“Nuti Abdii Hin Kunnu” Hawwi Mohammed Fi Abbaabaa Dhugaasaa /Wallee Warraaqsaa

Aside

Meeshaan Abbaa Hojetateef Dhimma Baasa

Aside

Damee Booruutiin

Showa

Namni suphee irraa jireenyaaf meeshaa tolfatu,  biyyoo qotee, bukkeese, xafaxxafee  meeshaa dhimmi isaaf baasu tolfata. Eellee yoo tolfate ittiin buddeena bisheefata. Xuwwee yoo tolfatee bishaan ittiin buluqfata. Jabanaa yoo tolfate ittiin buna dhaabbata. Meeshaa hunduu dhimmaa barbaachisaa tahe akka raawwatuuf kan  xiyyefatame dha. Yoo dhimma kan hin baafneef tahe abbaan qabeenyaa caccabsee baasee kosiitti  darba.

Ijaarsi OPDO qabeenya Uummata Oromoo miti. TPLF ijaarsa OPDO akka dhoqqee xaxxaftee akka dhimmi baasuuf kan ijaarate dha. TPLF uummata Oromoo dura meeshaa ishee kan tahe OPDO dhaabdee uummata keenya burjaajessuu fi gowwoomsuuf waan hin goone hin qabdu. Qondaalonni OPDO wal duraa boodaan “nuyi  ijaarsa Oromoo ti, Uummata Oromoo ijaarre akka mirga isaa gonfatu goona”jechaa , ilmaan Oromo ajjeessaa fi ajjeesisa,   qabeenya Oromoo saamaa fi saamsisaa waggaa dhigdamii shanii ol itti wal furaa jiru. Yaroo uummatni Oromoo isaan xuxxee tufu TPLF warra uummatni jibbe akka qodaa cabe achi darbitee isa afaan mi’ahu tokko fuula isaa dhadhaa dibdee as uummatatti baafti. Meeshaan TPLF iif dimma hin baafne jiraachuuf ayyaana tokko illee hin qabu. Qabeenya dhuunfaa ishee waan tahee akka barbaade itti xaphachaa jirti. Continue reading

“Maaltu Yaada Deebii” Wallee Warraaqsaa Hawwisoo Qeerroo

Aside

Gaafii Ummataawaliin Dhahanii Bira Darbuuf Yaaluun  Essanuu Nama Hin Gahu!

Aside

Xumura Abbootii irree!

Baarentuu Gadaa Irraa

qeerroo-aboUmmanni rakkatu malee gaafii hin kaasu, hin lolu, miidhamu malees hin iyyatu, hin fincilu. Ummata miidhamee gaafii kaase ammoo sobuu fi sossobuudhaan yknis waliin dhahuudhaan itti fakkeessanii bira darbuun hin danda’amu. Gaafii ummata fincilee humnaan ukkaamsanii hanbisuunis akkasuma hin danda’amu. Ukkaamsaan  yoo badii dabalataa ida’e malee furmaatas ta’uu hin danda’u. ta’ees hin beeku.

Biyya hedduu keessatti, abbootiin irree hedduun ummata gaafii haqaa kaase, ummata mirga isaaf qabsaawe ukkaamsuuf yaalaniiru, hidhaniiru, ajjeesaniiru, dararaniiru. Biyya kam keessattuu garuu abbootin irree kun milkaawanii bara baraaf ummata gaafii kaase ukkaamsanii haangoo humnaan tikfachuuf abbalan sanirra hin turre. Ykn hin jiraanne.Yeroof waan humna qawweetiin gaafii ummataa ukkaamsanii hanbisan itti fakkaatee dhiittaa mirgaa sukanneessaa raawwatanis dhumarra ummataan injifatamaniiru. Baayyeen isaanii du’a badaniiru.  Xumurri isaanii akka hin taane ta’eera. Akka humna qabna jedhanii namatti taphatanitti itti taphatameera. Haangoo bololaniif sanis dhabaniiru, qabeenya hangoo harkaa qaban fayyadamanii saamanii horatanis osoo hin nyaanne nyaatamaniiru. ykn dirqamanii isa biraaf laataniiru.

Namni  Saadaam Huseen, Kolaneel Gaadaafii, chaarlas teelar, bin alii, Idaamiin daadaa fi  abbootii irree Afrikaa  du’a badan arge  yakka hin dalagu. Qondaaloonni Wayyaanee har’a haangoo harkaa qabna jedhanii  ummattoota impaayeera itiyoophiyaa keessumaa ammoo ummata Oromoo dararaa fi saamaa jiranis osoo qalbii qabaatanii bor beekoo ta’anii yakka amma Oromoorratti raawwachaa jiran kana hin raawwatan. Continue reading

SBO Gurraandhala 19,2017. Oduu, Qophii haala yeroo irratti qindaa’ee fi weerara liyyuu poolis Kibba Oromiyaatti banee jiru irratti gaaffii fi deebii jiraataa Godina Gujii Obbo Dhaddacha Duubaa waliin taasifame

Aside

SABBOONUMMAAN JECHA MOO GOCHAA?

Aside

JIITUU GADAATIIN
Image result for oromummaa maaliSabboonummaan akkamittiin akka ibsamu beekuun dura sabboonummaan maal akka ta’e beekuutu dursa. Sabboonummaan of beekuun booda waan dhuftu. Osoo eenyummaa ofii hin beekin sabaan boonun hin danda’amu. Seenaa, seera, duudhaa fi aadaa ofii erga beekaniin booda kabajuudha. Hiika eenyummaa erga beekaniin booda miira nama keessatti uumamudha. Sabboonummaan jechoota qindaawanii tarreeffamaniin kan ibsamu miti. Osoo akkas ta’ee namootni addunyaa kanarraa martuu sabboontota ta’u turani. Gantuun saba keessaatti dhalattee , saba ofii gurgurtu hin jiraattu turte.
Har’a namootni hedduun qabsaawaa/qabsooftuu, kutataaa/kutattuu, sabboonaa/sabboontuu jechuun wal leellisan hedduu agarra.  Tarii namoota hiika oromummaa illee sirnaan hin beekne jechoota afaan isaanii keessaa akka dammaa mi’aawee bahuun muudamni sabboonummaa kennamuufii mala. Sabboonmmaan gar dirree hawaasummaa kanneen akka facebook irratti jechoota babbareedanii barreeffamaniin illee kan ibsamu miti. Namoota osoo oromoo hin ta’in sababa afaan Oromoo qofa beekaniif dirree hawaasummaa irratti maqaa oromootiin daldalan hedduutu jiru. Yeroon akkas jedhu sabboontonni dirree hawaasummaa irratti namoota hin qunnaman jechuu koo miti. Sabboontonni illee marsaalee hawaasaatiin ergaa isaaniii ni dabarfatu. Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo (SQ) Guraandhala 17, 2017

Aside

FXG Oromiyaa Bakkoota Gara Garaatti Akka Itti Fufetti Jira.

Aside

Gurraandala 17,2017

diddaa-4Guraandhala 11 irraa kaasee hanga har’aa Finfinne kutaalee magaalaa adda addaa keessatti waraqaan warraaqsaa bittimfamaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Boolee bakka addaa Wara Gannuu jedhamee waamamutti waraqaan afaan amaaraan barreeffame waamicha uummata jiraattota naanoo FF kakaasu bittimfamee jira.
Waraqaan kunis muraasni fuula kana irratti kan hidhamee jiruudha. Guyyaa lama dura gabaasa godina kibba lixa Shaggar irraa nu qaqqabeen sakatta’iinsi mana namoota hedduu irratti raawwata jiruun abbootin maatii sadii humna diinaan ukkaamfamanii halkan bakka buuteen isaanii kan dhabaman
1.      Obbo Tamasgeen Oomaa
2.      Saxxee Seeqaa
3.      Dachaasaa Toffee fi
4.      Tasfaayee Caalaa kan jedhaman
Sakatta’iinsa tasa uumameen qabamuu isaanii Qeeroon magaalichaagabaasee jira. Continue reading

SBO: Gurraandhala 17 bara 2017. ODUU, Haala Yeroo Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa fi Gaaffii fi deebii Miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal Oromiyaa Gadaa waliin taasifame -Kutaa xumuraa.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Gurraandhala 15, 2017

Aside