Barattooti Oromoo hedduun baatii 4 oliif osoo qormaata tokko irra hin jiraatiin Ma’ikalaawwii keessatti dararaa irra gahamaa jira,kanneen keessaa hammi tokko.

Aside

Because I am OromoBarattooti Oromoo hedduun baatii 4 oliif osoo qormaata tokko irra hin jiraatiin Ma’ikalaawwii keessatti dararaa irra gahamaa jira,kanneen keessaa hammi tokko.

  1. SHALLOO NAGAASA. ………..ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 4FFAA
  2. KISUU TULLUU ………..ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 4FFAA
  3. GADAA GAMMAACHUU….ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 4FFAA
  4. WAYYEECHA TAMMIRUU … CIVIL ENGINEERING WAGGAA 3FFAA
  5. YOOHANIS FURGAASA………MECHANICAL ENGINEERING WAGGAA 3FFAA
  6. BOORANAA ABARRAA …MECHANICAL ENGINEERING WAGGAA 3FFAA
  7. ZAWUUDUU NUGUSEE…..AGRO-ECONOMICS WAGGAA 3FFAA
  8. IYOOB MUL’ISAA………..ENGINEERING WAGGAA 1FFAA
  9. WASAANUU ……….ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 3FFA
  10. MOOTUMMAA KIFLEE ..CIVIL ENGINEERING WAGGA 2FFAA

Sochii Fincila Xumura Gabrummaa dhaabuuf kan Taankiin dadhabe,” Ye Selaam Hayil” bakkaan gahuu hin danda’u.

Aside

Leelloo Sabaa Irraa

ffdFincilli Xumura Gabrummaa Oromiyaa mara keessatti akka abida bonaa belbelaa jiru, mootummaa wayyaanee fi sirna gabarummaa Impaayera Ixoophiyaa hundee irraa raasee rifatuu hamaa keessaa galchee akka jiru, ummata Oromoo fi amba biratti ifatti beekameetu jira. Ummatni Oromoo, yeroo kamuu caalaatti, ammaan tana, gootummaa seenaa qabsoo ummattoota addunyaa keessatti argamee hin beekne garsiisuun, mirga akka seera: Waaqaatti, uumaatti, addunyaatti fi seenaan qabu  deebifatee abbaa biyya isaa Oromiyaa fi abbaa qabeenyaa Oromiyaa ta’uuf  falmaa hadhooytuu geggeessaa jira. Falmaa haqaa fi seeraa ummatni Oromoo geggeessaa jiru kana dhabamsiisuuf, waraana hanga funyaaniitti hidhate fi sirnichaaf guddoo amanamaa ta’e ummata Oromoo irratti yoo babbaase iyyuu, mootummaan Wayyaanee fincila Xumura Gabrummaa ummata Oromoo cabsuun qabsoo bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa jaarraa tokko oliif deemaa jiru, amina inni gara galma isaatti godhaa jiru irraa dhaabuu hin dandeenye. Fincila ummata Oromoo dhaabuuf, ololli daangaa hin qabne irratti oofamu illee, akkasumas, gorsitooti fi leenjistooti biyya ambaa doolora miliyoona hedduun bitamanii irratti yoo duulchifaman illee,  mootummaan Wayyaanee, Warraaqsa Xumura Gabrummaa golee Oromiyaa mara keessatti deemaa jiru injifachuu hin dandeenye. Sochii Fincila Xumura Gabrummaa Taankiin hin dandeenye

Godina Booranaa Malgaalaa Yaabelloo Keessatti FXG Gootota Oromoo Qeerroon Itti Fufee Jira.

Aside

Booraa Boorana Booranaa or Booranaaa

Fincilli Xumura Garbummaa Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Mana Barumsaa Qophaa’ina Naqamteetti Eegalame

Aside

Caamsaa 30,2016
Baha Wallaggaa magaalaa Moxee keessatti FXG haala ho’aa ta’een Qeerroon sagalee dhageessisaa Jira,sochii warraaqsaa eegalame hanga
fiixaan baasnutti duuba hin deebinu sagaleen hedhu gurmuu barattootaagidduudhaa dhaga’amaa ture haala sochii warraaqsaa itti fuufsiisuuf duubatti akka hin deebine walii galan,Akkuma qorumsarraa dhorkamanii bahaniin sirba qabsoo gobiin lafa dhiitaa jiru

Har’a Caamsaa 30,2016 Shaggar Kaabaa Aanaa Qimbibitti FXG Itti Fufee Barattooti Oromoo Magaala Keessa Dhadatnoo Dhageessisaa Jiru.

Aside

qimbaabii qimbaabii11

Godina Harargee Bahaa Aanna Malka Bal’oo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffa fi Qophina Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

malkaa baloo

“Itti Afuufi Qeerroo” Wallee Haaraa Artist Eebbisaa Malkaa Caamsaa 30,2016

Aside

Har’a Caamsaa 30,2016 Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee Mana Barnootaa Aliiboo Keessatti FXG Itti Fufee Jira.

Aside


Jaartee
Jaaragaa jaartee Jaarteeee

Caamsaa 30,2016 Godina Harargee Bahaa Magaalaa Calanqoo Keessatti FXG Itti Fufee Jira.

Aside

Calanqoo Calanqoo2

Godina Shaggar Kaabaa Salaalee Aanaa Kuyyuutti Mana M/B Garba Gurraachaa Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

Itti fufaCaamsaa 30,2016 Oduu Ammee Godina Shaggar Kaabaa Salaalee Aanaa Kuyyuutti Goototni barattootni Oromoo Mana M/B Garba Gurraachaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaa daran jabeessuun Qormaatni kutaa 12ffaa Oromiyaa keessatti utuu guyyaa tokkoof Illee hin baratiin qoramuun miidhaa uummata Oromoof jecha kan yaadamee malee uummataa biyyattis fayyaduuf mitii dursa gaaffii mirga abbaa biyyummaa oromoof Deebiin kennamuu qaba jechuun Warraaqsaa finiinsuun yeroo amma kanatti Goototni Uummtni Oromoo gabra gurraachaa Barattoota isaaniif dirmachuun dhaadannoo Warraaqsaa FXG sagalee guddaan Salaalee keessa dhageessifama jira. sagalee dhaadannoo fi iyya guddaatu magaalaa Garba Gurraachaa sochoosaa jiruun walqabatee Mootummaan abbaa irree Waraana guddaa Godina Salaalee irra qubsiise jiru Uummata mirga isaaf falmachaa jiru irraatti dhukaasaagaasii Summaa’aa boombii ija keessa imimmaan nama naquu dhoosuun uummata gooluu irratti argama. yeroo amma kanaa warraaqsaa ummataa dhaadannoo guddaa fi sagaalee dhukaasaa guddaatu Godina salaalee garba Gurraachaa irraa dhagaa’ama jira, goototni barattootni Oromoo kutaa 12ffaa 4’ human waraana Agaaziin qabamuun ittumaa Uummata Oromoo Aanichaa warraaqsaaf akka dirmatan godhaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe addeesee jira.