Gaafatamaa Nageenyaa Wayyaanee Aanaa Jaartee Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Bitootessa 18,2012) Qeerroon aanaa Jaardagaa Jaartee dabballoota wayyaaneetti yaaddoo naquun FDG itti fufee jira.

Haala kanaan diddaa aanaa Jaartee keessatti qabatee jiru dura dhaabbachuu fi barattootaa fi qonnaan bultoota hidhuu fi hiisisuun sadarkaa duraatti kan hojjetaa ture basaasi fi gaafatamaan dhimma nageenya Wayyaanotaa Geetaa Tagenye nama jedhamu irratti Bitootessa 16,2012 galgala magaala Alibootti humni hin beekamne tarkaanfii fudhate.

Geetaa Tegany guyyoota muraasa dura Qeerroon Aanaa Jaartee yeroo mana barnootaatti walitti qabamuun wallee warraaqsaan diddaa isaanii dhageessisaa turanitti sadarkaa duraatti barattoota reebuu fi qabee hiisisuu irratti shoora guddaa taphataa ture.

Dabballootni mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa namoota magaala seenan ABOtu gala sodaa jedhuun uummata sakatta’uuf dirqamanii jiru,Dabballoonni Wayyaanee kanneen hafan sirnichaaf uggumanii diddaa qeerroo dura kan dhaabbatan taanaan tarkaanfiin fakkaataa akka isaan eeggatus sabboontoti naannichaa ibsu.

“Qeerrummaan Sirna Malee Yakka miti,” Hidhamtoota Oromoo

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Bitootessa 17,2012 ) Brattooti oromoo yakka tokko malee Oromummaa isaaniitiin yakkamanii mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti gidirfamaa jiran, “nuti qeerroo dha; kana ta’uun immoo yakka, jedhaatii mallatteessaa,” jedhamnii iyyuu mallatteessuu diduun isaanii gabaasame.

Oduun mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessaa Qeerroo dhaqqabe akka hubachiisutti, qorattootni Mana hidhaa Maa’ikelaawwii keessaa kanneen maqaan Wagaayyoo fi Katamaa jedhaman dargaggoota Oromoo mana hidhaa kana keessatti hiraarsaa jiran

Keessattuu, dargaggooti kunneen dirqamaan “Qeerroon nuyi,” jedhanii akka mallatteessan dirqisiisaa jiraatan iyyuu “Qeerroommaan sadarkaa Gadaa keessatti sadarkaa umurii dhaloota Oromoo kan bara  dargaggummaa malee maqaa siyaasaan yakka ta’uu hin qabu,” jedhanii akka waraqaa barreeffame  kana irratti hin mallatteessinu jechuun gootonni barattoonni mana hidhaa Maikalaawwii keessatti gidirfaman guutummaatti didanii jiru.

Barattoota kunneen keessaa tokko dhiheenya kana Yunivarsitii Hawaasaa keessaa ukaamfamee wiirtuu mana hidhaa fi  dararaa wayyaanee, Maa’ikalaawwii, kan geessame Barataa Magarsaa Waaqjiraa, hidhaa fi reebichi ulfaataa irratti raawwatamuu oduun nu gahe kun addeessee jira.

Hidhamtoota keessaa addatti baasanii qeerrummaan akka yakka taheetti mallatteessaa bahaa jedhanii  guyyaa irraa guyyaan gidirfamaa kanneen jiran keessaa, kan biraa immoo, Barataa Girmaa Nagaasaa illee hedduu reebamaa akka jiru kanneen argan dhaamanii jiru.

Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa

Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa

Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa, Yunivarsitii dirree Dhawaa irraa kan hidhames, ijaarsa Qeerroo ni beekta; caasaa qeerroo nutti himi, ittiin jedhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, barsiisaan kunis akkuma barattoota kaaniitti ejjanoo jabaadhaan fedhii fi gaaffii hiraarsitoota wayyaanee guutuufii diduun isaa hubatamee jira.

Barattooti fi hidhamtooti maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa jiran dhaamsa dabarfataniinis, “mallattoon sirna abbaa irree gaaffii fi iyyannoo lammii bulchuu gaafa sodaatu hidhaa fi hiraarsaan akka isaan usanii bulan gochuuf gochaa gara jabinaan guutame akka raawwaatu dursinee waan beeknuuf gaaffii mirgaa keenya gaafachuu fi falmachuu  hin dhiifnu hin dhiifnu,”  jedhanii jiru.

“Ummati keenyas bakka jirutti hidhaa fi reebichaaf otuu hin jilbeeffanne kaayyoo galmaan gahachuuf kutannoo fi murannoon  diddaa isaa itti fufuu qaba,” kan jedhan hidhamttoti siyaasa kunneen, “hiree keenya qabsoo keenyaan mirkneeffanna,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaa kanas barattootni,Dargaggootni,hojjettootni Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti hedduu rakkachaa kan jiranii fi Guyyaa guyyaan reebamaa jiru.Ilmaan Oromoo mana hidhaa maa’ikelaawwii keessaa Qeerroon isini ykn caasicha guutuu Oromiyaa keessaa ni beektu himaa jechuun guyyaadhaa guyyaan reebamaa jiru.

Bara nugusaa,bara dargii fi amma illee waggoota digdamaaf Uummatni Oromoo yeroodhaa gara  yerootti Oromummaa isaa fi maqaa ABOn yakkamee akka inni mirga isaa hin falmanneef jecha mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti guuramuun kan beekame dha.Warraaqsa Biyyattii keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee addatti dargaggoota Oromoo akka hidhamtoota siyaasaatti mana hidhaa maa’ikelaawwiittti guuree gidirsaa jiraachuun isaa addunyaan kan beeke tahuu ifaadha.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Summary of Qeerroo Movement and Human Right Violations of Last Month

Aside

       

Febrary 9 through March 9, 2012

Compiled in English from Qeerroo News by: Daandii Qajeelaa

February 9, 2012

A Chinese man and an invester who conspired with the current regime in the eviction of Oromo farmers from their land and who is responsible for the environmental polution was killed in Oromia region by an unknown angry residents of Western Shoa zone, Ada’a Berga County [Woreda]. The Chinese man was the owner of the largest share of Dangatte Cement Factory.

February 10, 2012

About 15, 000 hectars of sugar cane farm land owned by a Pakistani invester located in Wesern Oromia, Ilubabor zone, in a village called Bedelle Alabash was burned to the grund. The Pakistani invester is one of several individuals who participated in the current land grab in Oromia, forcefully evicting some 1, 200 Oromos.

February 11, 2012

Oromo Students of Jimma University, Westen Oromia staged a peaceful protest in their campus. A large number of so called Federal Police of the regime was dispatched to the area to quash the protest, and has been terrorizing the students.

February 12, 2012

Chala Hailu, a 2nd year law student of Adama University, Eastern Shoa zone, and the author of an Afan Oromo literature book known as Burqaa Jaalalaa, was abducted and his whereabout was unknown. The student is believed to have been suspected of involvement in the Oromian youth movement lead by Qeerroo.Read More …Summary of Qeerroo Movement Febrary 9, 2012 through March 12, 2012


Barattoonni Oromoo ”Tulluu gamaa Oromoon bulchuu qaba” Jechuun Diddaa Itti Fufan

Aside

Bitootessa 17,2012 Naqamte

Guyyaa gaafa Bitootessa 16,2012 Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee Mana barumsaa Aliboo keessatti barattootni kutaa 11ffaa fi 9ffaa baratan maqaa misoomaaf ganda Irrootti ajajamanii ummata itti ololuuf deeman irratti sirba qeerroon Wayyaanee mataa dhukkubsan.Barattootni kun wallee”Tulluu gamaa Oromoon bulchuu qaba”  jechuun misooma Wayyaaneen bara baraan lallabdu dhiisuun dhiichisan.Walleen isaanii uummata gammachiisuun dargaggootni hedduun itti makamuun jibbinsa mootummaa Wayyaaneef qaban ifaan arrabsuun agarsiisanii jiru.Ergamtootni Wayyaanee fi bulchinsi aanaa Jaartee Misikkir Lammii Deebisaa welluun barattootaa kun akka dhaabbatuuf xaaranis barattootni hanga dhumaa dhaadatanii jiru.Barsiisotni mana barumsaa kanaas tokkummaa qabanii fi gamtoomina ummata waliin qabanitti gammadanii dhadannoo mirgoota Oromoo ibsas dhageessisaa turanii jiru.

Kana malees qabsoo diddaa gabrummaa qeerroon itti jiru  ukkaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo jumlaan hidhuun isaa beekamaa dha.Yakki mootummaa Wayyaanee biratti gaaffii mirgaati.Barattootni Godina Wallagga bahaa Aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa haroo Limmuu keessatti baratan

1.Barataa Lammeessaa Dassaalee Gomooroo Barataa kutaa 12ffaa

2.Barataa Asfaaw Dassaalee Gomooroo Barataa kutaa 12ffaa

3.Barataa Dirribaa Amanuu Dayyaas Barataa kutaa 11ffaa

Barattoota oromoo mana barumsaa kana keessaa hidhaman 30 keessaa qofaatti yakkamuun yeroo ammaa qajeelcha poolisii Godina Wallaggaa bahaa keessatti rakkachaa jiru.Barattootni kunneen 30 tahanii kan hidhaman yoommuu tahu mootummaan kun diddaa kana kan qindeessu isini jechuun qofaatti yakkee mana hidhaa keessatti hambisee jira.Shira garboomfataan mootummaa Wayyaanee hojjetuu fi waanjoo isaa irra ni aanna jechuun qeerroon wallagga bahaa kanuma waliin akeeka isaanii ibsachuun gabaafame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Fincilli Diddaa Gabrummaa Qeerroo Bilisummaan Qabate Jabaatee Itti Fufe

Aside

Bitootessa 16,2012 Finfinnee

Diddaan ummata Oromoo jabaatee itti fufuu irraan Godina Wallaggaa bahaa keessatti dabballoonni Wayyaanee diddaa Qeerroo Bilisummaa dhaamsuuf jecha human poolisa federaalaa fi waraanaa qabatanii olii fi gadi kaachaa jiru. Haala kanaan dabballootiin Wayyaanee qondaalummaan of moggaasan  Girmaa Amantee fi Kaffaalee Ayyaanaa Jedhaman humna waraanaa fuudhanii aanaa Haroo Limmuu yeroo deemaa jiranitti dargaggoonni Oromoo karaa itti cufuun gara aanichaa akka hin deemneetti ittisanii jiru,haala kanaan waraannii fi dabballoonni kun karaa darbaa dhabuun mukkeen gurguddaa fi dhagaa gurguddaa daandii yeroo cufamu polisoonni dargaggoota karaa kana cufan itti deemuun meeshaan sodaachisan iyyuu Qeerroon nuti qawwee dhabnus dhagaa biyya abbaa keenyaa mirga keenya falmanna jedhanii sirboota warraaqsaa itti sirbuun  sodaatanii gara duubatti deebi’anii jiru jiru.

Haaluma kanaan Wallaggaa Bahaa keessatti diddaan jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa(High school and preparatory) uummata waamee waayee nagaa fi goolessitootaa jedhee itti lallabuu eegallaan  gaaffiin keenya gaaffii keenya gaaffii waan isin nutti himatan osoo hin taane gaaffii bilisummaati jechuun marii dabballoota Wayyaanee fashaleessanii jiru.

Kana malees  gaafa Bitootessa 12,2012 Sochiin mootummaa Wayyaanee onoota Godina shawaa lixaa keessaa injifannoo qeerroon fashale.Mootummaan Wayyaanee konkolaataa meeshaa guutuun gaaffii mirgaa itti ka’ee jiru ilmaan Oromoo sodaachisuu fi rifachiisuun FDG dhaabsisuuf yaalus Karaan Amboo fi Gudar gidduu bakkeewwan sadiitti(3) dhagaan cufamuun mootummaan Wayyaanee ofirra deebi’ee jira.Waraanni mootummaa Wayyaanee konkolaataa dhaabee dhagaa guuree al lama darbus bakkeewwan hedduutti cufamuun Oromoon fanjii awwaalee jira sodaa jedhuun duubatti deebi’anii jiru.Haaluma kanaan mootummaan Wayyaanee magaala Gudar fi kanneen biroo akka hin seenne dhorkamtee ture.Diddaan hanga bilisummaa daran akka jabaatu qeerroon naannoo kanaa dhaamee jira.Mootummaan Wayyaanee diddaa itti jabaatetti hirriba dhabee of irraa dhaamsuuf rakkachaa akka jiru beekamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Lafti Naannoo Oromiyaa Kutamee Bulchiinsa Beeneshangulitti akka Dabalamu Wayyaaneen Karoorfatte.

Aside

Bitootessa 15,2012 Naqamte

Lafa Oromiyaa investerootatti nin gurguradhaan kan isa hanqate mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa  godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu gandoota Dambii,Sugee,Talaalaa fi Gabaa Ayyaanaa Lafa Beenishangul jechaa karaa dabballoota isaa olola eegalee jira.Ilmaan Oromoo gandoota kanneen kana keessaa diddaa jabeessuun dabballoota mootummaa naannoo kanaa qaanessaa kan jiranii fi tarkaanfii jajjaboo irratti fudhataa waan jiraniif jecha. Baatii Bitootessaa 2012 kana keessa bifa haaraa lafa Oromiyaa naannoolee jedhaman kana gara bulchiinsa Beeneshangulitti akka kennuuf jedhu ibsa ittiin ummata doorsisan kennaa jiru.

Haaluma wal fakkaatuun Waraanni mootummaa Wayyaanee Goojjam irraa Gara Wallagga bahaa aanaa Eebantuu Gandawwan Qeelloo,Lalisaa dhangaggoo fi bahaa keessatti ilmaan Oromoo argaman nageenya dhorkuun uummatni diddaa itti jabeessee jira.Waraanni mootummaa kun halkan irra deemuun ilmaan Oromoo reebaa jira.Uummatni naannoo kanaas dhiibbaa kana irraa kan ka’e mana gadhiisuu irratti argama.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Waldaan Barsiisota Oromoo Godina Shawaa Bahaa,Dukam Walgahii Wayyaaneen Yaamte Lagatan.

Aside

Bitootessa 15,2012 Finfinne

Barsiisota imaamata barnootaa mootummaa Wayyaanee jalatti hojjetaa jiraniif biyyattii keessaaf miindaa dabalataa isinii kennama jechaa gama biroon hidha Abbayyaaf irraa kutaa jireenyi uummataa keessumaa hojjettootaa gadadoo keessa akka galu erga godhee oolee bulee jira.Har’as ittuma fufuun gaaffii mirgaa biyyattii keessatti ka’e gowwoomsee ukkaamsuuf falli fale kanuma.Miindaan dabalataa kennamu naanna’ee hidha abbayyaa maqaa jedhuun funaanama.
Haala kana kan hubatan Waldaan Barsiisotaa Godina Shawaa Bahaa Duukam keessatti argaman marii wal gahii mootummaan waamee miindaan dabalama jedhu shiraaf tahuu dubbachuun wal gahii yaamaman irratti argamuu dhabuun akeeka Wayyaanee kana fashaleessanii jiru.
Qaala’insa jireenyaa biyyattii keessatti qabate irratti uummatni biyyattii keessaa hojjetee mootummaa bakka maratti irratti marihachun biyya Oromoo karaa hundaan miidhamaa jirtu kanaaf tokko taanee kaane malee falli biraa hin jiru jechuun waldaan barsiisotaa kun dhaammatani jiru.

Haaluma wal fakkaatuun qaala’insa Jireenyaa irraa kan ka’e barsiisotni Naannoo Amaaraa Gonderii fi Goojjam keessaa hojii baruu fi barsiisuu akka dhaabanii jiran himama.

 

Gantootnii fi Ololli Diinaa Oromoo fi Oromiyaa Jijjiiruu hin Dandayan

Aside

QE Irraa Finfinnee

Uummatni Oromoo bittaa abbaa irrummaa mootummaa Wayyaaneen kufe jedhee guyyaa itti taa’e,Ameen jedhee guyyaa itti fudhate hin qabu.Kunis mootummaa garboomfataa wayyaaneef ifa akka guyyaati.Mootummaan Wayyaanees dhaaba siyaasaa ilmaan Oromoo ABO haqaan falmuu,gaaffii mirgaa dhiyeessuu fi gaaffiin isaa gaaffii bilisummaa tahuu fi kan ilmaan oromoo tahuu waan beekuuf shira hin xaxne hin qabdu.Mootummaan wayyaanee ABO hedduu sodaata.ABO dhugaan falmaa waan jiruuf akka moo’atus ni beeka.Kanaaf uummata gaaffii mirgaa gaafatan hidhaa,ajjeessaa,qe’ee irraa buqqisaa,hojii irraa arii’aa as gahe.Sodaan mootummaa wayyaanee kun qabsoo qeerroon belbelchaa jiruun daran jabaatee jira.Qeerroon oromoo ilmaan oromoo mootummaan wayyaanee gowwoomsuun OPDO ofiin bixxilte keessatti qabdee akka qilleensi muka gara barbaade raasu raasaa oromoon oromoo qalsiistu,hiisistu amansiisuun qabsoo qeerrootti akka dabalaman erga godhee amantamummaan OPDO irraa qabdu jalaa bade.Kanneen kaayyoo godhatanii ilmaan oromoo hiisisaa,ajjeesisaa as gahanii fi itti jiran har’as wayyaanee waliin katee hurgufu.Har’as mootummaan wayyaanee sodaa kana irraa ka’uun amanamtoota OPDO keessaa Oromiyaa Itoophiyoomsuuf kan nuyi ABOti,ABO waliin quba wal qabna jedhanii uummata TV bittaa umrii itti dheereffachuu fi siyaasa ittiin gaggeessuuf dhaabde irratti ololsiisti.Gantoota garaaf bitaman,Gartuuu bixxillee OPDO G7 kan alaabaa ABO qabachuun ABO nuyi jedhan kun  kan wayyaaneen maallaqa misoomaaf jettee uummata irraa funaanteen bitte dha. ABO uummata oromooti.Gantuu fi sobduun yaatus,ololli diinaa akkuma kaleessaa har’a sodaaf iyyamus ABO haqaan ijaaramee haqaaf waan falmuuf hanga haqni galma gahu ilmaan oromoo keessa jira.Boorus jiraata.Kanaaf Ololli diinaa fi gantootni sodaaf katee reeban oromoo fi oromiyaa hin jijjiiran.Qabsoon bilisummaa hanga galma gahuttis qabsoon qeerroo jabaatee itti fufa!

 

TIWULIDDA ITOOPHIYAAWWIIN EENYU ?

Aside

A.Duunyaa tiin

Wayyaaneen Umurii Angoo ishee dheereffachuuf, shirri hin gaggeessin hin jiru.keessattu , Mootummoonni , Dhaabbileen edila addunyaa, Investaroonni, Namoonni dhunfaa , waldaaleen Amantii , waldaaleen gargaarsaa kkf , Itoophiyaa keessaa akka dantaa qabaatan taasisuun, dantaa kanas kan eegsiisuuf wayyaanee qofaa akka ta’etti amansiisuun, wayyaaneen bara baraaf akka jiraatuu fi dhaabbilee mormitootaa dhabamsiisuuf shira hangana hin jedhamne gaggeessiti.TIWULIDDA ITOOPHIYAAWWIIN EENYU

Sababaa Qabeenyi Investeroota Alaagaa Barbadaayeen Mootummaan Wayyaanee Dargaggoota Oromoo Jeeqaa Jira.

Aside

Bitootessa 14,2012 Finfinnee

Bitootessa 11,2012 qabeenya investera alagaa nama maqaan Addish Gebre Yohaannis jedhamu irratti erga tarkaanfiin fudhatamee mootummaan Wayyaanee Oromoota naannoo daangaa Beneshangulii fi ona Limmuu jeqaa jira.Sababa kanaan dargaggoonni Oromoo 72 ta’an mana hidhaa Wayyaanotaatti akka guuraman beekamee jira.

Kanuma waliin lafti Oromiyaa yeroodhaa yerootti qircamaa alagootatti gurguramuu irraan darbee yeroo ammaa lafti Oromiyaa daangaa Benishaangul Gumuz Godina Wallaggaa bahaa  aanaa Haroo Limmuu keessatti argamu lafa Beenishaangul Gumuz jedhame.Uummatni oromoo naannoo kana qubatan gaaffiin isaan gaafatan gaaffii ABO ti jechuun mootummaa wayyaanee dabballootaan doorsisaa jira.Ilmaan oromoo aanaa kanaas nuyi oromoodha,Haroo Limmuunis lafa Oromiyaati jechuun dura dhaabbachuun falmaa jiru.Uummatni naannoo kanaa fi qeerroon naannoo kanaa lafti oromoo akka hin gurguramnee fi daangaan ishee tikfamtu oromoon martuu iyya dabarsuu qaba jechuun dhaamanii jiru.