Dambi Dolloo 30/01/2010
Yeroo ammaa barattotni Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qellem, laaftoo fi Oliiqaa Dingil guyyaa erga sa’atii 10:30 jalqabanii alaabaa A.B.O gurguddaa fi Xixxiqqaa isaa qabatanii ganda hundaa keessa karaa gurguddaa Asfaaltii irra oliif gadi fiiguun Sirbaa fi dhaaddannoo ciccimaa dhageessisaa jiru.
Poolisiin Idilees, korri Bittineessaanis karaa duraa goranii kabaja Qeerroof sirriitti godhaniiru. Baayyeen isaan emotional support keessa isaaniin gochaa akka turan fuula isaanii irraa hubachuun ni danda’ama. Qeerroon dhiichisaa tures kabaja qabu poolisiif agarsiisee jira. Poolisiin Oromiyaa keenya, Korri bittineessaa keenya jechuun poolisootni miira gammachuuf kolfaan guutamanii yeroo ija jaalalaan qeerroo geggeessan ija koon ilaalaan ture. Qabeenyaa nama dhuunfaa ta’e dhaabbilee garagaaraatti aggaamiin tokko hin godhamne hin yaadamnes kun immoo haalaan hiriirichi nagaan akka xumuramuuf gumaacha guddaa godhee jira. Dhaamsin qeerroof qabu harras ta’e bor adaraa adaraa osoo alaabaa qabatanii bahuun hafee gaariidha jedheen yaada. Sababni isaa kaayyoo keenyatti gufuu ta’uu waan danda’uuf. Yeroo kanatti alaabaa qabatanii sochii
Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk