Godina Arsii goleedhan hundatti wal gayiin Wayyaaneen gaggeessitu akkuma itti fufetti jira.Ebila 20/8/2009 ALH irraa eegalee Magalaa Dodolaa Keessat
ti konkolaachiftootaa fi A
bbootii Qabeenyaa Mootummaan Abbaa Irree wal gahii diqamaan teessisaa jira.Magaalatti keessatti imaltoonni rakkina guddaa keessa jiru.sababaa wal gahii wayyaaneen gaggeessaa jirtuu irraa kan ka’e Dararaa adda addaa dhandhamaa jiru.baasii hin taaneef saaxilamaa jiru.Imaltoonni.guyyaa kaleessaa irraa eegalee hanga ganama kanaatti wal gahichi ittuma jira
Blog Archives
DIINQA OROMOO KUTAA II-Aadde Dinqinash Dheeressaa Kitilaa, Itti gaafatamtuu Jaarmiyaalee Dubartoota Oromoo Addunyaa!
Aside
Aside
Ebla 28,2017/ Mootummaan wayyaanee jiraattoota uummata gidduu gala naannoo laga xaafoo fi magaalaa suluultaa bakka Mana jireenyaa fi bakka itti gamtaan hojii hojjeettan sini kennina jechuun uummata afanfaajeessa jirti. Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 28,2017
Aside
Injiinar Tasfaahun Camadaa (Barii) fi Injiinar Masfin Abbabee ( Raasoo) kan waggaa kurnan har’aa harka diinaatti kufan.
Aside
Haala Qabsoo Oromoo Walii Galaa Irratti ONN Gaaffii fi Deebii Bal’aa Hayyuu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa Waliin Taasisuu Beeksise.
Aside
#OromoStruggle-Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan Adda Bilisummaa Oromootin gaggeeffamaa jiru eessaa ka’ee? Amma hoo maal irra jira?
#ONN gaaffii fi deebii Addaa fi bal’aa Hayyuduree Adda Bilisummaa Oromoo, Ob Daawud Ibsaa, waliin taasisee jira; qophii kana dhiheenyatti isiniif dhiyeessinaa; nu hordofaa!!
Injifannoon ummata Oromoof!!
Godina Arsii Aanaa Jajuu Ganda Utaamoo Doojjee keessaa jiraattota hidhama jiraachuun dhagayamaa jira
Aside
Godina Arsii Aanaa Jajuu Ganda Utaamoo Doojjee keessaa jiraattota hidhamaa jiraachuun dhagayamaa jira.Ebla 20/2017 Ganama naannoo saa’atii 3:00 irratti humnoonni kumaandi poostii jiraattota gandoota Aanichaa keessaa walitti qabee gara Asallaa Fe’uu isaa maddeen Oduu Qeerroo Aanichaa Gabaasanii jiru.akka gabaasa kanaatti sababaan namoonni kuni guuramanii hidhamaniif isin.Isin miseensotaaf deeggartoota Adda Bilisummaa Oromoo ABOti Isin Miseensota ABO ta’uuf ragaan waan ujoollen teessan dalagaa jirtu jechuun namoota lakkoofsi isaanii hedduu guuranii deemuniin himamee jira.namoota ammaaf maqaan isaanii nu bira gahee keessaa 1,Araba Muhaammad 2,Ahmad Aloo, 3, Nashaa Turee 4, Firoomsaa H/ Kadiir 5, Shibbiruu Dabalaa 6, Kimoo Muhaammad kanneen jedhaman keessatti argamu. Continue reading
Gdina Arsii Anaa Gadab Asaasaa Keessatti OPDOn Ummata Irraa Maallaqa Saamaa Jiraachuun Himame.
Aside
Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasaa keessatti OPDOn maqaa Waldaa Misooma Oromiyaa jedhuun ummatarraa maallaqa Saamaa jiru.Ebla 20/8/2009 ALHtti Ummata ganda hundarraa walitti qabuudhaan waldaan misooma Oromiyaa Waldaa mootummaan gaggeeffamuu miti.mootummaan harka keessaa hin qabu kanaafuu waldaan kuni baadiyyaalee hunda keessatti waajjira banataa jira waan ta’eef akka miseensa waldichaa taatanii fi akka buusii buuftan jettee ummata rakkisaa jirti jedha Qeerroon Aanaa Gadab
Ijaarsa Yuunibarsiitii Jimmaa Aggaarootti Eegalee Jiruun Hawwaasi Naannichaa Kaasaa Gaahaa Dhabuun Dubbatame
Aside
Ebla 28,2017/ Ijaarsi Yuunibarsiitiin Jimmaa Aggaarootti eegalee jiraachuun hundaaf galuu baatu muraasi beeka. Ijaarsi kun sadarkaa dhumuu kanarra gahullee, maallaqi kasaaf uummataa dhiyaatu uummataaf laatamaa hin jiruu. kana irratti yoo lafti keenya jedhan reebamuuf hidhamuu,
ajjeefamullee itti jiran. Uummanni Aggaaroo balaa hamaa kana keessaa of baraarsu qabsoon harbaachiisaadha
Aside
Shaalla,Godina Arsii Aanaa Shaallaatti Wayyaaneen dargaggootaaf hojii uumna akkuma jettee kijibaa jirtuun.manneen maxxansaa fi koppii irratti dargaggoota sirnichaaf amanamoo ta’anii fi miseensota isaanii ta’an qofa bobbaasun warra dhuunfaan hojiilee kanneenirratti bobba’an hojii irraa ari’aa jiru.karaa biraatin dargaggoota miseensaaf deeggartoota isaanii hin ta’in osoo hojii irratti hin bobbaasin dararaa jiru


