedhuuf,Dhaabnisaanii mugduun OPDO nama amanattu nama Guyyoo jedhamu barataa jedhamu filuuf qophii akka xumuranii jiran icciti achii baate nii ibsiti. Miseensa OPDO kan ta’e Guyyoon Hojii basaasummaarratti dammaqinaan nama hojjeta ture yoo ta’u,Barataa hedduu galaafachiisaa akka tureen beekama.Kanaaf Guyyoon ka Filannoo darbu taanaan Barataa Oromootiif mirgi lubbuun jiraachuu kiyyoo jabaa keessa galti.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 29, 2016

Aside