(Ijoo Dubbii ABO) — Diinni waloo nuti (Oromoon) akka Sabaatti qab -nu humna weerartuu alagaa kan afaan qawweetiin biyya teenya (Oromiyaa) dhuunfatee mirga biyya teenya irratti abboomuu (Walabummaa) nu sarbee dha. Humnoota weerartuu alagaa dhufaa-dabraan yeroo gara Jaarraa tokkoo fi walakkaatti dhihaatuuf Oromiyaa irratti wal jijjiiraa har’a gahan keessaa tokko kan tahe murni Wayyaanee (TPLF) kanneen isa dura turan hunda irraa haala adda taheen Saba keenya Oromoo addatti baasee akka diina innikkaatti ramaduudhaan gochaan diinummaa irratti raaw’achaa turee fi jiru kan yoom illee seenaan hin dagannee dha. Diinummaa Oromoo Wayyaaneen labsatee waggaa 26f itti jiru ABO Ummata Oromoo hubachiisuu irraa yeroon itti haara galfate hin jiru. Continue reading
Blog Archives
“Chawo Chawo Wayyaanee” Gadaa Xumura Gabrummaa Mirkaneessuuf Jecha Qeerroon Wayyaanee Chaawo Jechuun Dhadatan.
Aside
Ijoolleen ofii Raafuu Nyaattee Rafuu Yaaddi, Kan Halagaa Baaduu nyaattee baduu yaaddi.
Aside
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Oromoon Oromoo qaba. Oromoon wal qaba. Waliif ka’a waliin ya’a. Adeemsi siyyaasa isaa qarqara Bilisummaa gaheera. Moggaa Garbummaa irra gahee jira. Moggaarraa dhumarra keessaa ba’a. Garbummaatti sabni hafu kamuu hinjiru. Nuti Oromoonis nii bilisoomna. Bilisummaan keenya fagoo akka hintaane argaa jirra. Oromoon bilisoomuuf tokkoon tokkoosaa sammuu isaa bilisoomsuu gaafata. Sammuu isaa walaba gochuun dirqiidha. Qabsoon Oromoo guyyaan inni itti galii isaa gahutu dhiyaataa jira. Ifa halagaan Oromoo gubee bobeeffataa ture dhaamuu jedha. Lafee qabsaa’ota Oromoo boba’ee ibsaa gaahaa ta’aafii turetu duraa dhaamuuf jira. Kana Booda lafee keenya qoraan godhachuun dhaabbachuu qaba. Eeyyee dhaabbatuu qaba. Halagaan ifa isaan ykn ifa lafee ilmaan Oromoon mirqaanuun dhaabbatuu qaba. Barbadaa isaa qaqqaammatee qorra irraa walabaa ta’uun halagaa dura dhaabbannoo godhataa jira. Qabsootu ifa guddaa ta’ee qabatee jira. Qabsaa’oota jiruun itti dukkanaa’e qabsaa’ota Oromoof ifa guddaa bahuuf jira. Ifti sun guca Qeerroon Bilisummaa Oromoo walitti fidaa jirudha. Eeyyee qabsaa’ita lafa dukkanaa jalatti hidhamaniif ifti bahuuf abiddi halagaa qabachuutti jira. Inni saamaa ture teessoon isaa wal dhahuu eegaleera Continue reading
SQ- Gabaasa Haala Irreechaa Bishooftuu 2017, Sagalee Qeerroo Bilisummaa Irraa
Aside

