Booreen bahuun booreen galuuf

Aside

Gaafa na fannisanii
Hidhatti na reebani
Hidhaatti na rukutaa
Ibsaa na qabsiisani
Obsaan guyyaa eeggadheen
Barii lafaa hawwa taa’ee

Continue reading

Humni Waraanaa Wayyaanee Sodaa Hokkora Irreecha Irratti Kaafamuu Mala Jedhuun Gara Bushoiftuutti Guuramaa Jira.

Aside

Fulbaana 29,2017/ Aadaaf duudhaa Oromoo keessaa Irreechi isa guddaaf olaanaadha. Ayyaanni Irreechaa sirna galata galfannoo Waaqaa kan lammiin marti itti wal gahu ta’uun hubatamaadha. Irreechi Bushooftuu bakka nagaa, bakka jaalalaa, bakka kadhaa amantaa Oromooti. Bu’aa ba’ii hedduu mudataa turanis jabaatee asiin gahatee ayyaana kana kabajachuuf jalabultiirratti argama.
Ayyaanni kun akka miidiiyaan biyyaa keessaaf alaa wal harkaa fuudhanii dubbataa turanitti humbi waraanaa kamuu akka achitti argamuu hindandeenye jedha. Murtiin abbootii gadaas, kan Qaamni hidhannoo hidhatu kamuu akka achitti hinargamne, bakka sana alaba

Continue reading

Qophii GAADDISA DHUGAA: Gaaffif Deebii Itti Aanaa Haayyu Duree ADDA BILISUMMAA OROMOO Waliin Fulbaana 2017

Aside

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Fulbaana 28, 2017

Aside

Continue reading

Oromummaan Yakanii Hidhuu fi Dararuun Ummata Irratti Hammaatee Wayyaaneen TPLF Duula Biraa Banee Jira.

Aside

Fulbaana 28,2017
Obbo Fedhasaa Guutaa

Obbo Fedhasaa Guutaa

Ilmaan Oromoo gita bittaa Wayyaanrrn ardaaf qe’ee isaa dhabee saamamuu cinatti Oromoo sababa ta’e qofaa yakkanii hidhuun gidursuun hammaate.Waggoota aangoo injiraanota Wayyaanee keessa Oromoon guyyaa guyyaatti hanga h8dhamutti gahaa ture har’as jira. Aangoo of harkaa qabaachuu isaaniif aangoo daheeffatanii akka Culullee ilmaan Oromoo butanii mana hiraarsaa galchuun dararu. Dararaa kana jalaa mataa olqabachuuf Oromoon takkaa ciisee hinbeeku. Sochii Wayyaaneen uummata Oromoof Impaayera biyyattii irrratti gootu keessaa hidhaaf reebichi hangafa. Akka hoolaa bakkee qabanii hidhanii Oromummaa isaa qofaa fannisanii yakka dhala.namaarra hingeenyye raawwatu. Tibba kanas hidhaaf hiraarsi itti fufee jiraachuu gaabsni Qeerroo Bilisummaa Oromoo gahe ifoomsee jira. Keessattuu Harargee, Jimmaa fi Lixa Oromiyaa Wallagga keessatti jabaate.

Haaluma kanaan hoji gaggeessaa waldaa makaana Yesuusi Sinodoosii kan ta’e Obbo Fedhasaa Guutaa ji’a Hagayyaa keessa maatiin bakka buutee isaa dhabuu dubbatu. Obbo Fedhasaa Guutaa Jiraataa Danbidoolloo bakka  Gidaamij jedhamtu Ganda gaara Kormaati. Obno Fedhasaa Guutaa abbaa ijoollee 4 yoo ta’an, dirqama Waldaarraa fudhatanii  Sinodosii Begiii Gidaamii walgayii gara Dassee deemanii utuu deebi’anii magaalaa Finfinnee keessatti ukkanfaman.

Continue reading

SBO Fulbaana 29,2017. Oduu, Haala Yeroo irratti Gabaasaa Oduu, Seeraa fi Seerrannaa mata duree jedhuun Qophii Qindaahe fi Dhaammannoo Hirmaattota Kora Sabaa ABO 4ffaa Kutaa Xumuraa.

Aside

Must listen!! “Gowwaan Yoo Tolaniif Waan Gabbaran Se’a” Yaada Ummata Shaashamannee/ Gola Shaashee የሻሼ ጓዳ

Aside

“Lafa Keenya Taakkuu Tokkollee Kunnee Hin Kenninu”

“Namni Keenya Lamuu Wal Hin Xuqu”

Maanguddoo Oromoo Shaashamannee

“GAANGEEN TAKAALLAA KUTATTE”   JENNAAN, “OFITTUU GABAABSITEE” JEDHAN

Aside

SEENAA Y.G (2005)

Qabsoon Oromoo Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamaa jiru, suduudaan Oromoof osoo hin taanee, dina keessaa fi alaa, Diina Ollaa fi baar gamaaf ,akkasumas,  addunyaa maraaf waan dhaamaa jiruutu jira. Ergaan ifatti mul’isaa ykn dabarsaa jiru, waan lafa keessaa qotanii ykn qorannoo gaggeessanii bira ga’an odoo hin taanee, ifuma . kaleessa Biyya Itoophiyaa keessatti Ummati kum sagalee wayyabaa qabaa, gurraa laadhaafii yennaa jedhamuu , of tuulummaan maal fiddu ? warri jedhan , waan inni fiduuf taa’uuf itti gaafatamoo ta’uuf jiru.

Kaleessa Oromoon aadaa dimokiraasii qabaa, Ummata nagaa jaalatuu jennee wayita of ibsinuu, waan sun ka dur dabree jedhanii kan isaanii , isa mana hidhaa nama irratti ijaarsiisuu babal’isuuf arreedaa turan sun boollatti galee, Ummati kabajamaan isaan ukkaamsuf yaalaa turan, Ummata dhugaa qabu akka ta’ee ifatti itti argisiisaa jira. Shirri isaan waggaa meeqa dhama’anii irratti hojjachaa turan, guyyaa tokko fi lamatti fashalee , Saba qalbii qabeessa ta’uu fi Ummata nagaaf dursa kennuu ta’uu ifatti mirkaneessaa jira. Continue reading

“Inni Hundumaaf Firaa Guyyaan Waaqayyoo Jira” Walaloo Dhufeeraa Biraasaa

Aside

Simbirtuu:

Aside

Dhalootni ol-dhufaa jiran akkamitti yaadu laata?Xiinxala dargaggoo #LammiiBeenyaafi dargaggoo #RabbirraaOromiyaa- Mootummaan Itoophiyaa maaliif gama Ogadeniyaatiin Oromiyaa weerare;
– Habashootni ykn warri maqaa tokkummaa Itoophiyaa leellisan yoroo Orommoon rakkoo keessa jiru kanatti maaliif usuu filatani ykn gargaaruu jibbanii;
– Habshootni qabeenya Oromiyaamoo Oromoo jaallatuu;
– Oromoon ofiisaan alatti kan abdatu qabaa kan jedhuufi dhimmoota gara-garaa irratti caqasaa. Oduunis jira.