Aside

[SQ,sadaasa,21,2017]
“Barattootni Mana Barnootaa Qophaa’ina Qondaalaa, Lammilee keenya utuu Ayyaana Irreechaa Aanaa Begiitti gaafa 10/3/2010 lubbuunsaanii darbeef,gadda nutti dhagahame ibsachaa; deemsa KM 12 lafa deemuun barattoota Hospitaalaa Begiitti miidhamanii jiran gaafachuu imala eegalanii jiru,

Wallee Haaraa ” Falmadhu Ka’i Qeerroo” Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

ONN-Oduu Olmaa Oromiyaa Sadaasa 20/2017

Aside

Jimma Yuunibarsiitii Keessatti Barattoonni Fincila Xumura Garbummaa Gad Jabeessuun Itti Fufanii Jiru

Aside

[SQ,sadaasa,20,2017]
Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii keessatti fincilli barattootaa guyyaa dheengaddaa sanbata kan eegale har’aa bifa seeraaf heera eeggateen jabaatee oolee jira. Fincila kanarratti barattoonni gaaffiiwwan mooraan deebisuu danda’a jedhan muraasa kan gaafatan yoo ta’u, fincilli Siena garboonfataa wayyaaneen nama nyaataa hanga hundeen buqqa’utti hanga galma ga’iinsaa qabsoo Oromootti kan itti fufan ta’uu dubbatu. Adatti saatii lafti Oromoo waraana maqaa Liyyuu Ayiliin Wayyaaneen uummatatti bobbaaftee saamaa jirtu kanatti sagaleen uummata Oromoo hanga kabajamutti qabsoo addaan kutuu akka hinqabne dhaammatu.

Continue reading

ONN Live Stream Gaaffif Deebii HD/ ABO J/ Daawud Ibsaa Waliin Kutaa 1ffaa

Aside

Continue reading

Warraaksi biyyaalessaa FXG bifa haaraa ta’een ganama har’aa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessatti dhohee jira.

Aside

Sadaasa 20 bara 2017 
Gootowwan barattoonni moorichaas ganamarraa ka’uudhaan mooraa yuunversiitii wallaggaa keessa oliif gadi naanna’anii sagalee isaanii dhageessifachaa otuu jiranii waraanni wayyaanee barattoota addaan facaasee jira.
Gaaffiin barattoonni mooraa yuunversiitii wallaggaa gaafachaa jiranis gaaffii mirgaa kan kabajamuu mirga Abbaa biyyummaa oromootti  aanee diddaa COCn nurraa haa dhaabbatu jedhu akka ta’es eeruun nu ga’e addeessee jira. Continue reading

Dirmannaa Oromummaa Uummata Oromoo Waraanni Wayyaanee Itti Bobbaafamee Ardaaf Qe’eesaan irraa Baqqaafamaniif Ajjeffamaa Jiraniif Oromoof Saboonni Cunqurfamoo Impaayera Biyya Ethiyoopiyaa Sagaleen Addunyaatti Dhageesisuufiin Dirqama Namummaati

Aside

Sadaasa,19,2017

Oromiyaa Finfinnee

Waggoota dheeraaf afaan qawween ofiin bulli mootummaa wayyaanee Uummata Oromoof saboota Cunqurfamoo Impaayera biyyattii bitaa tuee bitaas jira. Har’as Waggoottan imimmaan Oromoo akka galaanaa dhangalaa’aa jiran keessa seennee jirra. Qe’een Oromoo goolii saamtota kaabaa saamtota TPLF tiin boohichaaf watwaannaarra oolaa jira. Guyyaatti lubbuun nama 5 giddu galeessaan baafamaa jira. Qe’ee Oromoorraa Oromoo gadaansisuun ardaan Oromoo samamaa jira. Qabeenyi uummanni keenya umurii guutuu dafqee horataa ture saamtota Wayyaaneen maqaa Liyyuu ayiliin bobbaafteen saamamaa jira. Hanga ammaatti Oromoonni 60000 (kuma dhibba ja’aa) ol ta’aan lafasaanirraa buqqaa’aa jiru. Lafa keenyarrattis du’aa jirra. Shiftaa Wayyaaneen Uummata Oromootti bobbaafte addunyaaf ifa gochuun dirqama namoomaa yeroo hinbarbaannedha.

Continue reading

SQ Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Sadaasa 17, 2017

Aside

Abbootiin Irree Maaliif Salphina Eeggatu?

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Dubbiftoota! Mee abbootiin irree humnaan aangoo qabatan maaf aangoo humnaan qabatan sanarraa bu’uu didu..?  maaf  salphina eeggatu..?

jedhamtanii odoo gaafatamatanii deebiin keessan maali?  Abdiin qaba baayyeen keessan akka  sababaa adda addaa  tarreessitanii fi kanaa fi sana jettan.  Eeyyee namuu sababa adda addaa danuu tarreessuu danada’a. Sabani kunis walfakkaachuu baachuu mala! Dhugaan lafa kanarra jiruu fi irra jiraan namaa irratti walii galu, kan seenaan abbootii irree ka’anii kufanii argisiisu garuu tokkoo fi tokko qofa!!! Continue reading

SBO Sadaasa 19, 2017. Oduu, Bulchiinsa Waraanaa Mootummaan Wayyaanee bifa haaraan Oromiyaa irratti diriirsuuf carraaqaa jiru kan ilaallatu fi gaaffii fi Deebii Jaal Sanbatoo Geessisaa Waliin taasifne kutaa 5ffaa.

Aside